Takkaalliny Gabayyootiin
Seenaa Itoophiyaa keessatti injifannoon Adwaa sabootaafi sablammoota maraaf hiika guddaa qabaachuunsaa kan beekamuudha. Keessattuu ammoo lolicha adda durummaan gaggeessaa kan turan ‘fitaawraarota’ Oromoo waan ta’aniif sabichaaf hiikaansaa daran olaanaadha.
Injifannoon kun wagguma waggaan Guraandhala 23 akka biyyaalessaatti kabajamee kan oolu yoo ta’u, baranas yeroo 125faf Kibxata darbee haala ho’aadhaan kabajameera ooleera. Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaas Wiixata darbe gahee Oromoon ijaarsa biyyattii keessatti qabaachaa turerratti hayyoota waliin mari’ateera.
Hayyoota waltajjicharratti waraqaa qorannoo dhiyeessan keessaa Doktar Diimaa Nagawoon tokko yoo ta’an, bara 1962 irraa kaasee warraaqsa siyaasaa biyyattii keessatti hirmaannaa guddaa kan qabaniifi saayinsii siyaasaa barachaa kan turaniidha. Akkasaan ibsanitti, seenaa Itoophiyaa keessatti injifannoon Adwaa iddoo guddaa qaba. Seenaan Itoophiyaa waggoota 125 dura irraa kaastee galmeessisaa turuunshee mataansaa seenaa guddaadha. Waraqaa qorannoosaaniitiin qabxiilee afurirratti xiyyeeffachuun ibsaniiru.
Tokkoffaarratti kaayyoofi raawwiin duula Adwaa maal ture kan jedhuudha. Lammaffaan duulichi akkamitti gaggeeffame kan jedhuufi eenyufa’itu akka irratti hirmaate sirriitti kan hubachiisudha. Sadaffaan ammoo jabinni duulichaa maal akka ture jechuun faayidaan injifannoon Adwaa fide maal akka ta’erratti kan xiyyeeffatuudha. Dhalootni har’aafi boriis maal barachuu akka qabanirratti kan xiyyeeffateedha.
Yeroo murteessaa sana duras ta’e booda koloneeffattoota Awurooppaatiin dhiibbaa garagaraatu godhamaa ture jedhu. Fakkeenyaaf, Turkonni bara 1555tti buufata doonii Matsawaa qabachuun Itoophiyaa falmaa turan. Haa ta’u malee bulchitootni kutaalee biyyattii addaddaa qabsoowwan garagaraa taasisaa turan.
Jaarraa 19fa keessa ammoo Turki humnashee jabeeffachaa dhufuun biyyattii qabachuu danda’aniiru. Keessumaa bara 1869tti galaanarraan daandii Siwiiz wayita banamu buufatni galaanaa/doonichaa Awurooppanotaaf banamee ture. Kanarraa kan ka’e biyyootni Awurooppaa hedduun buufata Matsawaa kanatti dhimma bahuuf ijasaaniirra kaawwachuun tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachuu eegalan.
Walakkeessaa jaarraa 19fa keessa ammoo matayyootni Itoophiyaa kaabaa turan buufata galaanaa of jala galfachuuf tarsiimoo haaraa hordofuu jalqaban. Yerichatti matayyootni kunniin aangoorratti waldhabdee yaa qabaatan malee buufaticha humnoota Turkirraa deebifachuuf waliigaltee qabu turan jedhu.
Bara 1869tti si’a duraatiif Xaaliyaaniin Asabirratti buufata tolfattee turte kan jedhan Doktar Diimaan, suuta suutas qabiyyee buufatashee babal’ifachaa dhufuun bara 1890tti magaalaa guddoo Ertiraa, Asmaraa to’atanii ture. Kanaanis Ertiraa koloniisaanii jala galfatan jechuudha.
Wayita Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerartu matayyoota Itoophiyaa kaabaa gidduutti sababauma qoqqoodinsa aangootiin waldhabdeen guddaan waan tureef, Xaaliyaanotaaf carraan kolonii banamuuf danda’eera. Kunimmoo diinotni biyya alaa waldhabdeen biyya keessaa wayita jiraatu biyyattii qabachuuf hojjechaa turuusaanii kan agarsiisu yoo ta’u, taateewwan wayita ammaa deemaa jiranis kanuma ifatti kan mul’isaniidha.
Erguma Xaaliyaan Itoophiyaa qabattee kaasees dorgommiin aangoo siyaasaa humnoota biyya keessaa sadii gidduutti ture kan jedhan Doktar Diimaan, Laastaatti Waaqshum Gobazee, Tigraayirraa Kaasaa Maccaafi Shawaarraa Minilik gidduutti ture. Kaasaa Maccaan meeshaalee waraanaa Sudaanirraa galfachaa waan tureef bara 1872tti Waaqshum Gobazee mo’ate. Achumaanis Yohaannis 4fa ta’uun daangaa aangoosaa babal’ifate.
Ta’us sababa dhiibbaa keessaafi alaatiin bulchiinsi mootummaasaa daran guddachuu hindandeenye. Karaa bahaatiin Xaaliyaaniin dhiibbaa gochaa turte. Karaa Sudaaniin ammoo Mahaadistootni isa lolaa turan.
Karaa Shawaatiin ammoo humni Minilik gargaarsa Xaaliyaaniitiin isarratti duulaa waan turaniif fagaatee deemuu hindandeenye. Osuma kanaan jiruu bara 1888tti lola Mahaadistoota Sudaan waliin taasifameen Atse Yohaannis du’e jechuudha.
Du’a Yohaannis 4fa boodas Minilik hundee mootummaasaa cimsachuuf matayyoota kutaa garagaraatti xalayaa du’a Atse Yohaannis eeru ergee ture. Kunimmoo dorgommiin aangoo matayyoota gidduu ture humnoota alagaatiif daandii akka saaqe kan mul’isuudha.
Kanaan booda egaa Xaaliyaanotni Minilik wajjin waliigaltee Wucaalee kan mallatteessan.Waliigalteen mallatteeffame kunis Ertiraan sirna kolonii Xaaliyaanii jala galuusheetiif beekumsa kennuufiira. Minilik ammoo meeshaalee waraanaa dabalataan isaanumarraa akka argatuuf sababa ta’uurra darbee Xaaliyaanotni Minilik mootii Itoophiyaa ta’uu fudhatanii beekamtii kennaniif.
Haa ta’u malee waliigalteen Xaaliyaanotni Minilik waliin mallatteessan keessisaa birmadummaa Itoophiyaa kan mulqu waan tureef adeemsa keessa waldhabdeensaanii ittuma finiinaa deeme. Boodas lachanuu walitti duuluuf murteessan. Xaaliyaaniin gamasheetiin hoomaa waraanaa jeneraalota 15n hogganaman, loltootashee kuma 20, akkasumas waraana lafoo birgeedii 17fi loltoota Ertiraarraa qopheessituun Adwaarratti duulte jechuudha.
Gama Itoophiyaatiin ammoo duula waliigalaatu labsame. Loltoota kuma 100 ol giddugaleessa biyyattiirraa gara kaabaatti bobba’ee ture. Irra guddaan loltoota kanneenii fitaawraarota Oromootiin gaggeeffamaa akka ture ragaaleen seenaa ni mul’isu. Ajajootni guguddoo kudhan turan keessaas saddeet Oromoo ta’uusaaniis galmeen seenaa ni yaadata. Waraana waliigalaas kan ajajaa ture Dajjaazmaachi Gabayyoo Gurmuu yoo ta’u, Oromoodha.
Gama lamaaniinuu erga qophiin taasifamaa turee booda ALA bara 1896tti bakka Adwaa jedhamutti waraanni baname. Lola taasifame kanaanis namootni hedduun dhumanis Itoophiyaan injifannoo dhalootaa dhalootatti darbaa har’a gahe gonfachuu dandeesseerti. Lolichi garuu sa’aatii jaha guutuu akka adeemsifame himama. Lolichaanis qondaalotni waraanaa Xaaliyaan kuma torbatti siqan lubbuusaanii dhabaniiru.
Gama Itoophiyaanis loltootni hedduun kan dhuman ta’ullee injifataniiru. Ajajootni waraanaa Oromoo lolicharratti hirmaachuun injifatan danuu keessaa Gabayyoo Gurmuu, Baalchaa Saafoo, Gabramaariyaam Gaarii, Garasuu Dhukiifaa eeruun ni danda’ama. Irra caalaansaaniis fardeeniin lolaa waan turaniif, loltootni Xaaliyaanii jala dhaabachuu hindandeenye jedhu.
Egaa cimina gootummaafi loltummaa fitaawraarotni Oromoo Adwaarratti mul’isaniin biyyattiin injifannoo kan gonfatte yoo ta’u, kunis seenaa sirna kolonii Awurooppaa keessatti iddoo guddaa qabatee bara baraan akka yaadatamu ta’eera jechuudha.
Injifannoon Adwaas injifannoo Itoophiyaa qofa osoo hintaane kan ummata gurraacha maraa ta’ee beekameera. Erga lolichi olaantummaa Itoophiyaatiin xumuramee ji’oota jaha gidduutti booji’amtoota waljijjiiruuf waliigalteen taasifamee akka ture ni yaadatu. Yericharraa kaasees waliigalteen Wucaalees kufaa waan ta’eef olaantummaa Xaaliyaaniin biyyoota gaanfa Afrikaarratti qabaachaa turte dhaabateera.
Injifannoon Adwaa waggoota 40f walabummaa Itoophiyaa addunyaarratti kan beeksise yoo ta’u, isa booda garuu Xaaliyaaniin lola Adwaa haaloo bahuuf humnashee kuufattee gara Itoophiyaatti deebiteetti. Yeroo sanatti qophiin biyyattiin qabdu gahaa waan hinturreef salphumatti lammaffaa deebitee qabattee turte.
Yeroos gama Itoophiyaatiin namootni kuma 100 lubbuusaanii akka dhabaniiru. Kunimmoo birmadummaa biyya ofiif jecha lammiileen hangi kun marti wareegamuun salphaa akka hintaane ni hubatama jechuudha.
Akka waliigalaatti, duula Adwaarrattis ta’e isa booda walabummaa biyyattii kabajuufi kabachiisuun qoodni Oromoo daran guddaa akka ture hubachuun murteessaadha. Seenaan barreeffamaa ture garuu qooda ummatni Oromoo ijaarsaafi eegumsa biyyattii keessatti qabaachaa ture kan xiqqeesseedha. Kanaaf gara fuulduraatti ammumaan sirreessuun dirqama hundaati, keessattuu kan hayyootaa.
Doktar Leencoo Baatiin gamasaaniin akka jedhanitti, injifannoon Adwaa caalaatti dhiigaafi lafee ummata Oromootiin kan argame waan ta’eef hiika guddaa qaba. Kanaaf ammoo daandii ifaafi qulqulluu qabachuutiin gara injifannoo misoomaa, dimokraasiifi nageenyaatti deemuun dirqama.
Seenaan injifannoo Adwaa hayyoota hedduun barreeffamaa turus gara tokkotti dabsamee lallabamaa waan tureef qooda Oromoo xiqqeessaa tureera. Seenaan ummataafi biyyaa sirriitti kan hinbarreeffamne yoo ta’e, hariiroo sabootaafi sablammootaatti gufuu ta’uun kan oolu miti. Kana sirreessuun ammoo gahee lammiilee maraa ta’uusaa dagatamuu hinqabu.
Seenaan injifannoo Adwaa kun hirmaannaa waloo sabootaafi sablammootaa Itoophiyaa hundaan kan argameedha kan jedhan Doktar Leencoon, sirriitti irratti hojjetamnaan waliigaltee biyyaalessaa caalaatti cimsuu danda’a. Tokkummaa biyyattii cimsuurra darbees lammiilee Afrikaa maraa gara walitti hidhuutti geessuu kan danda’u ta’uus ni eeru.
Seenaan amalumasaatiin gochoota badaafi gaggaarii ta’an galmeessisee kan darbu waan ta’eef keessumaa hayyootni Oromoo seenaa darbe qorachuu, kan ammaa ammoo xiinxaluufi kan gara fuulduraa ammoo yaadiddamootaan tumsuun hiikuun murteessaa akka ta’e gorsu.
Dimshaashumatti, Itoophiyummaan ummata Oromoof seenaa, gootummaafi loltummaa waan ta’eef seenaa dabsamee barreeffamaa ture sirreessuun dhaloota har’aafi boriitti beeksisuun murteessaa ta’uun hubatameera. Biyya hundaaf haadha taate ijaaruufis hunduu qoodasaa bahachuu akka qabu dhaamameera.
Bariisaa guraandhala 27/2013
5 Comments to “Adwaa faajjii tokkummaa sabdaneessummaa”