Haaluma Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gabatee yeroo murteessuun beeksiseen guyyaan filannoo waliigalaa marsaa 6fa itti adeemsifamu Caamsaa 28 bara 2013 ta’uun hubatameera.
Boordichis waantota murteessoo ta’an maraa guutuurratti kan argamu yoo ta’u, kanarraa ka’uun paartiileen siyaasaa muraasni duula na filadhaa jalqabaa akka jiran hubachuun ni danda’ama.
Paartiileen siyaasaa Oromoo lamaan jechuun Kongirasii Federaalaa Oromoo (KFO)fi Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) Jaal Daawud Ibsaan durfamu filannoo waliigalaarratti hirmaachuufi dhiisuurratti ejjennoo dhumaa wanti beeksisan hinjiru.
Kanaaf ammoo sababoota filannoo waliigalaatiif gufuu itti ta’an akka komiitti wayita dhiyeessan dhagahamu. Kunis hoggantootni, miseensotniifi deggartootni keenya nu jalaa hidhaman kan jedhuudha.
Waajjiraaleensaaniis haala qophii filannoo waliigalaaf taasisuu hindandeenyetti cufamaniiru jechuun wayita irra deddeebiin komatan dhagahamu.
Boordichi komii akkanaa paartiilee siyaasaarraa ka’aa jiruuf yeroodhaan deebii kennaan jira jedhus, qabatamaatti gaaffii KFOfi ABOf maaliif deebii quufsaa kennuu dadhabeen gaaffii biraati. Isa dura garuu ijaarsa sirna dimokraasii keessatti waantotni filannoo waliigalaa adeemsisuu dura guutamuu qaban maalfaa akka ta’an ilaaluun barbaachisaadha.
Jalqabarratti mirgi bilisaan yaada ofii ibsachuufi gareedhaan gurmaa’uun guutummaatti dhugoomuu qaba. Mirgi kun heera RFDI, keeyyata 29rratti bal’inaan kan ibsame yoo ta’u, namni kamuu dhorkaa tokko malee ilaalcha fedhe qabaachuufi bilisaan yaada ofii ibsachuu akka danda’u tumameera. Kunis biyya keessaafi alatti kan daangeffamu akka hintaane eerameera.
Seeronni gama kanaan hojiirra oolan jiraatanis guutummaatti hojiitti hiikamaniiru jechuun hindanda’amu. Ta’us lammiileen akkuma durii mirga dubbachuufi yaada ofii bilisaan ibsachuu mulqamaniiru jechuun madaallii kan kaas miti. Sababnisaas hojiileen hedduun waan hojjetamaniif jijjiiramni waan jiruuf.
Har’a namni yaada dhuunfaafi garee bilisaan ibsachuurratti rakkatu hinjiru. Kun adeemsa filannoo waliigalaatiif haala mijataa uumame keessaa isa ijoodha yoo jedhame haqarraa fagaachuu hinta’u.
Lammaffaarratti mirga paartiileen siyaasaa yaa’ii waliigalaasaanii giddugalummaa tokko malee adeemsifachuuf qaban kabajamuu danda’uudha. Mirgi kun seerota filannoo keessatti kan eerame yoo ta’u, paartiileen siyaasaa marti, paartii biyya bulchaa jiru dabalatee ofumasaaniin yaa’ii waliigalaa adeemsifachaa akka turan ni yaadatama.
Yeroo tokko tokko garuu rakkoo nageenyaa biyyattii mudachaa ture sababeeffachuun waltajjiin marii paartiilee siyaasaa gariin mootummaadhaan ugguramaa akka ture kan yaadatamuudha. Waldhabdee paartiilee siyaasaa gidduutti dhalaterraa ka’uunis paartiileen siyaasaa Oromoo keessumaa ammoo ABOn dhorkamaa akka ture ifatti kan beekamuudha.
Inni kun gama tokkoon rakkoo dhalachuu malu to’achuurratti gaarii ta’ee osoo jiruu, gama biraatiin ammoo mirga paartiilee siyaasaa kan mulqu ta’uusaatu hubatama. Kunimmoo kallattiinis ta’e alkallattiitiin filannoo waliigalaarratti dhiibbaa qabaachuu beekamuutu irra jiraata.
Sadaffaan ammoo sirna bulchiinsaa filannoo waliigalaa bilisaan raawwachiisu qabaachuudha. Gama kanaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sirna filannoo biyyattii olaantummaan kan hogganuufi raawwachiisu ta’uu heera, keeyyata 102 jalatti tumameera. Labsiin hundeeffama boordichaa lakkoofsa 1133/2011s kanuma kan addeessu ta’uu hubachuun kan danda’amuudha.
Gaaffiin bu’uuraa iddoo kanatti ka’uu qabaatu yoo jiraate, “Boordichi bilisa moo akkuma kanaan duraa paartii biyya bulchaa jiruun oofama?” kan jedhuudha. Dhimma kanarratti ejjennoon paartiilee siyaasaa addadda. Gariin boordichi bilisummaadhaan adeemsa filannichaa raawwachiisaa jira jedhanii amanu. Muraasni garuu har’allee boordichi harka lafa jalaatiin Paartii Badhaadhinaatiin gaggeeffamaajiraa jechuun qeequ.
Kanaaf ammoo komiin isaanirraa ka’aa jiru furuus ta’e murtee tokko kennuu dadhabuusaa akka sababaatti kaasu. Kunimmoo seerotuma filannoo hojiirra oolfamaniyyuu gaaffii keessa kan galchu ta’uusaati.
Kanas ta’e sanas Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo haqaafi nagaqabeessa, akkasumas walaba adeemsisuuf ittigaafatamummaafi gahee hojiisaa bilisaan gaggeeffachuuf dirqama ta’uu hubatamuutu irra jiraata. Akkaataa heera biyyattiifi seerota filannootiin filannoo waliigalaa marsaa jahaffaa kan hinraawwachiisne yoo ta’e garuu egeree biyyattiif balaa guddaa akka qabu beekuun murteessaadha.
Qabxiin afraffaan ammoo qabeenya biyyattii maratti haala walqixa ta’een fayyadamuu danda’uudha. Kunis waantota filannoo waliigalaa adeemsisuuf guutamuu qaban keessatti kan eeramu yoo ta’u, paartiileen siyaasaa marti ulaagaadhuma seerota filannoo keessatti tarreeffameen qabeenya biyyattiitti fayyadamuuf mirga guutuu qabaachuusaaniiti.
Bilisummaan manneen murtiis daran murteessaa waan ta’eef akka qabxii shanaffaatti kan eeramuudha. Biyya kamittuu taanaan adeemsi filannoo komiifi qeeqa, walitti bu’insaafi jeequmsa hindhabu. Kun ammoo seeraan hinhogganamu taanaan gara diigumsa biyyaatti geessuu danda’a. Komiifi qeeqawwan ykn mormiiwwan ka’uu malan furuun ammoo gahee manneen murtiiti. Kanaaf abbootiin seeraa karaa bilisa ta’een hojiilee filannichaa hordofuun murtee sirrii kennuu qabu.
Jahaffaan bilisummaa dhaabbilee siivikii yoo ta’u, keessumaa miidiyaaleefi waldaaleen siivikii loogii tokko malee adeemsa filannichaa milkeessuuf dirqama qabaachuusaanii hubachuun murteessaadha. Hundarra lammiileen mirga dimokraasii heeraan kennametti fayyadamanii egereesaanii akka murteeffataniif barsiisuun irraa eegama.
Dimshaashumatti, filannoo waliigalaa barana adeemsifamu milkeessuuf qabxiileen armaan olii hojiirra oolfamuufi dhiisuusaanii hordofee tarkaanfii seeraa kan fudhatu boordicha. Lammiileenis qoodasaanii bahachuun dirqama lammummaa ta’uun hubatamuu qaba jenna.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013
6 Comments to “Waantota filannoo waliigalaaf dursanii guutamuu qaban”