Ispoortiin waloo xiyyeeffannaa argachaa jira

Adaamaa: Magaalota Oromiyaa wiirtuu daldalaafi sochiilee hawaasdinagdee ta’an keessaa Adaamaan ishee tokkodha. Magaalittiin akkuma amalashee tibbanas cidha olaanaa tokko keessummeesiteetti. Chidhi kunis ispoortii waloo (‘mass sport’) Oromiyaa 4fati.

Durumayyuu keessummaa simachuun kan hinkomatamne magaalaan Adaamaa hawaasa ispoortii waloo kanarratti hirmaachuuf iddoowwan adda addaarraa walitti bahan kanneen kumaatamatti lakkaa’aman keessummeessuutiin nagaan gaggeesiteetti.

Hirmaatonnis suuphii hirribaa ka’uudhaan addabaabaayii gootittii olompikiifi shaapiyoonaawwan atileetiksii addunyaa Komaandar Daraartuu Tulluu guutuudhaan sirna jalqabii sochiin ispoortii waloo kun itti jalqabu caqasaa turan.

Ganama Sa’aatii 12irratti keessummoonni affeeraman addabaabayichatti argamuudhaan ummata jalqabbii ispoortii kanaa hawwii olaanaadhaan eeggachaa jiruuf nagaa dhiyeessuun akka eegalamu ta’ee ture.

Ispoortiin kun magaalaa Adaamatti yeroo lammaffaaf qophaa’usaatti ummata magaalattiif haarawaa miti. Kanaafuu jiraattota naannawaashee dabalatee kilaboonni dargaggoota guddatootaa hedduu hammatan argamanii turan.

Sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaan damee hawaasummaa Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaafi komishinarii komishinii ispoortii federaalaa Obbo Eliyaas Shikur, akkasumas qondaaltonni mootummaa federaalaafi naannoo Oromiyaa hirmaataniiru.

Sochii ispoortii waloo baranaa kana qopheessummaa Komishinii Ispoortii Oromiyaafi keessumeessummaa magaalaa Adaamaa kanarratti Obbo Addisuu Araggaan baga nagaan dhuftan jechuudhaan waltajjicha saaqaniiru.

Kaayyoon ispoortichaas naannoo Oromiyaa keessatti ispoortii bu’uura ummataa akka qabatu gochuun hirmaannaafi dorgommummaa hawaasa ispoorteessitoota sadarkaa addunyaafi biyyaatti dorgomaa cimaa ta’an baayi’naan omishuu akka ta’e addeessaniiru.

 Biyya keenyatti waggoottan dheeraaf akaakuun ispoortii adda addaa adeemsifamaa turaniiru. Kanas isa kanaan duraa caalaa babal’suufi taphatoota ispoortii biyya bakka bu’anii sadarkaa addunyaarratti taphachuu danda’an horachuuf jecha mootummaan naannoo Oromiyaa waggaa waggaadhaan sochii ispoortii waloo qopheessuudhaan magaaloota adda addaatti gaggeessaa turuusaanii kaasaniiru.

Akkasumas naannoon Oromiyaa ispoortii atileetiksiitiin atileetoota hedduu horachuudhaan dorgommiiwwan maraatonii, fiigicha qaxxaamura biyyaa, fiigicha meetira kuma kudhaniifi shanii dabalatee ispoortiiwwan birootinis biyyattiifi ardii Afrikaa bakka bu’uudhaan waamsisaa turan akka qabus himaniiru.

Keessumattuu gooticha maaraatonii olompikii Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Gazaahany Abarraa, akkasumas dubartootaan, Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaa, Tikkii Galaanaafi atileetoota beekamoo yoomillee hindagatamne horachuudhaan kan beekamu Oromiyaan ispoortiiwwan birootins beekamtii argachuutu isarraa eeggama jedhaniiru.

Sochiin kun gara fuula duraattis itti fufuudhaan ispoortiin waloo aadaa ummata keenyaa akka ta’uuf qaamni dhimmichi ilaallatu cimee hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Addisuun, mootummaan naannichaas fiixaan bahiinsa isaaf wanta barbaachisu maraa guutuuf yaalii akka godhu ibsaniiru.

Komishinarri Komishinii Ispoortii Federaalaa Obbo Eliyaas Shikur gamasaaniitiin akka ibsanitti,Ispoortiin waloo kun ummata Kenya biratti caalaa akka hordofamu gochuuf hojii guddaan komishinichaa sochii ispoortii Waloo kanaatti jedhaniiru.

Haaluma kanaan sagantaa komishnichaa kanaan sochiin kun bakka ummanni keenya baay’inaan jiraatu, naannoo mana jireenyaa, waajjiraalee hojjetoota mootummaa, manneen barnootaa, akkasumas gandoota addaddaa keessatti yeroo haara galfannaa sochin kun baldhinaan hordofamaa akka jirus dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana rakkina koviid-19 hawaasa addunyaa keessumattuu kanneen sochiiwwan ispoortii addaddaarratti hirmaachaa turan miidhuudhaan guddina ispoortichaa quucarsaa jiru. Kanaaf ispoorteessitonni keenya of eggannoo gochuudhaan lubbuusaanii dhibicharraa baraaruu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ispoortessitoota sochicha keessatti hirmaatan keessaa jiraataan magaalaa Adaamaa dargaggoo Adam Huseen gamasaatiin akka jedhutti, ispoortiin fayyaa hawaasa tokko keessatti iddoo olaanaa qaba. Kanaafuu hawaasa fayyaa qabeessaa horachuuf sochiin qaamaa barbaachisaa ta’uu hima.

Dargaggonni kun kanaan dura hiriyootasaa wajiin sochi ispoortii dirree kubbaa miilaa mana barumsaatti hordofaa turus ammaan tana sababa koviid-19 mudateen daandii gubbaatti shaakaluuf dirqamuusaa dubbata. Namootni hedduun ganama ganama daandirratti sochii ispoortii waloorratti baldhinaan hirmaachaa waan jiraniif innis itti fayyadamaa akka jiru himeera.

Ayyalaa Girmaa ammoo miidhama qaamaa waan qabuuf Wiilchariitti fayyadamuudhaan kubbaa kachoo taphata. Ispoortiin waloo kun sochii qaamaa keessatti kan dursi kennamuuf ta’uusaatti baldhinaan hawaasa biratti baratamu qaba jedha.

Keessumattuu miidhamtonni qaamaa osoo dorgommii hin jalqabiin qaamaa isaanii sosochoosuudhaan ofqopheessuu qabu. Qaamni ho’a argatu wayita dorgommii keessa galu akkuma laayyootti taphaaf waan gargaaruf namatti tola jechuudhaan addeesseera.

Ispoortiin waloo kun naannoo Oromiyaatti bara 2009 magaalaa Suluultaatti kan jalqabe yoo ta’u, kan baranaa kana wajjiin yeroo arfaffaa gaggeeffamuunsaa kan yaadatamuudha.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 22/2013

Recommended For You

6 Comments to “Ispoortiin waloo xiyyeeffannaa argachaa jira”

  1. Pingback: fake advertising

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *