Natsaannat Taaddasaatiin
Oromiyaan lixaa torban Dilbata darbee cidha cimaarra oole; cidha eebbaafi jalqabsiisa daandii pirojektii daandii Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad, Ministira Muummee Ittaanaafi Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin, Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoofi Pirezidaantii BNMO Obbo Shamilllis Abdiisaafaa hirmaachise.
Gareen Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin durfame kun guyyaa sana Godina Qellem Wallaggaa (Dambi Dolloo), Horroo Guduruu Wallaggaa (Shaambuu), Shawaa Lixaa (Ambo)tti argamee daandii ijaarsisaa xumurame eebbisisuun, kan kontiraaktarriifi bajanni barbaachisu ramadameef ammoo ifatti jalqabsiiseera. Gaazexaan Bariisaas barreeffama kanaan pirojektii daandii Godina Qellem Wallaggaatti ijaarsisaanii ifatti eegalamerratti xiyyeeffachuun isin dubbisiisa.
Ijaarsi pirojektii daandii konkiritii asfaaltii Dambi Dolloo-Muggii-Dollaa kiiloomeetira dheeratu Dilbata darbe bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi aanga’oonni mootummaa olaanaan akkasumas jiraattonni Magaalaa Dombi Dolloofi naannawaashee argamanitti ifatti eegalamuu ilaalchisuun dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.
Daandichi bajata qarshii biiliyoona 1.6n kan ijaaramu yoo ta’u, waggoota sadiifi ji’a ja’a keessatti kan xumuramu ta’a. Daandichi kubbaaniyaa ‘Chaayinaa Reelweey Sevensi Giruup’ jedhamuun kan ijaaramu ta’uunis ibsameera.
Daandiin yeroo gannaa dhoqqeedhaan bonaa ammoo awwaaraan jiraatota, imaltootaafi konkolaachiftoota dararaa ture kun ijaaramuun rakkoolee hawaas-dinagdee hedduu furuudhaan fayyadamummaa jiraattotaa, qonnaan bultootaafi daldaltootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad haasaa surnicharratti taasisaniin akka jedhanitti, Wallaggi biyya jaalatamaa bareedaafi hawwataa yoo itti deddeebi’an hinquufamneedha. Kana yoo jedhu jennu jecha dhageenyee utuu hintaane keessatti guddaneefi miilaan keessa fiignee bitaa mirga ilaallee eenyummaa keenya caalaatti itti baranneeti jedhu.
Wallaggi seenaa dubbatamee hindhumne hedduu qaba kan jedhan Doktar Abiyyi, ta’us seenaansaa wantoota xixiqqoon qabamee dhokachaa tureera. Ijaarsi pirojektii daandii kun wayita jalqabamu namoota Wallaggaa biyyattii ijaaruufi bilisoomsuuf qabsoofi aarsaa guddaa kaffalan muraasa yaadachuun barbaachisaadha.
Itoophiyaan gootummaadhaan Abdiisaa Aagaa kaasuu baannaan waa’een bilisummaa biyyattiif hingalle jechuudha kan jedhan Doktar Abiyyi, Abdiisaa Aagaa biyya keessatti qofa osoo hintaane biyyaa ba’ees birmadummaa biyyaaf hanga aarsaa ta’utti qabsaa’uun Wallaggaafi Itoophiyaa gootummaadhaan nama beeksiseedha jedhu.
Walqixxummaafi bilisummaa namootaaf namootni addatti qabsaa’an Wallagga keessaa ba’an kan jedhan ministirri muummee, kan akka Maartiin Luuter Kingi wakqixxummaafi mirga namoomaaf qabsaa’e Oromiyaa Wallaggaa irraa kan ba’e Luba Guddinaa Tumsaati. Lubni kun hojiifi gocha isaaniitiin Maartiin Luuter Kingii gad miti. Mirga namummaatiif qabsaa’aniiru, barreessaniiru, aarsaas kaffalaniiru jedhu.
Lubni Gidaadaa Soolaniifi Luba Lataa Waaqayyoos namoota amantiisaanii babal’ifachaa mirga namootaatiif falmaa turan ta’uu himanii, biyyattii karaa dimokraatawaa ta’een ijaaruuf namootni haalota adda addaatiin qabsaa’anii aarsaa ta’aniifi qabsaa’aa jiran kanneen akka Baaroo Tumsaa, Hayilee Fidaa, Leencoo Lataa, Galaasaa Dilboofaan Wallagga keessaa kan ba’an ta’uu Itoophiyaan sirnaan yaadachuu qabdi jedhu.
Itoophiyaan yeroo ammaa sirna ijaaruu dadhabuurraa kan ka’e qoramaa jirti kan jedhan Doktar Abiyyi, biyyattii keessa namoonni sirba ijaaruun beekaman hedduun jiraatanis kan akka Yilmaa Dheeressaa maqaansaa ol ka’ee dubbatamu hinjiru. Namootni seenaa keessatti hindagatamne hedduun Wallagga keessaa ba’uu ibsan.
Wallaggi naannolee Benishaangul Gumuz, Gaambeellaa, Amaaraa akkasumas godinalee Iluu Abbaa Booraa, Buunoo Beddellee, Jimmaafi Shawaa akkasumas Sudaaniin kan waldaangessu ta’uu himanii, bu’uraalee misoomaa (daandii) gahaa waan hinqabnee omishasaa gabaatti baasuufi kan hinqabne ammoo bitatachuuf rakkachaa tureera.
Yeroo ammaa garuu bajata guddaa ramaduudhaan daandii konkiriitii asfaaltii ijaaruudhaan Wallaggaa naannolee ollaafi Sudaaniin walquunnamsiisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Wallaggi misoomuu baannaan omishaaleen qonnaafi albuudaa achumatti hafa. Kun anmoo Wallagga qofa osoo hintaane biyyattiis ni miidha. Ormis firris kana hubatee misooma Wallaggaa deggeruu akka qabu yaadachiisaniiru.
Misooma eegalame ittifufsiisuuf nageenyiifi tasgabbiin daran murteessaa ta’uus himanii, kan nurraa eegamuufi barbaachisu tasgabboofnee hojii misoomaa eegalame wajjummaan ittifufsiisuudhaan ummata keenya jijjiiruufi biyya keenya ijaaruudha. Kana ta’uu baannaan waan jalqabne fiixaan baasuu hindandeenyu jedhu.
Pirezidaantiu Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaafi federaalaa adeemsa jijjiiramaa kana keessatti gaaffiilee ummata waggoota dheeraadhaaf ka’aa turan kallattiidhaan deebisaafi fedhii hawaasa guutuuf hojjechaa jiru.
Badhaadhina naannichaas ta’e biyyattii milkeessuuf karoorawwan guguddoon qabamanii hojiitti galameera. Adeemsa kana keessatti hinaaffaafi walcabsuun qormaata guddaa nutti ta’us qormaaticha cabsaa gaaffii misoomaa ummata keenyaa milkeessuuf mootummaan naannichaafi federaalaa xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuu himu.
Mootummaan humna qabuun gaaffii misoomaa deebisuufi fedhii ummataa guutuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira kan jedhan Obbo Shiimallis, humni misoomaa murteessaan ummata waan ta’eef hawaasni hirmaannaa barbaachisu akka taasisuuf gaafataniiru.
Dhagaa bu’uuraa kaa’uun ijaarsa jalqabsiisuudha malee akka kanaan duraa waadaa sobaa galuu miti kan jedhan pirezidaantichi, bu’uuruma kanaan waggoota lamaan darban Oromiyaa lixaa qofatti pirojektoonni daandii 17 bajata qarshii biiliyoona 38 oliin hojjechuuf karoorfamanii hojiitti seenamuu eeran.
Ijaarsi daandichaa wayita xumuramu jireenya hawaasa keenyaa bu’uurarraa ni jijjiira kan jedhan Obbo Shiimallis, pirojektonni daandii Oromiyaa lixaatti jalqabaman wayita xumuraman rakkoolee hawaas dinagdee hedduu furuudhaan guddina naannichaa si’eessuu keessatti hiika guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Daarektarri Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa Injinar Habtaamuu Taganyi akka jedhanitti, daandiin cirrachaa waggoota 25 dura tajaajila kennuu eegaleefi yeroo dheeraaf gaaffii ummataafi hoggantoota naannawichaa ta’ee ture deebii argachuun konkiriitii asfaaltiin akka ijaaramu ta’eera. Ijaarsi pirojektii daandii konkiriitii asfaaltii Dollaa- Gaambeellaas yeroo gabaabaa keessatti kan jalqabamu ta’uu himaniiru.
Godinni Qellem Wallaggaa omishaalee qonnaafi qabeenya albuudota gara garaatiin kan badhaate taatus bu’uuraalee misoomaa keessumaa misooma daandiitiin duubatti hafaadha kan jedhan Injinar Habtaamuun, ijaarsi daandii jalqabame kun yeroo kaa’ameef keessatti xumuramee tajaajilaaf akka ooluuf nageenyiifi hirmaannaan hawaasaa daran murteessaadha. Ijaarsi daandichaa sababa rakkoo nageenyaafi kaffaltii beenyaatiin duubatti akka hinharkifanneef hawaasni hirmaannaa barbaachisu akka taasisuuf gaafataniiru.
Hojiilee waggoota lamaan darban raawwatamaniin ijaarsi pirojektota daandii Wallaggaafi Godina Iluu Abbaa Booraa akkasumas Sudaan Kibbaa walquunnamsiisan saddeet jalqabamaniiru.
Ijaarsa pirojektoota daandii saddeet jalqabameera. Marsaa lammaffaan Muggii Gaambeellaas yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu ta’a. Ijaarsi daandichaa rakkoon nageenyaafi kaffaltii beenyaatiin akka duubatti hinharkifanneef hawaasni naannawichaa tumsa barbaachisu akka taasisu yaadachiisaniiru.
Ministira Muummee Ittaanaafi Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnon akka jedhanitti, naannawichi akka qabeenya qabuuf hinmisoofme. Kana booda hojiileen misoomaa naannawichatti eegalaman cimanii ittifufuu qabu. Yeroon itti walqabannee biyya keenya misoomsinu, ijaarruufi guddisnu amma jedhan.
Aadde Caaltuu Damoo jiraattuu Magaalaa Muggii, Ganda 01ti. Akka isaan jedhanitti, rakkoon daandii Muggii-Dambi Dolloo hamaadha. Sababa rakkoo daandii kanaatiin dubartoonni ciniinsuudhaan qabaman hedduun utuu mana yaalaa hinga’in karaatti du’aafi miidhaa fayyaa hamaaf saaxilamaa jiru. Sababa rakkoo daandii kanaatiin rakkoon keessumaa dubartoota ulfaafi ciniinfatanirra gahaa jiru dubbatamee hindhumu jedhu.
Gama biraatiin riippoortarri keenya, Taammiruu Raggaasaa akka gabaasetti waggoota lamaan kana keessatti Oromiyaa Dhihaa qofatti pirojektiiwwan daandii guguddoo 17 qarshii biliyoona 38 oliin hojiinsaanii jalqabamuu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksisaniiru.
Pirezidaantichi Obbo Shimallis Abdiisaa Dilbata darbe sagantaa eebba daandii Baakkoo-Shaambuurratti wayita haasaa taasisan akka dubbatanitti, kanaafis sabboonummaan oduudhaan osoo hintaane gochaan mul’achuu qaba.
Hojiin daandiiwwan kanneenii hoggansa bilchaataa Doktar Abiyyi Amhad kennaniin raawwatamaa kan jiru ta’uus eeranii, hojiilee kunniin hundi kan milkaa’an waggoota 27 keessatti osoo hintaanee waggaa lama keessatti jechuun ibsan.
Wayyaanen qe’ee keenya qorqitee qe’eeshee daandiidhaan misoomsite, qe’eesheetti ibsaa galfattee nuun ibsaa malee nu hambiste, har’a garuu, hojiiwwan misoomaa guguddoon naannoo keenyatti hojjetamaa jiru jedhan, Obbo Shimallis.
Daandiiwwan hojjetaman kunniinis daandii Saaqaa-Atinaagoo, Jimmaa-Cidhaa, Caanqaa-Gidaamii, Shaambuu-Agamsaa, Gimbii-Mattuu, Mattuu-Baypaas, Najjoo- Beegii, Beegii- Sudaan Dhihaa, Caanqaa-Gidaamii, Gullisoo-Calliyaa, Naqamtee-Buree, Naqamtee-Kamaashii, Dambi Doolloo- Gambeellaa, Aggaaroo-Geeraa, Suphee-Laaloo Qilee, Hojjaduree – Qalaaxee ta’uusaanii eeraniiru.
Raawwiin pirojektota kannanneeniis haala gaariirra jiraachuu eeranii, jalqabnee dhiisuuf osoo hintaane xumuurree eebbisiisuuf hamilee guddaadhaan hojjetamaa jiru jedhan.
Hojiin keenya boonyee boochisuufi madaa kaleessaa tuttuquu osoo hintaane hojjenne jireenya ummata keenyaa jijjiiruudha jedhan Obbo Shimallis. Kanaaf xiyyeeffannoo addaa laachuunis hojjetamaa kan jiru ta’uu ibsan. Shawaa Lixaatti ammoo ijaarsi daandii Amboo-Gudar-Shanan-Sayyoo Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin eegalchiifameera.
Bariisaa Guraandhala 27/2013
4 Comments to “Ijaarsa daandii Dambi Dolloo-Muggii-Dollaa rakkoolee hawaas dinagdee hedduu furu”