Injifannoon Adwaa Harariitti dorgommii ispoortiitiin kabajamaa jira

Charinnat Hundeessaatiin

Ayyaanni injifannoo Adwaa 125fan Naannoo Harariitti dorgommiiwwan ispoortii adda addaatiin kabajamaa jira.

Dorgommii ispoortii ayyaanicha sababeeffachuun qophaa’e dheengaddaa oggaa eegalamu kan argaman Hogganaan Biiroo Aadaa, Hambaafi Turizimii Naannichaa Obbo Diinii Ramadaan ayyaanni Injifannoo Adwaa 125fan sadarkaa biyyaatti qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira jedhan.

Oggaa injifannoo Adwaa kabajnuufi yaadannu tokkummaa keenya cimsuudhaan dhaloota dhufuuf miira ni danda’amaafi mo’attummaa dhaalchisuu qabna jedhan.

Ummatoonni biyyattii hundi humna weerartuu Xaaliyaaniirratti tokkummaadhaan duuluun injifannoo cululuqaa galmeessisan yaadachuudhaan dhaloonni ammaa tokkummaafi misooma biyyaarratti cimee hojjechuu qaba jedhan.

Maatiin ispoortii hundi Injifannoon Adwaa kansaa ta’uu hubachuun dorgommiiwwan ispoortii adda addaarratti argama kan jedhan hoggantichi, Injifannoon Adwaa mirkaneessituu tokkummaa saboonniifi sablammoonni biyyattiitti argaman hundi wajjummaan aarsaa ittikanfalan ta’uu dubbataniiru.

Tapha kubbaa miilaa hogantoota olaanaafi hawaasa daldlaa naannichaa jidduutti geggeeffameen morkattoonni qabxii walqixa 1-1 waan galmeessisaniif rukuttaa penaalitiitiin gareen hoggantootaa 5-3n hawaasa daldalaa mo’atee badhaasa meedaaliyaafi waancaa argateera.

Dorgommii fiigichaafi harkisa wadarootiin adeemsifameen mo’attootaaf badhaasiwwan jajjabeessituufi meedaaliyaa keessummaa kabajaa guyyichaatiin kennameeraaf.

Dorgommii istaadiyemii Imaam Ahmaditti adeemsifamerratti qondaaltonni olaanaan naannichaa, dargaggoonni, barattoonniifi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamuusaanii Biiroon Kominikeeshinii Naannichaa gabaaseera.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

6 Comments to “Injifannoon Adwaa Harariitti dorgommii ispoortiitiin kabajamaa jira”

  1. Pingback: navigate here
  2. Pingback: sex bao dam
  3. Pingback: Buy Guns Online
  4. Pingback: car detailing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *