Pirofesar Mahaadii Hamiid Muudee (Abbaa Bariisaa) bara 1942-2013tti

Mahaadii Haamiid Muudee abbaasaanii Haajii Haamiid Muudee Urgeefi haadhasaanii Hamiidaa Aammad Qallaarraa, Amajjii 24 bara 1942 Oromiyaa Baha, Godina Harargee Bahaa Magaalaa Cirootti dhalatan.

Mahaadiin guddina afaansaa, Afaan Oromootiif tattaafachuu kan jalqabe umriisaa joollummaatti. Maddi kanaa mana barnootaati. Gaafa akka barnoota ammayyaa baratuuf mana barnootaa geeffame, Maahdiin afaansaa malee Amaariffaa hinbeeku ture.

Manni barnootaa ammoo Amaariffa malee kansaa kan hindhageenye itti tahe.

Kanaaf Mahaadiin mana barnootaa keessatti duudaa ykn nama afaan hinbeekne tahee arkame. Amaariffa wallaaluun Mahaadiif rakkoo hinturre. Dhibdeen Afaan Oromoo dubbachuusaatti arraba, salphinaafi tuffii, barsiiftootarraa kaasee hamma barattootaatti itti xiyyeeffamuudha.

Akkuma daa’imummaa keessaa bahee cimaa dhufeen, Mahaadiin, arraba malees, qoosaa mana barnootaa keessatti itti godhamaa jiru hubachaa dhufe. Haalli mana barnootaatti isa mudachaa jiru, sadarkaa duraatti kan silaa fedhii barnootaaf qabu keessatti cabsu ture. Yoo san hanqate ammoo, akkuma daa’imoota yeroo saniitti isaafi afaansaa adda baasee, akka inni baanutti, kan isa amaareeysu ture. Afaansaa dubbachuurraa arraba, salphinaafi tuffii mudachuun, inumaa, afaaniifi aadaasaa wajjin caalaa walitti kan hidhu tahe.

Mahaadiin barnoota kutaa duraa magaalaa itti dhalatetti baratee tan lamaffaatiif Dirre Dhawaa bu’e. Achitti mana barnootaa Li’ul Raas Makonninitti kutaa 9fafi 10fa baratee cimina barnootarratti qabuun filatamee mana barnoota Li’ul Baa’ida Maariyaam kan Finfinnee, kan barattoota cimoo qofaaf ramadame geeffame. Waggoota lama booda, achirraa, qabxii olaanaan kutaa 12fa xumuree Yuniversitii Finfinnee, kaampaasii Araat Kiilootti saayinsii barachuuf galmaa’e.

Erga seensaaf hanga jennee gaafdeebii Abbaa Bariisaa baatii Adoolessaa bara 2011 gaazexaa ofii hundeessan, Bariisaa wajjin

Nutis gaafdeebii Wiixata darbe keessummaa keenya wajjin taasifne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Bariisaa: Doktar wal haabarru, yoom, eessatti dhalattan?

Abbaa Bariisaa: Maqaan koo dhalootaa Mahaadii Hamiid Muudee naan jedhan. Boodarra maqaan ‘Abbaa Bariisaa’ jedhu naaf ba’e. Abbaa ‘Dikshinarii’ kan naan jedhanis jiru. Doktar Mahaadii ykn Abbaa Bariisaa jettanii nawaamuu dandeessu.

Ani abbaa kiyya Obbo Hamiid Muudeefi haadha kiyya Aadde Hamiidaa Ahmadirraan bara 1942 Oromiyaa Bahaa, Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Ciroottin dhaladhe.

Bariisaa: Barumsa keessan sadarkaa tokkoffaa, lammaffaafi olaanaa eessatti barattan?

Abbaa Bariisaa: Mana barumsaa ammayyaa utuun hinjalqabin Mana Amantii Islaamaattan baradhe. Isa booda kutaa 3fa seeneen barumsa idilee ittifufe.

Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa Magaalaa Ciroo, mana barumsaa ‘Dajjaazmaach Waldagabiri’eel Abbaa Seexaan’ jedhamuttin baradhee xumure.

Yeroo sana semistara tokkoffaatti tokkoffaa hanga sadaffaatti baanaan kutaa ittaanutti darbuutu ture. Kutaa ittaanuttis tokkoffaa hanga sadaffaatti baanaan kutaa tokko irra utaaluutu ture.

Sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti ba’aa waanan tureef barumsa kiyya sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa waggaa ja’attin xumure. Barumsa kiyya sadarkaa olaanaa ammoo Yunivarsitii Finfinneettan waggaa sadiif baradhe.

Yunivarsitichatti barumsa Fiiziksii utuun barachaa jiruu waggaa sadaffaatti, shaakalaaf Naannoo Amaaraa, Godina Goojjam Bahaa, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa ‘Nugus Taklahaymaanot’ kan Dabra Maariqoositti argamutti ramadameen barsiisaa ture. Baahir Daarittis barsiiseera.

Baahir Daaritti barattoonni hedduu waan turaniif dabaree lamaan baratu turan. Ani dabaree ganamaan barsiisaa ture. Waaree booda hojii waanan hinqabneef kitaaba adda addaa ijoollonni irraa baratan Afaan Oromootiin qopheessaan ture. Baahir Daaritti waggaa lamaafi walakkaa ergan barsiisee booda warraaqsi bara 1966 dhohe.

Yeroo sana barattoonniifi barsiisonni sadarkaa lammaffaafi yunvarsiitii duula Guddinni Gamtaadhaan ykn ‘Idiat Bahibrat’ haa deeman jedhame. Waajjirri muummee gamtichaa Finfinnee, naannawa ‘Ammisti Kiiloo’ ture. Anis waajjirichatti ramadame hojjedheera.

Waajjirichatti kitaabotan Afaan Oromootiin qopheesse fuudheen namicha Irreessaa Kiroos Alamaayyoo jedhamutti agarsiise. Innis kitaabota ani Qubee Afaan Oromootiin qopheesse argee daran gammade.

Garuu maaliif qubee Laatiiniitiin barreessite naan jedhe. Qubee Laatiinii fayyadamuun jechoota Afaan Oromoo dheeraafi gabaabaa, jabaafi laafaa sirriitti adda baasanii barreessuufi jechoota Afaan Oromoo hunda bareessuuf kan mijatu ta’uusaan hubachiise.

Irreessaa Kiroos yeroo sana Tigriffi afaan barnootaa akka ta’u barbaada ture. Haata’u malee afaanichi afaan barnootaa haa ta’u jedhee dubbachuuf rakkataa ture.

Kanaafuu Afaan Oromoo afaan barnootaa akka ta’uuf abbootii taayitaa Dargii bira deemee erga eeyyamamee booda Tigriffis afaan barnootaa akka ta’u gaafachuu barbaadee ture.

Ani waajjiricha keessatti wantoota Afaan Oromootiin barreeffaman hundaaf ittigaafatamaa muummeen ture. Yeroo sana kitaabota miliyoona sadiifi walakkaa Afaan Oromootiin barreessinee barattoonni akka irraa baratan taasisneerra. Kun bara 1967 hanga 68tti ture.

Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa qopheessuu akkamitti jalqabdan?

Abbaa Bariisaa: Yeroo sana gaazexoonni afaanota adda addaatiin maxxanfaman hedduu turan keessaa kan Afaan Oromootiin maxxanfamu hinturre.

Gaazexaan Afaan Oromootiin maxxanfamu maaliif hinjiru gaaffiin jedhu yeroo hunda sammuu keessa na dedeebi’aa ture. Kanarraa ka’uun Gaazexaa Afaan Oromootiin maxxanfamu jalqabuun barbaade.

Yeroo duraa gaazexaa Afaan Oromootiin jalqabuufi qopheessanii maxxansiisuun waan salphaa natti fakkaachaa ture. Yeroon gara hojiitti seenu garuu gaazexaa qopheessuun rakkoo guddaa kan qabu ta’uun hubadhe.

Bara 1964 Ministira Beeksisaa kan ture Doktar Tasfaayee Gabra’igzii bira deemee Gaazexaa Afaan Oromootiin qopheessuun barbaadaa naaf eeyyamaa jedhee gaafadhe.

Namichis aariidhaan “Hangam na tuffatteeti Afaan Oromootiinan Gaazexaa qopheessaa naaf eeyyami jettee biiroo kiyya kan dhufte, ba’i!” jedhee na ifate. Dhugaa Rabbii akkasuma jedhee na ifataa biiroosaa keessaa nabaase. Anis aaree gubadheen ba’ee deeme.

Bara 1966 ammoo namichi Ahaaduu Saaburee jedhamu Ministira Beeksisaa ta’ee muudame. Anis deebi’een Afaan Oromootiin Gaazexaa akkan qopheessuuf naaf eeyyami jedheen gaafadhe.

Obbo Ahaaduun naa eeyyamuu baatus akka Doktar Tasfaayee Gabra’igzii na hinifanne, na hinarrabsines. Dhuma bara 1966fi jalqaba bara 1967tti Haylasillaaseen aangoorraa buufamee Dargiin aangoo qabate. Kun Fulbaana 2 bara 1967 ture.

Bara 1967 Kumaalaa Girmaay Yilmaa Ministira Beeksisaa ta’e. Anis deemeen Afaan Oromootiin gaazexaa akkan qopheessuuf naa eeyyamaa jedheen. Isa warri kaan na ifatanii na ari’an, Kumaalaa Girmaan taa’i jedhee ‘Maakiyaatoo’ na affeeree nahaasofsiise.

“Ati waan hintaane lama nagaafatte. Inni tokkoffaan namni dhuunfaan gaazexaa qopheessuu hindanda’u. Inni lammaffaan Afaan Oromootiin gaazexaa qopheessuun hindanda’amu.

Afaan biraatiin barruu qopheessuuf utuu nagaafattee garuu har’uman sii eeyyama. Ani gaazexaa dhuunfaa Afaan Oromootiin akka ati qopheessituuf sii hineeyyamu garuu abbootii taayitaa biroo gaafachuu ni dandeessa” naan jedhe.

Ani yeroo sana namoota biroo kanneen akka Luba Guddinaa Tumsaa, obboleessasaanii Baaroo Tumsaafi Obbo Leencoo Lataa wajjin walbareera.

Nuti mari’annee nama Oromoo, abbaa taayitaa mootummaa Dargii, Koloneel Takkaa Tulluu jedhaman, kan dhimma Oromoo jaalatan tokko bira deemuuf murteessine.

Ana, Baaroo Tumsaafi Leencoo Lataa waliin taanee Koloneel Takkaa dubbisne. Koloneel Takkaanis “Maal barbaacha dhuftan?” jedhanii nu gaafatan.

Nus “Gaazexaa Afaan Oromootiin qopheessuuf eeyyama gaafachuu dhufne” jenneen. Koloneelichis “Maaliif Ministeera Beeksisaa hingaafattan?” nuun jedhan.

Nutis “Dhaqnee gaafanneerra, garuu nuuf eeyyamuu didan” jennee deebisneef. Tole isiniifan gaafadha nuun jedhan. Nutis tole yoo waan biraa dadhabdan guyyaa tokko qofaaf akka nuu eeyyamaniif nuu gaafadhaa jenneen.

Ayyaana waggaa tokkoffaa aangoo qabachuu mootummaa Dargii sababeeffachuun Fulbaana 2 bara 1968 guyyaa tokko qofa Afaan Oromootiin Gaazexaa Bariisaa akka qopheessinuuf eeyyama nuu kennan.

Nuti garuu duunus niduuna, jiraannus ni jiraanna jennee hiree (carraa) akkanaa lammata hinargannu jechuun kanaan booda Gaazexaan Bariisaa torban lama lamaan ba’a, yoo ba’uu baate mootummaafi dabballoota mootummaa gaafadhaa jechuudhaan Gaazexaa Bariisaa yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin qopheessinee lakkoofsa 1fa, bara 1fa Fulbaana 2 bara 1968 baafne.

Bariisaa: Gaazexaa yeroo jalqabaatiif qopheessitan kana akkamitti raabsitan?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa yeroo jalqabaatiif habbaa (koppii) kuma 20 maxxansinee baafne keessaa kuma tokko ‘Kibur Zabanyaadhaaf’, kuma tokko kutaa waraanaa afraffaa Finfinnee naannawa Laga Harreetti argamuuf, kuma tokko poolisiif akkasumas habbaa kuma tokko Humna Qilleensaa Bishooftuutti argamuuf, habbaa kuma tokko Humna Galaana Mistuwwaafi qonnaan bultoota Oromootiif tola kennine.

Kanneen hafan ammoo gaazexaa tokko saantima 10n gurguraa turre.

 Obbo Leencoo Lataafaan Addabaabaayii Masqalaatti Gaazexaa Bariisaa yeroo jalqabaatiif maxxanfamee bahe santima 10n gurguraa turan.

Torban lammaffaatti barreeffamoota Gaazexaarratti baafnu qabannee Ministeera Beeksisaa gaafa dhaqnee gaafannu “Waanti akkana jedhamu hinjiru.

Nuti yeroo tokko qofa akka qopheessitaniif isinii eeyyamne, isin garuu gaazexichi torban lama lamaan ba’a jettanii ummata dogoggorsuun mootummaarratti akka ka’u taasiftaniitu” jechuun naqabanii ‘Maa’ikelaawwiitti’ na hidhan. Anis utuun baay’ee hinturinan mana hidhaatii ba’e.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa utuu deebi’ee hinmaxxanfamin hangam ture? Akkamitti deebi’ee maxxanfamuu jalqabe?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa utuu deebinee hinmaxxanfamin ji’a shan turre. Utuu kanaan jiruu hireen ykn carraan tokko argame. Innis Koloneel Asraat Dastaa Ministeera Beeksisaatti Ittigaafatamaa Hariiroo Ummataa ture. Wayita koloneelichi leenjiidhaaf biyya alaa deemetti namichi Irreessaa Fissahaa Gadaa jedhamu eeggataa ta’ee hojichaa ture.

Nuti nama kana bira deemnee Gaazexaa Bariisaa qopheessuuf akka inni nuu eeyyamu gaafanne. “Ani waan koloneel didee deeme isiniif eeyyamuu hindanda’u, yeroo deebi’u waanan mallateesse waan ilaaluuf anas, isinis hidhuu danda’a” nuun jedhe.

Garuu mala isiniif dha’uun danda’a jedhe. Innis nama anarra jabaa, Koloneel Asraat sodaatu bira deemee isiniif mallatteessisuun danda’a jedhee Mangistuu Hayilamaariyaam (pirezidaantii duraanii Itoophiyaa) bira deemee eeyyamsiise.

Gaazexaan Bariisaa mallattoofi eeyyama Kolonee Mangistuutiin deebi’ee torban torbaniin maxxanfamuu jalqabe. Koloneel Asraatti gara biyyaatti yemmuu deebi’u Gaazexaan Bariisaa eeyyama argachuusaa dhagahee “Maal ta’a biyya alaa yeroon deemuuf ka’e miillikoo utuu na citee” jedhe.

Ijaa nu ba’achuufis ifaajaa ture. Gaazexaa Bariisaa ummata Oromoo ijaaruufi tokkummaasaa cimsuuf, faayidaafi mirgasaa kabachiisuuf akkasumas afaan, aadaafi seenaa ummatichaa guddisuuf dhimma itti bahaa waan turreef mootummaa biratti jibbame.

Bara 1969 Agarsiisa Aadaa Oromoo Finfinnee, Galma ‘Biheraawwii Tiyaatiritti’ qopheessine. Kaayyoon agarsiisichaa inni guddaan galii Gaazexaa Bariisaatiif walitti qabuu ture. Agarsiisacharratti godinaalee Oromiyaa hundarraa namootni kudhan kudhan akka hirmaatan taasifne.

Gaazexaan Bariisaa akkasitti ummata Oromoo gurmeesseefi ijaaree Finfinneetti agarsiisi aadaa akka qophaa’u taasisaa waan jiruuf sagantichi akka hafuuf abboomamne.

Agarsiisni aadaa sun hafuu akka hindandeenye yeroo baran garuu waanti isin hojjettan hundi maqaa Ministeera Aadaatiin ta’uu qaba jedhan. Gaazexaan Bariisaas Guraandhala bara 1969 mootummaadhaan dhaalame. Mootummaadhaan dhaalamuun gaazexichaas raadiyoodhaan himame.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa yeroo harka nama dhuunfaa tureefi eddii mootummaadhaan dhaalame garaagarummaa maalii qaba?

Abbaa Bariisaa: Gaazexichi yeroo harka nama dhuunfaa ture hojjetaan hundi mindaa malee tola hojjetaa ture. Lammeessaa Boruu abbaa maatii waan ta’eef ji’atti qarshii 100n, Immiruu Angoosee ammoo qarshii 70n hojjetaa turan. Ibraahiim Hajii Alii waggaa lama guutuu mindaa tokko malee hojjetaa ture.

Anis mindaa tokko maleen hojjechaa ture. Waajjira Guddinni Gamtaadhaaniirraa garuu mindaa argachaan ture. Hojjetoonni warri kaanis dhimma Oromoorratti quuqama guddaa waan qabaniif mindaa tokko malee hojjechaa turan.

Yeroo gaazexichi harka nama dhuunfaa ture ummatni Oromoo hundi rippoortaroota ykn madda odeeffannoo keenya ture. Nus waan ummatni keenya dhaga’uu, baruu barbaaduufi bu’aa fiduufii danda’urratti xiyyeeffannee hojjechaa turre.

Erga gaazexichi mootummaadhaan dhaalamee booda garuu odeeffannoo gaazexicharratti ba’u harki caalu fedhii mootummaa ummatatti himuudha ture. Maddi odeeffannoo keenyaa ummata ta’uun hafee mootummaa ta’e. Waa’ee dhimma Oromoo mootummaatti beeksisuun hafee fedhii mootummaa ummattatti himuun jalqabame.

Mootummaan Gaazexaa erga dhaalee booda waggaatti qarshii kuma 500fi konkolaataa tokko ramadeef. Akkasumas rippoortaroota kanneen akka Caalchisaa Ciibsaa, Waaqgaarii Gunjoo, Mahaammad Hasan, Bulloo Siibaa, Ibiraahiim Hajii, Kuwee Kumsaafaa miindeffamanii hojjechaa turan.

Kana malees soroorsitoonni (‘Piruuf riiderii’) nama lamaafi ‘firii laasariinis mindeeffamaniiru. Anis mindaa qarshii 800n gulaalaa gaazexichaa ta’ee hojjechaan ture.

Yeroo mootummaan gaazexicha dhaale ana dabalatee Ibiraahiim Hajii Aliifi Immiruu Angoosee hojjettoota gaazexicha waliin dhaalamaniidha.

Bariisaa: Bariisaan erga mootummaadhaan dhaalamee hangam hojjettan?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa erga mootummaadhaan dhaalamee booda akkan barbaadetti bilisummaadhaan hojii gaazexaa hojjechuu akkan hindandeenyen hubadhe. Haalli siyaasaa yeroo sana tures rakkisaa waan tureef hojicha gadlakkisee adeemuuf murteeffadhe.

Yeroon hojii gadlakkisee deemu Gaazexaan Bariisaa akka hinduuneef hojjettoota gaazexichaa na jala turan keessaa nama bakka kiyya bu’u guddisuufi leenjisuun jalqabe.

Hojjettoota na jala turan torban torbaniin gegeeddaree akka gulaalaa olaanaa gaazexichaatti akka hojjetaniifi geggeessan taasisuun ji’a sadiif of jalatti ergan leenjisee boodan hojicha gadlakkisee deeme.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa ummata Oromootiif bu’aa maalii buuse?

Abbaa Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa handhuura qabsoo Oromooti. Gaazexichi tokkummaa Oromoo cimsuu, afaan, aadaa, seenaafi eenyummaa Oromoo beeksisuufi guddisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera.

Waa’ee mirgaafi faayidaa Oromoo mirkaneessuurratti waan xiyyeeffatuuf gaazexaa ABOti jedhamee jibbamaa ture. Bariisaan siyaasa Oromoorraa adda hinba’u. Hojjettoonni gaazexichaas dhimma Oromoorratti quuqama cimaa waan qabaniif baay’eensaanii hidhamaniiru ajjeefamaniirus.

Bariisaa: Akkamitti maqaa Abbaa Bariisaa jedhu argattan?

Abbaa Bariisaa: Hundeeffama gaazexichaarraa kaasee hangan dhiisee ba’utti gulaalaa olaanaan gaazexichaa ana ture. Kanarraa ka’uudhaan maqaan Abbaa Bariisaafi Abbaa ‘Dikshinaarii’ jedhu biyya alaatti naaf ba’e.

Bariisaa: Eddii Gaazexaa Bariisaa dhiistanii deemtanii maal hojjechuu jalqabdan?

Abbaa Bariisaa: Ani yeroo sana Waajjira Guddinnni Gamtaa keessan hojjechaa ture. Yeroo sanahaala siyaasa Itoophiyaa Bahaa tasgabbeessii kottu jedhanii Harargeetti na ergan. Raadiyoo Harar, Tajaajila Oduu Itoophiyaafi waraana leenjisii qindeessi jedhanii na ergan.

Akkuman Harar deemeen ijoollee Oromoo sababa siyaasaatiin hidhaman akka gadlakkifaman taasiseen anis utuun hinturin gara Saa’ud Arabiyaa deeme. Ani yeroo sana miseensa ABO waanan tureef Saa’ud Arabiyaatti hawaasa Oromoo walitti qabee qarshiifi wantoota adda addaatiin ABO akka deggaran taasisaan ture.

Oromoon biyya itti dhalatetti garbummaan jiraachuu hinqabu jennee qabsaa’aa turre. Mootummoota biyya alaa waliin hariiroo uumnee waa’ee dhimma Oromoo akka beekan taasisaan ture.

ABOn maaliif akka hundaa’eefi maaliif akka qabsaa’us hubachiisuudhaan deggersa akka taasisan gochaan ture. Saa’ud Arabiyaa waggaa afuriifi walakkaaf tureen Amerkaatti qajeele.

Bariisaa: Dhiibbaan akka dhuunfaatti yeroo Gaazexaa Bariisaarra hojjetan isinirra gahe jiraa?

Abbaa Bariisaa: Dhiibbaan adda addaa narra gahaa tureera. Ani garuu dhugaa dubbachuufi hojjechuuf duubatti deebi’ee hinbeeku. Nahidhu, na ajjeesu, hojiirraa na ari’u jedhees sodaadhee hinbeeku. Garuu dubbiin cimee yeroon mana kiyya buluu itti dadhabe tureera. Mana kiyya dhiiseen mana firaa, hiriyaafi mana siree bulaa tureera.

Ergan biyyaa ba’ees haadha kiyya halkan sa’aatii 6:00tti qabanii buufata poolisiitti geessanii ‘bakka ilmi kee jiru nutti himi’ jedhanii rukutaafi doorsisaa turan.

Miidhaan sababa kootiin haadha kiyyarra gahe daran hamaadha. Isheen ergan manaa bahee waanan hojjedhuufi bakka ani jiru hinbeektu turte. Namootni na waliin hojjechaa turanis daran miidhamaniiru.

Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa waggaa 42 booda Amerkaadhaa deebitanii yeroo argitan maaltu isinitti dhagahame?

Abbaa Bariisaa: Gammachuufi gaddatu natti dhagahame. Gaazexaan kun utuu hindu’in ykn hinbadin waggaa 42 booda deebi’ee arguu kootti gammachuu guddaatu natti dhagahame. Akka gaazexaan kun hinduuneef waantan hojjedhee deeme isinitti himeen ture.

Gaazexaan kun erga hundaa’ee waggaa 44 keessatti ammayyuu torbanitti guyyaa tokko qofa maxxanfamuun daran nagaddisiisa. Habbaan gaazexichaa yeroo jalqabaa kuma 20 ture gara kuma 10tti gad bu’uunis daran na gaddisiiseera. Ummata Oromoo miliyoona 50 ta’uuf gaazeexaa habbaa kuma 10 maxxansiisanii raabsuun maal jechuudha? Kun waan sirriitti itti yaaduufi irratti hojjetamuu qabuudha.

Bariisaa: Gaazexaan Bariisaa gara fuulduraatti sadarkaa akkamiirra gahee arguu hawwitu?

Abbaa Bariisaa: Habbaan gaazexichaa miliyoona tokkoo ol ta’ee argamuu, guyyaa guyyaatti akkanni maxxanfamee bahu, hordoftoonni ‘Feesbuukii’ gaazexichaa miliyoona tokko ol ta’anii argamuu, raabsi gaazexichaa bakkawwan hundatti hanga biyya alaatti qaqqabamaa akka ta’un hawwa.

Gaazexichi manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran hunda bira akka ga’un hawwa. Manneen kitaabaa ummataa keessattis argamee namootni carraa argatanii akka dubbisan taasisuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Qabiyyeen gaazexichaa maalirratti yoo xiyyeeffateedha ummata Oromoo biratti daran jaalatamuu kan danda’u?

Abbaa Bariisaa: Gaazexichi ummata Oromoo biratti jaalatamuufi jaalatamuu dhabuusaa kan murteessu qabiyyee gaazexichaati. Isin daangaa keessatti hojjechuu qabdanii ala ba’uu hindandeessan. Sobarratti hirkatanii mootummaa faarsuudhaan jaalatama argachuurra dhugaarratti hirkatanii jaalatamummaa argachuun barbaachisaadha.

Gaazexichi waan sirrii, dhugaafi haqa ta’e qoratee baasee ummataaf kan dhiyeessu yoo ta’e, ummata biratti ni jaalatama. Dhugaafi haqa jiru dubbachuun mootummaa birattillee nama hingaafachiisu.

Qabiyyeen gaazexichaa rakkoo ummataa ifatti baasuu, haqaafi dhugaarratti kan xiyyeeffatu yoo ta’e ummata biratti jaalatamummaa guddaa argachuu danda’a.

Qabiyyeen gaazexichaa dhimmoota afaan, aadaafi seenaa ummata Oromoo guddisaniifi dagaagsan akkasumas faayidaa ummatichaa eegsisan, mirga isaa kabajchiisaniifi rakkoo ummataa ifatti baasuun furmaata akka argatu taasisuu irratti xiyyeeffachuun dhugaafi haqaan ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun hojjechuu qaba.

Qabiyyeen gaazexichaa dhimmoota kunneen irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’e ummata Oromoo biratti jaallatamummaa guddaa argachuu kan danda’u.

Bariisaa: Ameerikaa yeroo jirtan waa’ee dhimma Oromoo akkamitti hordofaafi irratti hojjechaa turtan?

Abbaa Bariisaa: Namni waan lama hojjeta; tokko waan mindaa itti argatee ofiifi maatiisaa ittiin jiraachisuudha. Inni lammaffaa ammoo waan sammuun isaa itti amaneedha.

Waa’ee dhimma Oromoorratti hojjechuun waan sammuun koo itti amane waan ta’eef duraanis mindaa maleen hojjechaa ture; gara fuulduraattis akkanuma. Waanan hojjedhee doolaara kuma meeqa itti argadhurra dhimma Oromoofan dursa kennee hojjechaa jira.

Ameerkaatti kitaabota 10 barreessee maxxansiiseera. Hiika jechootaa (Dikshinarii) Hamiid Muudee jedhamuun beekamu tokkos qopheessee maxxansiiseera. Afaan Oromoo Afaan teknolojii gochuufis waggaa 21 dura ‘soofti weerii’fi maanuwaalii soofti weericha waliin deemu qopheesseera.

Bariisaa: Jijjiirama yeroo ammaa biyyattiitti mul’achaa jiru akkamitti ilaaltu?

 Abbaa Bariisaa: Dhugaa dubbachuuf taanaan jijjjiiramni biyyattiitti mul’achaa jiru daran nagammachiiseera. Biyyattiin gaaga’ama guddaafi badiirraa baraaramtee jijjiiramni kun mul’achuun waan nama gammachiisuudha. Mirgi dhala namaas kabajamuusaatti gammachuu guddaan qaba.

Ammayyuu garuu yaaddoo guddaas nan qaba. Lammiilee of wareeganii jijjiiramni kun akka dhufu taasisaniif galata guddaan qaba. Anis biyya kanatti deebi’ee dhufuu kanan danda’e jijjiirama argame kanaani. Jijjiiramni kun gara fuulduraatti akka tarkaanfatus nan barbaada.

Bariisaa: Miidiyaalee yeroo ammaa biyyattii keessa jiran akkamitti ilaaltu?

Abbaa Bariisaa: Miidiyaaleen biyyattii keessumaa miidiyaaleen dhuunfaa tokko tokko siyaasa jibiinsaarratti hirkatanii waan biyyattii ijaaru utuu hintaane biyya balleessuufi diigu hojjechaa jiru. Kun waan hedduu na yaaddessuudha.

Miidiyaaleen mootummaas ta’e dhuunfaa waan haqaafi dhugaa ta’erratti hundaa’anii loogii tokko malee hojjechuu qabu. Odeeffannoonsaaniis ragaa qabatamaafi dhugaarratti kan hundaa’e ta’uu qaba.

Soba irra deddeebi’anii dubbachuudhaan sammuu namaa hadoochuun dhaabachuu qaba. Miidiyaan dhugaaf hojjetu miidiyaa soba afarsu dura dhaabbatee dhugaafi haqa jiru baasuu qaba.

Waldaan gaazexeessitootaa miidiyaalee hunda to’atuufi hordofu tokkos utuu hundaa’ee gaariidha. Waldaan kun miidiyaa soba afarsu kan saaxilu, kan to’atuufi hordofu ta’uu qaba. Mootummaa utuu hintaane waldaan miidiyaalee to’atee sirreessu utuu jiraatee gaariidha. Waldaan kun akka hundaa’uufis mootummaan deggersa taasisuu qaba.

Miidiyaaleen dubbiin tokko dhugaafi soba ta’uu utuu hinmirkaneeffatin kan tamsaasan yoo ta’e ummatni akka walfixuufi biyyi akka diigamtu waan taasisuuf of eeggannoon hojjechuutu irraa eegama. Miidiyaaleen soba miidiyaa tokkoo dhugaa jirurratti hundaa’uun saaxilanis babal’achuu qabu. Oduu sobaatiin saba tokko saba biraa waliin walitti buusuun dhaabbachuu qaba.

Bariisaa: Gara fuulduraatti Gaazexaa Bariisaa akkamitti deggeruu barbaadu?

Abbaa Bariisaa: Ani hanga dhimmi Oromoo furmaata argatutti hirriba hinqabu. Sabboonummaan Oromoo har’allee na keessa jira.

Waan maanguddoon tokko hojjechuu danda’uun Gaazexaa Bariisaafis ta’e ummata Oromootiif hojjechuurraa duubatti hindeebi’u. Gaazexichi hanga biyya alaatti akka beekamuufis nan hojjedha. Biyyattiis beekumsaafi waanan qabuun gargaaruu nan barbaada.

Pirofesar Mahaadiin haala olitti ibsame kanaan, guddina Afaan Oromootiif odoo nuffii tokko hifannaa malee tattaafatuu dhukkuba hidda dhiigaa onneetiin qabamanii otoo wal’aanamaa jiranii carraaquu, Amajjii 15, bara 2013 addunyaa kanarraa du’aan umriisaanii waggaa 71tti kutaa Ohaayoo Magaalaa Kileevlaandi (Ameerikaatti) boqotanii sirni awwaalchaasaanii Atilaantaa, Ameerkaatti Kibxata darbe, Amajjii 18 bara 2013 raawwatameera.

Odeeffannoo dinqisiifataansaanii Obbo Sa’id Muhaammad Alii nuun gahanirraa akka hubannetti Abbaan Bariisaa haadha warraasaanii Aadde Maaziyaan Ahmad wajjin ijoollee afur kan horataniifi obboleeyyan 35 wajjin kan dhalate yoo ta’u, nama arjummaafi sabboonummaan faayame, xiqqaa guddaa kabajaan jaalalaan simatu, hayyuu barsiisaa barataan waa irraa baratee hinquufne turan.

Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaas lubbuun darbuu hayyuu hangafa kanaan itti dhaga’ame ibsaa, maatiifi firootasaaniitiif jajjabina hawwa.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 22/2013

Recommended For You

857 Comments to “Pirofesar Mahaadii Hamiid Muudee (Abbaa Bariisaa) bara 1942-2013tti”

  1. Pingback: sex viet
  2. buy cheap ozempic [url=https://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] Ozempic without insurance

  3. buy semaglutide pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] buy semaglutide pills

  4. Ozempic without insurance [url=https://ozempic.art/#]buy cheap ozempic[/url] ozempic generic

  5. pin up bet [url=http://pinupturkey.pro/#]pin-up bonanza[/url] pin up casino guncel giris

  6. pin-up casino giris [url=https://pinupturkey.pro/#]pin up casino guncel giris[/url] pin up casino

  7. neurontin tablets uk [url=https://gabapentin.auction/#]order gabapentin[/url] neurontin medicine

  8. Semaglutide pharmacy price [url=https://semaglutide.win/#]rybelsus generic[/url] rybelsus price

  9. cheap stromectol [url=http://stromectol.agency/#]buy stromectol online[/url] minocycline interactions

  10. ivermectin generic [url=http://stromectol.agency/#]stromectol price[/url] buy stromectol uk

  11. purchase amoxicillin online [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin 500mg prescription[/url] amoxicillin script

  12. neurontin 200 [url=https://gabapentin.auction/#]neurontin 300[/url] neurontin capsule 600mg

  13. neurontin over the counter [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin for sale[/url] neurontin brand name 800 mg

  14. rybelsus generic [url=https://semaglutide.win/#]semaglutide[/url] Buy compounded semaglutide online

  15. buy amoxicillin online mexico [url=http://amoxil.llc/#]amoxil best price[/url] amoxicillin order online no prescription

  16. ivermectin cost [url=https://stromectol.agency/#]buy stromectol online[/url] minocycline topical foam

  17. rybelsus price [url=https://semaglutide.win/#]Buy semaglutide pills[/url] Buy compounded semaglutide online

  18. indian pharmacy online [url=http://indianpharmdelivery.com/#]indian pharmacies safe[/url] pharmacy website india

  19. reputable mexican pharmacies online [url=http://mexicanpharm24.pro/#]mexican mail order pharmacies[/url] purple pharmacy mexico price list

  20. indian pharmacy [url=https://indianpharmdelivery.com/#]best online pharmacy india[/url] best online pharmacy india

  21. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharm24.pro/#]mexico drug stores pharmacies[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  22. п»їlegitimate online pharmacies india [url=https://indianpharmdelivery.com/#]reputable indian pharmacies[/url] buy medicines online in india

  23. erectyle dysfunction [url=https://drugs24.pro/#]prescription without a doctor’s prescription[/url] ed treatments that really work

  24. dog antibiotics without vet prescription [url=https://drugs24.pro/#]pain meds online without doctor prescription[/url] prescription drugs online without doctor

  25. paxlovid generic [url=https://paxlovid1st.shop/#]paxlovid cost without insurance[/url] paxlovid covid

  26. Cost of Plavix without insurance [url=https://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] cheap plavix antiplatelet drug

  27. where to buy ivermectin cream [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] what is minocycline 50 mg used for

  28. buy paxlovid online [url=https://paxlovid1st.shop/#]best price on pills[/url] paxlovid pill

  29. generic ivermectin for humans [url=http://stromectol1st.shop/#]cheapest stromectol[/url] minocycline 100mg tablets

  30. 1xbet официальный сайт [url=https://1winrussia.online/#]1xbet официальный сайт[/url] 1хставка

  31. пин ап официальный сайт [url=http://1winci.icu/#]пин ап вход[/url] пин ап

  32. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican mail order pharmacies[/url] mexico drug stores pharmacies

  33. mail order pharmacy india [url=http://indianpharm1st.com/#]reputable indian pharmacies[/url] Online medicine home delivery

  34. Пин Ап Казахстан [url=https://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казахстан[/url] Пин Ап Казахстан

  35. best online pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]Order medicine from India to USA[/url] indianpharmacy com

  36. reputable indian online pharmacy [url=https://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy international shipping[/url] indianpharmacy com

  37. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  38. male erectile dysfunction [url=https://pharm24.pro/#]affordable medication[/url] is ed reversible

  39. pain medications without a prescription [url=https://pharm24.pro/#]cheap medication[/url] online drug store

  40. Casino Siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]Deneme Bonusu Veren Siteler[/url] Deneme Bonusu Veren Siteler

  41. deneme bonusu veren siteler yerliarama.org [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey

  42. deneme bonusu veren siteler betturkey [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler betturkey[/url] deneme bonusu veren yeni siteler

  43. deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler 2024[/url] deneme bonusu veren siteler 2024

  44. buy Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]gabapentin[/url] buy Gabapentin GabaPharm

  45. buy kamagra oral jelly Kam Pharm [url=https://kampharm.shop/#]Kamagra Kam Pharm[/url] cheapest Kamagra Kam Pharm

  46. ED meds online [url=https://erepharm.com/#]ED meds online[/url] cheapest ed pills ere pharm

  47. buy gabapentin india [url=https://gabapharm.com/#]Buy gabapentin for humans[/url] buy Gabapentin GabaPharm

  48. cheapest Gabapentin GabaPharm [url=http://gabapharm.com/#]GabaPharm[/url] gabapentin GabaPharm

  49. indian pharmacy paypal [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Best Indian pharmacy[/url] online pharmacy india

  50. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharmgate.com/#]medicines mexico rx online[/url] medication from mexico pharmacy

  51. buy prescription drugs from india [url=http://canadiandrugsgate.com/#]canadian pharmacy drugs gate[/url] canadian drugstore online

  52. mexican online pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharmgate.com/#]mexicanpharmgate.com[/url] buying from online mexican pharmacy

  53. priligy max pharm [url=https://priligymaxpharm.com/#]dapoxetine online[/url] buy dapoxetine online

  54. buy prednisone online india [url=http://prednisoneraypharm.com/#]cheap prednisone[/url] prednisone cost in india

  55. where can i buy prednisone online without a prescription [url=https://prednisoneraypharm.com/#]order Prednisone[/url] order prednisone

  56. buy clopidogrel online [url=https://plavixclo.com/#]Clopidogrel Best Prices[/url] Plavix generic price

  57. ivermectin 3mg tablets price [url=http://iverfast.com/#]cheapest Ivermectin[/url] ivermectin ireland

  58. minocycline rash [url=http://iverfast.com/#]buy Ivermectin online[/url] minocycline 100 mg online

  59. вавада казино зеркало [url=https://vavada-kazi.ru/#]вавада онлайн казино[/url] vavada-kazi.ru

  60. пин ап казино [url=http://pinup-kazi.ru/#]pinup kazi[/url] пин ап казино

  61. вавада казино зеркало [url=https://vavada-kazi.ru/#]вавада казино онлайн[/url] vavada-kazi.ru

  62. Online medicine home delivery [url=https://indianpharmstar.com/#]IndianPharmStar.com[/url] buy prescription drugs from india

  63. best india pharmacy [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharm star[/url] best india pharmacy

  64. indian pharmacies safe [url=https://indianpharmstar.com/#]indian pharmacy[/url] pharmacy website india

  65. indian pharmacy online [url=http://indianpharmstar.com/#]indian pharm[/url] buy prescription drugs from india

  66. buy prescription drugs from canada [url=http://canadianpharm1st.com/#]canadian pharm[/url] erectile dysfunction treatments

  67. reputable mexican pharmacies online [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]Pharm Easy[/url] mexican pharmaceuticals online

  68. can you purchase amoxicillin online [url=http://amoxilpharm.store/#]amoxicillin 500 mg cost[/url] AmoxilPharm

  69. Gabapentin Pharm [url=http://gabapentinpharm.com/#]neurontin 100mg discount[/url] Gabapentin Pharm

  70. buy cytotec over the counter [url=https://cytotec.top/#]п»їcytotec pills online[/url] buy cytotec over the counter

  71. can you buy cheap clomid prices [url=https://clomid.store/#]get cheap clomid price[/url] where can i get generic clomid now

  72. zestril tablet [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril 5mg tabs[/url] buy lisinopril 10 mg

  73. buy cipro without rx [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]ciprofloxacin order online[/url] buy cipro online usa

  74. buy cytotec over the counter [url=http://cytotec.top/#]purchase cytotec[/url] buy misoprostol over the counter

  75. buy cheap generic zithromax [url=https://azithromycinus.com/#]buy generic zithromax no prescription[/url] buy cheap zithromax online

  76. http://clomid.store/# how to get cheap clomid pills
    can you buy clomid without dr prescription [url=http://clomid.store/#]get cheap clomid no prescription[/url] generic clomid without dr prescription

  77. get generic clomid without dr prescription [url=https://clomid.store/#]cost cheap clomid now[/url] buy cheap clomid prices

  78. can i buy zithromax over the counter in canada [url=http://azithromycinus.com/#]buy generic zithromax no prescription[/url] zithromax 500 mg lowest price drugstore online

  79. buy cheap generic zithromax [url=https://azithromycinus.com/#]where to get zithromax[/url] zithromax 500 mg for sale

  80. zithromax 500 price [url=http://azithromycinus.com/#]zithromax 250 mg[/url] zithromax 500 mg for sale

  81. lisinopril pill 20mg [url=https://lisinoprilus.com/#]lisinopril 20 tablet[/url] lisinopril 2 5 mg tablets

  82. cheap clomid online [url=https://clomid.store/#]cost of clomid now[/url] how to get clomid price

  83. buy zithromax no prescription [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax online usa[/url] where to buy zithromax in canada

  84. online ed pills [url=https://edpills.men/#]order ed meds online[/url] erectile dysfunction meds online

  85. slot tr online [url=http://slottr.top/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  86. az parayla cok kazandiran slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] az parayla cok kazandiran slot oyunlar?

  87. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=http://slottr.top/#]slot siteleri[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  88. gГјvenilir casino siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]jackpot play nedir[/url] orjinal siteler

  89. slot siteleri [url=https://slottr.top/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  90. пин ап казино зеркало [url=https://pinup2025.com/#]пин ап зеркало[/url] пин ап казино официальный сайт

  91. en kazancl? slot oyunlar? [url=https://slottr.top/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  92. pills for erection [url=http://canadianpharmi.com/#]canadianpharmi[/url] comfortis for dogs without vet prescription

  93. medication online [url=http://canadianpharmi.com/#]Canada pharmacy online[/url] pharmacy medications

  94. reputable mexican pharmacies online [url=http://mexicanpharmi.com/#]mexicanpharmi[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  95. buying ed pills online [url=http://canadianpharmi.com/#]Cheapest drug prices Canada[/url] top ed pills

  96. mail order pharmacy india [url=https://indiapharmi.com/#]India online pharmacy international shipping[/url] reputable indian online pharmacy

  97. natural ed [url=http://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy online reviews[/url] natural pills for ed

  98. order amoxicillin no prescription [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin discount coupon[/url] amoxicillin without rx

  99. buy prednisone canada [url=http://prednibest.com/#]prednisone over the counter australia[/url] prednisone 20mg price

  100. order generic clomid tablets [url=https://clomidonpharm.com/#]can i buy cheap clomid online[/url] clomid online

  101. prednisone 50 mg coupon [url=http://prednibest.com/#]PredniBest[/url] prednisone 500 mg tablet

  102. prednisone 5 mg tablet price [url=https://prednibest.com/#]20mg prednisone[/url] prednisone daily

  103. buy amoxil [url=https://amoxstar.com/#]AmoxStar[/url] where to get amoxicillin over the counter

  104. ciprofloxacin generic [url=https://cipharmdelivery.com/#]where can i buy cipro online[/url] buy ciprofloxacin over the counter

  105. where can i buy clomid without rx [url=http://clomidonpharm.com/#]where to buy generic clomid prices[/url] can you buy clomid without dr prescription

  106. ciprofloxacin [url=https://cipharmdelivery.com/#]buy cipro online usa[/url] ciprofloxacin order online

  107. prednisone online paypal [url=https://prednibest.com/#]prednisone 20mg[/url] buy prednisone 20mg without a prescription best price

  108. amoxicillin 500mg pill [url=https://amoxstar.com/#]buy cheap amoxicillin online[/url] can you buy amoxicillin uk

  109. buy amoxicillin 500mg [url=https://amoxstar.com/#]can you buy amoxicillin over the counter in canada[/url] amoxicillin for sale

  110. pinup 2025 [url=http://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пин ап казино зеркало

  111. пин ап казино официальный сайт [url=http://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап казино

  112. пин ап казино [url=https://gramster.ru/#]gramster.ru[/url] пин ап казино официальный сайт

  113. п»їbest mexican online pharmacies [url=http://mexicanpharmacy.store/#]reputable mexican pharmacies online[/url] п»їbest mexican online pharmacies

  114. canadian pharmacy phone number [url=https://canadianpharmacy.win/#]best canadian online pharmacy[/url] legitimate canadian online pharmacies

  115. best rated canadian pharmacy [url=https://canadianpharmacy.win/#]best online canadian pharmacy[/url] canadian pharmacy drugs online

  116. canada drugs reviews [url=https://canadianpharmacy.win/#]canadian pharmacy prices[/url] canadian pharmacy 24h com

  117. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharmacy.store/#]mexican pharmaceuticals online[/url] buying from online mexican pharmacy

  118. cheapest ed treatment [url=http://fastpillseasy.com/#]fast pills easy[/url] online erectile dysfunction medication

  119. where to get ed pills [url=https://fastpillseasy.com/#]cheap cialis[/url] low cost ed medication

  120. п»їcialis generic [url=http://maxpillsformen.com/#]Generic Cialis without a doctor prescription[/url] Cheap Cialis

  121. Cheap generic Viagra [url=http://fastpillsformen.com/#]buy viagra online[/url] best price for viagra 100mg

  122. Buy generic 100mg Viagra online [url=https://fastpillsformen.com/#]Order Viagra 50 mg online[/url] Viagra online price

  123. cheap ed medicine [url=https://fastpillseasy.com/#]cheap cialis[/url] online ed medication

  124. buying ed pills online [url=https://fastpillseasy.com/#]cheap cialis[/url] online ed medications

  125. sildenafil over the counter [url=https://fastpillsformen.com/#]sildenafil over the counter[/url] Generic Viagra online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *