“Biyya sabootaafi sablammoota bittinneessitu osoo hintaane tokkoomsitu ijaarra” -Dargaggoo Akliluu Taaddasaa

Takkaalliny Gabayyootiin

Akka Ejensiin Istaatistiksii Giddugaleessaa raaga pirojekshinii ummataa bara 2012 adeemsisuun ibsetti, baay’ina ummataa Itoophiyaa waliigalaan miliyoona 110 gahe keessaa dhibbantaan 40 dargaggoota umriinsaanii 15 hanga 30 gidduu jiranidha. Kunis dargaggootni humna omishaafi abdii biyyattii ta’an hangam akka baay’ataniifi xiyyeeffannoon kennamuufii qabu kan mul’isu ta’uudha.

Misooma waliigalaa keessatti hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’us adeemsi siyaasaa biyyattii keessa ture garuu waggoota darbanitti humna omishaa kana ofirraa dhiibaa tureera. Kunimmoo yeroodhaa yerootti madda walitti bu’iinsaa ta’uun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafateera; qabeenyas mancaasuu danda’eera.

Wayita ammaa garuu mootummaan dargaggootarratti xiyyeeffatee hojjechaa waan jiruuf, hirmaannaan daraggootni adeemsa siyaasaa keessatti qaban dabaluurratti argama. Paartileen siyaasaas hirmaannaa isaanii malee socho’uu akka hindandeenye hubachuu danda’aniiru.

Pirezidaantii Ittaanaan Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaafi ittigaafatamaan waajjira liigichaa dargaggoo Akliluu Taaddasaa adeemsi siyaasaa kamuu dargaggoota hinhirmaachisne fuulduratti tarkaanfachuu akka hindandeenye dubbata.  

Ji’oota sadan durarraa kaasee Liigiin Dargagoota Paartii Badhaadhinaa rifoormii kan adeemsise yoo ta’u, keessumaa ergama dargaggootaafi fedhii biyyaalessaa haala walsimsiisuun danda’amurratti raawwachiistotni hojii liigichaa murteewwan addaddaa akka dabarsan ta’eera jedha.

Murteewwan dabarfamanis dhimmoota biyyaalessaarratti akkaataa itti dargaggootni beekumsarratti hundaa’uun misooma waliigalaafi ijaarsa sirna dimokraasii keessatti hirmaatan daandii dimokraatawaa akka saaqamu gochuu akka ta’e ibsa. Ajandaa paartii qofaarratti xiyyeeffachuun murteessaa waan hintaaneef, kana ce’uutiin gara dhimmoota waliigalaa biyyaalessaarratti xiyyeeffachuuf irra gahameeraa jedha.

Haa ta’u malee dargaggootni qaama hawaasa bal’aa ta’an hojjetanii akka geddaramaniif, ofiifi maatiisaanii hiyyummaa keessaa akka baasaniifi, akkasumas badhaadhina ummataafi biyyaa dhugoomsuuf dirqama lammummaa akka bahatan kan kakaasudha jechuudha. Darbees dhimmoota biyyaalessaarratti haala beekumsarratti hundaa’een yaada bilchaataa kan kennuufi wantota fooyya’uu qabanirratti osoo of hinqusatiin yaada ijaarsaa akka kennuuf kan jajjabeessu ta’uu kaasa.

Adeemsa duraanii keessatti rakkoo guddaan ture keessamaa dargaggootni dhimmoota biyyaalessaa keessatti haala barbaadaniin hirmaachuu dhabuudha. Kana bu’uurarraa furuuf waltajjii yaadni bilisaa irratti dhiyaachuun mari’atamuufi akka biyya ijaaruu danda’utti hojiitti hiikuun murteessaa ta’ee argamuusaa ni ibsa.

Akka dargagoon kun jedhutti, hunda caalaa waltajjii hayyootaafi dargaggoota walitti fiduu danda’u mata duree, “Daraggoota sababarratti hundaa’uun biyyaaf hojjetan” jedhu haala ittifufiinsa qabuun adeemsifamuurratti argama. Kunis ijaarsa biyyattii jalqabamee jiru kan bu’uureffate waan ta’eef, dhimmoota guguddoo ijaarsa biyyattiif gumaachanirratti mari’achuutiin irratti waliigaltee uumuuf gargaara.

Yaadotni waltajjii akkanaarratti dhiyaatan ammoo kanneen bilchaataa ta’aniifi egeree biyyattii murteessuuf bu’uura ta’an waan ta’eef, liigichi hatattamaan murtee akka kennuuf kan gargaarudha jedha. Haala kanaan dhimmi ajandaa filachuu kan adeemsifame yoo ta’u, hayyootni yunivarsiitii addaddaa irratti hirmaachuun gaheesaanii akka bahataniif ka’umsa ta’uu danda’uus ni kaasa.

Mata dureen waltajjichaas ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootaa maal fakkaachuu akka qaburratti kan dhiyaate ta’u kan himu Dargaggoo Akliluun waltajjicharratti hayyootni muuxannoo gahaa qaban argannoo qorannoosaanii fedhaan kan dhiyeessan waan ta’eef, keessumaa ijaarsa biyyattii eegalameef ka’umsa guddaadha jechuun ni danda’ama jedha.

Adeemsa siyaasaa yeroowwan darbanii keessatti ilaalchotni siyaasaa kallattii garagaraan akka hincalaqqisneef gufuu ta’aa turaniiru. Kunimmoo imala ijaarsa dimokraasii biyyattiin eegaltee jirtu waan gufachiisuuf, karaa qaroomina qabuufi ammayyaa’aa ta’een furaa adeemuun murteessaa ta’uus ni eera.

Kanaanis dargaggootni biyyattii marti fedhiifi kaka’umsa dhuunfaa isaaniitiin adeemsa siyaasaa keessatti akka hirmaatan taasifamaa jira jedha. Keessumaa ammoo dargaggootni magaalaa biyyattii mara keessa jiraatan dandeettii, gahumsaafi beekumsa qabaniin hojiilee misooma waliigalaafi siyaasa biyyasaanii keessatti hirmaachuun dirqama ta’aa dhufeera. Daraggootni kunneenis sadarkaa biyyaalessaatti garaagaramummaa siyaasaa qaban keessatti aadaa mari’achuu gabbifatanii rakkoolee isaan mudatan ofumaan furachuu akka qaban agarsiisa jedha.

Akka ibsa pirezdaantichaatti, adeemsa yaada mo’ataa qabachuutiin mari’achuufi walfalmuu keessatti yaadota ciccimoo asiin dura dhiyaachuun irratti ni hojjetama jedhamee hin yaadamnerratti dargaggoota yaada bilchaataa burqisiisuu danda’an horachuun danda’ameera jechuudha. Kanarraa ka’uun waltajjii mata duree, “Dargaggoota sababarratti hundaa’uun hojjetan” jedhu milkaa’inaan kan xumurame yoo ta’u, kunis walta’insa ummataafi hariiroo dargaggootni hayyoota waliin qaban akka cimu gochuu danda’eera.

Waltajjii marsaa lammaffaatiin ammoo dhimmuma ijaarsa biyyaarratti magaalota kuma tokkoofi 100 keessatti marii adeemsisuuf karoorfameeras jedha. Yaadaafi ilaalcha siyaasaa bilchaatoo qabaniin daraggootni  waltajjicharratti hirmaatanis lakkoofsaan kuma 280tti kan siqan ta’uu addeessa.

Hirmaattota kanatti fayyadamuutiin ammoo dargaggoota miliyoona shan dhaqqabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuusaas ni dubbata. Waltajjiin marsaa jalqabaa magaalota 935 keessatti dargaggootni ciccimoon irratti hirmaatan kan xumurame yoo ta’u, kanaanis dargaggootni kuma 420 ta’an irratti hirmaachuu danda’aniiru.

Dargaggoota biyyattii mara qaqqabuuf jecha waltajjiin magaalota 935 keessatti adeemsifamaa ture milkaa’inaan kan xumurame yoo ta’u, kanneen hafan keessatti garuu haaluma qabatama naannoleetiin yeroo gabaabaa keessatti itti deemuuf saffisa olaanaatiin hojjetamaa jiraachuusaa beekamuu qaba jedha. Kanaaf waltajjiin dargaggootaa marsaa lammafaas iddoowwan addaddaatti kan gaggeeffamaa  kan jiru yoo ta’u, akkuma kun xumurameen waltajjiin biyyaalessaa tibbana magaalaa Finfinneetti kan adeemsifamu ta’uus eera.

Haaluma kanaan Guraandhala 11 bara 2013 ykn ammoo Guraandhala 13 bara 2013 adeemsisuuf karoorri qabameera. Kunis dargaggoota sababa quubsaarratti hundaa’uun ijaarsa biyyaafi egeree dhalootaa murteessan horachuuf kan gargaarudha jedha.

Mata dureen waltajjichaas, “Riqicha heddummina eenyummaa ijaarame haaressuutiin biyyattii ijaarra” jedhuun kan adeemsifamu ta’uu kan eeru Dargaggoo Akliluun, ergaan mata duree kanaas bal’aa yoo ta’u, keessumaa ijaarsa biyyaatiin walqabatee muuxannoon biyyoota addunyaa maal akka fakkaatu addeessuun danda’amuu kaasa.

Wanti guddaan waltajjichaarraa hubatames ijaarsi bulchiinsa mootummaafi biyyaa biyyoota addunyaa biratti akka fudhatamuuf yaadotni bilchaataa ta’an dargaggootarraa dhiyaachuun irratti mari’atameera jechuudha. Kanaaf heddummina eenyummaa keessaan tokkummaa ummataafi biyyaalessaa eegsisuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu akka ta’e irra gahameera jedha.

Haa ta’u malee waggoota kurnan sadan darban keessa garaagarummaan eenyummaa lammiilee humnaa olitti dubbatamaa ykn hojiitti hiikamaa waan tureef, hariiroon sabootaafi sablammootaa haala qaanessaa ta’een akka laafu taasifameera. Kunimmoo adeemsa keessa hanga diigumsa biyyaa kan geessise ta’uusaa hubachuun murteessaa ta’uu ibsa.

Itoophiyaan biyya sabootaafi sablammootaa, amantii, aadaafi qooqa hedduuti kan jedhu dargaggoon kun, gama kanaan heddumminni eenyummaa murteessaa ta’uusaa kan mul’isuudha. Gama biraan ammoo dargaggootni muraasni heddumina eenyummaa leellisuun barbaachisaa miti jechuun yaada falmisiisaa ta’an sababeessuutiin dhiyeessaa turan jedha.

Kanas akka sababaatti kan kaasan heddummina eenyummaa leellisuun biyyattiin sadarkaa diigumturra akkasheen geessu godheera jedhanii kan amanan ta’uu kan eeru pirezdaantiin kun, Itoophiyaan biyya tokko waan taateef, tokkummaan keenya caalchisamee himamuu qaba jechuun akka falman dubbata.

Waltajjii adeemsifamaa ture mararratti yaadotni dargaggootni kunneen kaasaa turan gama maraanuu bilchaataa yaa ta’u malee, gara sadarkaa dhumaarratti yaadotni walitti dhiyaatan callaqqisiifamaa ture. Kunis Itoophiyaan biyya heddummina eenyummaatiin beekamtuudha. Haa ta’u garuu Itoophiyummaan maqaa lammiileen marti ittiin waliigallu taasisudha. Kanaaf Itoophiyaafi Itoophiyummaan (lammummaafi biyya ofii) haala wal unachuu danda’uun dhalootatti beeksifamee barsiifamuu akka qaburratti waliigaluun danda’ameera jedha.

Kana jechuun ammoo heddummina eenyummaafi tokkummaa biyyaalessaa walsimsiisuuf riqichi kan barbaachisu ta’uusaa waliigalamuusaa kan himu Dargaggoo Akliluun, ijaarsa mootummaafi biyyaa eegalame galmaan gahuufis heddumminaa eenyummaafi tokkummaa biyyaalessaa gidduutti riqicha ijaaruun kan danda’amu yoo ta’edha. Kunis sabootaafi sablammoota biyyattii gidduutti dallaa ijaaruu osoo hintaane riqicha hariiroo obbolummaasaanii cimsu ijaaruun murteessaa ta’uu hima.

Ijaarsa biyyaa karaa tokkummaafi heddummina eenyummaa eegeen dhugoomsuuf seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaa sabootaafi sablammootaa wal unachiisuu danda’uunis dirqama ta’uusaa ilaalameeraa jedha.

Hariiroo ummattootni biyyattii baroota dheeraaf qaban cinatti dhiisuutiin garaagarummaa isaanii qofarratti xiyyeeffatamaa waan tureef, kutaalee biyyattii addaddaa keessatti walitti bu’iinsotni mudachaa akka turanis yaadata.

Kanarraa kan ka’e sabootniifi sablammootni yeroo dheeraaf karaa nagaan waliin jiraatan ija shakkiitiin wal ilaaluun walirratti akka ka’aniifi wal ajjeesan ta’eera. Kunimmoo seenaa biyyattii keessatti baay’ee badaadha jedha. Gara fulduraatti ammoo seenaan akkanaa akka irra hindeebi’amneef keessumaa dargaggootni imaanaa ummatni isaanitti kenne galmaan gahuun murteessaa ta’uu kaasa.

Kanaan booda ijaarsi mootummaafi biyyattii kanirratti xiyyeeffachuu qabu yoo jiraate, garaagarummaan sabootaafi sablammootaa humnaa ol kan dubbatamuu osoo hintaane biyya heddumminni eenyummaa keessatti kabajamutu caalchisamee dubbatamuu qaba. Kan ijaaruun nurra jiraatus biyya sabootaafi sablammoota biyyattii bittinneessitu osoo hintaane, kan heddumminni eenyummaa walqixa keessatti kabajameefi ijaarsi sirna dimokraasii keessatti dagaage ta’uu qaba jedha. Kunis heddummina eenyummaafi tokkummaa biyyaalessaa gidduutti riqicha ijaaruun dirqama ta’uusaa kan mul’isu ta’uusaati. Kanaaf ammoo hayyootni sadarkaa hundarra jiran qoodasaanii sirriitti bahachuu akka qaban kan agarsiisas jedha.

Akka ibsa pirezdaantichaatti, kaayyoo guguddaan waltajjichaas adeemsa siyaasaa biyyattii keessatti dhaabbileen siivikii gahumsaafi muuxannoo isaanii akka cimsatan gochuudha. Waltajjii kanatti fayyadamuun ammoo waldhabdeefi rakkoolee siyaasaa mara karaa nagaatiin furuuf tattaaffii guddaa gochuu danda’uudha. Yaadota siyaasaa maras waliin dubbiitiin xumuruuf tattaafachuunis kaayyoosaa ta’uu hubatameera.

Dimshaashumatti, waltajjii marii dargaggootaa akkanaarratti namni kamuu ilaalcha siyaasaa fedhe calaqqisiisuuf mirga guutuu kan qabuufi akkaataa barbaadeen hanga barbaade dubbachuu kan danda’u ta’uusaatu adda isa taasisa. Aadaa marii siyaasaa gabbisuun kan danda’amu waltajjii marii bilisaa akkanaa qopheessuun yoo danda’ame qofaadha.

Muuxannoon biyyoota addunyaas kanuma kan agarsiisu waan ta’eef, garaagarummaa ilaalchaa siyaasaa waltajjii mariitiin dhiphisuun bilchina ta’uurra darbee qaroominadha yoo jedhame dhugaarraa kan fagaate hinta’u.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

6 Comments to ““Biyya sabootaafi sablammoota bittinneessitu osoo hintaane tokkoomsitu ijaarra” -Dargaggoo Akliluu Taaddasaa”

  1. Pingback: useful source

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *