Saamraawiit Girmaatiin
Shamarree Maahileet Zallaqaa Magaalaa Mojootti dhalattee Jimmaatti guddatte. Kutaa shanirraa eegaleemmoo gara magaalaa Finfinnee dhufuun barnoota ishee itti fuftee xumurte. Sanaa booda gara Chaayinaa deemuun akaakuu barnootaa ‘International Trading Economics’dhaan digrii jalqabaashee baratte. Digrii lammataashee ammoo mana barnootaa Ameerikaa waliin walta’iinsaan hojjetu ‘Vision International’ jedhamutti ‘Counseling and Psychology’ barachaa jirti.
Erga Chaayinaadhaa deebitee boodas dubartootarratti xiyyeeffachuun dhaabbata Deggarsa Dubartootaafi Shamarranii Itoophiyaa jedhamu waliin hojjetaa jirti. Dhaabbatichi rakkoolee shamarran barnoota sadarkaa olaanaaf akka hinqaqqabne taasisan kanneen akka butii, dirqisiisanii gudeeduu, heeruma umurii malee, kittaanaafi kkf irratti xiyyeeffechuun deggarsa taasisa. Dabalataanis dubartoota dinagdeedhaan jajjabeessuu akkasumas, rakkolee furamuu danda’aniin dubartoonni boodatti akka hindeebineef deggarsa taasisuudha.
Kanarraa ka’uun dubartoonni biyyattii hedduun sababa meeshaa qulqullinaa marsaa laguu ittiin eeggatan ykn ‘moodeesii’ dhabaniif barnootasaaniirraa hafan darbees rakkoolee fayyaaf saaxilaman deggaruun milkaa’inaaf qaqqabsiisuurratti hojjechaa jiraachuudha gaafdeebii tibbana Gaazexaa Bariisaa waliin taasisteen kan ibsite.
Akka isheen jettutti yommuu Chaayinaadhaa yaada tokko qabattee dhufte. dhaabbanni biyyoolessaa ‘power paid’ jedhamufi teessoosaa Koppanhagan taasifate waliin wa’ee laguurratti yeroo dheeraaf hojjechaa kan turte yoo ta’u, yaadichi Itoophiyaattis akka hojjetamuufi hubannoon akka uumamuuf hojjechuu yaaddee dhufte.
Kanarrattis waraqaa qorannoo Imbaasii Ameerikaatti dhiheessuun dhaabbata amma waliin hojjettu waliin arguusheefi isaan waliin fedhii walfakkaataa waan qabaniif wajjiin hojjechuuf waliigaluusaanii dubbatti. Biyya alaatti deebitee barnootashee ittifufuufi hojii hojjechuu kan dhiisteef rakkoolee furamuu danda’aaniifi isheen immoo irratti gumaachuu dandeessuu osoo argituu dhiisanii deemuun nagaa waan isheef hinkenniineef ta’uus ni ibsti.
Rakkooleen furamuu danda’an fakkeenyaaf moodeesiiwwan barattootaaf dhiheessuun yoo danda’ame barattoonni barnootasaaniirraa hinhafan kan jettu Maahileet, waraqaa qorannoo eebbaasheerrattis maaliif dinagdeen Itoophiyaa ittifufiinsaan fulla’ee guddachuu akka hindandeenyee adda baasuushee eerti. Kunis sababa baay’inni ummataa garmalee dabaleef yoo ta’u, kana cinaatti ammoo sadarkaa lammaffaatti barnoota addaan kutuun bal’inaan waan mul’atuuf ta’uu ibsiti.
Sababni barnoota addaan kutuu yoo ilaalamu ammoo kan baay’atu dubartootarratti ta’uu kan kaastu shabarreen tun, ulfa umrii maleefi marsaa laguu arguu waliin walqabatee moodeesii fayyadaman dhabuun barnoota dhaabuu akka filatan dubbatti. Kanarraa ka’uun dhaabbanni isheen keessa hojjettu hanga dhimmi kun akka gosa barnootaatti kennamee baratamutti kan ga’eesaa ba’achuuf murteessee hojjechaa jiraachuufi haala kanaan manneen barnootaa garagaraatti doktaroota isaan waliin hojjetan wajjin leenjii kennuu eegaluu himti.
Hojii kanas Finfinnee, magaalota naannawa Finfinnee jiran, naannolee Amaaraafi Tigraayitti kan hojjetan ta’uu kan ibsitu Maahileet, leenjii kennuu cinaattis moodeesiiwwan miiccamuufi ji’oota 18 tajaajiluu danda’an deggarsaan akka kennaniifi haala shamarran ofiisaaniitiin moodeesii hojjetachuu danda’anis akka barsiisan addeessiti.
“Rakkoon shamarranii hammam hammaataa akka ta’e kan siif galu gaafa isaan bira deemtee rakkoosaanii argituudha. Yommuu nuti moodeesii kenninuuf maalirratti godhanna kan siin jedhantu jiru.
Paantii hinqaban, warreen qaban ammoo saamunaa ittiin miiccatan rakkatu. Hawaasa keenya keessa saamuunaa qarshii tokkoo bitachuu kan hindandeeyee hedduutu jiru. Waan arguu hinbarbaanneef dhiisnee malee osoo naannawa keenya qalbiidhaan hubannee waantota daran nama gaddisiisantu jira” jetti.
“Laguu arguun qananummaa miti. Kennaa uumamaati; fayyummaadhas. Shamarreen tokko hanga waggaa 18tti laguu hinargitu taanaan gara dhaabbata fayyaa deemuu qabdi. Kanaaf laguu arguu dhiisuu malee arguun dhukkuba miti. Kennaa uumamaa ta’uu kan itti mirkaneeffattummoo yommuu laguun dhaabbatu dubarri dhala godhachuu hindandeessu. Yoo laguun hinjiraanne dhaloonnis itti hinfufu” jechuun dubbatti.
Akka Maahileet jettutti, kanammoo hubachiisuu kan danda’amu barsiisuudhaan ta’uufi barsiifatni hawaasaa yoo ilaalamummoo gaafa dubartoonni laguun itti dhufu abbootiin warraa haadha warraasaanii bakkee bulchuufaatu jira.
Dubartoonni gaafa ala bulan ammoo sababa moodeesii hinqabneef biyyoorra taa’u, dikeetti fayyadamu. Kun gaafa namatti himamu namni nama hinamanu. Maal akkamitti huccuu citaallee dhabu? Laguun sababa shamarran barnootaraa ittiin hafan ta’uu hindanda’u jedhee kan sitti falmu hedduudha.
“Namni kana siin jedhu hedduun maatii fooyyee qabuufi ijoolleesaatiif moodeesii bituu danda’u kan qabuudha. Kanaaf dhukkubichi hingaluuf. Dhugaan jiru garuu, shamarran hedduutu sababa kanaan barnootarraa hafaa jira. Iddoowwan muraasa hojjechaa jirruutti ammaan tana shamarran moodeesii barbaadan kuma 50tu harka keenyarra jiru.
Nuti kaayyoon keenya rakkoo Itoophiyaa furree kan Afrikaattiyyuu darbuudha. Rakkoon moodeesii kan Itoophiyaa qofaa miti; kan addunyaa hundaati. Dhiheenya kana Iskootlaandi moodeesii guutuutti bilisa taasiftee biyya biraatiif hojjetaa jirti. Keeniyaan ashuura kaasuusheetiin barattoota miliyoona 4.2 barnootatti deebisuu dandeesseetti. Biyyoonni hedduun modeesiirraa ashuura kaasuusaaniitiin barattoota hedduu oolchaniiru” jetti.
Itoophiyaan kanarratti boodatti hafuushee eertee, kanarraa ka’uun moodeesiirraa ashuuraan akka ka’u waggoota lamaan darban duulli bal’aa taasifamaa turuu ibsiti. Keessumaa waggaa darbe abbummaadhaan duulicha qindeessuun waldaalee dhimma dubartootaarratti hojjetan akkasumas kan daa’imman irratti hojjetan waliin ta’uun moodeesiifi daayippariirraa ashuurri akka ka’u tattaafataa turuus ni himti.
Akka shamarreen tun nuuf ibsiteetti, hojii kanarratti aanga’oonni mootummaa, aartistoonniifi namoonni damee garagaraatiin beekamtii qabaniifi dhiibbaa uumuu danda’an isaan deggaraniiru.
Gama kanaan deebiin hatattamaas kan keenname ta’uu eertee, murtichis warshaaleen moodesiifi daayipparii omishuuf leecalloo barbaachisu alaa galchan ashuura malee akka galchaniifi meeshaaleen kunneen yeroo biyya alaatti omishamanii biyya keessa galan kanaan dura ashuuraa %30 kanfalaa turan gara %10tti akka gadi bu’uu kan jedhu ta’uu addeessiti.
“Kun nuuf deebii guddaa ta’us ammallee hojiin keenya ni dhaabbata jechuu miti. Akka qorannowwan mul’isanitti Itoophiyaa keessa dubartoonni miliyoona 35 ta’an laguu ni argu. Kanneen keessaa garuu %75 moodeesii argachuu hindanda’an. Kanaaf warri rakkoo kanaa hinqabne yoo xiqqaate rakkoo dubara tokkoo furuuf hojjechuu qabna. Dubartoota qofa mitii dhiiroonnis dhukkubni kun itti dhaga’amuu qaba. afaanumaan dubarri haadha, obboleettiidha, haadha warraati jechuun ga’aa miti. Waan hundaan bira dhaabbachuu qabu. Anaaf misitiroonni hundi dubartoota ta’uun madaallii milkaa’inaa miti; yoo rakkoo dubartootaa kallattiin hinfuran ta’e; dhiira ta’ee isa rakkoo dubartootaa furuun irra filadha” jetti.
“Dubarri haadha, obboleettiidha; inni beekamaadha. Isarra darbee dubarri pirezdaanti, ministira, doktara, barsiistuufi kkfdha. Isa ta’uuf garuu moodeesii dhabdee barnootarraa hafaa jirti taanaan karaatti hambisaa jirra. Kanaaf irratti hojjetamu qaba.
Kanammoo nuti qofaa keenya milkeessuu hindandeenyu; fandii hinqabnu. Kamma kana gargaraa kan jirru ifaajjii dhuunfaa keenyaatiini. Hiriyyoota keenya qindeessuun, miidiyaa hawaasummaarratti maxxansinee galii sassaabuun, baankiiwwaniifi dhaabbilee dhuunfaa garagaraarra deemnee kadhachuun” jechuun dubbatti.
Fakkeenyaaf siheen gaafan guyyaa dhalootashee kabajattu, dursitee hiriyyootasheetti himtee kennaan isheef kennuu yaadan sana moodeesii hanga danda’an bitanii akka isheef kennan taasisuushee kaastee, haala kanaan barana gaafan kabajattu guyyoota afur keessatti moodeesiiwwan kuma afur walitti qabuun gara Walloo geessitee shamarran deggarraniif qoodu ibsiti.
“Erga ani qofaakoo hanga kana sassaabuu danda’e yoo walitti dhufameemmoo caalaatti walitti qabuun waan danda’muuf dhaabbilee garagaraa waliin walta’iinsaan irratti hojjechuu eegalle. Haaluma kanaan ashuurri akka ka’uuf waltaanee dhiibbaa kan taasisaa turre.
Waanti daran nama gaddisiisu tokko moodeesiin suuqiidhaa qarshii 30-40tti bitamu omishamee gaafa ba’u daldalaan qarshii 18n warshaarraa fuudha. Sababa maaliitiin akka akkas qaala’ellee siin galu. Kun anaaf saamicharraa adda miti. Ashuuraafi galii moodeesiirraa argamuun biyyi hinijaaramtu. Biyyi kan ijaaramtu shamarran sababa moodeesii dhabanii manatti hafaniini” jechuun quuqamaan dubbatti Maahileet.
Akka isheen jettutti, rakkoo kana utuu furuun itti yaadamee salphaadha. Yoo callifamee ilaalamee garuu miidhaan isaa guddaa ta’uurraa kan ka’e dhiibbaa biyyaa ta’a. shamarran baay’een laguuf jecha waan qulqullu hintaane fayyadamuun kaansarii gadameessaafi dhukkuboota biroof saaxilamaa jiru.
Kun Ministeerota Fayyaatiiffi Barnootaatiif bowwoofi kasaaraadha. Hirmaannaa dinagdee dhabuunsaanii Komishinii Pilaaniifi Misooma Dinagdeetiifis akkasuma. Rakkinicha bal’ifamee yoo ilaalame walhidhataafi hunda kan tuquudha.
“Yommuu hojii kana hojjettu waanti hundi mijataa ta’ee miti. Hubannoon waan hinjirreef waan ati saamuu deemtu itti fakkaachuun kan sitti qoosuufi si arrabsu baay’eedha. Aniifi namoonni dhimmicharratti naa wajjin hojjetan jiruu biraatiin galii gaarii namoota argachuu dandeenyuudha. Garuu dhimmichi waan nu dhukkubeef yeroo keenya itti kenninee hojjenna.
Miidiyaan biyya keenyaas dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuurra dhimmoota nu hinilaallanne birootiif xiyyeeffannaa kennaa jiru. Gaafa nuti dhimma wayiif miidiyaa waamnu kan nuu dhufan muraasa. Keessumaa miidiyaan mootummaa xiyyeeffannaa itti hinkennu. Kun sirrachuu qaba jechuun gorsiti.
“Murtoon murtaa’e guddaadha. Garuu yoom jalqaba isa jedhu waan addaan hinbaafanneef ammas gaaffiin keenya ittuma fufa. Kana malees qarshii hammamii hir’ise inni jedhu kan nuti deebii itti kenninu miti. Qaama mootummaa dhimmicha qabatetu deebii itti kenna. Nuti akka si’aawuuf dhiibbaa uumuu qofa dandeenya.
Dhimmi biraa dhiibbaa itti uumuu barbaannummoo barattoota yunvarsiitiif mootummaan ittigaafatamummaadhaan moodeesii akka dhiheessu gaafachuudha. Sababnisaas dubarri mana namaatti mindeeffamtee ykn hojiilee garagaraa hojjettee of barsiisuun yunvarsiitii seente, gaafa achi geessu galii waan hinqabneef yaaddoodhaan hafuu hinqabdu; ykn gara jireenya hinbarbaadamneetti seenuu hinqabdu” jechuun ibsiti.
Dhumarratti dhimmi moodeesii waan xiqqoo fakkaata kan jettu Shamarree Maahileet, rakkoonsaa garuu hamaadha’. Kanaaf mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee hojjechuu akka qabu kaasti. Seektarooti kallattiidhaan dhimmichi ilaallatu qaama karoorasaanii taasifachuu akka qaban, abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen garagaraas rakkoo dubartoota naannawaasaanii jiranii furuuf hojjechuu akka hojjetan akkasumas, hawaasni mana manasaatti dubartootaaf moodeesii bitee kennuun rakkinicha waliin dhabamsiisuu barbaachiisa malee isaan qofatti dubartoota miliyoona 35 bira ga’uu waan hindandeenyeef hunduu akka tumsu gaafatti.
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013
3 Comments to “Maahileet Zallaqaa: Shamarree moodeesiifi daayipariirraa ashuurri akka ka’uuf qabsooftee milkoofte”