Natsaannat Taaddasaatiin
Sirni Gadaa ibsituu eenyummaa, aadaa, duudhaa, tokkummaafi haala jiruufi jireenya Oromooti. Sirni Gadaa Oromoodhaan kan bocame beekumsa baratameefi qoratamee hindhumne kan qabu bu’uura Sirna Dimokiraasii addunyaati. Sirnichi qabeenya Oromoo kan biyyattii, ardiifi addunyaa ta’ee ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee waggaa afur ta’eera.
Guyyaa sirnichi hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’tti galmaa’e waggaa waggaan kabajamaa kan jiru yoo ta’u, barana yeroo afuraffaaf qopheessummaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, Bulchiinsa Godina Gujii Lixaafi Yunivarsitii Bulee Horaatiin dhiyeenya kana (Amajjii 1-2 bara 2013) yunivarsitichatti kabajameera.
Abbootiin Gadaa, haadholiin Siiqqee, hayyootni, hoggantoonni olaanaa mootummaa Federaalaafi naannoonnoo Oromiyaa waltajjicharratti kan argaman yoo ta’u, waraqaaleen qorannoo gara garaa Sirna Gadaarratti xiyyeeffatan hayyootaan dhiyaatanii hirmaattotaan marii bal’aan irratti adeemsifameera. Erga Sirni Gadaa ‘UNESCO’tti galmaa’ee as bu’aaleen galmaa’aniifi hojiileen gara fuulduraatti xiyyeeffannoo argachuu qaban waltajjicharratti ibsamaniiru.
Yunivarsitiin Bulee Horaa Sirna Gadaatiin hanga digrii sadaffaatti kennaa jiraachuun, naannoo Oromiyaatti barnootni Sirna Gadaa kutaa 1fa hanga 8fatti akka baratamu taasifamuun, qorannoofi qo’annoon sirnicharratti taasifamu cimee akka itti fufu ta’uufi xiyyeeffannaan sirnicha barsiisuufi beeksisuuf kenname bu’aalee gurguddoo galmaa’aniidha.
Guyyaa sirnichi ‘UNESCO’tti galmaa’e akka naannoo qofaatti utuu hintaane akka biyyaatti akka kabajamu taasisuun, barnootni Sirna Gadaa akka naannoo Oromiyaafi Yunivarsitii Bulee Horaa qofatti utuu hintaane sirna barnoota biyyattii keessa galee hundumtuu akka irraa baratu taasisuufi ardaaleen jilaa kanaan dura saamamaniifi fudhataman akka deebi’an taasisuun hojiilee gurguddoo xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaban ta’uun qabxiilee gurguddoo waltajjicharratti ka’an keessaa muraasa.
Gadaan sirna guddaa duudhaalee nageenyee, waldanda’uu, waljaalachuu, walkabajuu, moggaasaa, guddifachaa, siiqqee, kallachaa, bokkuu, irreechaafi bulchiinsa dimokiraatawaafi haqaa of keessatti hammateedha. Gadaan sirna beekumsa baratameefi qoratamee hindhumne of keessaa qabu waan ta’uusaatiin qabeenya addunyaa ta’uunbeekamtii argateera.
Barsiisaa Yunivarsitii Bulee Horaa Kaadhimamaa Doktaraa Nageessaa Mokonaa waraqaa qorannoo Sirni Gadaa cimee akka itti fufu taasisuufi rakkoolee mudatan irratti xiyyeeffatu dhiyeessaniiru.
Oromoon Sirna Gadaa hundeessee hojiitti utuu hingalin dura ummata Kuush waliin aadaa, duudhaa, siyaasa, amantiifi jiruufi jireenyasaa geggeeffachaa akka ture barreeffamoonniifi seenaan gara garaa ni ibsu.
Oromoon sababa jiruufi jireenyaatiin ummata bal’aa baha Afrikaa jiru Kuush irraa erga adda bahee gargar faca’uufi babal’achuu erga jalqabee kaasee Sirna Gadaa kan bu’uuresse ta’uu ragaaleen hayyoota, barreeffamootaafi seenaa adda addaarraa argaman ni ibsu.
Sirni Gadaa sirna dhaloonni adda addaa aangoo karaa nagaafi walkabajaan itti walirkaa fuudhuufi waliif dabarsuudha. Sirni kun sirna dhalootni ykn maatii tokko qofti qabatee deemu utuu hintaane sirna dhalootni adda addaa aangoo karaa nagaa, tasgabbii, jaalala, walkabajaan aangoo itti walirkaa fuudhaniidha.
Sirna Gadaa keessatti aangoon kan itti walitti kennamuufi walikaa fuudhamu wal waraanuu, wal falmuun, walballeessuufi wal ajjeesuudhaan utuu hintaane karaa dimokiraatawaa, dhugaa, haqaa, jaalalaafi waliigalteedhaani. Sirna Gadaa keessatti hundumtuu aangoo kan itti waliif dabarsuufi walikaafuudhu yeroosaa eeggateeti jedhu.
Dhaloonni kun qaama Sirna Gadaa keessaa tokko kan ta’e Irreecha dhaloota kabajuudha. Sirni Gadaa sadarkaalee adda addaa Dabballee, Qarree, Kuusaa, Raabaa, Doorii, Gadaa, Baatuu, Yuuba, Jaarsa Guduruu, Jaarsa Qulluu of keessaa qaba. Dhalootni akkaataa umuiisaaniitiin sirnicha keessatti hirmaatu. Sirni Gadaaumurii dheeraa kan lakkoofsise sirna Oromoodhaan bocamee ykn kalaqamee dhalootaa dhalootatti darbaa dhufeedha.
Sirna Gadaa yeroo ammaa Afrikaarra darbee addunyaadhaafillee sirna fakkeenya gaarii ykn qabeenya ta’eedha. Sirni Gadaa sirna dimokiraasii biyyootni Awurooppaafi Ameerkaa faarsan caalaa sirna filatamaa aangoon yeroosaa eegee jaalalaafi walkabajuun itti walikaa fuudhamuufi itti waliif dabarsaniidha jedhu.
Sirni Gadaa tokkummaa nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uunsaa hayyoota gara garaa kanneen akka Asmeroom Laggasaa, Doktar Taaddasaa Bariisoofaatiin ibsameera.
Sirni Gadaa sirna ittiin aangoo waliif kennaniifi walikaa fuudhan qofa osoo hintaane sirna hojiin abbootii Gadaa aangoo (baallii) of harkaa qaban gamaaggamuun hanqinoota, ciminootaafi dandeettiin isaanii gamaaggamamuun hanqinootasaanii akka guutaniifi ciminasaanii akka itti fufsiisan taasisuudha.
Qaamni sirna kana gamaaggamu qaama tokko (Abbootii Gadaa) qofaan kan gamaagamamu utuu hintaane gumii waliigalaa caasaa ummataa bakka adda addaa irraa walitti qabamaniin gamaagamama. Kanaafuu aangoo Olaanaa kan qabu gumii kanaadha.
Sirna Gadaa keessatti aangoon kan itti walikaa fuudhan waggaa saddeet saddeetiin yoo ta’u, gumiin kun waggaa afur afuriin hojii Abbootii Gadaa gamaaggama. Hayyootni, warri Gadaa kennanii Yuuba ta’an raawwii hojii Abbootii Gadaa seeraan qaama gamaaggamaniidha jedhu barsiisaan kun.
Gumichi hojiilee Abbaan Gadaa tokko waggoota saddeet keessatti raawwate gamaaggamuudhaan wantoota Abbaan Gadaa haaraan aangoo fudhatu sirreessuu qabu irratti kallattii ni kaa’a. Sirni Gadaa sirna haala waliinjireenya, dinagdee, siyaasa, duudhaafi aadaa Oromoo of keessatti qabateeykn hammatee geggeessu kun Booranaafi Gujii keessatti utuu addaan hincitin eegameefi kunuunfamee akka turuuf hojii guddaan raawwatamaa tureera.
Sirnoota darban keessa Sirni Gadaa baay’ee hacuucamaa, kabajaafi aangoo siyaasaa, hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaasaa dhabee ture. Bara 1991 as garuu Sirni Gadaa akka cimu, kabajaafi ulfina isaaf malu akka argatuufi ifaatti ba’uuf hojiilee hojiilee hedduun raawwatamaniiru jedhu.
Sirna Gadaa keessatti qaamni hojii amantaan waqabatu raawwatuufi Abbootiin Gadaa yeroo aangoo fdudhatanii gadooman qumbii nyaachisu Qaallicha (Spiritual Leader) jedhama. Sirni Gadaa Oromoon walittifiduun seenaa, dinagdee, siyaasaa, aadaa, eenyummaasaa akka cimsatu taasisuun keessatti gumaacha olaanaa taasisa. Kanaafuu dhalootni waa’ee Sirna Gadaa beekee irraa akka baratu taasisuun barbaachisaadha.
Sirni kun akka hinbanneefi duubatti akka hindeebineefis hojiilee hedduun Abbootii Gadaafi qaamolee mootummaatiin raawwatamaa jiru. Bara 1991 as hojiilee barnootaa, dinagdee, sinaasaa keessatti jechoota Gadaa faarsan fayyadamuufi mallattoolee Gadaa bakka bu’an kanneen akka Odaa bal’inaan itti fayyadamuufi dhalootni waa’ee Sirna Gadaa akka baratuuf hojiilee gurguddoon raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.
Sinrna Gadaa eeguufi kunuunsuuf akkasumas jilliifi sirnisaa seeraan akka geggeeffamu taasisuuf qaamni mootummaas deggersa barbaachisu taasisaa jiraachuu himanii, Abbootiin Gadaas rakkoolee nageenyaafi walitti bu’iinsa bakkeewwan gara garaatti mudatan furuun nagaa buusuufi biyyattii tasgabbeessuurratti hojii guddaa raawwachaa jiru.
Hayyootni Gara Garaa waa’ee Sirna Gadaa sadarkaa naannoo, biyyaa, ardiifi addunyaatti caalaatti akka beekamuufi kabajamuuf hojii qo’annoofi qorannoo gara garaa geggeessaa jiru. Biiroon Adaafi Turizimii Oromiyaafi MMinisteerri Aadaafi Tuurizimiis sirnicha guddisuu, beeksisuufi babal’isuu keessatti hojiilee hedduu raawwachaa jira. Bara 1991 as carraaqqii Sirna Gadaa eeguu, kunuunsuu, gabbisuufi jabeessuuf taasifamaa tureen bu’aalee gurguddoon galmaa’aniiru. Gama biraadhaan ammoo rakkooleen sadarkaa gara garaatti mul’atanis jiraachuu himu.
Sirni Gadaa garuu akka baroota jalqabaatti seerriifi aangoo isaatti fayyadamuun hojii hawaasummaafi dinagdee hojjechuun dhaloota ijaaraafi sirnasaa geggeessaa hinjiru. Sirni Gadaa jila irratti kabajamee wal biraa deebi’uu qofa ta’aa jira.
Bakkoota adda addaatti Abbootiin Gadaa yeroo jilli adeemsifamu eebbisanii galuu malee gad taa’anii dhalootni akka irraa baratu taasisuuf carraan uumame bal’aa miti. Sirni Gadaa aangoo guddaa waraanaafi dinagdeedhaan of danda’eefi kan of ijaare miti. Iddoowwan baay’eetti Sirni Gadaa kabajaaf malee ittiin bulamaafi dhalootni ittiin geggeeffamaa hinjiru.
Miseensotni Sirna Gadaa sadarkaalee gara garaa keessa jiranis barumsaafi leenjii barbaachisu fudhatanii hojii sirnicha keessatti isaan irraa eegamu bahachaa hinjiran. Sirni Gadaas kabaja, ulfina, humna ykn aangoo sodaatamummaa guddaa isaaf malu argatee hinjiru jedhu barsiisaan Nageessoon.
Hojiin Sirni Gadaa dhaloota akka ijaaru, hirmaachisuufi barsiisuu taasisuuf raawwatamaa jirus gahaa miti. Sirna Gadaa akka waan sirna Jaarsolii qofa ta’eetti ilaalunis ni mul’ata. Dhalootni amma jiru waa’ee Sirna Gadaa Abbootii Gadaarraa akka baratu taasisuun hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha.
Dhalootni haaraan amma jiru sababoota ammayyummaa, hojiifi haal jiruufi jireenyaa, siyaasaafi aadaa biraatiin butamuudhaan rakkoo keessa galee Gadaarraa fagaatee jiraachuu rakkoolee Sirana Gadaa guddisuu, dagaagsuu, babal’isuu, beeksisuufi barsiisuurratti mudachaa jiran ta’uu eeraniiru.
Sirna Gadaa sirna barnoota biyyattii keessa galchinee yoo hinbarsiifnu ta’e sirnichi Abbootii Gadaa qofa irratti hafa. Dhalootni har’aa waa’ee Sirna Gadaa hinbaratu yoo ta’e aadaafi duudhaa keenya balleessuudhaan rakkoo guddaa nutti fiduu danda’a.
Dhalootni ammaa baay’een aadaa isaanii dagataniiru, luba, baalliifi balbalasaanii hinbeekan. Kun ammo Sirna kana keessaa ba’uufi dagachuusaanii waan agarsiisuuf waa’ee Sirana gadaafi aadaasaanii akka baratan gochuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu qabuudha. Dhalootni kun Sirna Gadaatti akka deebi’uuf waa’ee sirnichaa karaa agarsiisa aadaafi miidiyaa, sirbaafi manneen barnootaa keessatti sirriitti barsiisuun barbaachisaa ta’uu himu.
Haalli jijjiirama qilleensaa, kunuunsa qabeenya uumamaa, bulchiinsa lafaan walqabatee ardaaleen Gadaa jilaa balaarra bu’uun Sirna Gadaarratti dhiibbaa guddaa uumnaa jiru. Bakki ardaalee jilaa saamamuufi dhabamuun sirnichi cimee akka itti hinfufne waan taasisuuf hojiileen jijjiirama haala qilleensaa, kunuunsa qabeenya uumamaa eeguufi bulchiinsa lafaan walqabantee ardaalee Gadaa jilaa badaniifi saamaman deebisiisuuf raawwatamaa ciran cimanii itti fufuu akka qabaniifi akkuma Sirni Gadaa sirna barnootaa keessatti hammatamaa jiru kana haala dinagdee, hawaasummaafi jiruuf jireenya ummataa keessatti hammatamuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Sirni Gadaa sirna barnootaa keessa galee gadifageenyaan yoo irratti hojjetamuubaate rakkoo cimaan sirnicharra ga’aa jiru kan hir’isuufi dhaloota sirnicha keessaa baheefi irraanfate gara sirnichaatti deebisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Dhaabbileen barnootaa yunivarsitiidha hanga dakaatti jiran, Biiroon Aadaafi Turizimiifi Ministeerri Aadaafi Turizimiifi mootummaan sirnichaafi dhaloota kana baraaruuf xiyyeeffannaa guddaadhaan irratti hojjechuu akka qaban barsiisaa Nageessoon yaadachiisaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
11 Comments to “Bu’aalee erga sirni Gadaa ‘UNESCO’tti galmaa’ee as galmaa’aniifi hanqinoota guutamuu qaban”