Takkaalliny Gabayyootiin
Biyya Itoophiyaa kana keessatti ummatni Oromoo, ummata bal’aa, obsaafi hunda hammataa akka ta’e Addunyaatu dhugaa baha.
Itoophiyaa gama ijaaruutiin kan har’aan geessises ummatuma kana. Seenaa qabsoo hedduu darbe keessattis lafeesaa itti cabsuutiin dhiigasaa itti dhangaasaa boca ammaan kana qabattee jirturra kan dhaqqabsiise gootota Oromoo kumaatamaan lakkaa’amanidha.
Wayita goototni Oromoo ka’an ammoo kan isaan waliin yaadataman seenaa fardeen Oromooti.
Daariktarri Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Hoolotaa Doktar Kafanaa Ifaa hayyoota seenaa fardeen Oromoorratti qorannoo adeemsisaa turan yoo ta’u, gahee fardeen Oromoo seenaa qabsoo biyyattii keessatti taphachaa turan ilaalchisee Gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniiru.
Biyyattiin horiiwwan gaanfaafi kottee duudaa hedduu kan qabdu yoo taatu, isaan keessaa ammoo fardeen seenaa qabsootiin walqabatee haala adda ta’een kan ilaalaman ta’uu dubbatu.
Keessumaa ammoo fardeen Oromoo kanneen biroorraa garaagarummaan isaanii maalirratti? Horteen isaanii godinaalee Oromiyaa kam keessatti akka heddummaatan ykn xiqqaatan ALA bara 2008 irraa kaasee hanga 2012tti qorannoo adeemsisaa turuusaanii ibsu. Qorannoo kana adeemsisuuf waggoota saddeet nutti fudhateera jedhu.
Haala kanaan waliigalaan fardeen biyyattii keessa jiran gosoota saddeet ta’uusaanii hubachuun danda’ameera. Kanneen keessaa baay’inaan kan beekaman fardeen naannoo Oromiyaa keessa jiran yoo ta’u, keessumaa fardeen dirree qabsoorratti, sirna cidhaarrattiifi sirna kabaja ayyaana aadaarratti gahee guddaa qaban jedhamuun qoodamuu danda’u jedhu.
Waliigalaan garuu sanyiin fardeen saddeet ta’an kutaalee biyyattii addaddaa keessa kan jiran ta’uusaa argannoo qorannoosaanii wabeeffachuun ibsu.
Qorannichi kan adeemsifame akka guutuu biyyattiitti ta’uu kan dubbatan Doktar Kafanaan, hundarra garuu godinaalee Oromiyaarratti kan xiyyeeffateedha. Wanti guddaan qorannichi akka adeemsifamuuf ka’umsa ta’e maali?
Akka ibsasaaniitti, fardeen seenaa Itoophiyaa keessatti gahee bakka bu’iinsa hinqabne bahachuu isaaniiti. Lafa fagoo konkolaataan gahuu hindandeenyetti meeshaalee addaddaa fe’uutiin hawaasa bal’aa tajaajiluurra darbee duudhaa waliin jireenya ummataa keessatti iddoo guddaa qabu. Kunis jiruufi jireenya hawaasaa keessatti namni farda qabu kabajaafi beekamtii guddaa qabaata jedhu.
Kana malees fardi baay’inaan kan beekamu yeroo waraanaati. Yeroo waraanni garagaraa adeemsifamaa turetti fardeen Oromoo hirmaachuutiin seenaa boonsaa galmeessisaniiru. Waraanni guddaan sadarkaa biyyattiitti Atse Libna Dingiliifi Ahmad Giraanyi gidduutti bakka Shumburaa Kureetti adeemsifame akka fakkeenyaatti kaasuun kan danda’amu ta’uu dubbatu.
Waraanni kunis bara 1520 hanga 1543tti jechuun waggoota soddomaaf kan adeemsifame yoo ta’u, yerichattis hirmaannaa fardeen Oromoo olaanaa ture jedhu. Egaa walfalmiin guddaan adeemsifamaa ture naannoo Oromiyaa bakka yeroo sana Shumburaa Kuree(har’a Tulluu Zuqaalaafi Mojoo gidduutti kan argamu) jedhamuttidha.
Ahmad Giraanyi yeroo sanatti gara fardeen kuma 16 siqanitti dhimma bahuun Atse Libna Dingil lolaa turuusaa dubbatu. Kanarraa kan ka’e Atse Libna Dingil mo’amuutiin gara kaabaatti baqachuusaa galmee seenaatiin kan yaadatamu ta’uu eeru.
Kana malees fardeen seenaa Itoophiyaa keessatti gahee guddaa kan bahatan lola Adwaarratti ture kan jedhan Doktar Kafanaan, keessattuu fardeen Oromoodhaa loltoota Xaaliyaanii meeshaalee ammayyaa’aa qabatanii dhufan addadurummaatiin hirmaachuu danda’aniiru.
Kanarraa kan ka’e faashistoota Xaaliyaan biyyattii koloneeffachuuf dhufan ciminaafi gootummaa qabaniin ofirraa qolataniiru jechuun yaadatu. Kunimmoo seenaa biyya kanaa keessatti gaheen fardeen Oromoo qaban guddaa ta’uusaafi injifannoon galmeessisaa turan ammoo dhaloota har’aafi boriif barumsa guddaa kan kennu ta’uusaati.
Waraanaa Adwaarratti adeemsifamerrattis gaggeessitootni Xaaliyaan mataansaanii kan ragaa bahan yoo ta’u, kana ammoo hawaasa idil-addunyaatu ragaa bahaa ture. har’as boris seenaatiin kan yaadatamudha jedhu.
Fakkeenyaaf, Xaaliyaanotni waraana Adwaarratti haalaan kan isaan rakkisaa ture gootota Oromoo kanneen akka Baalchaa Saafoo, Fiitawuraarii Qusee Dinagdeefi Habtegoorgis Diinagdee, Gaboo Gurmuu, Alulaa Abbaa Naggaa, Raas Walee Marsoo, Adaal Tasammaa Goshuu, Raas Alii Mohaammad, Raas Makonnin Guddisaafi kanneen biroo hedduu ni eeramu jedhu.
Seenaa biyyattii keessatti goototni Oromoo hedduun dirree qabsoorratti wareegamuun aantummaafi jaalala qaban gochaan mul’isaa turaniiru jedhanii, Dajjaazmaachi Baalchaa Saafoo(Baalchaa Abbaa Nabsoo) fakkeenyaan kaasu. Baalchaa Abbaa Nabsoos maqaa masoo fardasaanii ta’uu dubbatu. Kunis adda durummaatiin dirree lolaarratti farda fayyadamaa turuu kan agarsiisu ta’uusaati. Xaaliyaanotnis lolicharratti mo’amuusaaniif goototaafi fardeen Oromoo akka sababaatti kaasuun kitaabilee seenaa addaddaarratti barreessaniiru.
Waliigalaan injifannoon Adwaa kan argame akka guutuu biyyattiittis ta’u loluutiin, gaggeessuufi injifachuutiin gaheen Oromoo olaanaa ta’uusaa hubatamuun irra jiraata. Kunimmoo jaarraa 16fa keessa osoo akka har’aa meeshaaleen waraanaa ammayyaa’aa hinjiraatiin fardeen lolarrattis ta’e waliin jireenya hawaasaa keessatti gahee guddaa qabaachuusaanii kan mul’isu ta’uusaati.
Gaaffii, “Fardeen Oromoo lola Adwaarratti hirmaatan hangam turan?” jedhuufis deebii kennaniiru. Kanaanis, “Baay’ina goototaafi fardeenii yeroo sana dirree lolaa sanarratti hirmaatan beekuudhaaf ulfaataadha. Sababiinsaa ammoo ragaaleen wayita sanatti qindeeffamanii kaa’aman walxaxaa waan tureefidha. Garuu ammoo lolli baay’inaan adeemsifamaa ture fardeeniin fayyadamuunidha. Meeshaalee waraanaa duriitiinis lolli lafoo adeemsifamaa akka ture beekuun barbaachisaadha.
Goototaafi fardeen Oromoo lolicharratti hirmaachuun injifannoo boonsaa galmeessisan yaadachuuf jecha Artisti Haacaaluu Hundeessaan bara 2011tti magaalaa Finfinneetti waltajjii qabsoo yaadannoo qopheessuu danda’eera jedhu. Goototni Oromoo waraana Adwaa gubbaarratti gahee hangamii qabaachaa akka turanillee yaadachuutiin yaadachiisuufi beeksisuu danda’eera.
Seenaa qabsoo Itoophiyaa keessatti injifannoo sabootaafi sablammootni biyyattii walta’insaan galmeessisan akkuma amalaa ta’ee waljalaa hatuufi ittiin ofmoggaasuutu tureera kan jedhan Doktar Kafanaan, kunimmoo hanga har’aattuu gahee ummata Oromoo xiqqeessaa tureera.
Artisti Haacaaluun ijaarsa biyya kanaa keessatti qoodni Oromoo guddaa ta’ee osoo jiruu maaliif akka xiqqaatee beekumsaafi dandeettii aartii qabutti fayyadamee sabootaafi sablammoota, akkasumas hawaasa idil-addunyaaf calaqqisiisuu, beeksisuufi yaadachiisuu danda’eeras jedhu. Kunimmoo yeroo kamirrayyuu caalaa Haacaaluun onnee ummata Oromoo bal’aa keessa baraan akka jiraatu isa taasiseera; dhalootni boriis aantummaasaa yaadachaa hafa jedhu.
Jaarraa 16fa keessa goototni Oromoo Shawaarraa kaasee hanga Walloofi Gondaritti fardeeniin lolaa turan jedhanii, kanaanis gootummaatiin diina sarbanii galuun aadaa Oromoo akka ta’e gochaan mul’isaa turan.
Gaaffii, “Dhalootni har’aafi borii injifannoo Adwaarraa maal barata?” jedhus gaafatamaniiru. Kanaafis deebii yoo kennan, “Egaa waanti guddaan beekamuu qabu tokko seenaan Itoophiyaa kan ijaarame lafee gootota Oromootiin ta’uusaati. Haalotni siyaasaafi ta’insotni addaddaa darbaniiru. Biyyi kun garuu dhaabbattee har’a geesseetti.”
“Eenyumti keenyayyuu biyya qabna jenna. Sinbirroonillee naannoftee naannoftee galgala manasheetti galti. Mannishii isheedhaaf biyyashee waan ta’eef. Kanaaf har’a aadaa, afaaniifi duudhaa garaagaraa qabaachuu dandeenya. Addaaddummaan aadaafi seenaa jiraachuu mala. Ilaalchi siyaasaa keenya garaagarummaa qabaachuus danda’a. Garuu waanti hunda keenyayyuu tokko nu taasisu biyya tokko waliin qabaachuu keenyadha.”
“Biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti Oromoon maal akkamitti qabsoo eegalee iddoo har’a jiru kana gahe kan agrasiisudha. Dhalootni ammaa kunis garaagarummaan keenya akkuma jirutti ta’ee, kana ammoo akka miidhaginaatti fudhannee seenaa akaakileefi abaabileen keenya dur hojjetan balleessuurra haaromsuufi ittifufsiisuun dirqama ta’ee mul’ata” jedhu.
Hundarra ammoo tokkummaa biyya kanaa eeguutiin dabareen gaggeessuu harka Oromootti dabarfamuushee beekuun murteessaadha. Kanaaf ta’insota addaddaa mudatan ilaallee itti qabamuutiin biyyattiin akka hindiigamneef kutannoodhaan hojjechuun barbaachisaa akka ta’e hubatamuutu irra jiraata.
Seenaadhumti biyya kanaa yoo ilaalamu kan akka Oromoodhaa ijaaree tiksee asiin gahe hinjiru. Seenaa dhugaa barreessanii olkaa’uurratti garuu mirga mo’ichaa walsaamuutu ture. Har’allee inuma callaqqisa. Rakkoo guddaan tokko tureyyuu galmee seenaarratti mirga walsaamuutiin ofumaan mirga gonfachuuf kaachuudha. Kunis garaagarummaa hawaasa keessa ture kan agarsiisu ta’uusaati.
Dimshaashumatti biyya Itoophiyaa kana dhiigasaa itti dhangalaasuufi lafeesaa itti caccabsuutiin kan asiin gahe ummata Oromoo ta’uusaa dhalootni har’aafi borii beekuun isaanirra jiraata. Gara fulduraattis taanaan egereen biyya kanaa harka Oromoo jiraachuusaa beekamuu qaba.
Haalli taa’umsa biyyattiis gama hawaasummaafi dinagdeetiin siyaasa biyyattiif akka tarsiimootti kan fayyadu ta’uun beekamuu qaba.
Kanaaf Itoophiyaa jechuun Oromiyaa jechuudha, Oromiyaa jechuun ammoo biyya kana jechuudha. Kun hubatamee tokkummaa keenya cimsachuutiin fulduratti deemuu danda’uu qabna jechuun dhaamu.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
5 Comments to “Gahee fardeen Oromoo seenaa qabsoo keessatti qaban”