“Itoophiyummaan kennaa miti, kan halkanii guyyaa itti ifaajneedha”-Obbo Shimallis Abdiisaa

 Haasaa guutuun Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootumma Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Kabaja ayyaana Adwaa waggaa 125fa Finfinnee, Adda Babayii Masqalaatti geggeeffamerratti taasisan kunooti:

Nuyi oolmaa oollee, garuu dubbatachuu dadhabne. Oolmaa oolletu, haasa’achuu dadhabne, seenessuu dadhabne, seenaa keenya ni seenesssina, ni barsiisnaa, ni mul’isna isammoo sirbaan, yeedaloodhaan, geerarsaan ol kaasna.

Itoophiyawummaa namni nuuf kennu hinjiru. Namni nurraa fuudhuus hinjiru. Aarsaa akaakileefi abaabilee keenyaa, aarsaa dhalootni amma jiru kaffaleen arganneedha.

Aduwaan keenya har’a…biyya rakkoolee ishee injifattee deemuu dandeessu uumuudha.

Kabajamtoota abbootii fardaa keenyaa, Abbaa Daalee, Abbaa Shaanqoo, Abbaa Booraa, Abbaa Diimaa… Kabajamtoota dargaggoota qeerroofi qarree keenyaa, sagantaa kana guyyaa har’aa, Aduwaa Waggaa 125fa kabajuuf baga asitti argamtan, baga gammaddan, baga wajjiniin gammadne.

Nuuf Adwaan seenaa guddaa kan itti hojjannu, abbootiin keenya gurraacha keessaa ba’anii faranjii hamma funyaaniitti hidhate injifachuudhaan maqaa Itoophiyaa, maqaa gurraacha addunyaa irra jiran kan itti ol kaasaaniidha. Haa ta’u malee, waggoota 120n darban kana keessatti, seenaan kun hatamee akka waan seenaa keenya hintaaneetti, akka duudhaa keenya hintaanee taasifamaa tureera.

Artistoonni keenya, keessattuu Artiisti Haacaaluu Hundeessaa, artiisonni kaanis, hojii guddaa hojjataniin dirree kanarratti, Haacaaluufi waa’illansaa (Adwaa) asitti kabajuudhaan, seenaan kun, duudhaan hatame akka ummata keenyatti deebi’u gochuudhaan, hunda keenya kakaasuudhaan yaadachiisuudhaan, boqonnaa haaraa kana jalqabneerra.

Baga injifattan, baga duudhaa keessan, seenaa keessan ol kaastan. Baga Itoophiyaa mataa ol qabdan, haala kanaan asitti argamuu keessanifimoo guddaa galatoomaa, ulfaadhaa isiniin jechuun barbaada.

Yeroo hunda wanti xiqqootti jalqabame, yaada sirrii hanga ta’etti, kallattii sirrii hanga ta’etti guddachaa deemuunsaa, badhaadhaa deemuunsaa hinoolu. Aadaa kana, seenaa kana nuyi dubbachuu jalqabuu keenyan, ol kaasuu jalqabuu keenyaan tokko tokko hinmufatu.

Oromoo yoo jenne hinmufata, Itoophiyaa yoo jenne hinmufata. Maal akka barbaadan nuuf hingalu. Itoophiyaanis keenya, Oromoonis keenyaa, sabaafi sablammiin hunduu keenya, waliin taanee biyya keenya mataashii ol qabnee injifannoo caalmaatti deebisuuf jabaannee hojjachuu danda’uutu nurra jiraata.

Itoophiyawummaan nuuf kabaja, Itoophiyawummaan nuuf injifannoodha. Itoophiyawummaan nuuf bilisummaadha. Itoophiyawummaan kennaa miti. Kan itti duunee, ittisalphannee, halkanii guyyaa ifaajne, salphina biyya kanarratti dhufe hundarraa qabaa, dinagdee biyya kanaa utubaa biyya ijaarranneedha Itoophiyaan.

Itoophiyawummaa namni nuu kennu hinjiru. Namni nurraa fuudhus hinjiru. Aarsaa akaakileefi abaabilee keenya, aarsaa dhalootni amma jiru kaffaleen arganneedha. Kanaaf dhalootni kunis, akkuma dhaloota kaleessaa Aduwaadhaan Itoophiyaafi Afrikaa ijaara, dhalootni haaraa kunisimmoo Itoophiyaafi Afrikaa haala adda ta’een ijaaruuf seenaa haaraa hojjachuuf jabaannee hojjachuu danda’uutu nurra jiraata.

Adwaan keenya har’a biyya injifannoo cimaa qabdu, biyya bilisummaan keessatti dagaage, biyya haqti keessatti dagaage, biyya sirna federaalizimii cimaadhaan utubamte tokkummaan ishii yeroo hunda eeggamee jiraatu, biyya bara baraaf rakkoolee ishee injifattee deemuu dandeessu uumuudha.

Hirkattummaa dinagdee biyya alaarraa hambisuudha. Kanaaf Adwaa mataa keenya akka hojjannu, seenaa mataa keenya akka hojjannuu asumaan waamicha koo dabarsuun barbaada.

Qaamoleen adda addaa Itoophiyaan hindiigamti jedhu. Itoophiyaan utuu isin jirtanuu akkamitti diigamti? Utuu isin gootonni dhalootni ammaa jirtanuu biyyi keenya akkamitti salphatti?

Juntaan awwaalameera. Awwaallisaa gadi fagaateera. Juntaan waggaa afuriin dura dirree kanarratti dargaggeessa keenya mataarra adeema. Har’a mataasaa irra deemameera. Awwaalameera. Ammaan boodas kallattiidha ala biyya keenya Itoophiyaa, bilisummaafi walqixxummaa ishee kan itti bu’u jiraannaan, hunduu awwaalamaa deema.

Itoophiyawummaan geerarsaan miti. Sirbaan miti. Tapha feesbuukiin miti. Geerarsi, sirbi, yeedamoon, walaloon Itoophiyummaa ol kaasa. Bareechee mul’isa hunda ol ammoo gocha, oolmaatu seenaa ta’a. Isatu dubbatama. Nuyi oolmaa oollee, garuu dubbatachuu dadhabne. Oolmaa oolletu, haasa’achuu dadhabne, seenessuu dadhabne. Amma itti deebineerra.

Seenaa keenya ni seenesssina, ni barsiisna, ni mul’isna isammoo sirbaafi yeedaloodhaan, geerarsaan ol kaasna. Isa kana gochuun warra sobaan maqaa Itoophiyaa daldalan karaarraa maqsaa Itoophiyummaa deebisnee ol kaasna.

Itoophiyawummaa biyya badhaate, biyyaa walqixxummaa, bilisummaafi dimokraasiin keessati dagaage dhugoomsuudhaan dhalootni kun seenaa haaraa ni hojjataa. Kanas akka gootan shakkii tokkoyyuu hinqabu. Baga gammaddan, baga wajjin gammadne.

Fardi keenya Aduwaa ture har’a ammoo hora Finfinneerra jira. Hora Finfinneerratti garmaamaa jira… Garmaamaa, gammadaa, taphadhaa. Seenaa haaraa hojjachaa, seenaa abbootii keenyaarraa barachaa, seenaa haaraadhaaf fuulduratti deemna. Itoophiyaan ni guddatti, Itoophiyaan ni bilisoomti, Itoophiyaan badhaadhinni ishee ni mirkana’aa, Itoophiya keessatti dimokraasiin lafa qabata, walqixxummaan lafa qabata, Itoophiyummaan sabni hundumtuu keessatti of argu ni dagaaga.

Guddaa galatoomaa, ulfaadhaa. Baayyeen isin jaaladhaa, baay’een isin kabaja!

Bariisaa guraandhala 27/2013

Recommended For You

4 Comments to ““Itoophiyummaan kennaa miti, kan halkanii guyyaa itti ifaajneedha”-Obbo Shimallis Abdiisaa”

  1. Pingback: jarisakti
  2. Pingback: Webb.org
  3. ラブドール アニメ 105cmの日本の小さなセックス人形160cmの等身大のオフィスの女性のYoutubeビデオシリコーンのセックス人形中国のセックス人形の生産者は3D印刷を利用します6セックス人形を購入する理由の背後にある説明

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *