Eebba Hospitaala Haadholiifi Daa’immanii Abbabachi Goobanaa

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Hospitaala wal’aansa Haadholiifi Daa’immanii Maqaa Abbabachi Goobanaan moggaase dheengadda eebbifameera.

Hospitaalli kun duraan Akkaadaamii Hoggansaa Mallas Zeenaawwii jedhamaa kan ture yoo ta’u, bulchiinsichi meeshaaleen wal’aansaa ammayyaafi ijaarsi dabalataa qarshii miiliyoona 700n geggeesseera.

Hospitaalichi guddinaafi tajaajila kennuun sadrkaa biyyaatti kan jalqabaa yoo ta’u, sireewwan ciisanii wal’aanamuuf oolu 500 oliifi kutaalee adda addaa danuu qaba kana kantiibaa ittaantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanach Abeebee keessummoota gara garaa wajjin ta’uun sirna ho’aadhaan eebbisaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013

Recommended For You

4 Comments to “Eebba Hospitaala Haadholiifi Daa’immanii Abbabachi Goobanaa”

  1. Pingback: Apartheid
  2. Pingback: lottovip
  3. Pingback: bk8
  4. Pingback: Bauc14

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *