Adeemsa filannoo waliigalaatiif qabxiilee ijoo saddeettan

Takkaalliny Gabayyootiin

Akka heera Mootummaa Rippabilikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itoophiyaa (RFDI) keeyyata 54 jalatti eerameetti filannoon waliigalaa waggaa shan shaniin adeemsifama.

Sirni bulchiinsaa biyyattiin ittiin gaggeeffamaa jirtuus sirna federaalizimii sabaafi teessuma lafaarratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, paartiin sagalee ummataa caalmaa argachuun injifate giddugalummaa tokko malee bulchiinsa mootummaa hundeeffachuuf mirga guutuu kan qabu ta’uu hubachuun ni danda’ama.

Bakka bu’ootni ummataa filatamanis kallattiidhumaan mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti hirmaachuun ittigaafatamummaafi aangoo ummataan isaaniif kenname bahachuuf dirqama qabaatu. Ittiwaamamnis isaaniis heera mootummaafi ummata bal’aaf akka ta’e eerameera.

Ka’umsa kanaan Itoophiyaan filannoo waliigalaa marsaa jahaffaa barana ji’a Caamsaa gara dhumaatti adeemsisuuf kan murteessite yoo ta’u, kunis kan kanaan duraarra egeree biyyattii ni murteessa jedhamee abdatameera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaas filannicha raawwachiisuuf qophiilee mara taasisaa jiraachuu ibsuurratti argama. Paartiileen siyaasaas (kan biyya bulchaa jiru dabalatee) sochiiwwan garagaraa taasisuurratti akka argaman hubachuun ni danda’ama.

Haa ta’u malee filannoo waliigalaa sadarkaasaa eeggate adeemsisuuf yoo xiqqaate qabxiileen ijoo saddeet ta’an beekamuun hojiirra oolfamuu yoo danda’aniidha. Isaan kunneenis dhumarratti ogeessota siyaasaa bilisa ta’aniin qoratamuu akka qaban gorfama.

Tokkoffaan filannoo waliigalaa sadarkaasaa eeggate adeemsisuuf haguuggiin seeraa guutuu ta’e qophaa’ee hojiirra oolfamuu qaba. Kunis heera biyyattii keessatti eeramuurraa kaasee labsiiwwan filannoofi qajeelfamootni addaddaa qophaa’anii hojiitti hiikamuu qabu jechuudha.

Gama kanaan filannoon waliigalaa waggaa shan shaniin kan adeemsifamu ta’uu heera RFDI keeyyata 54 jalatti eerameera. Kanarratti hundaa’uun labsiin hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaalessaa lakkoofsa 1133/2011fi labsiin filannoo, galmeessa paartiilee siyaasaafi naamusa filannoo lakkoofsa 1162/2011 qophaa’uun akka hojiirra oolfamu ta’eera.

Qajeelfamootni dhaabbilee siivikii, taajjabdoota biyya keessaafi alaa wajjin walqabatanis bahaniiru. Kunis akka qaama ciminaatti kan fudhatamu waan ta’eef qooda fudhattootni filannoo waliigalaa sirnaan hojiitti hiikuun irraa eegama. Boordichis hojiirra oolmaa seerotaa hordofee iddoo qaawwi mul’atetti akka sirreeffamu gochuun murteessaadha.

Lammaffaan ammoo bajataafi faayinaansii yoo ta’u, biyyattiin kaappitaala qabdu waliin walsimsiistee ramaduun dirqamadha. Gama kanaan hanga ammaatti hangi bajataa ramadamee beekamuu baatus haala gahaa ta’een akka ramadame hubachuun ni danda’ama. Sababiinsaas hanga ammaatti boordichi komiis ta’e qeeqa kaase waan hinqabneefi.

Asirratti garuu waanti hubatamuu qabu tokko yoo jiraate bajata paartiilee siyaasaatiif qoqqodamuun walqabateeti. Adeemsisaa marti iftoomina yoo hinqabaanne madda walitti bu’insaa ta’ee adeemsa filannichaa gufachiisuu mala.

Kanaaf boordiin filannoo biyyaalessaa bajata karaa mootummaafi dhaabbilee deggarsarraa argame mara haala iftoomina qabuun ramaduun dirqama ta’uu hubachuu qaba jedheen amana. Kan ta’u qabus kanuma waan ta’eefi.

Sadaffaan leenjiifi barnoota. Adeemsa filannoo waliigalaa naga qabeessaafi caalaatti dimokraatawaa taasisuuf qooda fudhattoota filannootiif, kutaalee hawaasaa maraaf, raawwachiistota filannoofi taajjabdootaaf, akkasumas ogeessota miidiyaaf leenjii kennuun dirqama ta’uun hubatamuu qaba. Kanuma waliinis barnootni dirqama lammummaa kennamuu akka qabu kan walnama gaafachiisu miti.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaas kanuma hubachuun qaamolee addaddaatiif leenjii kennaa jiraachuun akka ciminaatti kan fudhatamuudha. Garuu ammoo qaamolee leenjiin kennamuu qabu maraaf kennuurratti qaawwi waan mul’atuuf fooyyessuun murteessaadha.

Keessumaa waldaalee siivikii paartiilee siyaasaa mara ija tokkoon ilaalaniif leenjii kennuurratti loogiin taasifamaa waan jiruuf komiin ka’uunsaa akka fakkeenyaatti eerama. Kun ammumaa qabee sirreeffamuu qaba.

Afraffaan galmeessa filattootaa yoo ta’u, haaluma sagantaa boordichaan hojiitti hiikama jedhamee abdatama. Kanaaf ammoo yeroon gahaan kan kennamu ta’ullee xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadu ta’uun dagatamuu hinqabu.

Shanaffaan duula filannoo gaggeessuudha. Kunis madda walitti bu’insaa ta’ee adeemsa filannichaatti danqaa ta’uu waan maluuf ofeeggannoo gaafata. Keessumaa paartiileen siyaasaa marti wayita duula na filadhaa gaggeessanitti hariiroo obbolummaa sabootaafi sablammootaarratti miidhaa akka hingeessisneef haasaasaanii sirnaan xiinxaluu qabu.

Jahaffaan bu’aa filannoo gabaasuu yoo ta’u, kun akka waliigalaatti gaheefi ittigaafatamummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaati. Paaartiin ykn paartiileen yaada mo’ataa caalmaa qabu dhiyeessan injifannoo gonfachuu danda’u. Kanneen mo’aman ammoo injifatamuun waanuma jiru ta’uu siriitti beekuutu isaanirraa eegama.

Torbaffaafi saddeettaffaan ammoo bu’aa filannoo waliigalaarratti waliigaltee uumuufi bulchiinsa mootummaa dimokraatawaa hundeessuudha. Kunniin marti egaa adeemsa filannoo waliigalaa kan murteessan waan ta’aniif xiyyeeffannoo guddaadhaan raawwachiisuun dirqama ta’uu martuu hubachuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 6/2013

Recommended For You

6 Comments to “Adeemsa filannoo waliigalaatiif qabxiilee ijoo saddeettan”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: let's chat
  3. Pingback: Gym Equipment shop
  4. Pingback: chat online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *