“Hanqina sharafa alaatiin qonnaan bulaan galtee qonnaa akka barbaadetti nurraa argachaa hinjiru” -Dhiheessitoota galtee qonnaa

 Adaamaa: Obbo Fiqaaduu Bahaayluu Dhaabbata ‘Hortikeemikaal Naashinaal Tireedingitti’ ogeessa daldalaa yemmuu ta’an, dhaabbannisaanii waggootan kurnan darbaniif keemikaalota farra aramaafi ilbiisotaa gara garaa qonnaan bultoota biyyattiitiif dhiheessaa turuu dubbatu ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin.

Keemikaalotni qajeelfama ministera qonnaatiin gara biyyatti galanii qonnaan bultootaaf raabsaman kunniin ulaagaa seektarri qonnaa kaa’u hunda darbanii ooyruu qonnaan bulaatti hojirra oolaa turuus ni ibsu.

Irra jireessaan qonnaan bultoota Oromiyaa wajjin hariiroo cimaa ummatanii hojjachaa jiraachuu eeranii, sababa hanqina sharafa alaatiin garuu maamilummaan isaan qonnaan bultoota wajjin qaban gaaffii keessa gala dhuufuu himu.

Dhaabbatichi qonnaan bulaadhaaf gatii madaalawaan dhiheessuu bira darbee hanga liqiidhaan isaaniif dhiheessuutti gahus, rakkoon hanqina sharfa alaa kun garuu hanga qonnaan bulaan barbaadu dhiheessuuf kan isaan hindandeessifne ta’uu dubbatu.

Dhaabbanni Makooboo Intarpiraayiz immoo waggoota 23 darbaniif galteewwan qonnaa garaa garaa dhiheessuudhaan ooyruu qonnaan bulaa omisha gaarii akka argatu tumsaa turuu kan eeran ogeessi gurgurtaa dhaabbatichaa, Obbo Mi’eessoo Ambaa, waggoota lamaan darbanitti garuu rakkoon hanqina sharafa alaa waan hammaateef waan qonnaan bulaan irraa eeggatu dhiheessuu dadhabuusaanii ibsu.

Dhaabbatichi waggoota kurnan lamaaf galteewwan qonnaa kanneen akka sanyiiwwan filatamoo, boqqolloo, timaatimaa, shunkurtiifi keemikaalota farra aramaafi ilbiisotaa gatii madaalawaadhaan dhiheessuudhaan qonnaan bultoota Oromiyaatiif dagalee ta’aa turus, yeroo ammaatti hanqinni sharafa alaa irratti mul’achaa jiru garuu hariiroofi walamantaa qonnaan bulaa waliin qabanirratti dhiibbaa uumaa jiraachuu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, bara darbe fedhiin qonnaan bulaan qoricha farra ilbiisotaarratti akka dhihaatuuf gaafatame liitira miiliyoona tokko yemmuu ta’u, isaan immoo rakkoo sharafa alaatiin kan dhiheessan liitira kuma dhibba tokko qofa.

Kun immoo hariiroo qonnaan bulaa waliin qaban hir’isuu qofa osoo hintaane, omishaafi omishtummaarrattis dhiibbaa uumaa jira.

Rakkoon dhiheessitootni kaasan dhugaa ta’uufi hanqinnichi immoo rakkoo guddaa biyyattii ta’uu kan kaasan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Umamaa Oromiyaatti Daariktera Misooma Kuduraa Obbo Taganyi Irranaa, ministera qonnaa waliin ta’uun haala rakkoon kun hiikamuu danda’urratti hojjataa akka jiran dubbatu.

Keessattuu dhiheessiin galtee qonnaa dhimma haala addaatiin ilaalamuu qabu waan ta’eef haala ittiin dursi kennameefii sharafa alaa ittiin argatan mijeessuun dhimma yeroon kennamuufi hin qabne akka ta’es ibsaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 22/2013

Recommended For You

2 Comments to ““Hanqina sharafa alaatiin qonnaan bulaan galtee qonnaa akka barbaadetti nurraa argachaa hinjiru” -Dhiheessitoota galtee qonnaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *