Qaala’insa gabaa tarsiimoo sirriittin to’achuu gaafata

Takkaalliny Gabayyootiin

Akkuma addunyaattuu qaala’iinsi gabaa biyya kamuu keessatti kan mudatu waan ta’eef hangas mara akka ta’insa haaraatti fudhatamee yaaddoo jireenyaa keessa kan nama galchu akka hintaane hayyootni dinagdee irratti waliigalu.

Kana jechuun ammoo qaala’insi gabaa jiruufi jireenya lammiileefi guddina dinagdee biyya tokkoorratti dhiibbaa hinqabu jechuu miti. Jiruufi jireenya lammiileerrattis ta’e guddina dinagdee waliigalaarratti dhiibbaa hamaa dhaqqabsiisa. Ta’us bulchiinsi mootummaa tarsiimoo sirriitiidhaan hogganuu dandeenyaan qaala’insa gabaa gara carraa gaariitti geddaruun ni danda’ama jechuudha.

Akka Itoophiyaatti yoo ilaalame qaala’insi gabaa yeroodhaa yerootti mudachaa kan jiru yoo ta’u, ji’uma Muddeefi Amajjii darbe keessallee waliigalaan dhibbantaa 1.6n dabaluusaa gabaasa Ejensiin Istaatistiksii Giddugaleessaa tibbana baaserraa hubachuun danda’ameera. Kanaanis shaqaxootni nyaataa addaddaa kanneen akka shukkaaraa, zayitiifi bunaa kan ji’oota darberraa waan dabaleef qaala’insi jireenyaa haalaan olka’uus ibseera.

Akka gabaasichaatti, gatiin gabaa ji’a Mudde keessa ture waliigalaan dhibbantaa 21.3rra ture dabaluun gara 23.1 guddachuu danda’eera. Gatiin midhaanota addaddaas haaluma walfakkaatuun kan dabale yoo ta’u, keessumaa gatiin shukkaaraa, zayitii nyaataa, mi’eessituuwwanii, dinnichaafi bunaa haala ittifufiinsa qabuun dabalaa waan jiruuf qaala’insa jireenyaaf sababa guddaa ta’eera.

Fakkeenyaaf, ji’a Muddeetti gatiin zayitii nyaataafi midhaanota quyyisaa (dibataa) dhibbantaa 32, dinnachaafi fuduraalee addaddaa dhibbantaa 16.77, akkasumas bunarratti gatiin dabaluu gabaasicha keessatti eerameera. 

Akkuma gatiin shaqaxoota nyaataa addaddaa dabalaa ture gatiin midhaanota dheedhiis dabaluusaatiin jiruufi jireenya hawaasaarratti hanga tokko dhiibbaa geessiseera. Keessumaa gatiin alkooliiwwan garagaraa, jimaa, boba’aafi warqii fa’irratti dabaluun shaqaxoota kaawwanirrattis akka dabalu taasisuusaa gabaasichi agarsiiseera.

Dabaliinsi gatii gabaa  waliigalaa  Amajjii kan Muddee waliin walbira yoo qabamu dhibbantaa 1.6n garaagarummaa agarsiiseera.  Kunis kan bara darbee ji’uma  walfakkaataan walbira qabamee yoo ilaalamu dhibbantaa 19.2n olka’ee mul’ateera.

Ogeessotni dinagdee garuu dabaliinsi gatii gabaa yeroodhaa yerootti olka’aa waan jiruuf dameewwan mararratti tarsiimoo murteessaa ta’an qopheessuun dirqama ta’uu ibsaa jiru.

Yunivarsiitii Wallaggaatti Diiniin Kolleejjii Bizinasiifi Ikonomiksii Obbo Malkaamuu Fufaa akka jedhanitti, qaala’insi gabaa biyyattiif haaraa osoo hintaane yeroowwan addaddaatti deddeebi’ee mudachaa kan jiruudha. Qaala’insa gabaa keessatti namootni qabeenya guddaa qaban galiisaanii ittuma guddifachaa kan deeman yoo ta’u, hiyyeessotni garuu faallaa kanaan galiinsaanii hir’achaa deema.

