“Dhimmi lafa mana jireenyaa barsiisotaa dhibaa’ummaa hoggansa sadarkaa gadiitiin harkifate” -Obbo Waaqwayyaa Toleeraa

Charinnat Hundeessaatiin

Biyya keenyatti dameelee ogummaa xiyyeeffannaa guddaa argachuu qaban keessaa tokko barsiisummaadha. Ogummaan bu’uura ogummaawwan waa hundaa waan ta’eef gama maraan xiyyeeffannaa hundaa argachuu qaba.

Dhimmuma xiyyeeffannaan kanaan kan walqabatu ayyaanni kabaja barsiisotaa dhuma bara darbeefi jalqaba baranaatti ajandaa ijoo ta’ee sochiileen adda addaa sadarkaalee gara garaatti taasifamaa turaniiru.

Kanaafi dhimmoota kanaan walqabatanirratti wayita sana dubbisnee kan turre pirezidaantonni Waldaa Barsiisota Oromiyaafi Itoophiyaa Obbo Waaqwayyaa Toleeraafi, Doktar Yohaannis Bantii walduraa duubaan yaada ittaanu nuu kennanii turan.

Obbo Waaqwayyaa Toleeraa

Ayyaanni kabaja barsiisotaa kanaan dura mootummaadhaan xiyyeeffannaa argatee sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa hinturre.

Garuu waldaan barsiisotaa akka waldaa ogummaatti barsiisota tajaajila yeroo dheeraa kennaniif, barsiisota hojiisaaniitiin adda duree ta’an jajjabeessuuf jecha qophiilee garagaraa qopheessuun kennaawwan addaddaatii jajjabeessaafi galateeffataa ture.

Amma garuu sadarkaa biyyaalessaatti erga Ministeerri Barnootaa sagantaa geggeessuuf naannoleef kallattii dabarsee kaasee sadarkaa naannichaatti qophiileen garagaraa taasifamee amma kabajamaa jira.

Gabaasa nu qaqqabaa jirurraa akka mirkaneeffachuu dandeenyetti manneetii barnootaarraa xumuramee sadarkaa aanaaleetti guyyaa kabaja barsiisotaa kun gara godinaatti darbee ture.

Kootaa sadarkaa naannootti kennameen barsiisota hojiisaaniitiin adda duree ta’an godinaaleen naannoof gabaasaniiru. Isa qindeessinee barsiisota sadarkaa naannootti kabajuuf qophiin taasifamus sababoota addaddaatiin harkifachaa dhufuun uumeen haala yaadameen geggeessuun hindanda’amne.

Biyyi tokko biyya dinagdeedhaan guddatte, qaroomte, teknolojiidhaan sadarkaa olaanaarra geesse arguuf ni hawwama taanaan hundeen dhimmoota kanneenii barsiisaadha. Meeshaan dhala namaa qaroomsuufi doofummaarraa gara qaroominaatti jijjiiru inni guddaafi murteessaan barnoota.

Barnoota kana ammoo adda durummaadhaan baatee kan deemu barsiisaa ta’uun beekamaadha. Akkuma beekamu sirna darbe keessa waltajjiilee guguddoon addaddaa qophaa’anii barsiisonni badhaafamaafi jajjabeeffamaa turaniiru. Kun waggoota 27 darbaniif dagatamee ture.

Amma garuu mootummaanis barsiisotaaf kabajniifi beekamtiin kennamuu qaba amantaa jedhurraa ka’ee sochii kana keessa galuunsaa daran nu gammachiise. Nutillee akka waldaa ogummaatti carraa kanaan mootummaa galateeffachuu barbaadna.

Barsiisaan madda qaroominaa, beekumsaati. Barsiisummaan ammoo utubaa ogummaa hundaa ta’uun ni beekama. Ogeessota akkanaa galateeffachuun, jajjabeessuun, isa hojjetu jajjabeessuu qofa otoo hintaane inni hinhojjenne isa hojjeturraa muuxannoo akka fudhatu godhanii akka jajjabaatu gochuun dirree barnootaatti dorgommiin uumamee akka hojjetamu gochuun bu’uunsaa olaanaadha.

Barattoonni keenyallee kanuma ilaalanii tokkoffaa gara ogummaa barsiisummaatti, kabaja barsiisummaaf kennamaa jirurraa barattoonni mana barumsaa jiran onnachuu danda’u. Kanaaf bu’aafi faayidaansaa daran guddaadha.

Akkuma beekamu fedhiin dhala namaa daangaa hinqabu. Oggaa gaaffii tokko guuttu kan biraa ni dhufa. Kun jireenyuma dhala namaa keessatti kan mudatuufi eegamuuda. Ta’us mirgaafi faayidaa barsiisotaa kabachiisuu keessatti waldaan keenya hojiilee guguddoo hojjechaa jira.

Keessumaa waanuma yeroo dhiyoodhaa as hojjetame eeruuf, madaallii hojii ‘JEG’ keessatti hojiin barsiisotaa akka xiyyeeffannaa argattuf hojjenneerra. Isa duraas komii bal’aan ture “Digrii walfakkaatu qabannee hojjettoota sektaroota biroo keessa jiran wajjin mindaafi sadarkaa walfakkaaturra hinjirru” kan jedhu ture.

Nutillee kana waltajjiilee guguddoo argannerratti kaasaa turreerra. Amma egaa yeroon rakkoo kana furuuf haala mijeessuurraa eegallee nutis ‘JEG’ keessatti shoora guddaa bahanne. Kanaanis yeroo ammaa mindaan barsiisotaa sadarkaa gammachiisaarra jira.

Waa’ee kenniinsa lafa mana jireenyaatiin walqabatee, fedhiin akka Oromiyaatti jiru akka daataan bara 2012 qabnu ibsutti gara barsiisota kuma 106 lafa mana jireenyaa barbaadu ykn fedhiin jira jechuudha.

Kanneen keessaa barsiisota kuma 35f kennameera. Inni kaan maaliif akka harkifate sababoota addaddaa kaasuun ni danda’ama. Kanneen keessaa rakkoolee ijoo kaasuuf, tokkoffaa beenyaan lafaa kanfalamee lafa sana bilisa gochuurratti akkoon maallaqaa jira.

Inni kaan dhibaa’ummaa hoggansa sadarkaalee aanaafi bulchiinsa magaalota keessa jiraniiti. Qaamoleen kunniin dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennanii barsiisaan akka lafa mana jireenyaa argatu gochuurratti hanqina qabu. Barsiisaan lafa mana jireenyaa argachuu qofa miti, manni jireenyaasaa bakka hojiisaa lammaffaa waan ta’eef dhimmi kun xiyyeeffannaa argachuu qaba.

Manasaa kana keessatti karoorfata, hojmanee hojjeta, ni qophaa’a, qormaata barsiisotaa soroorsa, galmeessa kanaaf manni jireenyaa barsiisaaf bakka hojiisaa lammaffaadhasi. Miira kanaan hoggansi mootummaa caasaa gadii jiru dhimmamuu dhabuurraa kan ka’e dhimmi lafa mana jireenyaa barsiisotaa kun harkifachaa dhufeera. Amma Ministeerri Barnootaa dhimma kanarratti akka haaraatti xiyyeeffannaa addaa kennee waliin hojjechaa jirra.

Ammaan tana addunyaan dhibee koviid-19n raafamaa jirti. Biyyi keenyas kanuma keessa jirti. Otuma kun kanaan jiruu manneen barnootaa deebi’anii banamaniiru. Vaayirasicha ittisuufis tattaaffiileen addaddaa taasifamaa jiru.

Kana keessatti aarsaan barsiisota keenyaa daran guddaadha. Barsiisuu qofa otoo hintaane fayyaasaaniifi barattootasaaniillee eegaa, kunuunsaa akka dhibeen kun barattootas ta’e lammiilee hinmiine gochuu qabu.

Kanaanis ba’aan barsiisotatti dabalame dachaa waan ta’eef qormaata seenaan nutti fide kana keessa mo’annaadhaan darbuuf tokkummaa, ciminaafi xiyyeeffannaadhaan hojjechuu qabu. Kanaafis adda durummaadhaan aarsaa barbaadamu kanfaluun biyyaafi ummata ceessisuuf kutannoodhaan tattaafachuu qabna.

Doktar Yohaannis Bantii

Seenaan kabaja barsiisotaa akkamiin yoom akka jalqabe, ka’umsisaa maal akka ta’e, biyya keenyatti yoomii kaasee akkamitti kabajamaa akka ture, kan baranaa maal akka fakkaatu haala agarsiisuun waraqaan qo’annoo waltajjiilee addaddaarratti dhiyaataa ture.

Kana malees matadureewwan addaddaa kanneen akka ogummaan barsiisummaa biyya kanatti maal akka fakkaatu, ogeessotaan dhihaateera.

Vaayirasii koronaatiin walqabatees dirqamni barsiisaarra jiru ogummaa barsiisummaa kana fuulduratti tarkaanfachiisuurratti faayidaan ummataafi biyyaaf buusu maal akka fakkaatu, attamitti dirqamasaa akka bahatu, maatiin ijoollee, hawaasniifi barattoonnillee, mootummaanis kanarratti ga’eensaa maal akka ta’efaarratti xiyyeeffatu dhiyaateera.  

Ogummaa barsiisummaa ol kaasuufi beekamtii kennuu keessatti maal ta’uu qaba kan jedhanfaanis dhiyaataniiru. Ogummaan barsiisummaa keessumaa akka biyya keenyaatti duudhaasaa duriitti akka deebi’uuf dhimmamtoonni hundi taa’anii of ilaaluu qabu.

Kanaafis tokkoffaa yoo barumsi hinjiraatiin uumamaan ifni jiraatus dukkana keessa jiraatama jechuun ni danda’ama. Kan ija namaa banu barumsa. Akka waa xiinxalan, hubatan kan gargaaru barumsa. Fakkeenyaaf qubeedhuma dubbisuufillee barachuun, ija banachuun murteessaadha.

Qubee dubbisuuf barachuun ifa arguu jechuudha. Barumsi sammuu namaa bana. Addunyaa kanarra qaama hawaasaa dhimma kanarratti hojjetu caalaa kabaja kan argachuu qabu hinjiru. Waantumti fedheyyuu bu’aa barumsaafi barsiisaa ykn barsiistuuti. Kanaafuu namni kamuu akka namaatti kabaja argachuu qabaatus yoo dorgommiin dhufe garuu kan barsiisummaa caalaa kabaja qabu hinjiru.

Kanaafuu warri ogummaansaanii barsiisummaa ta’ee hojicharratti bobba’an, ogummichi ulfaataafi kabajamaa ta’uu hubachuu qabu. Warri irraa baratanis barsiisotasaanii kabajuu qabu. Sababiinsaas nama kennaa kamuu namaa kenne kan caalu nama beekumsasaa namaa qoode ykn kenne waan ta’eef. Kanaaf barattoonni barsiisotasaanii kabajanii sossobanii beekumsa irraa argachuu qabu.

Fakkeenyaa baadiyyaatti sa’a bobbii ooltee galtu warri oggaa elman akka isheen hindhidhiittanneef miilashii lamaan kunuunsanii amalaan qabanii gaadi’anii aannanshii elmatu. Yoo qabaa hintolchine, hinkunuunsine aannan hinargamu ykn hinkennitu.

Aannanichas bakka dhaqu hinbeekamu. Kun dhimma saayinsii hawaasaati. Barsiisaanis akkasuma. Yoo ajajamaniif, yoo kabajan, beekumsa inni sammuusaa keessatti yeroo dheeraaf kuufateefi tuullate irraa fudhatanii ittiin guddachuun ni danda’ama. Kanaaf barattoonni kana beekuun isaanirra jiraata.

Qaamni mootummaa, hawaasni, kabaja maluuf kennuufiin akkuma jirutti ta’ee waan isaan boqochiisu, kanfaltii haa ta’uu mana jireenyaa waan hojiisaaniif haala hojii mijeessuu mana barumsaa keessatti meeshaalee isaan ittiin hojjetan guutuurraa eegalee hamma humni danda’e utubuufi bira dhaabachuun, rakkoon dinagdesaanii yoo guutame barsiisummaan hojii filatamaa ta’a. Kanaanis namoonni beekumsaafi ga’umsa olaanaa qaban gara ogummichaatti dhufu.

Haala amma jiruun namoonni gara ogummaa kanaa kan dhufan yoo bakka dhaqan dhabaniidha. Isa boodas gaafa baran keessaa deemu. Kun ta’uu hinqabu. Tasgabbaa’anii hojii keessa taa’anii hojjetan ta’uuf ammoo hawatamummaafi haallisaa fooyya’uu qaba.

Haalli guddina teknolojiifi sababoota addaddaarraa kan ka’e iddoosaa duriitti ni deebi’amoo hindeebi’uun akkuma jirutti ta’ee hanguma barri dhufee darbuun ogummaa barsiisummaafi barsiisaan kabajamuu qaba. Biyyi barsiisaa hinkabajne guddina hinqabdu.

Bara 2006 irraa kaasee qajeelfamni sadarkaa walfakkaatuuf mindaan walfakkaatu jedhamu hojjetamaa tureera. Waldaan keenyas dhimma kanarratti hordofaafi mootummaa wajjin hojjetaa ture. Keessumaa yeroo eerame kanarraa kaasee waldaan keenya adda durummaan hojjetaa ture. Dhumarrattis ragga’ee barsiisota barnoota waliigalaa idilee duraarraa jalqabee hanga yunivarsitiitti argamanitti caalaatti kan hojjete waldaa keenya. Gama kanaan mootummaan galateeffatamuu qaba.

Kafaltiin ji’a sagalii hafte dhimma koviid wajjin walqabateeti. Kan ji’a Eblaa, Caamsaafi Waxabajjii kanfalameera. Kan ji’oota saglan hafaniis bara bajataa kanatti kanfaluuf qabamee ture. Nutis dhiyeenyaan hordofaafi dhiibbaa gochaa turre. Qarshiin otoo hinkafalamiin hafe kun waan kanfalamu natti fakkaata. Irrattis hojjetamaa jira. waan hafu miti.

Barana ayyaana barsiisotaa sadarkaa biyyaatti geggeessuuf qophii cimaan taasifamaa turee sababoota adda addaatiin jidduutti addaan citeera. Dhimma kanaafi kanneen biroorratti dhiyeenya kan dubbisne Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa, Doktar Garramawu Hulluuqaa, “Hinhafu. Kana yeroo gabaabaa keessatti kan raawwannu ta’a. Gidduutti haala biyyaatu seeneef malee hindagatamnes” jedhan.

Kuufama mindaatiin walqabateesakkuma yaadatamu yeroo sana kan taasifame daballii mindaa osoo hintaane ‘JEG’ (Job Evaluation and Grading) ture. Innis kaayyoonsaa hojiifi hojjetaa walmadaalchisuudha. Sunimmoo dabalata qarshii fidee dhufa jechuudha. Akka biyyaatti  ‘JEG’ kan jedhu hojiirran oolcha jedhee erga socho’uu eegalee waggaa afur shan ni ta’a.

Achi keessatti yommuu hojiin hojjetamu kan barsiisootaa addatti haa ilaalamu jedhamee Ministirri Barnootaa ittigaafatamaasaa fudhatee ofeeggannoo guddaatiin hojjete. Dhimma kanas miidiyaarratti dhaadheessuu kan hinbarbaachiifneef barsiisoonni akka fayyadaman taasisuu malee harka ittiin rukkuchiisu hinturre.

Kanaaf yaadichi ugguramee ture malee sirreeffama kanaan hanga %93tti mindaansaanii kan fooyya’e ni jira. Kaayyoonsaa garuu hojii sirreessuu malee dabaluu hinturre. Dhugaa dubbachuuf kallattiin addatti ministira muummeetiin waan kennameef addatti hojjenne.

Wanti baay’ee itti boonnus kana. Kunis hanga hojiin isaa hojjetamutti yeroo fudhateera. Gangalachaas tureera. Hojichi ji’a Bitooteessa bara 2012 keessa xumurame. Kan kanfalamuu qabummoo Adooleessa bara 2011 irraa egalee ta’u qaba jechuudha. Ministeerri Maallaqaammoo Bitooteessarraa kaasee kan jiru kanfaleen isa boodatti hafemmoo dhawaataanin kanfala jechuun Bitootessarraa kaasee sirreesse kanfaleef.

Kanarratti sababa kanfaltiinsaa gaarii tureef komiin kanfaltii keenyatu xiqqate ‘JEG’n kana nu godhe jedhu hinkaane. Ministeerichi qarshii isa hafe keessaa kan ji’a sadii kanfalee, kan sadii kanfaluuf osoo qopha’aa jiruu, weerarri koovidii dhufe. Yommuu kana weerarichi maal akka fidee dhufu, biyyi maal taati kan jedhu hinbeekamu. Biyyuma hundatu akkas ta’e.

Gaafa taateen akkanaa uumamu mootummaan maallaqa qabu harkatti qabata. Kun yakkas miti. Barsiisonnis beeku. Kanfaltiiwwan kuufamaniifi bajata pirojektiiwwan garagaraa mootummaan ofeeggannoof qabateera. Gaafa koovidiin itti baramaa deemu Ministeerri Barnootaa dhimma kana Adooleessa darbeerraa kaasee ajandaa godhatee hojjetaa ture.

Ministeerri Maallaqaas kuufamich ji’a sadii sadiin hiree kanfaluuf waadaa seene. Haala kanaanis hanga kurmaan dura ji’a onkololeessaatti jiru naannooleef ergeera. Amma rakkoon kan uumame naannolee biratti, odeeffannoo nu qaqqabaa jiruun naannooleen tokko tokko isa barsiisotaaf ramadamuu qabu bajata biraaf ramadaa jiru. Dhimma kanarratti hojii nuti hojjennu akkuma jirutti ta’ee, naannooleen maallaqa ministeerri maallaqaa ergeef akka kanfalaniin hubachiisa. Naannoleen akkanaa taasisaa jiranis dogoggora waan ta’eef dafanii barsiisotaaf kanfaluu qabu.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

5 Comments to ““Dhimmi lafa mana jireenyaa barsiisotaa dhibaa’ummaa hoggansa sadarkaa gadiitiin harkifate” -Obbo Waaqwayyaa Toleeraa”

  1. Pingback: Bonuses
  2. Pingback: concrete slab
  3. Pingback: Find Out More

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *