Bayyanaa Ibraahimiin
Yeroo tokko tokko osoo dhagaa ijaan agarru lakki “kuni dhagaa osoo hintaane dhadhaadha” jedhamee akka waamamuuf haalli nama dirqamsiisu ni dhalata.
Wanti tokko akka ilaalchaafi hubannaa namaatti garaagarummaa kan qabaatu malu jiraatus, kan nama hunda biratti hiikkaa wal falmisiisaa osoo hinqabaatiin haalli dhagaan itti dhadhaa ta’u jiraachuusaa keessattuu lammiilee biyyoota guddachaa jiran keessatti argamaniif waan haaraa hin ta’u.
Nama dhiheenyatti hammeenyasaa qabatamaan beektu sadarkaa aangoo inni irra jirurraa kan ka’e maqaa gaarii kennuufiin, nama dandeettii tokko hinqabne qabeenya ykn aangoosaatiin beekaa fakkeessanii dhiheessuunfi sirna bulchiinsaa qabatamaan sagalee lammiilee ukkamsee waan ofii barbaadu qofa dubbachiisu osoo argan maqaa gaariin waamuun biyyoota guddachaa jiran keessatti aadaa baratamaadha.
Lammiileen biyyattii sababoota garagaraatiin mootummootasaaniitti rakkoo jiru ifaan himuu dadhabuusaaniitiin mootummichi gaafa dogongorus waanuma sirrii dalage itti fakkaatee daandii hamaa idiliiffata.
Siyaasni boodatti hafaafi farra dimokraasii ta’ee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti baratame kun immoo giddu lixiinsa biyyoota guddataniitiif karaa waan saaqe fakkaata. Lammiileen biyya sana keessa jiraatan mootummaan isaan bulchu cunqursaa ta’uu osoo hinhimatin biyyootni guddatan kunniin irraa dubbatu.
Madaa silaa abbaan hooqqachuu male ormi yeroo namaaf hooqu immoo bakka si nyanyaatu sana sirritti addaan baafachuu rakkachuu danda’a. Waan ta’eefis warra biyyaa caalaa dhugaan biyyootni alaa “isiniif beeknaa” kun darbee darbee rakkoo warri biyya keessaa osoo argu mootummatti himuu sodaate ibsuudhaaf carraa gaarii ta’us, kana gochuu caalaa garuu haala lammiileen biyyaa sodaa malee mootummicha ifaan ifatti gaafachuu danda’an mijeessutu filatama.
Jijjiirama waggoota sadan kanneen keessatti argame jedhamee himamu keessaayyis ummanni mirga yadaasaa ibsachuufi waan fedhe gaafachuu akka argates inuma himama. Qabatamaan wanti jiru garuu akka qorannoo namootaatti garaagarummaa qabaachuu danda’a.
“Duula olaantummaa seera kabajsiisuu” mootummaan federaalaa naannoo Tigraayitti gaggeessaa tureefi jiruun wal qabatee wanti ta’aa jirus yaada armaan olitti kaafnerraa waan fagaatuu miti.
Moggaasuma maqaa duulichaa “olaantummaa seeraa kabjsiisuu” jedhu kana miidiyaan addunyaa tokkos maaliif fayyadamuu dhabanii wanti adeemsifame waraana mootummaa naannoo Tigraayiifi federaalaati jedhu? Dhaabbileen Idil addunyaa keessattuu mirgoota dhala namaa irratti hojjataniifi ejensootni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis ta’ee biyyootni guddatan hedduun waraanichi lubbuu namoota nagaa hedduu kan galaafateefi loltootni biyyoota ollaas kan irratti hirmaatan ta’uu haala kamiin baran?
Miidhaa waraana kanaan qaqqabaa jiru hoo mootummaan biyya bulchu osoo hindubbatiin biyyootni alaa akkamitti argatanii addunyaa itti burjaajeessuu danda’an?
Dippilomaatoonni Itoophiyaawoo yeroo addunyaan dhugaa lafarra jiruun faallaa dhaabbattee mormitu eessatti dhokatan? Jalqabbii waraanichaa irraa kaasee hanga ammaatti odeeffannoon mootummaan federaalaa baasu maaliif jaratti xiqqoos cophuu dide?
Sobaan waldeggaruun dhumnisaa walqabatanii hallayyaa seenuu akka ta’e asirraa baruumsi guddaan fudhatamuu qabaan immoo yaada kiyya.
Mootummaan federaalaas hanga ummata biyyattii dhugaa lafarra jiru beeku amansiisuudhaaf miidiyaa harkaa qabu hundaan sa’aatii 24 waan walfakkaatuun nuffisiisuurra hawaasa addunyaatiif dhugaa jiru hubachiisuuf osoo yaalee gaariidha. Addunyaa tana irratti dhugaa qabaachuun qofti abbaa dhugaa akka nama hingoone hubatanii dhugaa qaban hunda hubachiifachuun immoo waan yeroon gaafatuudha.
Taateen waraana mootummaan “olaantummaa seeraa kabajsiisuuf” jedhuun naannoo Tigraayitti uumameen walqabatee addunyaaf Itoophiyaan fiixee garaagaraa irra dhaabbachuu gadi qabanii walitti himuun immoo furmaata barbaaduufis ta’ee rakkoon wal fakkaatu akka irra hindeebi’amneef barbaachisa.
Walumaa galatti, waraana humna TPLF waliin taasifameen walqabatee haalli addunyaan ittiin dhimmicha hubatte sirrii hinturre. Kun immoo rakkoo jaraa qofa osoo hintaane, dadhabbina gama mootummaatiin jiru akka carraatti fayyadamaniiti.
Dhugaa qaban akka addunyaaf galuun himachuu dadhabanii “maaliif akka ani jedhetti na hinhubanneen” immoo siyaasa har’aa keessa hin jirtu. Dogongora har’aa amananii fudhachuun isa fuulduraatti dhufuu danda’urraa nama oolcha waan ta’eef itti yaadamuu qaba.
Bariisaa Amajjii 22 Bara 2013
7 Comments to “Duula Itoophiyaan garee TPLF irratti taasifte addunyaan maaf dabsitee hubatte?”