Kilaboonni Oromiyaa sadarkaa dhumaarratti argamu

Finfinnee: Shaampiyoonaa kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Beetkiingiin geggeeffamaa jiruun kilaboonni Oromiyaa sadarkaa dhumaarratti argamu.

Walmorkiin kun  kilaboonni naannolee Ummatoota Kibbaa, Amaaraa, Oromiyaa, Mulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaa  13 jidduutti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, kilaboonni Oromiyaa (Jimmaa Abbaa Jifaariifi Magaalaan Adaamaa) sadarkaa maahessaarratti argamu.

Kanaan dura shaampiyoonicharratti hirmaachaa kan turan kilaboonni Tigraay Maqalee Sabindartaafi Walwaaloo Addigraat hirmaachuu hindandeenye.

Walmorkiiwwan hanga dheengadaatti gageefamanitti kilabnni magaalaa Faasiil qabxii 19n dursaa yoo jiru, Bunni Itoophiyaafi Haadiyyaa Hosaa’inaan garaa garummaa galchaatiin walcaalanii walqixa qabxii 16n lammaffaafi sadafaadha.

Kilabni hangaftichi Qiddus Giyoorgis ammoo qabxii 15n, Magaalonni Baahir Daariifi Hawaasaa galchaan walcaalanii walqixa qabxi 13n, Walqixxeen qabxii 12n sadarkaa afraffaadhaa hanga torbaffaatti argamu.

Akkasumas kilaboonni Magaalaa Dirree Dhawaafi Buna Siidaamaa garaagarummaa galchaatiin walcaalanii walqixa qabxii torbaan, magaalaan Sabbataa qabxii jahaan, Walaayittaa Diichaa qabxii afuriin hanga sadarkaa 11fatti argamu.

Yeroo dheeradhaaf Oromiyaa bakka bu’uudhaan liigii pirii meerii Itoophiyaa keessa kan ture kilabni bulchiinsa magaalaa Adaamaa taphawwan adeemsifatetti tokkotti mo’atee, tokkotti walqixa bahee, shan mo’amee, shan galchee, 13 ittigalee liqaa saddeetiin qabxii furin sadarkaa 12fa qabateera.

Bara 2010 shaampiyoona liigichaa ta’uun waancaa kan fudhate kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar ammoo taphawwan saddeet godhatetti tokkollee osoo hinmo’in sadiitti walqixa bahee  shanitti mo’amee, torba galchee 18 ittigalee liqaa galchaa 11n qabxii sadiin sadarkaa maahessaarratti argama.

Walmorkiin marsaa duraa kun xumuramuf taphiwwan shan qofti wayita hafutti kilaboonni Oromiyaa duubatti hafuunsaanii yaaddessaa ta’aa jira.

Taphawwan adeemsifamanitti taphataan kilaba magaalaa Faasiil Mujiib Qaasim galchoota 11, Buna Itoophiyaarraa Abubakar Kadir sagal, Qiddus Giyoorgisirraa Geetaanah Kabbadaa torba lakkoofsisuun 1fa hanga 3fa qabataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

3 Comments to “Kilaboonni Oromiyaa sadarkaa dhumaarratti argamu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *