Maaskii kaa’achuufi anga’oota keenya

 Saamraawiit Girmaatiin

Ani namoota koviidiin hinjiru jedhanii amanan keessaa miti; siyaasa jedhees hinfudhadhu; baay’eeniyyuu sodaadha. Sababnisaas namootan itti dhihaadhu baay’ee qabee dararee argeera, dhaga’eeras.

Kanaaf hamma naa danda’ametti eeggachuun yaala. Dubbiin dubbii buddenaa waan taateef mana taa’uu hindanda’uuf malee akka of dagannaa mul’ataa jiruttiifi miidhaa ga’aa jiruutti silaa manaa hinbahu ture.

Kana biratti Magaalaa Finfinnee keessa fageenyakoo eeggadheen socho’a jechuunis rakkisaadha. Garuu maaskii godhachuufi harka dhiqachuun anaaf waan salphaadha. Dhukkubichi sobas ta’u siyaasa ergan dhibicharraa hafee (oolee) adda baafachuu naa wayya.

Akka qorannoowwan damichatti adeemsifaman mul’isanitti maaskii kaa’achuun saaxilamummaa koviid-19 dhibbantaa 80n ni hir’isa. Namoonni maaskii kaa’atanis carraa isaan vaayirasichatti saaxilamuuf qaban %3.1 yoo ta’u, kanneen hinka’anne ammo %17. 4 saaxilamoodha.

Kanaafuu hamma danda’ametti hammam nuffisiisaa ta’ullee seerasaanii eeganii maaskii godhachuun barbaachisaadha. Akkaataa haalli namaafi mijatetti immoo harka dhiqachuu ykn saanitaayizarii fayyadamuun dirqama. Yoodhumallee koviidiin hinjiru ta’e dhukkuboota kaaniyyuu nurraa dhorkuu danda’a. Mee erga kovidiin dhufee dhukkuboonni qilleensaan dhufan kanneen akka utaalloofaan hinhir’annee?

Kanaaf dhibee hammaataa daran babal’achaa jiru kana hanga Waaqni nurraa kaasutti hamma dandeenye ofirraa ittisaa rabbiinis na eegi jechuu wayya. Asirratti garuu taajjabbii guddaan qaba; keessumaa anga’oota biyyattiirratti.

Silaa osoo hinnuffiin maaskii kaa’ate fakkeenya kan nuu ta’uu malu isaani. Amma garuu baay’eensaanii gaafa walga’ii taa’anis ta’u dhimmoota biroo namoonni baay’inaan irratti argaman irratti hirmaataan maaskii hinkaa’atan.

Anumtiyyuu gaaf tokko tokko koviidiin kun hinjiruumoo anga’oota hinqabatu jedheen shakka. Mee kanuma tibbanaa tokko isniif haa kaasu.

Dilbata darbe paartiin Badhaadhina Oromiyaa yeroo maanifeestoosaa beeksifatu sagantaa bashannanaa qopheeffatee ture. Achirratti yommuu sirbi tokko dhihaatu pirezdaantiin naannichaafi namoonni biroo hedduun shubbisaa turan. Kan nama dhibu garuu namni maaskii kaa’ate daran muraasa. Fageenyasaaniis eegganne.

Kana akka fakkeenyaattin kaase malee sagantaawwan garagaraarratti anga’oota bakka namni itti heddummatutti maaskii malee walitti siiqanii taa’an ykn socho’an isin dubbistoonni keenyayyuu sirriitti taajjabdaniittu ta’a. Akkuma dubbii isa doktariin ofii tamboo xuuxaa namaan “tamboo hinxuuxiin ni miidhamata” jedhu sanaa ta’e.

Amma amma dubbiin koviidii kun ajandaadhuma Ministeera Fayyaa qofa ta’ee waan hafe fakkaata. Akka mootummaattis ta’e ummataatti dagannaan jiru daran yaaddessaadha. Walga’iiwwan, hiriirawwan, ayyaanota, eebba barattootaafi 

 kkf irratti maaskii kaa’achuun baay’inaan hinmul’atu. Bu’aa kanaammoo argannoo qorannoo koviidii torban lamaa asii ilaaluun ga’aadha. Tatamsa’inni dhukkubichaa %10 deemaa ture ammaan kana gara %30 olitti guddateera.

Kun waan akka laayyootti ilaalamu miti. Haala dagannaa amma jiruun deemee jennaan balaansaa hammaataa ta’uuf jedha. Inni kuunnoo jedhan kunoo akka hintaane sodaan qaba. Muuxannoo biyyoota biroorraa hubachuun akka danda’amutti dagannaatu gatii guddaa isaan kanfalchiise. Biyya keenyattis namni yoo waan dirqamsiisaa ta’e malee gammadeefi itti amanee maaskii kaa’atu muraasa.

Kanaaf dhimma kanarratti xiyyeeffannaa olaanaa kennuu barbaachisa. Kunimmoo dirqama mootummaati. Ministeerri Fayyaafi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaas yeroo yerootti ergaa gabaabaa ummataaf erguu qofa osoo hintaane anaga’oonni fakkeenya ta’anii akka mul’atan dhiibbaa gochuu qabu. Bakka deemanitti maaskii akka kaa’ataniifi malawwan ittisaa garagaraa akka isaan calaqqisiisan taasisuun dirqama.

Lammiileenis gamasaaniin qajeelfamoota ministeeraafi ogeessota fayyaatiin kennaman harcaatii tokko malee hojiirra oolchuuf tattaafachuu qabu. Ta’uu baannaan kasaaraan biyyaafi ummatarra ga’u anaan akka nama dhuunfaatti daran na yaaddessa.

Asirratti garuu wanti hubatamuu qabu anga’oonni hundi maaskii hinka’aatan jechuu miti. Kanneen akka pirezdaantii Ittaantuu Oromiyaa Aadde Caaltuu Saaniifi Ministira Fayyaa Doktar Liyaa Taaddasaammoo fakkeenyummaasaanii hinkaasiin hindarbu. Fakkeenyummaasaanii kanammoo warri kaanis akka qooddatan osoo taasisaniimmoo daran bareeda.

Bariisaa guraandhala 27/2013

Recommended For You

8 Comments to “Maaskii kaa’achuufi anga’oota keenya”

  1. Pingback: happyluke
  2. Pingback: top cams
  3. Pingback: their website

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *