Tigraayitti miidhaa bu’uuraalee misoomaarra ga’een biyyattiin qarshii biliyoona 2.9 ol dhabde

Riippoortara gaazexichaatiin

Miidhaa olaanaa gareen ABUT bu’uuraalee misoomaarraan ga’een dhaabbileen tajaajilarraa galii argachuu malan qarshii biiliyoona 2.9 ol dhabuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.

Haleellaafi yakka biyya ganuu gareen ABUT raawwateen bu’uuraalee misoomaa Telekoomii, Humna Elektirikii, dhaabbilee boba’a dhiyeessan, Daandii Qilleensaa, Dhaabbilee Eerpoortotaa, Baankii Daldala Itoophiyaafi Dhaabbata Maayikroo Faayinaansii Dadabiitirra miidhaa cimaan qaqqabuu komishinichi beeksiseera.

Bu’uuraalee misoomaa telekoomii naannichaatti argamurra miidhaa qaqqabeen dhaabbatichi qarshii biiliyoona tokkoofi miiliyoona 370fi kuma 828 galii dhabuu qorannoodhaan mirkanaa’uun ibsameera.

Miidhaa ga’uuf tureen tilmaamaan qarshii biiliyoona 39.8 fashaleessuun danda’umuunis eerameera.

Bu’uuraalee misoomaa humna elektirikiirra ga’een dhaabbatichi galii qarshii miliyoona 329fi kuma 167 caalu dhabuunis ibsameera.

Dabalataan Kuusaa Boba’aa Maqaleetti argamu keessaa karaa seeraa alaan boba’aan liitirri miiliyoonni 14fi kumni 49fi 70 fudhatamuu isaan dhaabbanni dhiyeessa Boba’aa Itoophiyaa qarshii miiliyoona 258fi kuma 190 ol dhabuu qorannoodhaan mirkanaa’eera.

Akkasumas haleellaa Rookkeettiin Buufataalee Xiyyaaraa Bahaar Daariifi Gondarirratti raawwatameen bu’uuraaleen misoomaa Daandii Qilleensaafi Eerpoortotaa qarshii miiliyoona 43fi kuma 349 olitti tilmaamamu barbadaa’uun ibsameera.

Dhaabbileen kunneen balalii biyyattii gara kaabaatti taasifamurraa galiin argachuuf turan qarshii miiliyoona 190fi kuma 990 dhabuun himameera.

Gama biraatiin Ajaja Doktar Abrahaam Takastatiin qarshiin miliyoonni dhibbi 8 Baankii Daldala Itoophiyaarraa akka ba’u taasiifamuun fudhatamuu komishinich beeksiseera.

Waliigala haleellaafi yakka biyya ganuu gareen ABUT raawwateen biyyattiin galii tajaajilaarraa argattu qarshii biliyoona 2.9 ol dhabuun himameera.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013

Recommended For You

5 Comments to “Tigraayitti miidhaa bu’uuraalee misoomaarra ga’een biyyattiin qarshii biliyoona 2.9 ol dhabde”

  1. Pingback: mdma microdose,
  2. Pingback: find
  3. Pingback: ltobet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *