Bayyanaa Ibraahimiin
Afrikaa keessatti biyyoota invastimantiif haala mijataa qaban keessaa Misri ishee duraa yommuu taatu, Afrikaan Kibbaa immoo sadarkaa lammaffaarratti argamti. Akkasumas, Morokoon sadaffaa, biyyi luusii Itoophiyaan immoo sadarkaa arfaffaarratti argamti.
Itoophiyaan haala mijataa invastimantiif tolu haa qabaattuyyuu malee, carraa qabdutti fayyadamuu dadhabuusheetiin xiiqiin cimaa ta’e uumamuunsaa waan hinoolle.
Invatsimantiidhaaf mijatoo ta’uudhaan sadarkaan kaa’ame kun garuu biyyoota invastimantii irraa bu’aa gaarii argachaa jiran jechuu miti. Carraan invastimantii wantoota biroo kanneen invastimantiidhaaf mijatoo ta’aniin bakka hindeggaramnetti haala mijataa qabaachuun qofti gahaa hinta’u.
Ardii Afrikaatti biyyoota haala mijataa invastimantii qaban keessaa Itoophiyaan biyyoota sadarkaa duraatti argaman keessaa ishee tokko ta’uu kan himan Komishiinarri Komishiinii Invastimantii Itoophiyaa Aadde Lelisee Namee, kana hubachuudhaan carraa biyyattiin qabdutti guutummaan fayyadamuuf hojjatamaa jiraachuu ibsu.
Akka ibsasaaniitti, sababa dhibee Koronaatiin dinagdeen addunyaa garmalee miidhameera, kun immoo karaa biraatiin sochii invastimantiirratti dhiibbaa guddaa uumuunsaa waan hinoolle. Waan ta’eefis dinagdee sababa wareera koronaatiin miidhame bayyannachiisuuf invastimantii qabbanaa’ee ture jajjabeessuun dirqama.
Kanaaf ammoo mootummaan labsii invastimantii haaraa baasee hojiitti galeera. Labsiin haaraa amma bahe kun rakkoolee dur keessattuu gama invastimantii alaa harkisuutiin mul’achaa turaniif furmaata kan kenne waan ta’eef invastaroonni haaraan gara biyyattii galanii hojii akka eegalaniif kan isaan kakaasuudha.
Kanuma bu’uura godhachuun yeroo ammaa komishiinichi abbootii qabeenyaa biyyoota garaagaraa dabaree dabareedhaan labsii haaraarratti mariisisaa jiraachuu kan eeran Aadde Leliseen, hanga ammaatti invastaroota baha giddu galeessaa, Turkiifi Eeshiyaa waliin mari’achuusaaniifi isaan hafanis akkuma dabareesaaniitti kan mariisifaman ta’uu dubbatu.
Komishiinichi yeroo ammaatti hojmaata invastimantii haaraa invastimantii kallattii ni harkisu jedhee abdate baasee invastaroota alaatiif beeksisaa jiraachuunsaas ibsameera.
Oromiyaatti ji’oottan shanan darbanitti pirojektonni invastimantii kuma afuriifi 359 ta’an gara hojiitti galaniiru. Kaappitaalli pirojektonni kunneen galmeessisanii gara hojiitti galan immoo qarshii biliyoona 83 kan gahu ta’uu ragaan Komishinii Invastimantii Oromiyaa nimul’isa.
Pirojektota invastmantii kana keessaammoo kuma sadiifi 519 qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaan yoo qabamu, kunis qonnaan bulaa/ horsiisee bultoota gara invastimantiitti ce’aniidha.
Haaluma walfakkaatuun pirojektota invastimantii ji’oottan shanan darban keessatti shoorri dargaggootaas kan hintuffatamne yommuu ta’u, projektoota 316 kan dargaggoota maaykiroofi intarpiraayizii xixiqqaarraa gara abbootii qabeenyaatti guddataniin kan qabameedha.
Gama biraatiin immoo pirojeektotni guguddoofi kaappitaala olaanaa gaafatan 450 ta’an abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaatiin misoomuudhaaf kan fudhataman ta’uu komishiinarri Komishiinii Invastimantii Oromiyaa Doktar Baay’isaa Badhaadhaa ni dubbatu.
Akka ibsasaaniitti, ji’oottan shanan darabanitti invastimantii haaraa qofa osoo hinta’in, pirojektiiwwan 74 ta’an immoo kanneen kanaan dura invastimantii keessa turanii sababa hojiinsaanii babal’ateef lafa dabalataa gaafataniif kan kennameedha.
Pirojeektota invastimantii ji’oottan shanan darban kana keessatti heeyyama argatanii gara hojiitti galaniif naannichi lafa hektaara kuma 35fi 920 ta’u kenneera.
Ji’oottan shanan darban keessatti hojiiwwan invastimantii garaagaraa naannichatti hojjatamaniin dargaggoota kuma 20 ta’aniif carraan hojii kan uumame yoo ta’u, pirojektiiwwan haaraa kunneen qofti bifa guutuu ta’een yommuu gara hojiitti galan lammiilee biyyattii, keessattuu dargaggoota hojii barbaadan kuma sadii ol ta’aniif carraa hojii kan uumu ta’a.
Raawwiin gama invastimantiin ji’oottan shanan darbanii kan agarsiisu pirojektiiwwan hedduu gara invastimantiitti galan qofa osoo hintaane, isaan haala walii galtee galaniin raawwachuu dadhaban irratti immoo tarkaanfiin fudhatamuu komishiinichi ni ibsa.
Haaluma kanaan pirojektiiwwan invastimantii 62 ta’an yeroo hedduu akeekkachiisa, akkasumas hordoffiifi deggarsi garaa garaa taasifamuufis dandamachuu dadhabaniifi gara hojiitti hingalle irraa eeyyamni invastimantii fuudhameera.
“Kaayyoon guddaan lafti mootummaafi ummataa invastarootaaf kennamuuf akka misoomsaniif malee baatanii akka taa’aniif miti” kan jedhan Doktar Baay’isaan, gaafa isaan haala eegamuun hojjachuu dadhaban irraa fuudhanii abbaa misoomsuu danda’uuf kennuun immoo tarkaanfii filannoo hinqabne ta’uu kaasu.
Haaluma kanaan hordoffiifi to’annoo ji’oottan shanan darbanitti raawwateen pirojektota irra deddeebiidhaan deggarsi kennamuufis fooyya’anii hojiitti deebi’uu hindandeenyerratti tarkaanfii fudhatameen, lafa invastimantii heektaara kuma afurii ol ta’us gara qabiyyee lafaatti deebisuun danda’amuusaas ni ibsu.
Hojiiwwan ji’oottan shanan darbanitti raawwataman keessaa immoo pirojektoota sababa garaagaraatiin hojii dhaabanii turan 79 deggarsi addaddaa kennameefii gara hojiitti akka deebi’an taasifamaniiru. Sirni deggarsaafi hordoffii jirus daangaa qaba waan ta’eef isa deggarsa taasifametii fayyadamee dafee of jijjiireef carraa kennaa, isa deggarsi kennamuufis hirribaa hindammaqne immoo karaarraa maqsuun cimee ittifufa.
Oromiyaan carraa misooma invastimantii akka biyyaatti jiru keessaa harka caalu dhuunfachuu kan ishee dandeessisu sababootni hedduun jiraachuu kan eeran Doktar Baay’isaan, gidduu biyyaatti argamuun, bu’uuraaleen misoomaa hedduu Oromiyaa qaxxaamuruun, dhiheenyi magaalaa guddoo biyyattiitiif qabdu, lafa bal’aafi misoomaaf mijataa, humna namaa ga’uumsaafi barumsa qabuufi sababoonni biroo naannicha invastimantiidhaaf filatamaa kan taasisu ta’uu dubbatu.
Akka ibsa Doktar Baay’isaatti, hojii invastimantiitiif ka’uumsi guddaan bu’uraalee misoomaati. Oromiyaan immoo akka carraa ta’ee kan argamtu handhuura biyyattiitti waan taateef bu’uraaleen misoomaa gara naannolee biyyattii hundaatti imalu kamuu osoo Oromiyaa hinqaxxaamurre bakka itti darbu tokkos hinqabu. Kun immoo naannichi carraa invastimantii dachaa akka qabaattu taasisee jira.
Bu’uuraaleen misoomaa immoo daandii irraa kaasee hanga humna ibsaatti, tajaajila bishaanii irraa kaasee hanga telekominikeeshiiniitti kan adeemuudha. Waan ta’eefis bu’uraaleen misoomaa kunniin hundi naannoo biroo caalaa kan baay’inaanis ta’ee qulqullinaan argaman Oromiyaatti. Naannichi misoomaaf mijataa ta’uu waggoota hedduuf faarfamaa turus hojii qabatamaafi invastimantiin naannicha madaalu akka horatamuuf kutannoon amma jiru olaanaa ta’uu ibsu.
Jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti uumameen booda hojiin invastimantii naannichaa akka cimuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa godinootaafi magaalota invastimantiin itti baay’atan adda baasuun isa tokko yommuu ta’u, magaalota ykn godinoota adda bahanitti immoo tajaajilli si’ataafi qinda’aa iddoo tokkootti akka argatan taasifameera. Kanaanis magaalota saddeetiifi godinoota lama keessatti tajaajilli foddaa tokkoo akka kennamuuf murtaa’ee gara hojiitti galuunsaa si’annaa tajaajilichaa fooyyeessuu keessatti shoora olaanaa taphateera jedhu.
Odeeffannoo hammayyeessuudhaaf hojiin tajaajila foddaa tokkootiin eegale kun babal’achuudhaan yeroo ammaa invastarri tokko iddoo fedhe taa’ee odeeffannoo barbaadu hunda haalli ittiin argachuu danda’us mijateera. Abbaan qabeenyaa tokko biyya alaa taa’ee carraa invastimantii Oromiyaa keessa jiru tokko gama ‘on line’tiin odeeffannoo barbaade akka argatuuf gama ‘Oro-invest’n tajaajila argachuu ni danda’a.
Odeeffannoo hammayyeessuun hojmaata si’ataa ta’eefi fageenyarra taa’anii tajaajilaafi odeeffannoo barbaachisu argachuuf kan gargaaru waan ta’eef rakkoolee kanaan dura tajaajila argachuudhaaf waajjira tokko gara waajjira birootti nama imalchiisan iddoo tokkotti kennuun barbaachisaadha.
Invastimantii naannichaa keessatti qonnaan bulaafi horsiisee bulaan naannichaa qooda guddaa akka qabaatuufis xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu kan himan Doktar Baay’isaan, ji’oottan shanan darbanitti invastimantii akka naannootti eegalaman keessatti baay’inaan hirmaachuusaanii ibsu.
Akkasumas, dargaggoota tanaan dura yeroo dheeraadhaaf gurmaa’anii gara maayikiroofi intarpiraayizoota xixiqqaatti galaa turan barbaaduudhaan qaawwa isaan qaban duuchaafi deggaraa gara invastimantiitti akka galan gochuunis kallattii xiyyeeffannaa komishiinichaati.
Walumaagalatti, carraan invastimantii Itoophiyaan akka Afrikaatti qabdu duguuganii fayyadamuun, carraa Oromiyaan akka biyyatti invastimantiirratti qabdu duguuganii fayyadamuudhaaf karaa kan saaquudha.
Waan ta’eefis yeroo hunda carraa invastimantii qabaachuu qofa osoo hintaane, qabatamaan invasti ta’aa jiraachuu mirkaneessuun murteessaadha. Keessattuu sochiin invastimantii Oromiyaa ji’oottan shanan darbanii kun isaan baroota darban keessatti waggaa tokko guutuus hinhojjatamne waan ta’eef jajjabeeffamuufi cimee ittifufuu kan qabuudha.
Abbaa qabeenyaa alaa barbaaduu qofa osoo hintaane, qonnaan bulaafi horsiisee bulaa deggaranii gara hojii invastimantiitti galchuunis hojii cimee itti fufuu qabuudha.
Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013
8 Comments to “Sochii invastimantii Oromiyaa ji’oota shanan darbanii”