Sirna gabaa keessa qooda fudhattootni hedduun waan jiraniif adeemsa bittaafi gurgurtaarratti dhiibbaa hamaa qabaata. Kunis furmaata waaraa kan barbaadu waan ta’eef mootummaan yeroodhaa yerootti tarsiimoowwan addaa qopheessee sirna gabaa tasgabbeessuu qabaa jedhu.

Waldaaleen hojii gamtaa sirna gabaa tasgabbeessuuf gahee guddaa taphachuu danda’u kan jedhan Obbo Malkaamuun, kanaaf keessumaa meeshaalee ittifayyadamaa, midhaanota nyaataafi shaqaxoota addaddaa sirnaan akka dhiyeessan gochuun murteessaadha.

Hundarra waldaaleen kunneen meeshaaleefi shaqaxoota murteessoo yeroo gabaabaa keessatti ittifayyadamtoota bira dhaqqabsiisuu waan danda’aniif, gaheesaanii bahachuun dirqama lammummaa ta’uu hubachuun dirqamasaanii beekuu qabu jedhu.

Rakkoo guddaan furamuu qabu tokko qaamoleen ittifayyadamtootaafi daldaltoota gidduu deddeebi’uun qaala’insa jireenyaa akka hammaatu taasisaniidha. Kana furuuf ammoo waldaaleen hojii gamtaa hawaasa keessa jiran miidhaanota nyaataafi shaqaxoota mara kallattiidhaan ittifayyadamtootaaf dhiyeessuu ykn raabsuu danda’uudha jedhu. Kunimmoo faddaaltota kaffaltii komishinii barbaadan taphaa ala waan godhuuf qaala’insa gabaa kan tasgabbeessu ta’uusaati.

Gama biraatiin qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf to’annoofi hordoffii gochuu yoo ta’u, qaamoleen nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiranis gahee mataasaanii waan qabaniif daldaltootaafi faddaaltota seeraan ala gatii gabaa dabalanirratti tarkaanfii seeraa fudhachuun dirqama ta’uu dubbatu.

Daldaltootaafi faddaaltotni tokko tokko fedhiifi fayyadamummaa dhuunfaasaanii karaa qaxxaamuraatiin guuttachuuf meeshaaleefi shaqaxootarratti seeraan daballii gatii taasisu. Kunimmoo adeemsa keessa qaala’insa jireenyaa hammeessuutiin gara walitti bu’insaatti kan geessu waan ta’eef mootummaan karaa hawaasa bal’aa hirmaachiseen hordoffiifi to’annoo gochuun irraa eegama.

Qaamoleen kunneenis ittigaafatamummaa hawaasaa dachaa ta’e qabaachuusaanii beekanii karaa qaxxaamuraatiin qofumatti sooromuurraa ofqusachuun murteessaadha jechuun gorsu.

Akka Obbo Malkaamuun ibsanitti, adeemsa sirna bittaafi gurgurtaa keessatti boba’aan  omishaaleefi shaqaxoota addaddaa geejibsiisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf gatii omishaaleefi shaqaxootaarratti jijjiirama guddaa fiduunsaa hinoolu.

Fakkeenyaaf dhaabbileefi daldaltootni dhuunfaa meeshaaleefi omishaalee gabaaf dhiyeessuuf boba’aan dabaleera jechuun gatii gabaarratti garmalee daballii taasisuu danda’u. Wayita gatiin boba’aa dabalus taarifni walumaan waan dabaluuf sirna gabaarratti dhiibbaa guddaa dhaqqabsiisa jechuudha.

Dhaabbileen boba’aa dhiyeessaa jiran addunyaarratti gatiin boba’aa dabaluun walqabatee ji’oota jahan darban keessa giddugaleessaan qarshii afur akka dabalu ta’eera. Waggaatti baasiin boba’aaf  bahu gara biliyoona sadii yoo ta’u, daldaltootni muraasni karaa qaxxaamuratiin hojjetan garuu haalaan hojiirra akka hinoolleef sababa ta’aa turaniiru jedhu.

