Rakkoolee omisha qurxummii mudachaa jiraniifi maloota furmaataa

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Qurxummiin nyaatawwan qaroomina sammuutiif fayyadan keessaa adda durummaan eerama. Waggoota muraasaa as aadaan qurxummii nyaachuu ummata Itoophiyaa biratti babal’achaa, gatiin nyaata qurxummii daran dabalaa, gama biraatiin ammoo akaakuuwwaniifi omishni qurxummii hir’achaa jira. Rakkoolee kunneeniif sababoonniifi maloonni furmaataa maali?

Dhiyeenya kana Yunivarsitii Finfinneerraa damee barnoota Saayinsii Bineensotaa ‘Fishery and Aquatic Science’n kan eebbifaman Doktar Shibaabbaawu Gabruu ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, aadaan qurxummii nyaachuu ummata biyyattii dabalaa dhufuun, lageeniifi haroowwan keemikaalotaafi summiiwwan gara garaatiin faalamuun, qurximmiiwwan mala aadaatiin kiyyeessuun (saaphana qurxummiiwwan nyaataaf hingeenye ykn cuucii qabutti fayyadamuun) sababoota guguddoo akaakuuwwaniifi omishni qurxummii akka hir’atuufi gatiin nyaata qurxummii ammoo daran akka dabalu taasisaa jiraniidha.

Waraqaa qorannoo digrii sadaffaasaanii akaakuuwwaniifi omisha qurxummii Laga Takkazeerratti hojjechuu kan himan Doktar Shibaabbaawu, qorannochi rakkoolee akaakuuwwaniifi omisha qurxummiirra ga’aa jiru karaa ittifufiinsa qabuun furuun

ittifayyadamni omisha qurxummii waaraan akka jiraatu taasisuuf kan gargaaru ta’uu dubbatu.

Qorannoo omisha qurxummii Laga Takkazeerratti waldaalee qurxummii kiyyeessan waliin ta’uun adeemsisanii jijjiiramni guddaan dhufeera kan jedhan qorataan kun, jijjiiramni kun kan dhufe waldaaleen kunneen waqtii gannaa yeroo qurxummiiwwan itti wal horan akka hinkiyyeessine dhorkuudhaan waggaa lamaa as omishni qurxummii lagichaa daran dabaleera jedhu.

Itoophiyaan biyya industiriiwwan daran keessatti babal’atan ta’uu baattus balfawwan industiriiwwan keessaa ba’aniifi keemikaalonni qonnaa kanneen akka yuuriyaafi daappii gara haroowwaniifi lageeniitti yaa’an bishaan faaluun qurxummii dabalatee lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiran irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jiraachuu kan himan qorataan kun, rakkoolee gama kanaan jiran furuudhaaf balfawwan industiriiwwan gara garaa keessaa ba’an gara lagaatti akka hinyaane taasisisuufi hojiiwwan misooma sululaarratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Hojiin misooma sululaa biyyeen lolaadhaan dhiqamee gara haroowwaniifi lageeniitti akka hinseene ittisuudhaan qulqullinni haroowwaniifi lageewwanii akka eegamu taasisuudhaan akaakuuwwaniifi omishni qurxummii akka dabalan taassisuu keessattis gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.

Yeroo ammaa Barsiisaa Yunivarsitii Samaraa ta’anii tajaajilaa jiraachuu kan himan Doktar Shibaabbaaw, hojiin barsiisaa yunivarsitii barsiisuu qofa osoo hintaane qorannoowwan rakkoolee hawaasaa furan geggeessuu waan ta’eef gara fuulduraattis keessumaa qabeenya qurxummiifi qulqullina bishaaniirratti xiyyeeffatanii qorannoo dabalataa adeemsisuuf kan hojjetan ta’uu dubbatu. Omishni qurxummii akka dabalu taasisuun sochii wabii nyaataatiin of danda’uu biyyattiin taasisaa jirtu milkeessuu keessattis gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himanii,

Doktar Shibaabbaaw bara 2002 digiriisaanii tokkoffaa Yunivarsitii Samaraa irraa ‘Saayinsii Bineensotaatiin, digirii lammaffaa Yunivarsitii Baahir Daarirraa ‘Fishery and Wet Land Management’dhaan kan fudhatan yoo ta’u, digirii sadaffaa ammoo dhiyeenya kana damee barnoota Saayinsii Bineensotaa ‘Qabeenya Qurxummiifi Saayinsii Bishaaniitiin’ Yunivarsitii Finfinneerraa kan fudhatan ta’uu himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 29/2013

Recommended For You

2 Comments to “Rakkoolee omisha qurxummii mudachaa jiraniifi maloota furmaataa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *