Haala mijataa osoo qabanii qamadii alaa galchuu dhaabuuf…

Bayyanaa Ibraahimiin

Qonni biyyoota guddataniifi guddachaa jiranitti bu’ura dinagdee cimaa ta’uun lammiilee biyyaatiifis carraa hojii bal’aa uuma. Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun omishni waggaa waggaatti omishamu biyya nyaachisee irraa hafuun sharafa alaa hedduus argamsiisa.

Itoophiyaattis, lammiileen dhibbentaa 80 ol jiruufi jireenyisaanii kan hundaa’e hojima qonnaarratti. Waan ta’eefis qonni utubaa dinagdee biyya kanaati jechuun ni danda’ama. Haa ta’uu malee xiyyeeffannoon damee qonnaatiif kenname karoorarra darbee kan lafarratti hojirra oolee qonnaan bulaa daka jiru fayyadamaa taasise hedduu muraasa ture.

Fayyadamni hawaasa qonnaan bulaa daka jiruu osoo hinmirkanaa’in garuu maqaasaatti hedduu daldalamee hedduus nyaatameera. Jijjiiramni yeroo sanatti qonnaan bulaan waggoota dheeraadhaaf argachaa tures maqaasaan daldaluu bira kan darbe wanti qabatamaan argate hinturre.

Dhiheenya kana garuu maqaa qonnaan bulaatiin kakachuu bira darbamee qonnaan bulatti bu’aa qabatamaa darbachuun waan mul’achuu eegale fakkaataa dhufeera. Wantoota qooda qonni haala walii gala dinagdee biyyaa keessatti qabu hubachuun xiyyeeffannoon olaanaan damee kanaaf kennamuu agarsiisaan keessaa inni tokko keessattuu jijjiiramaan booda damichaaf bajata olaanaa ta’e ramaaduudha.

Qonnaan bulaan akkuma jiraataan magaalaa kaartaa manasaa qabsiisee liqeeffatutti lafa qonnaasaatiin liqii baankotarraa akka argachuu danda’u gochuunis wantoota jijjiiramaan booda damichaaf xiyyeeffannoon kennamuu agarsiisan keessaa isa birooti. Kanaan dura garuu qonnaan bulaan lafa qonnaa bal’aa roobarra darbee jal’isiin misoomuu danda’u qabuuf liqiin dhoorkamee, nama magaalaa manaafi lafa qabu qofaaf kennamaa tureera.

Kanaanis lafa baadiyyaa misoomee bu’aa dabalataa argamsiisuu malu agabuu bulchuudhaan omishaafi omishtummaan akka hindaballeefi qonnaan bulaan galtee qonnaa sadarkaa barbaaduun akka hinarganne gufuu ta’aa tureera. Waan ta’eefis murteen qonnaan bulaan liqii akka argatuuf murtoofte sun murtee seena qabeettii seenaa qonnaan bulaa keessatti murteefte taatee kan yaadatamtuudha.

Xiyyeeffannoon qonnaan kennamuusaa wantoota agarsiisan isa biraa keessaammoo ogeeyyii damichaa garaagarummaa ilaalcha siyaasaatiin osoo hindaanga’iin hirmaachisanii mariisisuudha. Mariisisuu bira darbeemmoo keessattuu omisha qonnaa biyyattii keessatti harka caalu kan uwwiftu Oromiyaa keessatti qorannoo akka gaggeessan affeeruudhaan bu’aa qorannoosaaniimmoo osoo irraa hinsharafamin hojirra oolchuudha.

Wabii midhaan nyaataa sadarkaa biyyaafi maatiitti mirkaneessuu, omishaalee al ergii akaakuufi baay’inaan dabaluun galii sharafa alaarraa argamu cimsuu, omishaalee qonnaa biyya alaatii galan humnaafi haala mijataa jirutti fayyadamuun omisha biyya keessaatiin bakka buusuun sharafa biyya alaatiif ba’u hambisuufi hojiiwwan hojjataman mara keessattimmoo carraa hojii baay’inaan uumuudhaan rakkoo hoji dhabdummaa xiqqeessuun immoo bu’aa qoranichaarraa ka’uun kaayyoowwan gurguddoo galma geessisuuf adda ba’aniidha.

Qorannoo ogeeyyii qonnaa sadarkaa addunyaatti damicharratti muuxannoofi gahuumsa olaanaa qabaniin taasifameen kallattiwwan adda bahan keessaa hojii misooma jal’isii, galteewwan qonnaa, kennaa tajaajila ekisteenshiinii qonnaa, makaanaayzeeshiinii qonnaa, qonna faayidaa daldalaaf oolchuu, faayinaansii baadiyyaa, hojii qabeenya uumamaafi misoomni beeyladaa isaan ijoo ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee ni dubbatu.

Kana malees, hudhaawwan dhiheessii guddiftuu callaa, dhiheessii teknolojii qonnaa, walitti hidhamiinsa gabaa, misooma beeladaafi deggarsa ogummaa kennuutiin walqabatee mul’achaa ture furuun tajaajila guutuufi si’ataa ta’e kennuuf gurmaa’iinsa haaraa diriirsuun hojitti galamuunsaa milkaa’ina argamsiisaa jiraachuus sagantaa marii qonnaa dhiheenya taasifamerratti ibsaniiru.

Akkasaan jedhanitti, qonna ammayyeessuun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun kaayyoowwan ijoo jijjiirama isa walii galaati. Kana keessattimmoo hojiiwwan hundaanuu carraa hojii bal’aa ta’e uumuun rakkoo hamaa yeroo kanaa kan ta’e hoji dhabdummaa hiikuunis hojii xiyyeeffannoo addaatiin hojjatamaa jiruudha.

Kallattii xiyyeeffannoo damee qonnaa baranaa keessaa inni guddaaniifi sosochiin cimaan irratti uumamaa jiru hojii omishaalee qonnaa alaa galan isa biyya keessaatiin bakka buusuu yommuu ta’u, kana keessaa immoo qamadii yeroo dheeraadhaaf alaa gala ture biyya keessatti omishuun sharafa alaa sababa kanaan ba’aa ture hambisuun immoo isa tokkoo ta’u dubbatu.

Haaluma kanaanis akkuma biyyaattis ta’ee naannoo Oromiyaatti iddoowwan gammoojjii ta’aniifi lafa bal’aafi diriiraa qabanitti qamadii baay’inaan omishuudhaan hojiin omisha biyya keessaatiin isa alaa galu dhaabuu jedhu sun gara hojiitti galuu ibsu.

Kana keessattimmoo labsiin Adaamaa ykn “Adama Declaration” ka’umsa “qamadii biyya alaatii galu biyya keessatti omishuun seenaa haaraa ni galmeessina” jedhamee waadaa itti galameedha.

Omishni qamadii akaakuwwan midhanii tarsiima’oo xiyyeeffannaan guddaan kennameef keessaa isa tokkoofi isa guddaa ta’uu kan himan immoo Sadarkaa Ittaanaa Pirezdaantiitti Hogganaan Seektara Misooma Baadiyyaa Doktar Girmaa Amantee, sababnisaa immoo qamadiin sadarkaa addunyaatti Ruuziitti aansee midhaan baay’inaan soorataaf oolu ta’uusaatiin akka ta’e dubbatu.

Biyya keenyattis taanaan qamadiin midhaan filatamaa nyaataafis ta’ee warshaaleen hedduu barbaadan ta’uu kan eeran Doktar Girmaan, boqollotti aansuudhaanis akaakuu midhaanii baay’inaan filatamuufi omishamu ta’uu ibsu. Kunis biyyattiin omisha qamadiif pooteenshaala guddaa qabaachuushee kan agarsiisu waan ta’eef carraa kanatti fayyadamuudhaafis hojiin eegalame jajjabeessaadha.

Akka ibsasaaniitti, yeroo ammaa biyya keenyatti qamadiin lafa hektaara miiliyoona 1.8 irratti omishamaa kan jiru yommuu ta’u, kunis lafa waliigala omisha midhaaniif oolu irraa dhibbentaa 13.7 kan uwwisuudha. Lafa biyyattii qamadiidhaan uwwifame keessaammoo Oromiyaan dhibbentaa 50.8 fi omisha walii gala keessaa immoo dhibbentaa 56 kan Oromiyaati.

Haa ta’uu malee biyyi teenya dandeettii qamadii omishuu (potential) guddaa qabaattus, inni amma biyya keessatti omishamaa jiruufi fedhiin jiru wal madaaluu hindandeenye. Walmadaaluu dhabuu qofa osoo hintaane immoo waggaa waggaan qamadii kuntaala miiliyoona 17 -20 ta’u bituuf dirqamuu eeru.

Qamadii kana biyya alaatii bituuf immoo baasiin waggaa waggaatti gaafatu qarshii biiliyoona tokkoo ol ta’uusaatiin biyyattiin hanqina sharafa alaa qabdurratti maallaqa hangana ga’u baasuunshee rakkoo dabalataaf saaxilaa jira jedhu.

Rakkoo dachaa kanaaaf immoo yaadni qamadii biyya alaatii galu isa biyya keessati omishamuun bakka buusuu kun yaada Ministira Muummee Doktar Abiy ta’uu kan himan Doktar Girmaan, kanarraa ka’uudhaan kallattiiwwaniifi tarsiimoon omisha qamadii diriirfamee hojitti galamuu ibsu.

Haaluma kanaan omishaafi omishtummaa qamadii dabaluun cinatti jal’isitti fayyadamuudhaan waggaatti yeroo lamaafi sanaa ol omishuun eegalamuusaa addeessu.

Akka ibsasaaniitti, bara darbe sadarkaa naannootti godinoota afur keessatti hojiin kun eegalameera. Kunis godina Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Bahaafi Arsii aanaalee 16 keessatti lafa hektaara kuma sadiifi 366.8 irratti jal’isiin omishameen qamadii kuntaala kuma 129fi 947 argameera. Kun immoo omishtummaansaa hektaararraa hanga kuntaala 64 ta’u argamuusaa kan agarsiisuudha.

Muuxannoo gaarii bara darbe argamerraa ka’uun immoo baranas godinoota naannichaa 21 keessatti lafa hektaara kuma 300 ta’urratti qamadii jallisiin omishuun calla kuntaala miiliyoona 13.9 ta’u argachuun danda’ameera.

Kun immoo jalqabbii gaarii waan ta’eef baroota ittaananitti cimsanii itti adeemuudhaan kaayyoo omisha alaa galu kana biyya keessatti omishuudhaan bakka buusuu cimee kan itti fufu ta’a.

Walumaagalatti haala mijataan naannoon Oromiyaa qabdu yommuu ilaallu omishni qamadii yeroo ammaa naannichatti omishamaa jiru gadaanaa akka ta’e mamiin hinjiru waan ta’eef, humna qaban baranii isatti sirnaan fayyadamuun hojmanee hoggansa seektara qonnaa isa guddaa ta’uu qaba.

Lafa bal’aa omisha qamadiif ta’u qabatanii, laggeeniifi haroowwan bonaaf ganna bishaan ofirraa hindhabne maddii taa’anii qamadii alaa bituun seenaa akka ta’uuf labsiin Adaamaas akka milkaa’uuf shoorri qooda fudhattoota hundaa dirqama ta’a.

 Bariisaa Amajjii 22 Bara 2013

Recommended For You

183 Comments to “Haala mijataa osoo qabanii qamadii alaa galchuu dhaabuuf…”

  1. Pingback: Source
  2. 1xbet зеркало [url=https://1winrussia.online/#]1хбет[/url] 1xbet официальный сайт

  3. пин ап вход [url=https://1winci.icu/#]пин ап официальный сайт[/url] пин ап

  4. пин ап официальный сайт [url=https://1winci.icu/#]пин ап вход[/url] пин ап вход

  5. best online pharmacies in mexico [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] buying prescription drugs in mexico online

  6. mexican pharmaceuticals online [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] medicine in mexico pharmacies

  7. pharmacy website india [url=https://indianpharm24.pro/#]India pharmacy delivery[/url] online pharmacy india

  8. non prescription ed drugs [url=https://pharm24.pro/#]cheap pharmacy[/url] supplements for ed

  9. best online pharmacies in mexico [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  10. mexico drug stores pharmacies [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharm 24[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  11. ed dysfunction treatment [url=https://pharm24.pro/#]low cost pharmacy[/url] viagra without a doctor prescription

  12. india pharmacy [url=http://indianpharm24.pro/#]Pharmacies in India that ship to USA[/url] top online pharmacy india

  13. slot oyunlar? puf noktalar? [url=http://slot-tr.online/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot tr online

  14. en kazancl? slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  15. slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] slot siteleri

  16. Canl? Casino Siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]casino siteleri win[/url] Casino Siteleri

  17. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=https://slot-tr.online/#]en kazancl? slot oyunlar?[/url] slot oyunlar?

  18. buy rybelsus online usa [url=https://rybpharm.com/#]buy rybelsus canada[/url] buy rybelsus online usa

  19. buy rybelsus online usa [url=https://rybpharm.com/#]buy rybelsus canada[/url] rybpharm rybelsus

  20. buy Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]buy gabapentin[/url] buy gabapentin india

  21. buy Gabapentin GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]cheapest Gabapentin GabaPharm[/url] gabapentin GabaPharm

  22. pharmacy website india [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]Best online Indian pharmacy[/url] top 10 pharmacies in india

  23. best online pharmacy india [url=http://indianpharmacyeasy.com/#]Indian pharmacy to USA[/url] indian pharmacies safe

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *