Filannoo waliigalaa marsaa 6fa guyyaan muramteef

Takkaalliny Gabayyootiin

Filannoon waliigalaa marsaa 6fa barana adeemsifamu seenaa biyyattii keessatti ta’insa idilee waggoota kurnan sadan darban keessa raawwatamaa turan ta’uurra darbee balbala haaraa ijaarsa sirna dimokraasii biyyattii ni bana jedhamee kan abdatamuudha.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaas  erga irra deddeebiin paartilee siyaasaa waliin marii taasiseen booda gabatee yeroo filannoon waliigalaa itti adeemsifamu beeksiseera.

Haala kanaan Caamsaa 28 bara 2013 guyyaa filattootni sagalee itti kennan yoo ta’u, Caamsaa 29 hanga Waxabajjii 21 bara 2013 ammoo guyyaa itti bu’aan filannoo waliigalaa itti iftoomu ta’uu sagantaan baherraa hubachuun ni danda’ama.

Haaluma walfakkaatuun boordichi kaartaa filannoo Bitootessa kan kan beeksisu yoo ta’u, kan asiin duraarraa garuu naannawi filannoo haaraan akka hinjiraanne hubatameera. Galmeessi filattootaa garuu Guraandhala 22 jalqabee Bitootessa 21 bara 2013 kan xumuramu ta’uus beeksifameera.

Galmeessi kaadhimamtootaas Guraandhala 8-21 bara 2013 kan turuudha. Duulli yeroo na filadhaas Guraandhala 8 eegalee Caamsaa 23 kan xumuramu ta’uus beekameeera.

Boordiin Filannoo biyyaalessaas qophii waliigalaa taasisuusaa kan beeksise yoo ta’u, tarsiimoowwan filannoo iftoomina qabu, amansiisaafi dimokiraatawaa adeemsisuuf gargaaran mara hojiirra oolchuu ibseera.

Filannoo waliigalaa waggaa shan shaniin adeemsifamu kana qophiin paartileen siyaasaa murteessaadha.  Haala wayita ammaa mul’achaa jiruun garuu qophiin paartilee morkattootaa laafaa ta’uunsaa yaaddoo guddaa ta’uu mala. Keessumaa ammoo paartiileen guguddoon akka sadarkaa biyyaatti dorgoman qophii gahaa gochuu dhabuunsaanii adeemsa filannichaa mara gufachiisuu kan danda’uudha.

Sirna filannoo haala dimokraatawaa ta’een adeemsifamu keessatti paartileen siyaasaa yaada mo’ataa qabatanii dhiyaachuun dirqama. Isaan keessaa ammoo dameewwan maraan paartiin yaada mo’ataa caalu qabatee dhiyaatu carraa sagalee ummataa guutummaatti argachuu danda’a ta’a. Akka tasaas paartiileen siyaasaa lama ykn sadii ta’an ammoo haaluma walfakkaatuun sagalee ummataa walfakkaataa argachuun bulchiinsa mootummaa hundeessuuf carroomanis argamuu mala.

Haala kana keessatti ammoo qophiifi waliigalteen paartilee siyaasaa murteessaa ta’uusaa kan mul’isuudha jechuudha. Haa ta’u malee qophiinsaanii laafaa ta’us tattaafachaa akka jiran mul’ata. Waliigalteen paartiileen siyaasaa walwaliisaaniifi paartii biyya bulchaa jiru waliin qaban garuu ammayyuu xiyyeeffannoo guddaa kan barbaaduudha.

Yeroon hanga Caamsaa 28 bara 2013tti jiru gabaabaa ta’us hojiilee guguddoo ta’an dursanii hojjechuurratti cichanii hojjechuun irraa eegama. Keessumaa ammoo adeemsi filannichaa waliigalaan dimokraatawaafi nagaa qabeessa akka ta’uuf hunduu mari’achuufi waliigaltee uummachuun murteessaadha. Rakkoolee mudataniifi mudachuu malanis tarreessuun walta’insaan furaa deemuun dirqama ta’uuhubatamuutu irra jiraata.

Hundarra ammoo wayita filannoon waliigalaa adeemsifamutti mirgi namoomaa akka eegamuuf heera biyyattiifi seerota filannoo bahan mara karaa beekumsarratti hundaa’een hojiirra oolchuun murteessaadha. Kana waliinis waldaaleen siivikii gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif  irra jalaan hubannoo isaanii gabbisaa deemuunis fala tokko. Bilisummaansaaniis akkasuma eegamuu qaba.

Gama biraatiin ammoo qophii lafa jala taasifamuu qaban keessaa nageenya amansiisaa uumuu danda’uufi hirmaannaa dubartootaa guddisuun isaan ijoodha. Haalli nageenya biyyattii akka waggaa darbee sodaachisaa ta’uu baatullee xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadu ta’uu dagachuun barbaachisaa miti.

Qaamoleen nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiranis karaa hawaasa bal’aa hirmaachiseen qophii gochuun isaanirraa eeggama. Paartiileen siyaasaas hirmaannaa dubartootaa cimsuuf ammumaa qabanii irratti hojjechuu qabu. Boordichis hirmaannaan dubartootaa dhibbantaa 10n dabaluu akka qabu kallattii kaa’eera.

Dimshaashumatti filannoon waliigalaa marsaa 6fa Caamsaa 28 bara 2013 adeemsifamuuf qabame kun kanneen kanaan dura adeemsifamaa turanirra karaa dimokraatawaa ta’een gaggeeffama jedhamee abdatama. Kana gochuuf ammoo keessumaa paartiin biyya bulchaa jiru ittigaafatamummaa dachaa akka qabu hubachuu qaba. Rakkoo hoggantoota paartiilee siyaasaa waliin walqabatanii jiranis yeroo otoo itti hinkenniin furuutiin waliin hojjechuun egeree biyyattii kan qajeelchuudha.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013

Recommended For You

5 Comments to “Filannoo waliigalaa marsaa 6fa guyyaan muramteef”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: bdsm webcams
  3. Pingback: free webcams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *