Lolli Adwaa injifannoo sabootaafi sablammoota Itoophiyaa maraa ta’uurra darbee kan ummata gurraachaa ykn Afrikaa ta’uun dhugaa irra deddeebiin ibsameedha.
Addatti ammoo Oromoon lola Adwaa keessatti addadurummaadhaan lolee injifannoo guddaa galmeessiseera. Kana jechuun ummattootni biyyattii lolicharratti hirmaataniyyuu Oromoon caalaatti lafeesaa itti cabsuun dhiigasaa itti dhangalaaseera jechuudha.
Kana ammoo nuyi jenneef osoo hinta’iin warrumti diinaa lolicharratti kallattiidhaan hirmaachaa turan, jeneraalotni Xaaliyaanii hedduun waa’ee gootummaafi loltummaan Oromoo injifannoo Adwaaf bu’uura akka ta’e ofiisaaniif ragaa bahaniiru.
Kanaaf ammoo akka ragaa qabatamaatti barreeffamoota kumaatamaan lakkaa’amantu jiru. Barreeffamoota seenaa kanas yerichatti kan barreesse jeneraalota lolicharra turan yoo ta’u, miidiyaaleen Xaaliyaanii adda waraanaa sanarra turanis loltummaafi jagnummaan goototni Oromoo agarsiisaniin injifannichi kan Oromooti jedhanii akka barreessaniif sababa guddaa ta’uu hayyoonni seenaa ni mirkaneessu.
Barreessitoonni seenaa yeroo sana turan gahee Oromoon lola Adwaarratti qabu osuma beekanii dhoksaniiru. Isa faranjiin barreessite osoo hinta’iin isa ofii barreessaa turanillee jallisanii maxxansiisaa turan. Keessumaa waanti garaa nama booressu maqaan gootota Oromoo hanga sadaffaatti jiru kan isaan barbaadan ta’uu baannaan qoodasaanii xiqqeessuudhaan akka dhokatee hafu godhamaa ture.
Oromoon jeneraalotaafi Fitaawuraarota hedduu adda durummaadhaan lola Adwaarratti hirmaachuudhaan injifateera. Keessumaa loltuu fardaatiin (‘cavalry army’) jedhamuun goototni Oromoo adda durummaadhaan waraananii injifataniiru.
Kanarraa kan ka’e jeneraalotni Xaaliyaanii lolicharra turan, “Abbootiin fardeenii Oromoo dura dhaabbachuu dadhabne” jechuun barreessaa turan. Kanaaf lolicha kan injifate loltuu fardaa Oromoo ta’uu mirkaneessuun barreessaa turan jechuudha. Bareeffamoota seenaa lolichaa yeroo sana barreessanis suurawwan addaddaatiin deggaramuun dhalootaaf olkaa’aniiru. Kunimmoo injifannoon Adwaa seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu kan ifatti mul’isuudha.
Ta’us Oromoon injifannoo boonsaa ittiin beekamtii argatee dhalootatti dabarsuu danda’u shira gitoota bittaatiin saamameera. Akkuma qabeenya lafaa, seenaafi aadaa Oromoo saamuun saamsisaa turan injifannoo Adwaas akka kan ofii hingodhanneef dhokfamaa tureera.
Yeroo dheeraa booda garuu qabsoo hayyootni hedduun taasisaniin ifa baheera, gara fuulduraattis haqni ture caalaatti ifa bahaa deema. Dhugaan Kibxata
darbe sirna kabaja ayyaana Adwaa waggaa 125fa Finfinnee, Addababayii Masqalaatti abbootii fardaa kuma 15 caalan hirmaachisuun haala ho’aadhaan kabajames dhugaan isa akka jirtu ifatti kan mul’iseedha.
Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaas sirnicharratti “Fardi keenya Adwaa ture har’a ammoo hora Finfinneerra jira. Hora Finfinneerratti garmaamaa jira… Garmaamaa, gammadaa, taphadhaa. Seenaa haaraa hojjachaa, seenaa abbootii keenyaarraa barachaa, seenaa haaraadhaaf fuulduratti deemna” jedha.
Walumaagalatti ummanni Oromoo obboleewwansaa biro wajjin ta’uun seenaasaa awwaalame ifatto baasaa akkuma barame seenaa biraa galmeessaa imalasaa eegalee si’aayinaan ittifufuu qaba.
Bariisaa Guraandhala 27/2012
10 Comments to “Imalli eegalame siyaa’inaan ittifufuu qaba”