Takkaalliny Gabayyootiin
Hayyoota seenaa ummatarraa dhalataniifi keessatti guddachuun waantota gaggaarii hojjetaa turan keessaa Obbo Sintaayyoo Tolaa adda durummaan eeramu.
Jalqabumarraa kaasee barnoota seenaarratti fuulleffachuun barachaa waan turaniif, hojii qorannoo adeemsisaa turaniin misooma seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaa Oromoorratti hojiilee ummaticha boonsisan hedduu hojjetaniiru.
Sirni Gadaa Oromoo akka hambaa kiliyaatti yuneskootti akka galmeeffamuuf hedduu itti dadhabanii fiixaan baasaniiru. Sirni Gadaa kunis kaarkulamii barnootaa keessa galee akka akaakuu barnootaa tokkootti akka kennamuufis hedduu ifaajjuun milkeessaniiru. Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaas Injifannoo Adwaa waggaa 125fa sababeeffachuun gaafdeebii hayyuu seenaa kana wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyeessina.
Bariisaa: Mee, dursa dubbistoota gaazexaa keenyaa waliin walbaraa?
Obbo Sintaayyoo: Maqaankoo Sintaayyoo Tolaa jedhama. Bara 1960tti Wallagga Bahaa, Jimmaa Arjoottan dhaladhee guddadhe. Biyya Haylee Fidaa itti dhalate jechuudha. Haylee Fidaa waliin ollaadha, maatii tokkosi. Oggaa Haylasillaaseen kufu ani daa’iman ture. Barnoota koo sadarkaa 1fafi 2fas achumattan baradhe.
Akkuman barnoota koo sadarkaa lammaffaa xumureen Yunivarsiitii Finfinnee seene. Barnoota seenaatiin digriikoo jalqabaa fudhadheera. Isa booda bara 1979tti barsiisaa ta’ee Yirgaa Caffeetti ramadameen ture. Sana dura garuu Adoolaattis barsiisummaan hojjedheera.
Bara 1980tti ammoo barsiisummaadhaan Iluu Abbaa Booraatti ramadame. Osuman mana barumsaa ‘Menshen for Menshin’ jedhamutti barsiisaa jiruu Yunivarsiitii Finfinneetti deebi’ee digrii koo lammaffaa barnootuma seenaatiin xumure. Akkuman barnootakoo xumureen ammoo Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti mindeeffamee hojjechuu jalqabe.
Egaa jalqaba yoon mindeeffamu eksipartummaan yoo ta’u, waggoota muraasa keessatti garuu gara gaggeessummaatti dhufuu danda’eera. Hogganaa ittaanaa biirichaa ta’ees hojjedheera. Hojiilee hedduu hojjechuudhaan aantummaan ummata kootiif qabu gochaan agarsiiseera jedheen amana. Har’as ummatan irraa dhaladheefi hedduu jaaladhu tajaajilaan jira. Dhimmoota aadaafi seenaa Oromoorratti waggoota kudhanii oliif qorannoowwan addaddaas geggeessaan ture.
Bariisaa: Lola Adwaarratti gaheen Oromoo akkamitti ibsama?
Obbo Sintaayyoo: Akkuma beekamu lolli Adwaa injifannoo sabootaafi sablammoota Itoophiyaa maraa ta’uurra darbee kan ummata gurraachaa ykn Afrikaati. Addatti ammoo Oromoon lola Adwaa keessatti addadurummaadhaan lolee injifannoo guddaa galmeessiseera. Kana jechuun ummattootni biyyattii lolicharratti hirmaataniyyuu Oromoon caalaatti lafeesaa itti cabsuun dhiigasaa itti dhangalaaseera.
Aarsaa ummati kamuu itti kaffaluu hindandeenye Oromoon itti kaffaleera. Lolicha Oromootu dura bu’ee gaggeessaa ture. Namni Minilik faarsa, dhugaan dhokate tokko garuu Minilik caalaa ‘Fitaawuraarota’ lola san gaggeessaa turantu addadurummaadhaan hirmaachaa ture.
Injifannoo boonsaas kan galmeessise Minilik osoo hintaane Fitaawuraarota Oromoofi Oromoodhaan gaggeeffamaniidha. Kana ammoo nuyi jenneef osoo hinta’iin warrumti diinaa lolicharratti kallattiidhaan hirmaachaa turan, jeneraalotni Xaaliyaanii hedduun waa’ee gootummaafi loltummaan Oromoo injifannoo Adwaaf bu’uura akka ta’e ofiisaaniif ragaa bahaniiru.
Kanaaf ammoo akka ragaa qabatamaatti barreeffamoota kumaatamaan lakkaa’amantu jiru. Barreeffamoota seenaa kanas yerichatti kan barreesse jeneraalota lolicharra turan yoo ta’u, miidiyaaleen Xaaliyaanii adda waraanaa sanarra turanis loltummaafi jagnummaan goototni Oromoo agarsiisaniin injifannichi kan Oromooti jedhanii akka barreessaniif sababa guddaa ta’eera jechuudha.
Barreeffamootni kunneen afaanot Xaaliyaaniifi Faransaayiin yaa maxxanfaman malee dhugaa ture ummati addunyaa haalaan akka hubatan taasiseera. Kanarraa kan ka’e ummata keenya bira gahuu hindandeenye.
Hayyootni seenaa yeroo sana turan ammoo seenaa dabsanii barreessaa waan turaniif gahee Oromoon lola Adwaarratti qabu osuma beekanii dhoksaniiru. Isa faranjiin barreessite osoo hinta’iin isa ofii barreessaa turanillee jallisanii maxxansiisaa turan. Keessumaa waanti garaa nama booressu maqaan gootota Oromoo hanga sadaffaatti jiru Amaariffaa ta’uu baannaan qoodasaanii xiqqeessuudhaan akka dhokatee hafuu gochaa turuusaanii galmeen seenaa ni yaadata.
Oromoon jeneraalotaafi Fitaawuraarota hedduu adda durummaadhaan lola Adwaarratti hirmaachuudhaan injifateera. Keessumaa loltuu fardaatiin (‘cavalry army’) jedhamuun goototni Oromoo adda durummaadhaan waraananii injifataniiru.
Kanarraa kan ka’e jeneraalotni Xaaliyaanii lolicharra turan, “Abbootiin fardeenii Oromoo dura dhaabbachuu dadhabne” jechuun barreessaa turan. Kanaaf lolicha kan injifate loltuu fardaa Oromoo ta’uu mirkaneessuun barreessaa turan jechuudha. Bareeffamoota seenaa lolichaa yeroo sana barreessanis suurawwan addaddaatiin deggaramuun dhalootaaf olkaa’aniiru. Kunimmoo injifannoon Adwaa seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu kan ifatti mul’isuudha.
Haa ta’u malee Oromoon injifannoo boonsaa ittiin beekamtii argatee dhalootatti dabarsuu danda’u shira gitoota bittaatiin saamameera. Akkuma qabeenya lafaa, seenaafi aadaa Oromoo saamuun saamsisaa turan injifannoo Adwaas akka kan ofii hingodhanneef dhokfamaa tureera.
Yeroo dheeraa booda garuu qabsoo hayyootni hedduun taasisaniin ifa baheera, gara fuulduraattis haqni ture caalaatti ifa bahaa deema. Kanaaf ummata Oromootiif injifannoon Adwaa iddoo guddaa qaba. Ummati Oromoos seenaa kooti jedhee ofitti fudhachuu qaba.
Seenaa Itoophiyaa keessatti wayita dhiibbaan saba ykn ummata tokkorratti taasifamu kaan ammoo irraa baqachaa deemuun aadeffameera. Oggaa Oromoo dhiibaa deeman lolliifi injifannoon Adwaa akka kan Oromoo hintaanetti fudhatamaa ture. Kanarraa kan ka’e Oromoon ofumasaatiin keessaa of baasaa dhufe jechuudha.
Fakkeenyaaf, ALA bara 1936tti wayita faashistootni Xaaliyaanii Itoophiyaa weeraran mootichi maatiifi firoottansaa wajjin biyya gadi lakkisee gara Ingilizitti baqatee ture. Achumas hanga bara 1941tti jechuun waggoota shaniif kan turan yoo ta’u, yeroo sanatti bosona galuudhaan weerartota Xaaliyaanii dhaabbiifi taa’umsa dhorkaa kan turan gootota Oromoo kanneen akka Raas Abbabaa Aragaawwii, Baalchaa Saafoofi Garasuu Dhukii fa’i jennee afaan guuttannee dubbachuu dandeenya.
Tokkittii kan hinbooji’amne, kan harka hinlaatne, Xaaliyaaniidhaaf hanqaaquu affeelaa kan hinturre yoo jiraate Oromoo qofa. Kunis dhugaa seenaa waan ta’eef ifatti baasnee dhaloota har’aafi borii barsiisuu qabna.
Sababoota armaan olitti eeramanirraa kaasnee injifannoon Adwaa dhiigaafi lafee Oromootiin argame caalaatti keenya godhachuun kan nurraa eegamuu ta’uu dagachuun hinbarbaachisu. Kana jechuun ammoo hirmaannaan sabootaafi sablammootaa gonkumaa hinturre jechuukoo miti. Qoodni Oromoo guddaa ta’uusaafi hiiknisaas akkasuma guddaa ta’uu agarsiisuuf malee.
Lolicharratti sabootaafi sablammootni Itoophiyaa hundi hirmaataniiru. Kana keessaa garuu lafeesaa guddaa kanitti caccabseefi dhiigasaa dhangalaase Oromoodha. Kanaaf ummati Oromoo injifannoon Adwaa injifannoo kooti jedhee fudhachuu qaba.
Seenaan abbummaa injifannichaarratti barreeffamaa tures dabaan kan guutame waan ta’eef ammumaa qabee akkaataa ragaa qabatamaarratti hundaa’een falmachaa deemuu qabna. Sabootaafi sablammoota biroo waliin kanan galmeessise jedhee ofitti fudhachuu qaba. Akkuma kaleessaafi dheengaddaa garuu injifannoo boonsaa galmeessise ofirraa dhiibuun barbaachisaa miti.
Gootummaafi loltummaa Oromoo addunyaarratti kan agarsiise lola Adwaati jedhamees fudhatamuu danda’a. Sadarkaa addunyaatti lola Adwaa dura lola Oromoon gaggeesse hinjiru. Lolli Oromoon yeroo jalqabaatiif sadarkaa addunyaarratti kan itti waraanuun injifate Adwaarratti. Itoophiyaa keessatti ummata Oromoo adda baasee addunyaarratti kan beeksises loluma kana jechuudha. Kanaaf Oromoon marti injifannoo Adwaatiif kabaja guddaa qabaachuu qabna.
Bariisaa: Hojiin gama mootummaatiin ummatichi injifannoo Adwaa akka fudhatuuf hojjetame maal fakkaata?
Obbo Sintaayyoo: Dhuguma dubbachuuf ummati Oromoo injifannoo kana akka fudhatuuf hojjetamaa jiru daran laafaadha. Sochiin hayyootaas badaa hawataa hinturre. Qorannoon gama kanaan taasise hinjiru. Ta’us Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa yeroowwan addaddaatti sochii taasisaa tureera. Ittigaafatamummaan biirichaa garuu caalaatti hayyoota seenaa qoratan jajjabeessuu, inistitiyushinnii qorannoo adeemsisan hundeessuudhaan deggarsa gochuu fa’i.
Gama kanaan qorannoowwan addaddaa namoota hedduun gaggeeffamaa turaniif karaa biirichaa haalli mijeeffamaafii ture. Waggoota 15 oliif hayyoota hedduuf deggarsi taasifamaa turuu quban qaba. Namoonni digrii 2fafi 3fa baratanillee qorannoosaanii seenaa injifannoo Adwaarratti akka xiyyeeffatan jajjabeessaa turuu keenya nan yaadadha.
Keessumaa waraqaan qorannoo hayyootaa, “Oromoofi Maacoo jedhamee otoo hinta’iin, gootota Oromootiin walqabatee akka barreeffamu dhiibbaa gochaa turre. Kanarraa kan ka’e waajjiraalee aadaafi turizimii godinaaleefi aanaalee Oromiyaa keessatti seenaan qabsaa’ota Oromoo hedduun akka barreeffaman ta’eera. Kunis maqaa ulfinaasaaniif yaadamee osoo hintaane Oromummaasaaniitiin seenaa qabsoo keessatti bu’uura guddaa buusuusaanii mul’isuufi.
Hanqinni akka mootummaatti mul’achaa tureefi jiru yoo jiraate, sadarkaa olirraa kaasee hanga gadiitti bu’aa qorannoowwan addaddaa adeemsifamaa turanii walitti qabuudhaan akka madda seenaatti akka tajaajilu gochuu dadhabuudha. Kunis hojii ijoo waan ta’eef irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.
Bariisaa: Qorannoon adeemsisaa turtan maalirratti kan xiyyeeffate ture, bu’aan argame hangami?
Obbo Sintaayyoo: Ani, gamakootiin wayitan barnoota seenaatiin digrii lammaffaa eebbifamu ‘lammiilee Itoophiyaa kaabaarraa gara lixaatti godaananirrattin’ hojjedhe. Lammiileen biyyattii gara kaabaa (Gondar, Gojjam, Tigraayiifi Walloo) irraa buna funaanuuf gara Itoophiyaa lixaafi kibbaatti godaanu. Kunis jijjiirama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaarratti dhiibbaa akkamii akka dhaqqabsiiserratti qorannoo gadi fageenyna qabu adeemsiseera.
Keessumaa ammoo misooma bunaa dabaluu keessattis faayidaa maalii akka argamsiise xiinxalaan akka dhiyaatu taasiseera. Akkasumas hariiroo hawaasa Itoophiyaa kaabaa kan lixaafi kibbaa waliin cimsuu keessattis garaagarummaa akkamii akka mul’ise qabatamaatti akka sakatta’amu godhameera.
Caalaatti xiyyeeffannoo olaanaadhaan kanan irratti hojjechaa ture dhimmoota aadaa Oromoorratti. Keessumaa misooma aadaa, afaanii, seenaafi hambaalee Oromoorratti hedduu hojjedheera jedheen amana. Kanneen keessaa Sirni Gadaa Oromoo hambaa kiliyaa ta’ee akka yuneskoodhaan galmeeffamuuf qooda guddaa bahadheera. Kanaanis, yeroo sanatti faayila ykn sanada Sirni Gadaa ittiin galmeeffame hayyoota sadii taanee hojjechuun akka dhiyaatu goone.
Wayita hayyootni seenaa addunyaa Finfinneerraa ka’anii Odaa Bultum daaw’achuuf deemanitti ani ammoo dugda konkolaataa Ayisuzuutti fe’ameen achi gahee deebi’eera. Kunis quuqaman eenyummaa koof qaburraa kan maddeedha malee maallaqni naa kennamee miti. Har’a garuu hojii guddaa sana hojjedhus dagatameera.
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaas yeroo sana maaltu akka hojjetame beeka malee eenyutu maal akka hojjete gonkumaa hinbeeku. Hayyoota akka koo namni abbaa kanaa jedhee iyyaafatu tokkollee hinjiru. Ummati nuyi tajaajillaa turre garuu ni beeka waan ta’eef nu iyyaafachaa jira.
Muuxannoo qabnurraa kaanee yoo ilaallu kan leellifamu, jajamuufi badhaafamu namootuma sirban qofa. Maaliif kun isaaniif ta’e jechuukoo osoo hintaane hayyootni seenaas ummatichaaf waan gaarii hojjechaa turaniif irraanfatamuu hinqaban jechuuf malee.
Akkuma waliigalaattuu mootummaan keenya namoota qabatamaatti ummatichaaf faayidaa olaanaa kennaa turaniif beekamtii kennuurratti hanqinni guddaan jiraachuu hubatee akka fooyya’u yoo taasise gaariidhan jedha.
Bariisaa: Dabalataan qorannoo keessaniin waanti isin hojjettan maali?
Obbo Sintaayyoo: Dabalataan Dirree Shek Huseen, Soof Umar, Gaarreen Biyyaalessaa Baaleefi Malkaa Qunxurreefaa tarreeffama galmee yuneskoo (tentative list of UNNESCO) keessa galchuuf gahee bakka bu’ummaa hinqabne bahadheera. Misooma Ardaalee Jiilaa, Madda Walaabuu, Odaa Bultum, Odaa Nabee, siidaa Calanqoofi Aanoleefaa godinaalee Oromiyaa addaddaatti hojjetamanis qorannoo isaaniirraa kaasee anuma nama dagatame kanatu hojjechaa ture. Yeroo sanas gaggeessummaarran ture waan ta’eef.
Gama biraan ammoo ayikanii Oromoo Finfinnee keessatti argaman Giddugala Aadaa Oromoo dabalatee qorannoosaa jalqabsiisuurraa kaasee hanga ijaaramee dhumuutti anatu gaggeessaa ture. Kana ammoo afaan guuteen dubbadha. Hojii kana ammoo mootummaan Oromiyaa yaa irraanfatu malee ummati keenya bareechee ni beeka.
Bariisaa: Hojiilee hanga ammaatti hojjechaa turtan keessaa kan itti raajeffattan jiraa?
Obbo Sintaayyoo: Attam gaaffii qaba, kun? Seenaafi aadaa qorachuun afumasaattuu yeroo hundumaa nama raajeffachiisa. Hundarra garuu kan qalbii koo booji’ee hafe waa’ee Madda Walaabuuti. ALA bara 1996tti pirojektii misoomaa tokko xiiqiitiin akka hojjechiisnu dirqamne. Maddi Walaabuu seenaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Maddi bishaanii achi jiru kan nama ajaa’ibsiisudha.
Oromoon hedduun maqaa, ‘Madda Walaabuu’ jedhu beeka malee maal akka ta’e hinbeeku. Anumtuu hangan gaafa qorannoo gaggeessuutti homaa hinbeeku ture. Yeroo jalqabaaf qorannoon hojjedhes achirratti ture. Bakki Madda Walaabuu jedhamuun waamamu sun qabeenya uumamaatiin hedduu miidhagduu waan taateef ija Sumaalee keessa buutee turte. Ani garuu dhimmi babal’ifannaa daangaatiin walqabatee Maddi Walaabuu harka Oromoorraa bahuuf akka deemtu dursee waanan hubadheef qorannoo adeemsisuun pirojektiin misoomaa tokko akka bocamu taasise.
Madda Walaabuurraa Somaaleen kiiloo meetra torba qofa fagaattee argamti. Lafa gabbataa sana qabatan jechuun ammoo seenaa Oromoo akka salphisuutti kan fudhatamuudha. Iddoo sanatti ammoo pirojektiin tokko akka bocamu kan taasifame waan ta’eef, fedhiin Somaalee daangaa lafaa babal’ifachuuf horatan akka fashalaa’u taasisuu danda’e. Kun egaa tarsiimoo guddaa ture. Hojii kana ammoo magaala keessatti siree gaariirra ciisnee bashannanaa hojjetne osoo hintaane achumatti dunkaana buufannee milkeessuu dandeenye. Kun ammoo hanga har’aattuu Maddi Walaabuun salphinarraa oolee iddoo seenaa Oromoo ta’ee akka tajaajilu gooneerra.
Suphaa masaraa Dajjaasmaach Kumsaa Morodaa jalqabaa hanga dhumaatti anatu hojjetee hojjechiise. Jimmatti kan argamu masaraa Abbaa Jifaaris gidduutti yaa dhaabbatu malee qorannoosaa anatu hojjechiise. Kontiraaktaroota hojjechuu hindandeenyeef kennanii hojiinsaa akka addaan citu taasisan malee jalqabbiinsaa gaarii ture. Ammas taanaan mootummaan itti deemuu qaba.
Kitaabilee seenaa Oromoorratti xiyyeeffatanii maxxansiifaman hedduu keessatti hirmaadheera. Asiratti keessumaa waa’ee seenaa Oromoota Wanbaraa-ummata Oromoo wayita ammaa Matakkaliifi naannawaashee jiraatan barreessee maxxansiisuuf gaheenkoo guddaa ture. Maqaankoo garuu kitaabicharratti akka eeramu hingodhamne. Kun ammoo hedduu na dallansiiseera. Ummata Oromoof hojjechuurraa garuu duubatti na deebisee hinbeeku.
Wayitan gaggeessaa jechuun hogganaa ittaanaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa ta’uun hojjechaa turetti kitaabileen afaanii gara 12 ta’an akka maxxanfaman godheera. Kanneen mara tarreessuun koo jaalalaafi quuqama addaa ummata koof qabu agarsiisuudhaaf jedheen. Dhalootni har’aa kanarraa barachuutu isaanirraa eeggama.
Bariisaa: Seenaan injifannoo Adwaa kitaabilee seenaa keessatti haala kamiin barreeffame?
Obbo Sintaayyoo: Seenaan injifannoo Adwaa kitaabilee seenaafi afaanii keessatti akka barreeffamu taasifameera. Fakkeenyaaf, sadarkaan gootummaafi loltummaa gootota Oromoo durii afoola, mammaaksaafi geerarsaan qindaa’ee akka dhiyaatu taasisnee jirra. Keessumaa ammoo gahee Oromoon biyyattii ijaaruuf bahachaa ture saba kamirrayyuu olaanaa ta’uusaa akka barreeffamu godhameera. Bu’uurumarraa biyya Itoophiyaa kana kan ijaare Oromoodha. Hanga har’aatti garuu hundee biyya kanaa ta’uu keenya ofitti fudhachuu dadhabnee tirachaa har’a geenye.
Bariisaa: Dhalootni har’aafi borii seenaa injifannoo Adwaarraa maal barachuu qaba jettu?
Obbo Sintaayyoo: Itoophiyaa keessatti seenaa durii leellisuufi baannachuun amma amma aadeffamaa dhufeera. Isuma duriitiin dhaadachaa ooluufi buluun ammayyuu ni jira. Seenaadhaan boonuun gaarii ta’ee, achirra dhaabbatanii hafuun garuu boodatti hafummaa Itoophiyaadhaaf bu’uura guddaadha jedheen yaada.
Asirratti muuxannoo biyyoota addaddaa eeruun kan danda’amu yoo ta’u, fakkeenyaaf kan Veetnaam yoo fudhanne gaariidha. Biyyootan ilaale keessaa yeroo hundumaa Itoophiyaa waliin faallaa ta’uusheen hubadhe. Veetnaam sirna kolonii ofirraa balleessuudhaaf lola taasifte keessatti aarsaa guddaa kaffaluutiin ofirraa injifachuu dandeesseetti. Ummatnishii bara 1954 irraa jalqabee gita bittoota Faransaayiifi Ameerikaarratti lola banuudhaan ofirraa qolachuu danda’aniiru.
Lola sana keessatti ummati Veetnaam baay’ee dararameera. Kaffaltii lubbuu qofa osoo hinta’iin qabeenya uumamaa isaanii hedduu barbadeessaniiru. Waggoota saddeet booda garuu ofirraa qolachuun injifannoo boonsaa gonfachuu danda’anii ture. Akkuma injifannoosaanii gonfataniin garuu achumarraa kan dhaabbatan osoo hintaane fuulasaanii gara misoomaatti naanneffachuu danda’aniiru. Balaan waggoota saddeetiifi sagal keessatti dhaqqabee ture guddaa ta’uyyuu kutannootiin waan hojjetaniif zeeroorraa ka’anii waggoota soddoma keessatti jijjiirama guddaa galmeessisuu danda’an. Har’a kana Veetnaam guddina dinagdeeshee haalaan fooyyeffachuu dandeesseetti.
Egaa akkamitti achi gahanii jennee wayita gaafannu injifannoo Faransaayiifi Ameerikaa leellisaa hinoolle isaan. Jagnummaa isaanii faarfachuutiin of boonsaa hinoolle. Isaan jagnummaa qaban kallattiidhaan misoomatti jijjiiruu waan danda’aniif waggoota muraasa keessatti guddina dinagdeesaanii fooyyeffatan. Ummati Veetnam ganama yoggaa ka’an hundinuu gara misoomaatti kaata malee mana bunaafi suusii addaddaatti kan walitti qabamu hinjiru. Guyyaa guutuu magaalaa keessatti nama arguun baay’ee muraasadha, naggaaddotarraa kan hafe. Galgala sa’aatii 12rratti wayita galan dafqanii dadhabaa isaaniitu mana jireenyaasaaniitti deebi’a. Kun egaa jagnummaa diinarratti argatan misoomatti jijjiiruu isaaniiti jechuudha.
Kana jechuun guyyaan injifannoo itti gonfatan hin yaadatan jechuu osoo hintaane fuulasaanii guutummaatti gara misoomaatti jijjiirrachuu danda’uusaanii akka beekamuuf yaadeetanidha. Xiyyeeffannoon isaanii guddaan miira jagnummaa dirree waraanaarratti argatan ijaarsa biyyaafi misooma dinagdeetti jijjiiran. Itoophiyaan kan dhabde yoo jiraate miira gootummaa akkasiiti. Kunimmoo hanga har’aattuu waliigalteen biyyaalessaa akka hin uumamne godheera.
Bariisaa: Waliigaltee biyyaalessaa uumuun maaliif dadhabame jettu?
Obbo Sintaayyoo: Waliigalteen biyyaalessaa dhabamee mitiim bar! Haala itti gaggeessitootni biyyattii turan waliigaltee biyyaleessaa fiduuf deemaa turantu danqaa ta’aa ture waan ta’eefidha. Sabootaafi sablammootni biyyattii waanirratti waliigaltee uumantu dhabame osoo hintaane adeemsa itti biyyattii ijaaruu barbaadantu gufuu guddaa ta’ee jira waan ta’eef.
Fakkeenyaaf, Hayilasillaaseen bulchiinsi mootummaasaa akkawaan waaqarraa kennameefiitti fudhachuun aangoon kan mootummaa giddugaleessaa qofa ta’uusaa labsee ture. Kunis sirna Monaarkii ijaaruuf yaalee ture. Kanarraa kan ka’e waliigaltee biyyaalessaa uumuu hindandeenye. Sirni Dargiis Wazaaddarii, soshaalizimiifi koministii jedhee waliigaltee biyyaalessaa fiduuf yaalee ture. Innis hinmilkoofne.
Mallas Zeenaawwiinis akkuma mootota darbani hidha haaromsaa jedhee moggaasuyyuu ammas waliigaltee biyyaalessaa fiduun hindanda’amne. Ammas haalli itti deemamaa jiru kun qabatamaatti gaarii waan hintaaneef, dhahannaa laphee sabootaafi sablammootaa dhaggeeffachuun murteessaadha jedheen amana.
Kana gochuu baannaan oduudhuma odeessuurraa kan hafe waliigaltee biyyaalessaa uumuun rakkisaa ta’uunsaa waan hafu miti. Tarii, seenaa injifannoo Adwaarratti karaa dhugaa ta’een hojjetamnaan salphumatti waliigaltee biyyaalessaa fiduun ni danda’ama. Injifannoo seenaa walsaamuufi wal ukkaamsuun kan ittifufu taanaan garuu yoomillee milkaa’uun kan hindanda’amne ta’uusaa hubatamuu qaba.
4 Comments to ““Injifannoon Adwaa ummata Oromootiif iddoo guddaa qaba” – Obbo Sintaayyoo Tolaa”