“Mukarraa nyaadhee, mukarra jiraadhee bakka har’a ga’e qaqqabe” -Artisti Ifaa Taliilaa Caalii

 Artisti Ifaa Taliilaa Caalii sirboota haadhakoo hindu’iin, of hinsobiin, shaggooyyeefi kanneen biro sirbuudhaan beekama. Erga yeroo dhihoo as garuu muuziqaarraa fagaatee hojii tol ooltummaarratti yeroosaa dabarsaa jira. Ifaan bu’aa ba’ii jireenyaa himamee hindhumne keessa darbee har’a ijoollee 105f abbaa haadholii 37 ammoo obboleessa ta’ee gargaara. Yeroo yeroottimmoo kanneen daandiirra jiran sagantaa qopheessuum ciree, laaqanaafi irbaata nyaachisa.

Gaazexaan Bariisaas muuxannoo isaa isiniif qoduu waan barbaadeef Artistii kana keessummaa torban kanaa taasifateera; dubbisa gaarii.

Bariisaa: Mee wal haa barru.

Ifaa: Ifaa Taliilaa Caaliin jedhama. Ifaan ana, Taliilli abbaakooti, Caaliin harmeekooti.

Bariisaa: Maaliif maqaa harmeekee dabaltee himatta?

Ifaa: Sababnisaa kabajan dubartiifi haadhaaf qabu agarsiisuufi. Akka duudhaatti maqaa abbaakeetiin waamamta. Haatikee garuu baay’ee sitti ifaajjitee si guddisti. Kanaaf ifaajii abbaakoos haadhakoos agarsiisuuf gaafan laman isaanii himadhu natti tola. Haatiikoo na guddisuus baattuu kabaja isheef qabuufi waanuma gara addunyaa kanatti na fiddeef gaafan itti waamamu natti tola.

Bariisaa: Eessatti dhalattee guddatte?

Ifaa: Godina Shawaa Bahaa, aanaa Boosat, ganda baadiyyaa magaalaa Walancitiirraa kiloomeetira afur fagaattuufi Feexoo jedhamtuuttin dhaladhe, guddadha. Barnootakoo kutaa tokkoo hanga saddeetii magaalaa Walancitiittii, sadarkaa lammaffaammoo Asallaattin baradhe.

Isaa booda ogummaa miidhagina dubartootaatiin Kolleejjii Barnoota Leenjiifi Tekinikii Ogummaa Asallaarraan ba’e. Waggaa sagalan baranaammoo Adaamaatti galeen Bishooftuutti barnootakoo barachaan dippiloomaakoo fudhadhe. Amma Adaamaan jiraadha.

Bariisaa: Hojiinkeewoo?

Ifaa: Nan Weellisa. Sirboota ja’a nan qaba. Ogummaa miidhagina dubartootaas nan qaba. Dabalataan Waldaa gargaarsa Ifaa jedhamu hundeessee hojjechaan jira. Waldichi erga hundaa’ee wagga torbaffaasaati. Garuu seera qabeessaan eeyyama ergan itti baasee waggaa lama. Waldichi Adaamaa naannawaa Booleedhaa waajjira kan qabu yoo ta’u, miseensoota 12 qaba. Hojii tajaajila lammummaarratti hojjetaa kan jirus yoo ta’u daa’imman harka qalleeyyii 105fi haadholii 37 dhaabbiidhaan garagaara.

Bariisaa: Ifaa, mee ijoollummaa kee na yaadachiisi.

Ifaa: Ijoollummaan koo gaarii hinturre. Garuu isatti garaa hinciniinnadhu. Ani har’a jabaadha rakkoo kamiifuu harkakoo hinkennu.

Bariisaa: Maaliif gaarii hinturre?

Ifaa: Akka haatiikoo natti himteetti, ani dhaladhe naannawa ji’a saddeetiitti abbaakootiin waldhabanii adda ba’aan. Ishenis na fudhattee jalaa baddee obboleettiishee bira dhaqxe. Abbaan koo duubarraan hordofee dhufee, ana harkaa fudhatee haadha buddeenaasaa ani yeroo hunda maqaashee kaasee hinquufne Kaarruu jedhamtuutti na kenne. Haatikoommoo gara Adaamaatti baqatte. Kanaaf akaakayyuukootu akka abbaatti ta’ee, aannan dhugaa, dhadhaa nyaachaa, foon nyaachaa qananiidhaan na guddise.

Dubbiin kan bade erga inni boqatee booda. Akaakayyuun koo abbaa lafaa waan tureef haadha manaa afur shan qaba ture. Kanaaf erga inni du’ee booda ilmaansaa qabeenya addaan qooddatanii ani Kaarruutti hafe. Hangan xiqqoo of beekuutti isheetu na guddise jechuudha. Akaakayyuunkoo gaafa du’e anaafi abbaakoof lafa, midhaaniifi qarshii nuu kennee du’e. Garuu ilmi hangafaa Kaarruu tokko waan akaakayyuunkoo naa kaa’ee sana fuudhee gurgaarataa ture. Anas na jibbaafi sababa malee na reebaa ture. Kan koorra darbe kan haadhasaayyuu akka barbaadeetti itti fayyadama. Kanarraa ka’uun jireenyi gadi bu’aa dhufe.

Guyyaa tokko utuun re’ootaafi jabboota tiksuu midhaan namaa seenan. Abbaan midhaanichaas re’ootaafi jabboota sana qabe. Akka aadaatti yommuu horiin midhaan namaa nyaattu, abbaan midhaanii horii qabee galgala abbaa horiirraa qarshii fuudha. Yoo kun dhaga’ame anaaf naa dhumachuusaati jedheen baadiyaadhuma nutti dhihoo jiruttin bade.

Bu’aa ba’iin jireenyaakoo inni ulfaataan achirraa jalqabe. Waan nyaattu, waan dhugdu, bakka bultu dhabuun yeroos jalqabe. Kanarraan haatiifi abbaankoo na bira hinjiran, bakka isaan jiranis hinbeeku. Garuu Wasiloota hedduun qaba. Isaanis ilma obboleessa keenyaati jedhanii ofitti na qabuurra akkan qe’eesaanii hindeemne natti kakachaa turan. Kana kanin kaasuu waanuman keessa darbeef malee yeroos itti gadduus amma waa hunda Rabbiif dhiisu wayya jedhee itti hinqabamu.

Ijoolleensaanii garuu shummoo (mulluu) kiisiitti qabatanii dhufanii dhoksaadhaan naa kennaa turan. Utuu wajjiin teenyee taphannuu yoo maatiinsaanii dhufan fiigeen keessaa ba’ee baqadha.

Yeroo sana wanti baay’ee natti ulfaatu ture waa lama; bakka bultiifi waan nyaataa. Yeroon dubbadhu namni nan amanu. Qarree Kaloofi Gaara Ciisaa jedhamutu ture. Qarreen Kaloo sun mukoota firiinsaanii nyaatamu baay’eetiin kan guutamtedha. Mukkeen kanarraan firii guuree nyaadha; jaldeessi gamaa guura, ani gamanaan guura. Bishaan ammoo bo’oo maasii xaafiif qotamee kuufame keessaan gadi jedhee dhuga.

Yeroo sana akka ammaa kana daa’ima ofitti qabuun hinturre. Laaqana nyaachuuf jecha namoota qonna qotan bira deemeen hojjedhaaf. Yeroosaan nyaatan ani nan qota. Gaafa hojiin dhumu galgala, “jedhi bor walagarra” naan jedhanii gara manasaaniitti galu. Animmoo Muka Janjamaa jedhamu firiin isaa nyaatamu, firiisaa akka nyaataatti fayyadameen, akka manaattis irra bulaan ture. Yeroo sana yoomiyyuu hindagadhu…(imimmaan ijasaa keessaa lola’aa).

Haala Kanaan firootakoo irraa baqadhee ormatti dheesseen jiraadhan ture. Guyyaa lama sadii iddoo tokko buleen achiimmoo deema.

Ani amalakootiin dafee namatti hinmadaqu. Akkan itti guddadhees ta’uu danda’a akka ijoollees tapha hinbeeku. Ijoollee waliin takka taphadhee gaafasaan wal’aansoo naan qaban nan rukuta. Isaanimmoo bo’anii maatiisaaniitti himatu. Maatiinis “nuti sii gaddinee ofitti si qabnaan ijoollee keenya rukkuttaa?” jedhanii of biraa na ari’u.

Qoraan guuree namaa geessaa buddeenis nyaachaa tureera. Horiis nama tikseera. Utuun akkanaan dhama’uu gaaf tokko namni wayii wayyaa narratti ciccitee jiru argee akkan horii tiksu na gaafate. Anis tole jedheen isa waliin gale. Gaafa hojiitti bobbaanu isaan laaqanaaf na hambisanii galu. Erga ofii nyaatanii deebi’anii booda anammoo ergu. Gaaf tokko akkanatti isaan nyaatanii yoo deebi’an ani deeme. Qe’eesaaniimmoo sarootatu jira. Waanin isaan sodaadhuuf dhagaafi ulee qabadheen deeman ture.

Gaafan achi ga’ee warra qe’ee waamu saree tokkichi utaalee natti dhufe. Ofirraa dhorkuuf jechan dhagaa itti darbadhe. Dhagichi isa dhiisee jabbi mana jala ciistee alala guurtu keessaa tokko funyaan dha’e. Akkumsaatti saree bira darbeen yommuun jabbittii bira ga’u duuteetti.

Yoona kana beela’aa, dheeboochaa akka afaan na gogeettiin achii deeme. Achii ba’een obboleettii haadhakoo bira deemee waan uumame itti hime. Isheenis takka of bira na tursitee intalashee Walancitiitti heerumtee jirtu bira na geessite. Baadiyyaarraa magaalaan dhufe jechuudha.

Bariisaa: Jireenyi magaalaawoo akkam ture?

Ifaa: Achittimmoo rakkoon bifa jijjiirratee natti dhufe. Ani ibsaa, raadiyoo, namni baay’een walkeessa yaa’uufi kkf hinbeeku. Haalli uffannaakootis warra magaalaatiin adda. Rakkoo inni guddaan immoo ani Afaan Oromoo malee amaariffa jecha tokko hinbeeku. Gaafa namni kolfee natti dubbatu calliseen dhaggeeffadha, gaafa namni sagalee ol kaasee nyaara guuree dubbatummoo lola jedheen lolaaf qopha’a. Inni kun dhiphinna sammuu natti fidnaan deebi’ee baadiyaatti galeen ture; garuu deebisanii na fidan. Akkuma ta’ee ta’eeyyuu barnootakoon jalqabe.

Bariisaa: Yeroos umurii meeqa taata?

Ifaa: Har’ayyuu hinbeeku umuriikoo. Garuu jabaan ture. Umurii mana barumsaa galuurrayyuu darbeera. Ijoollee waliin barannurraa anatu guddaadha.

Amma jireenyi hanga tokko naaf gaarii

 ta’us saamichi humnaa inni baadiyyaa sun na biraa hafuu hindandeenye. Ganamaan ka’een cireefi nyaata horii qopheessa. Farsoo nan naqa. Buddeenan tolcha, ittoo indaanqoo nan hojjedha. Yeroo sana hojiin kun humnakoo ol ta’us, har’a na fayyadeera. Abbaan manaa durbiikootii “gaaf tokko na galateeffatta” jechaa na hojjechiisa ture.

Haala Kanaan utuun taa’uu gaafan kutaa sadii xumuru ammas rakkoon dhalatte. Isaa wajjiinis walii ta’uu dadhabne. Ani haalli guddinakooti rakkoo xiinsammuu jabaa narratti uumee ture. Isarraa kan ka’e hamma of ajjeesuuttillee yaaleen ture.

Innis machaa’ee dhiisifatee dhufuutti ka’e. Galgala haati manaasaa ni rafti ani taa’een isa eega. Gaaf tokko utuun eeguu dhufuu didinaan dadhabeen rafe. Utuu ani hindhaga’iin durbiinkoo dhageessee kaate balbala bante. Yoona ishee rukutee qodaarratti kuffisa. Gaafan na’ee utaalee ka’u, namichi xiqqoo miila waan dhukkubuuf okkoo qabatee deema, isaan morma na qabee ofitti butee na rukute. Anis ofirraan darbadheen kuffise.

Achii kaanaan maal na gochuu akka danda’u yaadeen halkan sa’atii torba keessan manaa ba’e. Isaa booda magaalaatti jireenya daandiirraa jalqabe. Barumsakoos achumattiin itti fufe.

Bariisaa: Daandiirra jiraachaa barachuun ulfaataadha. Mee akkamiin yaadatta?

Ifaa: Hiriyyaankoo tokko kan maatiisaa waliin taa’uufi ollaa manan ture jiraatu dabatarakoo naa fide dhufa, barannee yommuu baanu naa fuudhee gala. Rakkoon achiitti dabarsee… (imimmaan ija keessa calalaa, takka callisee) isan baadiyyaatti mukarra bule sana wayya ture. Namni waan wayyaan, rifeensiifi nafti sirratti xuraa’e qofaadhaaf akka hattutti si ilaalu. Waan naannawaa biraatti bade isintu hate jedhanii waan nuti hinbeekneen nu reebaa turan. Hoteela dhaqnee haftee namaa gatamuu yoo gaafanne, “kottuu shaanii dhiqi” siin jedhu. Isa namoonni fuduraafi muduraa gurguran tortoreera jedhanii darbatan funaannee nyaanna turre.

Yeroo sana ilma namaa baay’een taajjabe. Tokko gaafa ati beeloftee nyaata kadhattu bishaan sitti naqa; tokkommoo maaliif itti naqxa jedha; lachu garuu nama.

Haala Kanaan ciniinnadheen barnootakoo itti fufe; dabtara tokkorratti gosa barnootaa lama barachaa. Guyyaa tokko barsiisaan Ispoortii hojii manaa nuu kennee irra deemee ilala. Dabatarakoo fuudhee ilaalee yommuu duubaan galagalchu muuziqaatu irratti barreeffamee jira. Gurra qabee diimasee na qammoode. Kashalabee jedhee na arrabse. Ani dabataruma sanayyuu akkan itti bitadhe waanin beekuuf homaa hindubbanne.

Ganna ija mukaa funaanee gurgureen bitadhe. Isumaanuu waan naa guutuu dideefan tokkorratti lama barreessaa ture. Nan yaadadha, guyyichi Jimaata ture. “Wiixata dabatara haaraa fiddee hindhuftu taanaan akka hindhufne” naan jedhe. Sanbata lamaan dikee baadiyyaarraa guuree fideen dubartii daabboo tolchitee gurgurtu tokkottin qarshii sadiin gurguradhe. Qarshii tokkoofi saantima shanatamaan dabtara bitadhee, halkanii guyyaa taa’ee barreesseen Wiixata fuudhee dhaqe.

Haala Kanaan erga gara ji’oota kudhanii daandiirra jiraadhee booda guyyaa tokko poolisoonni na qabanii gara mana durbiikootti na deebisan. Abbaan manaashees akka natti hinbuune akeekkachiisaniin itti deebi’e. Hangan kutaa torba ga’utti ammas humnikoo saamamaadhuman barachuu itti fufe. Bishaan baarmeelaan na fichisiisu. Waanin hindandeeyeef lafarra gangalchaan fidan ture.

Gaaf tokko namichi wayii na argee “Maali mucaa namni guddaa hinjiruu kan kana baattu?” jedhee baarmeelicha na gargaaree kan eenyuu akkan ta’e na gaafate. Anis “kan Taliilaa Buttaati naan jedhu garuu hinbeekuun” jedheen. Innis callisee takka dhaabbate ija keessa na ilaalee deeme.

Yeroo biraammoo durbiin koo gabaadhaa biqila biti jettee na ergite. Gaafan ergaa ergamummoo daqiiqaatu naa kennama. Anis dafee deebi’uuf utuun fiiguu namichi baarmeela bishaanii na gargare na waame. Innis takka dhaabadhee akkan itti haasa’u na gaafannaan dideen figuuf kaanaan “Ani bar Taliilaa Buttaati” naan jedhe. Yoona kana biqilan bite harkaa qabu lafatti darbadheen utaalee qabadhe. Battaluma sana humnikoo kan saamame, mukarra kanin bule, kan namni na reebe, kan namni na jibbee natti tufe, kanin beela’eefi dheeboodhe, rakkoo hunda kanan arge sababa nama kanaa ta’uutu natti ife. Utuu inni aarsaa ilmoof kanfalamu kanfalee anas haadhakoos ofitti qabee waliin jiraanneerra ta’e rakkoo kana hunda hinargu.

Calliseedhuman qabee dhaabadhe. “Maal ilmakoo” naan jennaan “ilmakoo nana hinjedhiin” ittiin jedheen bo’uu eegale. Utuun dhaqnakoo ilaaltee miilakootii hanga mataakootitti godaannisa. Ani akka namaa ‘qumxaa’ ka’aadhee deemuu hindanda’u. Kan qoreefi dhagaan na waraane, kanin reebame hundi godaannisa.

Isa qofa miti sammuun koo miidhamaadha. Ani urgaa, dhungannaafi hammannaa haadhaafi abbaa hinbeeku. Yoon rakkadhe naman waa itti himadhu hinqabu. Yommuu haatiifi abbaan ilmaansaanii harka qabatanii deeman argu nan bo’an ture.

Kanaa booda manatti galeen waan na mudate itti hime. Isaanis “lammata eenyuyyuu daandiirratti si dubbise itti hindubbatiin” naan jedhan. Anis “tole” jedheen ergasii gaafa abbankoo na hordofu na biraa deebi’i jechuuttin ka’e. Innis bo’ee na biraa deebi’a. Boodarra akkan rakkina keessa jiru hubatee maatiin bira taa’utti jaarsa erge. Ilmakoo jiraachiisuun barbaada, isa hamma yoonaa gootaniifi Waaqni isiniif haa deebisu, amma ilmakoo naa kennaa jedhee bakka ani hinjirretti deddeebi’ee gaafata. Dhumarratti ana waamanii fedhakoo na gaafannaan hanga isaan na sossobuu dadhabanittiin bo’e. Bo’ichaa akkanaa kanin bo’e gaaf lama. Gaaf tokko mukarra bulee ganama gaafan bu’uu, yeroo mukti firii kennu hinturre, asheetni hingeenye. Qoraan funaanee dubartiin dur geessuuf bira gaafan dhaqu isheenis hinjirtu. Yeroo kana ofirra deebi’ee dhagaa tokkorra taa’een garmalee bo’ee dadhabeen achuma rafe.

Gaafa abbaankoo akka na fudhachuu barbaade natti hime sanas akkuma sanaattiin bo’e. Isaa booda warran bira tureen waan hamma yoona na guddistaniif galatoomaa, namni kun dhuguma mana kiraa naa fuudhee na jiraachisuu danda’a ta’e na haa fudhatuun jedheen.

Isaa booda na fudhatee fiira bira na kaa’ee ji’a lamattiin deebi’a jedhee waa sissirreeffachuu bakka dura jiraataa ture Hararitti deeme. Achii wagga tokko ture. Firri inni bira na kaa’ee sun konkolaataa qaba. Halkan na fuudhee baadiyyaa na geessee cilee fe’aa bulla. Magaalaammoo bishaan barmeelaan feenee geessinee baadiyyaatti gurgurra.

Gaafa inni ijoolleesaa waliin waan bareedaa nyaatu ani qofaatti shiroo homaa tokko hinqabneen nyaadha. Guyyaa Boqonnaa ijoolleesaa Walancitiidhaa Adaamaa geessee bashannansiisa. Guyyaa ayyaanaa huccuufi kophee babbareedaa bitaaf. Ani waan akkanaa hinbeeku. Yoona kana bishaan gurgurru sana anatu waraabee ka’aa, kan fe’ummoo nama biraati. Isa fe’uuf qarshiitu kanfalama. Gaafan kana baruu ofii waraabee, ofii fe’een qarshii walitti qabachuu jalqabe. Isaa booda qarshii 17n manan kireeffadhe. Achuma taa’een meeshaa jala jalaan bibbiitachuu eegale. Utuu kanaan jiru abbaankoo deebi’ee dhufe.

Achii mana dura taa’anii erga baay’ee odeessanii booda na waaman. Namichi inni firakooti “Kana egaa ilmikee dubartii jala fiigaa oola, waan namni jedhuun hindhaga’u, qarshiidhaan taphata…” jedhee itti hime. Abbaakoo ilaallaan innis natti dheekkame. Wantichi naa galuu didnaan biraa deemuufin ka’e. “Eessa dhaqxa, deemi huccuukee fidadhu, abbaankee si fudhachuu dhufe” naan jedhe firrikoo sun. Uffatakoo peestaaliitti fudhadhee abbaadhumakoo wajjiinin ba’e. Kanin yaade gaafa achi fagaannu manan kireeffadhe sanatti “lammata si arguu hinbarbaadu” jedhee biraa deemuufi.

Gaafa xiqqoo deemnu abbaankoo ofitti qabee na hammatee, “ilmakoo isa biratti kanin sidheekkame akkasaa xiqqaadhee osoo hintaane wagga tokkos ta’u waan si naa tursiiseef mufachiisuu hinbarbaanne” naan jedhee gara manan kireeffadheetti waliin deemnee meeshaa hanqate tokko tokko itti naa guutee wajjiin jiraachuu eegalle.

Bariisaa: Amma jireenyi sii qajeelte jechuudha.

Ifaa: Ammammoo rakkoo biraatti natti dhufe. Ani yeroon mana namoota garagaraa ture, bakka tokkotti qooxiin bakkeetti ijaaramee horii eegaan ala bula, iddoo kaanitti ‘kushinaan’ bula malee namaa wajjiin bulee hinbeeku. Abbaankoo ammoo ofitti na qabee na hammatee rafuu barbaada.

Gaafa abbaankoo rafuu ani nan ta’aa. Innimmoo na argee rifata. Booda nama wajjiin rafee akkan hinbeekne itti hima. Ni gadda, ni bo’a. Akkanaan suuta ofitti na madaqsuu yaale. Gara ji’a afurii wajjiin teenye.

Amma jireenyi xiqqoo akka sirrachuu taanaan, ispoortii hojjechuu jalqabe. Galgalammoo ollaadhaan Televizyinii ilaala. Guyyaa tokko akkanaan gaafan dhiisifadhee galu, abbaankoo na dheekkame mataa keessa na rurrukute. Sababniisaa dhiisifadhee dufuukoo ture. Lammata akkan itti hindeebines natti dheekame. Yoona kana taa’een isa ilaalaa, gurrisaa baay’ee waan hinhubanneef sagaleekoo olkaaseen amma natti dheekkamuuf yeroosaa akka hintaane, waan baay’ee ofiin murteeffadhee akkan as ga’e itti himnaan rifate.

Ganama ka’ee anaafi inni amalaan walii ta’aa akka hinjirre, na dhabummoo akka hinbarbaanneefi waan barbaadamu hunda akka naaf godhu natti himee gara Hararitti deebi’e. Haala Kanaan inni qarshii naa ergaa, anis barataan qormaata kutaa saddeetiif qophaa’uu eegale. Kutaa saddeettaffaa semisteera lammaffaa akkuman xumureen inni dhukkubsatee dhufe. Isa dhukkubasachiisutti horii of harkaa qabuufi isanni fidate dhufe fixe. Dura osoo na biraa hindeemiin akka lafa qabu natti himee natti agarsiisee ture. Obbolaa sadii akkan qabus natti himee, tokko waanin beekuuf warren kaan sin barsiisa jedhee utuu nan barsiisiin deeme. Obbolaankoo

 akkumakoo rakkina keessa turan. Barnoota hinbaranne, utuu hinbarbaadiin heerumanii mucaa godhatan; garuu wal hinbeeknu. Ani ergan isaan baree seenaasaanii dhaga’ee baguman durba hinta’iinin jedhe.

Waa’ee lafichaa kan si dhibu utuu ani rakkadhee agabuu bulu namoonni irraa qotatanii nyaachaa turan. Guyyaa tokko garuu lafa abbaakoo ta’uu namni natti hime hinjiru. Gaafa inni dhukkubsaten jara bira deemee kontiraata waggaa sadii harkaa fuudhee ittiin yaalchise. Qarshichas nan fixe. Gaafa dhukkubni itti hammaatu baadiyyaa obboleessasaa biratti gale. Animmoo utuun ispoortii hojjedhuu kufee miidhameen mana durbiikoo dur bira ture ciisa. Utuun achi ciisu bara 1994 lubbuudhaan darbe. Ganama na fuudhanii bakka bo’aa na geessan. Obboleettiikoo ishee kaanis gaafasin bare. Achumatti na dhukkubnaan mana yaalaa na geessan. Gaafa abbaankoo awwalame hinagarre; bakkasaas hinbeeku. Du’ee ji’a tokkoon booda gaafan fayyee galu natti agarsiisan.

Ammas rakkoon natti galagalte. Mana kiraa abbaankoo qarshii 50 naa fuudhe kanfaluu dadhabeen kan biraa qarshii 17n kireeffadhe. Cilee konkolaataatti fe’amuu fe’aa, baadiyyaadhaa marga haamee fide magaalaatti gurguraa, lukkuufi hanqaaquus akkasuma bitee gurguraa qarshiin argadhuun of jiraachisuufi of barsiisuu itti fufe kutaa sagal qaqqabe. Yeroo kana kanin hindaganne yunifoormii bitadheen shamizii jalatti uffatamu dhabnaan mucaan tokko hin yaadda’iin jedhee ganama inni uffate seena, gaafa ba’uu baasee naa kenna, animmoo sa’a booda ittiin baradha.

Utuu Kanaan jiru manni barnootaa qarshii 130 kanfalaa nuun jedhe. Barattoonni hundi kanfalanii gaafa ani qofti hafu barsiisaankoo irra deddeebi’ee akkan kanfalu na gaafatee dadhabee gaaf tokko “Ifaa bor qarshii kana hinfiddu taanaan akka hindhufne” naan jedhe. Ka’ee dhaabadheen “ani qarshii kana eessaayyuu fiduu hindanda’u, hiriyyootakoo jabaadhaa baradhaa” jedheen ba’e. Achii of jiraachuu waanin qabuf hojii kamiyyuu utuu hintuffatiin hojjechuuttin ka’e, barnootakoo garuu nan dhaabe.

Takka xaaree waa naa sirrachuuttimmoo ka’e. Ispoortiikoottis nan deebi’e. Booda lafa abbaakoo sanarratti boloqqeen dhaabeen kuntaala saddeet irraa argadhe. Guyyaa tokko utuun mana namaatii TV ilaaluu magaalaa Asallaa arge. Magarisummaan ishee na hawwannaan deemee ilaaluu murteesse. Kanarraan duramayyuu Walancitiidhaa ba’ee bakka biraatti Ifaa haaraa uumuu yaadaan ture.

Bariisaa: Jireenyi Asallaawoo kan milkaa’inaa ture moo ammas bu’aa ba’ii biraati?

Ifaa: Dhuma bara 1996n gara Asallaa deeme. Achis takka turee qorra dadhabee na dhukkubnaan Walancitiitti deebi’e. Ammas qalbiinkoo tasgabbaa’uu didnaan bara 2007 Asallaadhumatti deebi’e. Atileetiksiittis nan deebi’e. Garuu jilbikoo waan miidhama qabuuf na hojjechiisuu hindandeenye. Gaafan wal’aanamus dokatrri akkan ispoortii dhaabu natti himnaan itti dhiise. Kanarraan meeshaadhuma barbaachisu guuttachiifi nyaata gaarii nyaachuunu rakkisaadha.

Isaa booda gara aartiittin deebi’e. Gumii Farra Edsii Sarqi jedhamuu seenen, waltajjii gaggeessuu, beeksisa hojjechuu, weellisuu eegale. Jireenyikoo tarkaanfii tokko ol siqe jechuudha. Barnootakoottis nan deebi’e. Qormaata kutaa 10ffaas fudhadhee qabxii gaariin fide. Garuu mana barnootaa qophaa’inaa seenuu hinbarbaanne. Ogummaa baradheen dafee hojiitti seenuu waanin barbaadeef ogummaa miidhaginaa barachuu murteesseen BLTO Asallaatti baradheen ‘level 2’dhaan qabxii olaanaadhaan eebbifame. Utuun barachaa jiru ji’a ja’aaffaarratti mana miidhagina dubartootaatti qacaramee hojjechaan ture.

Gaafan barnootakoo xumuru guutuutti gaafan hojiitti seenu jireenyikoo baay’ee fooyya’e. Sanaa booda waggaa sagalan baranaa Adaamaatti galuun murteesse. Isa booda obboleessikoo quxusun Artisti Keekiyyaa Badhaadhaa Walancittitti rakkachaa turu waanin dhaga’eef animmoo amma isarra fooyya’aa waanin ta’eef ofitti fudhe. Keekiyyaadhaan abbaa keenyatu gargar malee haati keenya tokko. Garuu takka Asallaa keessa turuu waliigallee achi turre. Innis Baandii Arsii keessa galee waa argachuu jalqabe, anis hojiikoo hojjechuu ittiin fufe. Jireenyi keenya fooyya’aa deeme. Isaa booda Adaamaatti galle jireenya eegalle.

Achittis baandii keessa gallee, halkan ‘night club’ hojjechuu eegalle. Booda garuu namarraa fagaanne. Halkan ni sirbina, guyyaa ni rafna. Isaa booda ani hojii mana miidhaginaa itti fufuuf, innimmoo sirbatti fufuuf waliigalle. Mana miidhaginaatti qacaramee takka hojjedheen, isammoo dhiiseen kolleejjii dhuunfaa tokkotti barsiisaa ta’e. Isas dhiisee garuma mana miidhaginaatti deebi’ee takka qacaramee hojjedheen isa booda of danda’ee kan ofiikoo banadhe. Yeroo kana hiriyyaankoo atileetiin beekamaa tokko cidhasaarratti sirbeefin naa kanfaluuf jennaan dideentu, utuun hinbeekiin shaanxaa keessa qarshii kuma 40 kaa’ee naa kenne, isaanin meeshaa hedduu gugguuttadhe.

Bariisaa: Garii hojii tola ooltummaattoo akkamitti dhufte?

Ifaa: Guyyaa tokko utuun mana miidhaginaakoo fuuldura taa’uu daa’imni tokko akkan bilbila bilbiluuf na gaafatee bilbileef. Innis haatiifi abbaansaa waan adda ba’aaniif abbaasaafi haadha buddeenaa bira taa’a. Abbaan isaas dabatara saddeet isa barbaachisu keessaa ja’a biteefi kanumaan baradhu waan ittiin jedheef haadhasaatti himate. Anis har’allee namni jireenya ani keessa darbe jiraatu akka jiru baree na gaddisiiseen fuudhee deemee dabtara biteef. Kanaa booda waan isa barbaachisu akka nagaafatu itti hime.

Yeroo sana sirbakoo Shaggooyyee jedhuuf kilippii hojjechuuf shubbistootaaf qabdii kanfalee waa hunda xumureera. Gaafuma sanan dhaabe. Maqaa mana miidhaginaakootiin bulchiinsi magaalaa ijoolleen barsiisu 10 akka naa kennu gaafadheen barsiisuu eegale, Waldaan walgargaarsaakoos akkanatti eegalame. Hojii kanas miidiyaa hawaasummaarratti maxxansuu gaafan eegalu namni hedduunis na cinaa hiriiruu eegale.

Bariisaa: Fuulduratti maal yaadda?

Ifaa: Ani konkolaataa bitachuu hinbarbaadu, wayyaa geggeddarachuunis homaa naaf hingodhu. Miliyeenaras ta’uu hinhawwu. Osoo danda’amee bulchiinsi magaalaa Adaamaa badhaasa meedaliyaafi waraqaa ragaa naa kennuurra manan ijoollee itti gargaaru naa kennanii waan guddaan itti hojjedha. Manicha keessatti laaqanatu qophaa’a. Haadholiin gargaaru keessaa nama afur shan osoon qacare, xaafii kuntaala tokkoofi waan ittoo ta’u utuun bitee galchee, isa hojjetanii namoota nyaachiisanii, gaafa galan immoo utuu buddeena fudhatanii gara manasaanii galanii ijoolleesaaniimmo nyaachiisanii silaa rakkoo beela’uusaanii ni furatu. Mana namni beela’e dhufee itti nyaate, fayyaa ta’a jedhee ba’eemmoo “Yaa Waaq galatakee” jedhuun barbaada. Kana malees ijoolleen daandii bakka ogummaa tolan itti baratanii, bor jireenyasaanii itti jijjiirrataniin barbaada ani.

Bariisaa: Hingaafanneeree ati?

Ifaa: Ani amalakootiin si gaafannaan sin dhiisu, sirraa dhabnaan immoo nan gadda. Kanaaf jedheen hingaafanne. Yeroo darbe hojii tajaajila lammummaatiin beekamtii naa kennanii ture. Utuu garuu kompiwutara naa kennanii waan baay’een itti hojjedha. Bilbilakoo ilaali, (bilbila duubaan cufaa hinqabneefi iskriiniin isaa caccabe natti agarsiisaa) waggaa saddeetiin itti fayyadame. Waan miidiyaa hawaasummaarratti maxxansuu hundayyuu kanaanin hojjedha. Erga dhiheenya iskiriiniin isaa cabeemmoo suurayyuu nana kaasu. Kan namaatiin kaaseen bilbilakkootti dabarfadhee maxxansaa jira.

Si’a lamaa sadii namni akkan bilbila bitadhu qarshii kuma sagal naa kenneera. Ani garuu qarshiichi haadhooliif daakuu kiiloo meeqa akka bitu gaafan yaadu, isuma qabadhee haadhoolii beela baasuu naa wayya jedheen bitachuu itti dhiise. Utuu waajjirakoo dhuftee barcuma kaaffee cinaakoo jirurraa fideen si teesisa. Kunneen hundi garuu gufuu natti hinta’an.

Bariisaa: Walgargaaruuf namni maal gochuu qaba jetta?

Ifaa: Ammamee namni gaafa miindaa fudhatu daabboo qarshii 100n bitee pestaalii keessatti lama lamaan hidhee gaafa hojii deemu nama daandiirratti arguuf kennaa utuu deemee, gaafa buddeen nyaatamee hafu gatuurra peestaaliidhaan qabatanii nama beela’e tokkoof osoo kennanii eebba argatu. Gaafa namni dhufee hojii humnaa hojjetuuf qarshii kanfalaniif sana alatti buddeen lama maranii kennaniifi homaa na hinmiidhu. Madaalliin namummaa gaarummaa waan ta’eef. Nama taatee namaaf ta’uu caalaa waan nama gammachiisu hinjiru.

Bariisaa: Hojiin muuziqaa hinhafe?

Ifaa: Gaafii namoota baay’eeti. Ergan sirba haaraa hojjedhe waggaa afur guuteera. Yeedaloofi walaloon dhibees miti. Garuu rakkoo maallaqa muuziqaaf kanfaluun qaba. Muziqaa tokko istuudiyoo galtee hojjechuuf qarshii kuma ja’a torba si gaafata. Ani amma utuun qarshiich argadhee daakuu biteen haadhooliif ittiin hira. Hojii muuziqaas ta’e, mana miidhaginaa hojjedhurra kanatu na harkisaa jira.

dhiheenyatti garuu Caalaa Gaaroomaan hojiin amma hojjechaa jirurratti walaloofi yeedaloo naaf hojjechaa jira. Kanaa booda sirba ijikee, rifeensikee ni bareeda jedhu nan sirba jedhee garuu hin yaadu.

Bariisaa: Jireenyi dhuunfaakee maalitti jira, bultoo dhaabbatteettamoo sichi?

Ifaa: Jireenyakoo keessatti dubartoota laman beeka. Isheen tokko eenyummaakoo itti hime, galtee obboleettiitti himnaan adda nu baasan. Amma garuu hiriyyaa waggaa afur wajjiin guunnen qaba. Rabbi kadhaakoo dhaga’ee kan hojiin hojjedhu jaalattu naa kenneera, dhihootti waliin bultoo dhaabbanna.

Bariisaa: Dhumarratti ergaa yoo qabaatte?

Ifaa: Ani madaalliin nama maal akka ta’e na dinqa. Ati quuftee namni kaan agabuu bula taanaan, ati uffattee kaan waan uffatu hinqabu yoo ta’e, ati mana bultee kaan ala jiraata taanaa, waan sirratti akka raawwatamu hinbarbaanne namarratti raawwatta taanaan maayinni namummaan? Ani gaafan daa’immaniifi haadholii gargaaru waa qabaadhee miti. Ani har’a mana hinqabu, kiraa manaa keessan jiraadha. Konkolaataas hinqabu. Qabaachuus hinbarbaadu; hawwees immoo hinbeeku. Utuu amma ati ho’u mana jettee furtuusaa naa kennitee manichatti daa’imman daandiirra qorra keessa bulan itti naqeen si eega. Haadholii daandiirratti da’aanii daa’imman isaanii bakka kaa’an naqan itti galcheen si eega. Utuu namni konkolaataa naa kennee gurgureen mana barumsaa ogummaa uffata hodhuu, nyaata hojjechuu, rifeensa itti hojjechu danda’aniin bana.

Yaada hedduun hojjechuuf sammuudhaa qabaadhuus rakkoo maallaqaan qaba. Herrega baankiikoo utuun sitti agarsiise kanin irraa qabu qarshii kuma hincaalu. Ani wayyaa geggeddarachuu dhabuun homaa natti hinfakkaatu. Sabanisaa kan qullaa deemu waanin arguuf.

Waan narra ga’e utuun yaadee silaa nama hingargaaru. Garuu baay’een gaafa nyaata na dhawwatanii ofirraa na ari’an, muraasni immoo ofitti na qabanii beelaafi daara na baasaniiru. Gaarummaa namoota muraasaa sana har’a warra beela’e nyaachiisuun, warra dare daara baasuun deebisuun qaba. Kanaaf namni hunduu nama haa ta’un jedha.

 Bariisaa Amajjii 22 Bara 2013

Recommended For You

702 Comments to ““Mukarraa nyaadhee, mukarra jiraadhee bakka har’a ga’e qaqqabe” -Artisti Ifaa Taliilaa Caalii”

  1. Pingback: web link
  2. Pingback: sexy gaming
  3. semaglutide online [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] buy semaglutide online

  4. ozempic online [url=http://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] ozempic online

  5. пин ап 634 [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап кз[/url] пин ап казино вход

  6. rybelsus price [url=https://semaglutide.win/#]cheap Rybelsus 14 mg[/url] rybelsus generic

  7. ivermectin for sale [url=https://stromectol.agency/#]cheapest stromectol[/url] generic name for ivermectin

  8. 875 mg amoxicillin cost [url=http://amoxil.llc/#]amoxil best price[/url] amoxicillin buy no prescription

  9. amoxicillin medicine over the counter [url=http://amoxil.llc/#]Amoxicillin For sale[/url] how to buy amoxicillin online

  10. average cost of generic zithromax [url=http://zithromax.company/#]zithromax pill[/url] generic zithromax 500mg india

  11. stromectol sales [url=https://stromectol.agency/#]buy stromectol online[/url] buy minocycline 100mg

  12. neurontin over the counter [url=https://gabapentin.auction/#]gabapentin for sale[/url] neurontin oral

  13. ivermectin 200mg [url=https://stromectol.agency/#]ivermectin brand name[/url] ivermectin lotion for lice

  14. Pingback: see this site
  15. generic amoxil 500 mg [url=https://amoxil.llc/#]amoxicillin 500mg for sale uk[/url] amoxicillin 500mg without prescription

  16. rybelsus [url=http://semaglutide.win/#]order Rybelsus for weight loss[/url] buy semaglutide online

  17. ed for men [url=http://drugs24.pro/#]ed treatment review[/url] ed meds online without prescription or membership

  18. tadalafil without a doctor’s prescription [url=https://drugs24.pro/#]best drugs for erectile dysfunction[/url] best ed pills non prescription

  19. buying from online mexican pharmacy [url=http://mexicanpharm24.pro/#]pharmacies in mexico that ship to usa[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  20. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharm24.pro/#]reputable mexican pharmacies online[/url] medication from mexico pharmacy

  21. reputable indian online pharmacy [url=https://indianpharmdelivery.com/#]buy prescription drugs from india[/url] indian pharmacy paypal

  22. india online pharmacy [url=http://indianpharmdelivery.com/#]best india pharmacy[/url] indian pharmacy paypal

  23. best online pharmacy india [url=https://indianpharmdelivery.com/#]best online pharmacy india[/url] reputable indian pharmacies

  24. antiplatelet drug [url=https://clopidogrel.pro/#]clopidogrel pills[/url] cheap plavix antiplatelet drug

  25. ivermectin oral 0 8 [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol shop[/url] stromectol canada

  26. п»їpaxlovid [url=http://paxlovid1st.shop/#]paxlovid shop[/url] Paxlovid over the counter

  27. cheap plavix antiplatelet drug [url=http://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] cheap plavix antiplatelet drug

  28. plavix medication [url=http://clopidogrel.pro/#]check clopidogrel pro[/url] п»їplavix generic

  29. 1xbet зеркало [url=https://1winrussia.online/#]1xbet скачать[/url] 1хбет

  30. пин ап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап вход[/url] пин ап вход

  31. pharmacy website india [url=https://indianpharm1st.com/#]online pharmacy india[/url] indian pharmacy

  32. Пин Ап Казахстан [url=https://biznes-fabrika.kz/#]пины[/url] пин ап казино

  33. пинко [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пин ап вход[/url] пин ап зеркало

  34. mexican rx online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  35. indian pharmacies safe [url=http://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] world pharmacy india

  36. india pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] world pharmacy india

  37. indian pharmacy [url=https://indianpharm24.pro/#]Best online Indian pharmacy[/url] india pharmacy mail order

  38. online shopping pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] top 10 online pharmacy in india

  39. legal to buy prescription drugs without prescription [url=http://pharm24.pro/#]cheap prescription drugs[/url] otc ed drugs

  40. world pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] india online pharmacy

  41. india pharmacy mail order [url=https://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] top 10 online pharmacy in india

  42. slot siteleri [url=https://slot-tr.online/#]slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  43. Casino Siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] guvenilir casino siteleri

  44. cheapest Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]GabaPharm Gabapentin[/url] GabaPharm

  45. kampharm.shop [url=https://kampharm.shop/#]buy kamagra oral jelly Kam Pharm[/url] kamagra oral jelly

  46. buy Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]GabaPharm Gabapentin[/url] buy gabapentin india

  47. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharmgate.com/#]MexicanPharmGate[/url] buying from online mexican pharmacy

  48. best ed treatment pills [url=http://canadiandrugsgate.com/#]Canadian pharmacy best prices[/url] ed remedies

  49. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexico pharmacy[/url] purple pharmacy mexico price list

  50. purple pharmacy mexico price list [url=http://mexicanpharmgate.com/#]Mexican Pharmacy Gate[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  51. where can i get prednisone [url=https://prednisoneraypharm.com/#]buy prednisone[/url] canada buy prednisone online

  52. amoxicillin buy canada [url=http://amoxilcompharm.com/#]amoxil[/url] amoxicillin 500 mg tablets

  53. amoxicillin without prescription [url=https://amoxilcompharm.com/#]amoxicillin 500 mg capsule[/url] amoxicillin 750 mg price

  54. can you buy generic clomid without insurance [url=http://clomidrexpharm.com/#]clomid[/url] cost of clomid

  55. buy clopidogrel bisulfate [url=http://plavixclo.com/#]buy plavix[/url] clopidogrel bisulfate 75 mg

  56. zestril 5 mg tablet [url=https://lisinopril1st.com/#]cheapest Lisinopril[/url] buy Lisinopril 1st

  57. пин ап вход [url=http://pinup-kazi.ru/#]пин ап казино[/url] пин ап казино официальный сайт

  58. neurontin 400 mg [url=http://gabapentinpharm.com/#]where to buy neurontin[/url] Gabapentin Pharm

  59. https://cytotec.top/# buy cytotec over the counter
    buy generic zithromax no prescription [url=https://azithromycinus.com/#]zithromax 500 without prescription[/url] zithromax 500 mg lowest price pharmacy online

  60. casino deneme bonusu veren bahis siteleri [url=http://casinositeleri2025.pro/#]son bahis giriЕџ[/url] glГјcksspiel internet

  61. пин ап вход [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино зеркало[/url] pinup 2025

  62. пин ап зеркало [url=https://pinup2025.com/#]pinup 2025[/url] пин ап казино

  63. пин ап зеркало [url=https://pinup2025.com/#]пин ап казино зеркало[/url] пин ап вход

  64. pinup 2025 [url=http://pinup2025.com/#]пин ап казино зеркало[/url] пин ап

  65. best pharmacy online [url=http://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy[/url] best ed pills online

  66. canadian drugs online [url=https://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy[/url] natural ed cures

  67. medications list [url=https://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy[/url] pain medications without a prescription

  68. natural ed cures [url=https://canadianpharmi.com/#]Canada Pharmacy[/url] ed meds online pharmacy

  69. best india pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]India online pharmacy international shipping[/url] online shopping pharmacy india

  70. erectile dysfunction medication [url=https://canadianpharmi.com/#]Best Canadian pharmacy[/url] drugs for ed

  71. how can i get clomid no prescription [url=https://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] buying cheap clomid without dr prescription

  72. 875 mg amoxicillin cost [url=http://amoxstar.com/#]Amox Star[/url] amoxicillin buy online canada

  73. online order prednisone 10mg [url=http://prednibest.com/#]buy prednisone mexico[/url] canada buy prednisone online

  74. cost of amoxicillin 30 capsules [url=https://amoxstar.com/#]AmoxStar[/url] amoxicillin without rx

  75. buy cipro online without prescription [url=https://cipharmdelivery.com/#]п»їcipro generic[/url] antibiotics cipro

  76. amoxicillin 250 mg [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin price without insurance[/url] amoxicillin 500 mg tablet price

  77. order generic clomid prices [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] cost generic clomid without a prescription

  78. prednisone over the counter south africa [url=http://prednibest.com/#]Predni Best[/url] buy 40 mg prednisone

  79. how to buy prednisone [url=http://prednibest.com/#]prednisone 5 tablets[/url] prednisone tablets canada

  80. where can i buy cipro online [url=http://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] cipro

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *