Waasihun Takileetiin
“Lafti abdatan sanyii namni abdatan nama nyaata” akkuma jedhamu sirni Itoopiyaa keessatti dhufee darbe kamuu qolettii galaa bobaatti siyaasa balaa baatee abdii sobaan lammiilee burjaajessuun umrii aangoosaa dheereffatee lammiilee qorqaa, galaafataa tureera.
Cunqursaa sirni gabroomfataa Moototaa ilmaan sabaaf sablammiilee Itoophiyaarratti raawwataa ture daran suukanneessaafi hadhaahaa ta’uusaan jaarmayaaleen qabsoo siyaasaa hedduu sirnicha hundeedhaa diiguun bilisumma sabootaa labsuuf yaalii gara garaa taasisaa turaniiru.
Sirni moototaa fincila diddaa sabootaafi sablammootaa dhaadannoo “lafti qotee bulaaf” jedhuun akkuma diigameen dargiin aangoo qabatus raacitii moototaa of keessaa dhiqee baasuu dhabuusaan cunqursaa sabummaa hammeessaa tureera.
Cunqursaa sirnoonni moototaas ta’ee mootummaa abbaa irree dargii ilmaan sabaaf sablammiileerratti raawwataa ture qorqalbii sabootaa jaamsuurra darbee eenyummaan sabootaa olaantummaa saba tokkoo jalatti akka kufu taasiseera.
Isa kanaafis jaarraa tokkoofi walakkaa oliif walqixxummaan, eenyummaanfi mirgi ofiin of bulchuu biddeena abjuu ta’aa tureera.
Haalichi daran hadhaahaa ta’aa deemuusaan jaarmayaaleen qabsoo hidhannoo gaggeessan akka of ijaaran sababa ta’eera. Jaarmayaalee qabsoo walabummaa sabummaaf taasisaa turan keessaa ABO, ABUT, ABUE, ABUO, ABUS maqaa dha’uun ni danda’ama.
Qabsoo fincila diddaa hidhannoon deeggarame kanaan murni abbaa irree Darii hurraa’uun jaalleewwan qabsoo bilisummaaf hiriiran barcuma qabataniiru.
Farda ka’umsa beeku akkuma jedhamu kaleessa bilisummaa sabootaaf dhimmamaan jira jedhee akkuma jaalleewwan biroo gammoojjii Deddabiit keessatti bara 1967 qabsoo hidhannoo kan eegale ABUT , akkuma ulee bulchiinsaa of harka galcheen jaalleewwan bilisummaaf duulaa turan hedduu ganuun ajjeechaa suukanneessaa raawwateera.
Keessumattuu, mootummaa ce’umsaa hundeessuuf sochii taasifamaa ture keessatti gantummaa murni ABUT kun raawwateen ABO dabalatee qabsaa’onni ilmaan cunqurfamoo ajjeefaman kumaatamadha.
Murni kun qabsaaota bilisummaa ilaalcha walfakkaataa qabanii fi isa waliin qabsoo hidhannoof dhaabatan shiraan sakaalee dhabamsiisuurra darbee obboleeyyan ona tokko keessatti dhalataniifillee osoo hin hiliin kaan ajjeesanii kaan biyyaa baasanii aangoo dhiiga ilmaan sabaafi sablammiin dhufe ofii hirphatanii bifa cunqursaa geeddaruun hiraarsaa sirna godhatanii turan.
Munri ABUT waggoota 27f biyyattii bulche kun maqaa federaalizmii sabdaneessaan barcuma qabatus hanna saamicha fi sarbama mirgaa qaqqabsiisuun olaantummaasaa cimsee ijaaruun ilaalcha sirna moototaa iirraa karaa gargar hinbaaneen mootii waaqni muudu waaqni shaaru godhanii of ilaalaa turaniiru.
Warreen faallaa ilaalcha sirnichaa qabu jedhamanii shakkaman foolii fuudhamanii kumaatamni biyyaa bahaniiru,kumaatamni miilla Bakar waaree ta’aniiru kaan mana hidhaa keessatti hiraarfamaa qaamnisaanii hir’atee namummaa keessaa bahaniiru.
Hiriyyaan garaa walhinbeekne laga ce’u marattuu walkaksiisa akkuma jedhamu ABUT shira xaxuun milkaainaafi fudhatamummaansaa gadi bu’aa dhufnaan jaalleewwan sagal jijjiiruu,humna waraanaan of ijaaruu ajjeechaa gara jabummaa saamichaafi hanna ofittummaa hojiisaa godhatee ture.
Diddaan qeerroo Oromoo kallattii afraniin finiinaa ijaaramaa cimaa deemuusaan falli bitaa kan itti ale ABUT, rasaasaan deebii laachuuf yaalus fincilichi warreen rafan dammaksuun murni hattuu kun akka saree bataskaana seentee salpina guddaan masaraa Araat Kiiloo keessaa ari’atameera.
Mootummaan haaromsaa bu’aa dhiiga qeerroofi qarree ilmaan Oromoo akkasumas bu’aa qabsoo jaalleewwan fincila diddaa dur gaggeessaa turanii kun aangootti dhufuu danda’eera.
Mootummaan haaromsaa Doktar Abiyyii Ahmadiin hogganamus “dhiifamaan ceenee walqixxummaa sabootaas mirkaneessina” ejjennoo jedhuun sochii hawaasa hunda hirmaachise jalqabus iftoomina waan hinqabneef deeggarsa isaan uummata bal’aarraa argatan gadi bu’aa ture.
Sirni hattuu faaydaansaa jalaa tuqameefi walqixxummaatti hin amanne ABUT dhiifamaan akka ce’uuf waamicha mootummaa haaromsaarraa dhiyaatuufis diddaa agarsiiseen rakkoo nageenyaa biyyattiif sababa ta’aa turaniiru.
lammiileen qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’an,kan ajjeefaman,hayyota qaaleyyii biyyattii dhabamsiisuun rakkoo nageenyaa akka hammaatu taasisaa turaniiru.
Dimma kana wajjin walqabatee walitti bu’iinsi amantaa,sabaafi garaagarummaa siyaasaan muudateen lammiileen nagaa dhuman kumaatamadha.
Maqaa federaalizmiin sabaaf sablammiilee saamaa, filannoon haqa qabeessaa akka hin gaggeeffamne humna qawween biyya hiraarsaa waggoota 27f daranyoo dawaa dhabe ta’uun lammiilee qorqaa turaniiru.
ABUT walqixxummaaf lolee federaalizmii sabdaneessaa lafan qabsiisa jedhee aangootti olba’us, jaldeessa qarmii lixe ta’uun irraa kaasee hanga jalaatti caasaalee hannaa diriirsuun afaan qawween biyya bulchuuf yaalii taasiseen imalasaa ganamaa walqixxummaaf karoorsee ka’e kan hannaa taasisuusaatiin diddaa isa mudateen hurraaheera.
Walumaa galatti, Guraandhalli 11 ilmaan Tigraay walqixxummaaf aarsaafi wareegama kaffalaniif yaadannoo waggaa 46fa mukukkulli diddaa itti qabsiifame ta’ee yoo faarfamu, warreen imala jaarmayichaa daandii hannaatti geeddaraniifimmoo miira gantummaa biyyaa agarsiisaniin waggaa itti abaaramaniidha.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
4 Comments to “Imala walqixxummaaf ka’ee daandii hannaafi gantuu ta’e”