Yeroon itti seermaleessummaa Finfinnee keessaa seera qabsiisan amma

Takkaalliny Gabayyootiin

Magaalaan Finfinnee erga hundooftee waggoota 132 ta’uyyuu misoomniifi guddinnishii umrii qabdu waliin kan walgitu miti. Kanaaf ammoo sirni mootummoota darbanii dhiibbaa garagaraa geessisaa turaniyyuu qabeenyi ummataa, keessumaa ammoo lafti seeraan ala saamamuunsaa akka sababaatti kaafama.

Waggoota kurnan lamaan darban keessatti ammoo rakkoo duraan ture san ittuma hammeessuutiin weerarri lafaa daangaa seeraa darbee akka babal’atu ta’eera. Rakkoon manneen jireenyaa waliiniifi ijaarsa gamoowwan addaddaarra tures guddina dinagdee magaalittii miidhuurra darbee mirga jiraachuu lammiilee gaaffii keessa galchuusaa Yunivarsiitiin Metropolotiyaanii Kotobee qorannootiin mirkaneesseera.

Yunivarsiitichatti Doktar Tulluu Tolaan barsiisaa misooma magaalaa yoo ta’an, walitti qabaa garee qorannoo manneen jireenyaa waliiniirratti ji’oota afuriif adeemsifame ta’uun hojjechaa akka turan dubbatu. Qorannichi yeroo dheeraa fudhachuu baatus saffisaafi qulqullina olaanaatiin akka hojjetamu ta’eera.

Adeemsisaas baay’ee qindaa’aa yoo ta’u, yaada ka’umsaa maddisiisuutiin achirraa ka’amee ammoo piroppoozaala qopheessuu danda’ameera jedhu. Piroppoozaala qophaa’e sanas ogeessota damichaafi hoggansa olaanaa magaalittiif erga dhiyeessanii booda kallachumaan gara hojii qorannootti akka seenan himu.

Akkasaan jedhanitti, adeemsa hojii qorannichaa keessattis ogeessotni yunivarsiitichaa hedduun kan hirmaatan yoo ta’u, isaanis halkaniifi guyyaa ofkennuutiin aantummaa biyyasaaniif qaban gochaan mul’isaniiru jechuun ni danda’ama. Ogeessotni alaa sadarkaa garagaraarra jiranis adeemsuma qorannichaa deggaruuf baay’een akka hirmaatan godhameera. Waliigalaan ogeessota kuma sadiifi 500 ta’antu irratti hirmaate jechuudha.

“Akka waliigalaatti garuu hojiin qorannichaa baay’ee ulfaataafi walxaxaa ta’uusaa beekamuu qaba. Kunis sadarkaan rakkinichaa bara 1997 irraa kaasee waggoota 15 oliif waliirra tuulamaa har’a gahuu kan agarsiisudha. Kanaaf waggoota kanneen keessatti ammoo gama misooma magaalaatiin seermaleessummaa magaalaa guddoo biyyattii keessa ture qabatamaatiin sakatta’uuf hojiin argannoo saayinsawaatiin deggarame akka dhiyaatuuf yaadameeti” jedhu.

Hojii qorannoo kanaafis bajatni mootummaa itti dhangala’e baay’isee olaanaadha. Hojmaatni gama misooma magaalaan ture garuu guutummaatti iftoomina waan hinqabneef waggoota 15 darban keessatti magaalittii holqa hattootaa taatee tajaajilaa akka turte hubachuun danda’amuusaa ibsu.

Akka Doktar Tulluun eeranitti, ittigaafatamummaafi aangoo seeraan kennameefiitti dhimma bahuun manneen jireenyaa waliinii ijaarsiisaa, akkasumas lammiilee abbaa carraa ta’aniif akka dabarfamu taasisaa kan ture Korporeeshinii Misooma Manneeniiti. Haa ta’u malee, bajatni hojii kanaaf ramadamaa ture baay’ee guddaa ta’uyyuu bara 2008 irraa kaasee odiitii ta’ee hinbeeku. Kana sakatta’uuf ammoo maddeen ragaa addaddaa akka fayyadamnuuf dirqamuusaanii kaasu.

“Haala kanaan jalqabarratti bara 1996/7 irraa kaasee ragaalee manneen jireenyaa waliinii ijaaramaniifi dabarfaman waajjira korporeeshinichaa irraa fudhanne. Kanaanis lammiilee galmaa’aniifi carraa argatan adda baafachuu dandeenye jechuudha. Asirratti garuu waanti hubatamuu qabu tokko yoo jiraate manneen jireenyaa haalli itti dabarfamaa turan carraatiin, karaa murtee addaatiiniifi caalbaasiitiinidha. Qaamoleen murtee addaa keessa jiran hedduu waan ta’aniif fedhiiwwan baay’eetu keessaan calaqqisaa ture. Fedhiifi mirga qonnaan bultootaa, lammiilee misoomaaf kaafamaniifi kan fayyadamummaan abbootiin qabeenyaa keessa jiru jechuudha” jedhu.

Manneen jireenyaa waliinii ijaaramaa turaniifi dabarfamaa turan garuu rakkoolee hedduu kan qaban yoo ta’u, kunis jiruufi jireenya jiraattota magaalittii, akkasumas guddina dinagdee biyyattiirratti dhiibbaa guddaa uumeera. Qorannoo adeemsifame kanaanis manneen jireenyaa ijaaraman kuma 171 irratti ragaalee funaanuutiin qorannoo adeemsisuun danda’ameera. Isa dura garuu jiraattota kondominiyeemii keessa jiraatan maraaf hubannoon akka kennamu ta’eera. Jiraattotnis ragaalee guguddoo shan akka kennan taasifame. Kan jalqabaa waliigaltee raawwatame, sanada kaffaltii itti raawwatan ykn raawachaa jiran. Sanada kaartaan manaa itti fudhatameefi gibiraafi taaksiin itti kaffalamaa jiru tokko tokkoon ilaaluu dandeenyeerra jedhu. Ragaalee hunda akkuma funaannee xumurreen ragaalee faayinaansii baankii daldalaa waliin walbira qabuun akka ilaalamu gochuun danda’ameera.

Dhumarrattis, ragaalee itti fayyadamtootaa, baankii daldalaafi korporeeshinii misooma manneeniirraa arganne walitti fiduutiin akka sakatta’amu gochuun danda’ameera. Fakkeenyaaf, namni tokko carraan na gaheera yoo jedhe maqaansaa baankiis jiraachuu qaba. Ragaalee maqaatiin wal unachuu dhabanis ibsituu manneeniitiin, jechuun wiirtuu ijaarsaa, kutaa bulchiinsa magaalotaa, bilookiifi lakkoofsa kutaa manichaatiin akka beekamu godhame. Kunimmoo manni tokko seera qabeessa moo miti kan jedhu akka beekamu taasifame jechuudha.

Ragaalee baankii daldalaa keessatti argamaniifi Gaazexaa Addis Liisaanirratti maxxanfamaa turanis haaluma walfakkaatuun akka sakatta’amu gochuun danda’ameera. Adeemsi hojii kunimmoo baay’ee dadhabsiisaafi nuffisiisaa ture. Qindeessitootaafi ogeessotni qorannicharratti hirmaatanis miira aantummaa ummataatiin hojjechaa waan turaniif galateeffamuu qabu.

Rakkoolee gama manneen jireenyaa gandaatiin jiranis yunivarsiitchumatu qorannoo gaggeessuun argannoosaa bulchiinsa magaalichaaf dhiyeesse. Gareen qorannoo gaggeessees miseensota garee isa duraa hinta’iin malee adeemsisaa kan kondomineeyimii waliin walfakkaata jedhu. Weerara lafaarratti garuu qorannoo kan adeemsise bulchiinsa magaalichaati. Gamoowwan abbaan hinbeekamnerrattis qorannoo kan taasise isuma. Akka yunivarsiitii keenyaatti garuu hojiilee qorannoo lama qofatu hojjetame. Qorannoo manneen jireenyaa waliiniifi gandaa jechuudha.

Koreen qorannichaa marti giddugalummaa tokko malee bilisummaasaa eeggatee hojjechaa turuusaa kan ibsan Doktar Tulluun, bulchiinsi magaalichaas ogeessota barbaachaaf jecha hojii guddaa kana yunivarsiitichaa fiduunsaa hiikaa guddaa kan qabudha. Kunis hoggansi magaalittii yaada furmaataa saayinsiitiin deggarame hayyootarraa kan barbaadu ta’uusaati.

Hoggansi Aadde Adaanach Abeebees hojichi saffisaafi qulqullina barbaadamuun akka xumuramuuf jalqabaa kaasee hanga dhumaatti hordoffiifi to’annoo walirraa hincitne taasisaa turan. Iddoowwan rakkoon mudachaa ture maraattis tarkaanfii sirreessaa fudhachaa turan. Kunimmoo hojichi qulqullina olaanaatiin akka hojjetamuuf sababa ta’eera jechuudha.

Deggarsa jiraattotni magaalichaa taasisan ilaalchisee karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Hannaafi saamichaa taasifamaa turerraa kutaaleen hawaasaa seeraanis seeraan ala fayyadamaa turan kan jiran yoo ta’u, faallaa kanaatiin ammoo kanneen miidhamaa turan ni jiru.

Warri miidhamaa turan kunneen qorannichi adeemsifamuusaatti baay’ee gammadaniiru. Kanneen fayyadamaa turan garuu iddoowwan tokko tokkotti jeequmsa kaasuuf yaalanis seeraan ala waan ta’eef milkaa’uu hindandeenye. Waliigalaan garuu hawaasni bal’aan bu’aa qorannichaatti gammadeera jechuun ni danda’ama jechuun dubbatu.

Rakkoo guddaan manneen jireenyaa waliiniirraa ture haala itti ijaarsifameefi daddabarfamaa turedha. Keessattuu ammoo manneen kun bittaadhaan, caalbaasiifi murtee addaatiin fayyadamtootaaf dabarfamaa turan. Adeemsi kun marti ammoo iftoomina waan hinqabneef hojmaatni seeraan alaa hojiirra akka oolan gochuu danda’eera.

Fakkeenyaaf, manneen jireenyaa gariin ragaalee itti dabarfaman kan hinqabne yoo ta’u, gariin ammoo waggoota shanii oliif cufamanii taa’aniiru. Manneen jireenyaa duwwaa ta’anitti ammoo namootni tokko tokko duwwaa ta’uusaa argachuun akkanumatti cabsanii kan itti galan qorannichaan irra gahameera. Manni jireenyaa tokko osoo lammiileen rakkachaa jiranii waggoota shanii hanga kudhaniitti cufamee turuunsaa magaalittiin holqa hattootaa taatee turuushii ifatti kan mul’isuudha.

Kanaaf magaala lammiileen mana jireenyaa dhabuun dararfamaa jiran keessatti manneen jireenyaa waliinii qabeenya ummataatiin ijaaraman hattootaan saamamaa turuunsaa biyyattii diiguu waliin gargar miti. Rakkoo kana karaa saayinsawaatiin furuuf ammoo ogeessotaafi hoggansi yunivarsiitichaa haala ofeeggannoo qabuun bu’aa barbaadamu fiduu danda’eera.

Haala kanaan manneen jireenyaa waliinii kuma 21fi 695, akkasumas manneen gandaa kuma 14fi 641 abbaansaa kan hinbeekamne ta’uu irra gahameera jechuudha. Ragaaleen manneen jireenyaa kunneeniis gonkumaa sirrii akka hintaane hubatameera.

Bu’aan ykn argannoon qorannichaa sadarkaan biyyattiin irra turte hangam ulfaataafi yaaddessaa akka ture mul’isa. Akkuma yunivarsiitiitti iyyuu sadarkaa hamaa akkanaarra geenya jedhamee hineegamne ture. Asiin dura oduumaan dhagahaa turre malee hanga kana yaaddessaa akka ta’e hinhubanne ture. Seermaleessummaan magaalittii keessa ture sadarkaa dhumaarra gaheera. Gamoon biyya seeraan bultu keessatti akkamitti bada/ abbummaansaas akkamitti wallaalama? Biyya gamoon maallaqa ummataan ijaaramee badu ykn abbummaansaa wallaalamu keessa jiraachaa turre jechuudha. Kunimmoo jireenyi dhuunfaa ofiiyyuu akka nama jibbisiisu taasisa jedhu.

Manneen jireenyaa waliinii argachuuf jecha magaalittiitti lammiileen miiliyoona tokkoo ol galmaa’aniiru. Hannaafi saamichi manneen jireenyaa waliiniirratti raawwatame abdii lammiilee dukkaneessaa ture. Kanarraa kan ka’e lammiileen marti mootummaarratti abdii akka hinhoranne taasisee jira. Kunis karoorri misooma waliigalaa sirnaan akka hojiirra hinoole danqaa ta’aa turuusaati jechuudha.

Hundarra ammoo waggoota 15n darban keessatti qabeenyi ummataafi mootummaa seeraan ala akka manca’u taasiseera. Fakkeenyaaf, Korporeeshiniin Misooma Manneenii adeemsa keessa qarshii biliyoona 53 ta’u qisaasesseera.

Namni tokko lubbuu yoo baase to’annoo seeraa jala oolee yakka ajjeechaatiin himatama. Qabeenya ummataafi mootummaarratti hannaafi saamichaa raawwachuun lubbuu baasuu waliin walqixa. Oolee bulee ammoo biyyattii gara diigumsaatti geessuunsaa waan hinhafneedha. Hattootniifi saamtotni karaa qindoomina qabuun jiruufi jireenya ummatichaarratti dhiibbaa hamaa gaggeessaniiru. Kunis mirga lubbuun jiraachuu lammiilee molquu waan ta’eef akka furamuuf tarkaanfii sirreessaa fudhachuun murteessaadha.

Dimshaashumatti, qorannoon adeemsifame seermaleessummaan Finfinnee keessaa sadarkaa yaaddessaarra gahuusaa mul’isa. Keessumaa ammoo rakkoon bulchiinsa gaarii manneen jireenyaa waliiniirra ture biyyattii gara diigumsaatti kan geessu ture. Kunimmoo biyya seeraafi heeraan bulaa jirtu keessatti raawwachuunsaa ija ogummaatiin saalfachiisaadha.

Kanaaf argannoon qorannichaa marti bulchiinsa magaalichaaf kan dhiyaate waan ta’eef, hatattamaan hojiirra oolchuun murteessaadha. Gama kamiinuu seermaleessummaan magaalittii keessatti mul’achaa jiru ammoo tarkaanfii seeraa ittifufiinsa qabu kan barbaadu ta’uusaa hubatamuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 29 /2013

Recommended For You

10 Comments to “Yeroon itti seermaleessummaa Finfinnee keessaa seera qabsiisan amma”

  1. Pingback: ks quik
  2. Pingback: Mostbet APK
  3. Pingback: read
  4. Pingback: altogel togel
  5. Pingback: Event venue phuket

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *