Saamraawiit Girmaatiin
Ayyaanota hordoftoota amantii kiristaanaa keessumaa Ortodoksiifi Kaatolikii biratti dammaqinaan kabajaman keessaa Cuuphaan isa tokko. Ayyaanni cuuphaa ayyaana amantii haa ta’uyyuu malee bakka aadaafi duudhaan hawwiidhaan eegamu itti raawwatamu ta’uusaatiin hawwii olaanaadhaan eegama.
Cuuphaan waltajjii dhiirriifi dubarri irratti walarganii fuudhaaf itti walkaadhimmatan, kan hiriyyoonni waggoota dheeraaf turan itti walargan, guyyaa bashannanaati. Akkasumas, namni ayyaanichi gaafa ga’u huccuu haaraa bitatee ykn isa qabu miiccatee bareedee mul’ata. Harki caalaan namaa huccuu aadaasaatiin faayamee oola. Dha’annaan rifeensa dubartootaafi shamarraniis eenyummaa isaanii kan beeksisudha.
Gaafa ayyaanichi ga’u namoota irratti hirmaataniifi waa’ilchan keessaa hordoftoonni amantii biraas daran baay’eedha. Gaafa ayyaanichi ga’u guyyoota sadiif bakka hedduutti yommuu daandiin cufamu illee guyyaa tokko namni qeequ hinjiru. Gammachuudhaan waliin kabajanii guyyichi nagaadhaan darba. Turistoonni alaa dhufan illee tokkummaa ummataa kana dinqisiifatu. Namni baay’ina qabu waldhabdeefi rakkoo malee haala walfakkaataa ta’een walii obsee kabajuusaa akka ajaa’ibaatti ilaalu.
Yeroo dhihoo as garuu ayyaanicha kan amantii ta’uun isaa dagatamee gara siyaasaatti waan geddaramaa jiru fakkaata. Keessumaa magaalaa Finfinneetti wanti mul’atu kan nama gaddisiisudha. Gaafa ayyaanichi torbaniitti galu qophiin magaalaa ‘taabootaaf’ miidhagsuu dargaggootaan eegala.
Irri keessisaa dhuguma miidhagsuu fakkaatuyyuu keessisaa fedhii siyaasaa ittiin raawwachiifachuuf waan socho’an fakkaata. Alaabaa ittiin magaalaa miidhagsan yoo ilaalame kan biyya bakka bu’u miti. Alaabaa saba tokko sanuu deggarartoota sirna mootii durii kan afaaniifi amantii tokko leellisuun guutuun magaalaa uwwifama.
Baranammoo isumarratti aasxaa mana amantii irratti maxxansiisanii itti fayyadaman. Kun yakka guddaadha. ‘T –shirtiiwwan maxxanfamaniis kan olaantummaa amantii tokko mul’isuudha. Wantoota harkatti ka’aataman, adda jalatti hidhatamaniifi uffatamanis harki caalaan isaanii kanuma mul’isu. Abbaan barbaade akka nama dhuunfaatti alaabaa barbaade jaal’achuufi qabachuu ni danda’a. Amantiin garuu kan sabootaafi sabalammootaati.
Ani hamman argeetti manneen amantii biraatti alaabaa biyyaa isa heerri eeyyamutu waajjira keessa taa’a. yommuu qophii wayii qabaatan ammoo waan qophicha ibsuu danda’uun mooraafi naannawaasaanii bareechatu malee siyaasa alaabaa ittiin hingaggeeffatan.
Amma garuu kan ta’aa jiru kana. Kan baranaammoo adda fakkaata. Barjaawwaniifi fakkiiwwan cicciru, keessumaa barjaawwan Irreechaaf jedhamanii magaalaa Finfinnee keessatti fannifaman jigsuu ykn ciruutu ture. Kun karaa kamiinuu fudhatama kan hinqabneefi duudhaa amantiichaatiinis ala. Oromoon miliyoonotaan lakkaa’amu amantii Ortodoksii ni hordofa; qomoon biraas akkanuma. Afaan, aadaafi wantoota ittiin ibsama ummatichaa jibbuun hordoftotuma amantichaa gidduutti waldhabdee kan uumuudha.
As irratti wanti hubatamuu qabu, namuma hundatu kana godha jechuu miti. Namoonni addaddummaa kabajanii, miira tasgabba’aafi kabaja qabuun ayyaanicha kabajan hedduudha. Garuu isaan kanaan liqimfamanii waan jiruuf waan namni baay’ee ilaalcha badaa kana qabu fakkeesseera. Duubni dargaggoota hojii akkanaa hojjetan hedduun isaanii osoo qoratame ergama biraa qabu malee kan amantii miti. Kan qabamanii seeraan qoratama jiran illee ni jiru.
Heerri biyyatti mootummaan waa’ee amantii keessa hinseenu jedha malee, seera hinkabachiisu hinjedhu.
Kanaaf mootummaanis dhimma kanarratti callisuun isaa booda rakkoo hamaaf isa saaxiluu hinoolu. utuu hundee gadi hinfageeffatiin yoo sarara qabsiisee malee cuuphaan kiliyaa addunyaa ta’e tokkummaa ummattootaan galmaa’e kun dirree siyaasaa ta’ee kan ummanni ittiin walqoodu akka hintaaneef bifa tasgabba’aafi bilchina qabuun furmaanni itti kennamuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013
7 Comments to “Cuuphaan ayyaana amantiimoo dirree siyaasaati?”