Boba’aan nama dhuunfaafi dhaabbataan dhiyaatu karaa lamaan sochii dinagdeerratti dhiibbaa kan uumu yoo ta’u, kunis kallattiifi alkallattiin gatiin omishaaleefi shaqaxoota maraa akka dabalu kan taasisu ta’uu ibsu.

Fakkeenyaaf, gatiin boba’aa dabaluurraa kan ka’e kiraan manaas akka dabalamu kan taasisudha jedhanii, kunis kallattiidhumaan boba’aa waliin walitti kan hidhamu osoo hintaane abbootiin qabeenyaa dabaliinsa gatii geejibaarratti taasifame dandamachuuf daballii taasisaniidha. Kunimmoo boba’aan adeemsa sirna bittaafi gurgurtaa keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uusaati.

Waggoota kurnan darba keessa mootummaan baasii dabalataa boba’aaf bahu qarshii biliyoona 24.5 bajatuma qaburraa haguugaa kan ture yoo ta’u, ji’oota muraasaa as garuu sababa hanqina sharafa alaatiin deggarsa gochaa akka hinjirre mootummaadhaan ibsamaa turuun kan yaadatamuudha.

Kanarraa kan ka’e gatiin boba’aa ji’oota Muddeefi Amajjii keessa kan duriin olitti kan dabale yoo ta’u, kunis abbootii qabeenyaafi hawaasa bal’aarratti yaaddoo guddaa uumeera. Rakkoo kana bu’urumarraa furuuf humna omishaa qabaachuun tooftaa jalqabaa akka ta’e gorfama.

Haa ta’u malee biyyattiin humna boba’aa itti omishaniifi teknolojii ammayyaa’aa ittiin omishan waan hinqabneef furmaata yeroorratti xiyyeeffachuun murteessaa akka ta’e eeru. Kanaaf akka mootummaattis ta’e hawaasaatti boba’aa argame maraa qusannoodhaan itti fayyadamuun murteessaadha jedhu.

Abbootiin qabeenyaa sektaricharratti bobba’uun boba’aa dhiyeessanis kuufama gahaa qabachuun irraa eegama. Hundarra ammoo baasiin boba’aa geejibsiisuuf bahu akka hir’atuuf boba’aa karaa seeraan alaa gara biyya alaatti geeffamu ittisuun dirqama ta’uu hubachiisu. Dhiyeessa omishaaleefi shaqaxootaa fooyyessuunis murteessaadha. Keessumaa omishaaleen murteessoo ykn midhaanotni nyaataa haalaan akka omishamaniif xiyyeeffannoon hojjechuun ni barbaachisa.

Egaa dabaliinsi gatii yeroodhaa yerootti mudachaa jiru qaala’insa gabaa hammeessuun jireenya guyyuu lammiileerratti dhiibbaa guddaa geessisaa waan jiruuf qooda fudhattootni sirna bittaafi gurgurtaa keessa jiran haala qindoomina qabuun dura dhaabbachuun irraa akka eeggamus ni gorsu.

Wayita ammaa warshaaleen zayitii nyaataa kutaalee biyyattii addaddaatti ijaarsifamuun gara omishaatti seensifamaa jiran mala furmaataa tokko ta’uus  ni himu. Warshaaleen kunneen humna qabanitti dhimma bahanii hojii ittifufiinsa qabu hojjetnaan fedhii biyya keessaa guutuurra darbanii gabaa biyya alaatiif dhiyeessuuf humna horachaa deemuunsaanii waan hinhafneedha. Kunimoo hanqina sharafa alaa furuuf gahee olaanaa taphata jechuudha.

Zayitiin baay’inaan biyya keessatti  omishamuu jalqabuun sirna gabaa tasgabeessuun guddina dinagdee biyyattii utuba kan jedhan Obbo Malkaamuun, rakkoonsaa garuu abbootiin qabeenyaa warshaalee gatii zayitii ofumaaf baafachuu qabna jedhanii yoo murteessan ta’uu himu.

Kanaaf abbootiin qabeenyaa kamuu galii hawaasa bal’aa kan bu’uureffate ta’uu mootummaan hordoffiifi to’annoo walirraa hincitne taasisuutu irraa eegama jechuudha. Kun taanaan jireenyi hawaasaallee hiika akka godhatu taasisa jedhu.

Mootummaanis warshaaleen zayitii ijaaramuun hojii jalqabsiifamaa jiran yeroodhaa yerootti humna omishasaanii akka cimsataniif deggarsa barbaachisu gochuunis gaheesaa ta’uu dagachuu hinqabu. Keessumaa tajaajilli elektirikii akka addaan hinciccitneef rakkoolee jiran maraa yoosuma furuun murteessaadha. Kunis gatiin gabaa zayitii  hanqina tajaajila elektirikii sababeeffachuun akka hindaballeef kan ittisu waan ta’eefi.

Dimshaashumatti, omishaaleefi shaqaxoota bu’uuraa ta’anirratti tarkaanfii walfakkaataa fudhachuun qaala’insa gabaa gaara jireenyaa akka hintaaneef ittisuun murteessaadha. Kanas rakkoolee sirna bittaafi gurgurtaa keessatti mul’achaa jiran adda baasuun furmaatni waaraa akka itti kennamu taasisaa deemuun barbaachisaa ta’uun hubatamuu qaba. Kunis tarsiimoo sirrii qopheessuufi sirnaan hojiirra oolchuu kan gaafatuudha jedhan.  

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013

Recommended For You

168 Comments to “Qaala’insa gabaa tarsiimoo sirriittin to’achuu gaafata”

  1. Pingback: exchange crypto
  2. Pingback: bad links
  3. 1xbet скачать [url=https://1winrussia.online/#]1хставка[/url] 1xbet скачать

  4. canl? casino siteleri [url=http://1wintr.fun/#]canl? casino[/url] guvenilir casino siteleri

  5. пин ап [url=https://1winindia.tech/#]пин ап казино вход[/url] пинап казино

  6. mexican pharmaceuticals online [url=http://mexicanpharm1st.com/#]purple pharmacy mexico price list[/url] mexico drug stores pharmacies

  7. reputable indian pharmacies [url=https://indianpharm1st.com/#]mail order pharmacy india[/url] indian pharmacy online

  8. india pharmacy [url=http://indianpharm1st.com/#]reputable indian pharmacies[/url] indian pharmacy

  9. india pharmacy mail order [url=https://indianpharm1st.com/#]mail order pharmacy india[/url] buy prescription drugs from india

  10. пин ап казино [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пин ап зеркало[/url] пинап казино

  11. пин ап [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пинап казино[/url] пин ап казино

  12. sweetbonanzatr.pro [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweetbonanzatr.pro[/url] sweet bonanza nas?l oynan?r

  13. бонусы пин ап [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пин ап вход[/url] Официальный Сайт

  14. sweetbonanzatrpro [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza[/url] sweet bonanza nas?l oynan?r

  15. indianpharmacy com [url=http://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] world pharmacy india

  16. indian pharmacies safe [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] Online medicine order

  17. best drugs for erectile dysfunction [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs[/url] cause of ed

  18. buy medicines online in india [url=http://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] india pharmacy mail order

  19. online pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]Order medicine from India to USA[/url] india pharmacy

  20. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy cheap[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  21. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] mexico drug stores pharmacies

  22. medicine in mexico pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy cheap[/url] mexican rx online

  23. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  24. Canl? Casino Siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] Casino Siteleri

  25. deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler yeni[/url] deneme bonusu veren siteler

  26. rybpharm rybelsus [url=https://rybpharm.com/#]buy rybelsus[/url] rybpharm cheap semaglutide

  27. mexican rx online [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexico pharmacy[/url] reputable mexican pharmacies online

  28. reputable indian online pharmacy [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]Online medicine home delivery[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *