Natsaannat Taaddasaatiin
Gargaaraa Pirofesaraa Buzaayyoo Daggaffaa ibsa haala yeroo irratti dhiyeenya kana Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, waanti hundinuu ka’umsa qaba. Dhimmi olaantummaa seeraa murna ABUT irratti kabajchiisuu akkamitti akka eegaleefi adeemsa akkamii keessa dabarree akka as geenye kan jedhu ilaaluunis barbaachisaadha.
Mootummootni dhufanii darban gaaffii sabootaa, sablammootaafi ummatoota Itoophiyaa deebisuudhaaf kan tuqan qabu. Yeroo hedduu gaaffiin lafaa, eenyummaa, sabaafi dimokiraasii biyya kana keessatti ka’aa turaniiru. Mootummaan duraaniis gaaffii lafaa hanga tokko deebisuudhaaf yaalaa ture. Gaaffiin eenyummaas heera mootumaatiin guutuu ta’uu baatus deebii argateera. Gaaffiin dimokiraasii garuu hanga ammaatti utuu hindeebi’in tureera.
Qabsoo ummatni Oromoo sabootaafi sablammoota biroo of cinaa hiriirsuudhaan adda durummaan taasisaa tureen injifannoo boonsaan galmaa’eera.
Bu’aalee qabsoo kanaan argaman keessaa isaan guguddoon gama siyaasaatiin namni bilisummaadhaan yaada ofii ibsachuu danda’eera.
Miidiyaaleen akka garaa isaaniitti dubbachuu danda’aniiru. Paartiileen siyaasaa biyya alaa turan gara biyyaatti deebi’aniiru, namootni mana hidhaa keessa turan hiikamaniiru, namni bilisummaadhaan gurmaa’ee soccho’uun bu’aalee guguddoo qabsochaan argamaniidha.
Bu’aalee gama diinagdeetiin galmaa’aa jiruunis diinagdeen biyyattii kan duraanii caalaa bayyanachaafi fooyya’aa jira. Gama hawaasummaatiinis kan kaleessaa caalaa hariiroon saboota, sablammootaafi ummatoota Itoophiyaas daran dagaagaa jira.
Kanaan alas hariiroo Itoophiyaan biyyoota alaa waliin qabdus daran cimaa dhufeera. Jijjiiramaan dura waggoota 27f Itoophiyaan Ertiraa waliin waldhabdee turte.
Amma biyyoota lamaan gidduutti nagaan bu’ee jira. Itoophiyaan biyyoota ollaashee kanneen akka Somaaliyaa, Jibuutii, Keeniyaafi Sudaan waliinis hariiroo gaarii uumtee waliin jiraachaa jirti.
Itoophiyaan biyyoota Arabaa waliin hariiroo gaarii uumuudhaan mirgi lammiileen Itoophiyaa biyyoota Arabaa jiran akka kabajamu taasifamaa jira. Ministirri Muummee Doktor Abiyyi Ahmad nagaa buusuusaaniitiin badhaasa Noobelii argataniiru. Kun biyyattiin gama hundaan beekamaa akka deemtu taasiseera jedhu.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad dhiyeenya kana gaaffiilee miseensota Mana marii bakka Bu’ootaarraa dhiyaateef deebii kennaniin, icciitii guddaa murni ABUT raawwataa ture miseensotni mana marii bakka bu’oota ummataafi ummatni hinbeekne ifa taasisaniiru. Icciitiin kun utuu hinba’in dura namootni “Mootummaan maaliif murna ‘ABUT’ irratti tarkaanfii hatattamaa hinfudhanne?” jechaa turan.
Ummatni erga ministirri muummee icciitii jiru ifa taasisanii booda garuu dhugaa jiru hubateera. Ergasii as ummatni “Nutu ariifate malee ministirri muummee obsaan hojjechaa turan” jechaa jira.
Danqaalee hedduu ministirri muummee keessa darban ummatnis ta’e miseensotni mana marichaa hubataniiru jedhu hayyuun kun.
Ministirri muummee dandeettii militarii waan qabaniif obsa guddaa qabu. Waaltaa Odeeffannoo biyyattii hundeessuu keessattis nama gahee guddaa taphataniidha. Barnootaanis digirii sadaffaa qabu. Kana malees barnoota adda addaa kanneen akka Liidarshiippii, Masters of Business Administration, softweriidhaan, kompuutaraafi dhimmoota teknolojiin walqabataniin ga’umsaafi dandeettii guddaa qabu. Hoggantoota biyyoota Afrikaa hunda keessaa umuriidhaan dargaggeessa jedhu.
Ministirri Muummee mootummaa kana keessatti nama alaa itti dhufe osoo hintaane keessa taa’anii wantoota hedduuf waan keessa turaniif waan sirriifi sirrii hintaanes haalaan beeku. Murna ABUT waggoota 27f sabaafi sablammoota Itoophiyaa rakkisaa, walitti buusaafi buqqisaa ture.
Ministirri muummee murna erga aangoo gadlakkisee meeshaa waraanaa guurratee Maqaleetti of gurmeessuun kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti jeequmsa uumaafi Fulbaana 24 bara 2013 halkana ammoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti miidhaa suukkanneessaa geessise mala saayinsaawaafi tekinoloojiitti fayyadamuun injifataniiru.
Namootni hedduun garuu murnicha injifachuuf namoota miliyoonaan lakkaa’amantu du’a jedhanii eegaa turan. Ministirri muummee garuu barri bara humnaan injifatan osoo hintaane teknolojiidhaan bara injifatan ta’uu mirkaneessaniiru.
ABUT hundeeffamasaarraa kaasee paartii walnyaachaa dhufeefi namoota guguddaa dandeettii qabaniifi biyya kanaaf ta’an hedduu of keessaa balleessaa tureedha kan jedhan hayyuun kun, fakkeenyaaf namoota akka Doktar Aragaawii Barihee kan yeroo ammaa Paartii Dimokiraatawaa Tigiraay hogganan jiran ABUT biyya alaatti ari’ee ture. Doktar Aragaawiin gara biyyaatti kan deebi’an jijjiramaan booda. Murnichi Doktar Aragaawiidhaan alas namoota jajjaboo hedduudha balleessaa ture. ABUT waggaa 27f ummata Itoophiyaa saamee, hidhee, gidirsee, ajjeessee, gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin ajjeesaa akka ture eeru.
Murni ABUT kan duraan Paartiileen ADWUI walitti makamuu qaba jedhee murteessaa ture jijjiirama booda paartiileen kunneen walitti makamuu hinqaban, ADWUIn diigamuu hinqabu jedhee mormaa ture. Duraan paartiileen ADWUI afur ta’anii biyya geggeessuun sirrii miti jedhee dubbachaa kan ture ABUT, jijjiiramaan booda garuu ‘Paartiin Badhaadhinaa’ hundaa’uun sirrii miti, jedhee mormaa ture. Paartiileen ADWUI walitti makanii Paartii Badhaadhinaa hundeessuu jechuun sirna mootummaa tokkee deebisuudha jedhee namoota isaaf falman biyya keessaafi biyya alaatti qacaree falmaa ture.
Dhugaan jiru garuu Paartiin Badhaadhinaa akka duraanii Afaan tokko qofa osoo hintaane afaanota shan fayyadama. Sabootniifi Sablammootni Itoophiyaa harki 80 ol paartii badhaadhinaa keessa jiru. Paartiin Badhaadhinaa naannolee biroos dabalataan hundeessaa jira. Kanaaf paartichi sirna mootummaa tokkee hinta’u. ABUT maaliif jijjiirama siyaasaa Itoophiyaafi Paartii Badhaadhinaa morme jennee yoo ilaalle, akka kaleessaa saamuu waan hindandeenyeefi. Paartii Badhaadhinaa keessatti naannoon kamiyyuu akka kaleessaa Itoophiyaa saamuu hindanda’u. Paartiin Badhaadhinaa olaantummaa murna ABUT kaleessaa kuffiseera. Paartii Badhaadhinaa keessatti biyyi keenya kan hunda keenyaati. Qabeenyi biyyattii keenya kan hunda keenyaati. Paartii Badhaadhinaa keessatti biyya tokkittii waliin qabnu waliin ijaarree waliin guddanna. Kaayyoon paartii badhaadhinaa biyya dimokiraatofteefi badhaate uumuudha.
Paartiin Badhaadhinaa murni ABUT akka kanaan duraa naannolee hunda irratti akka isaan hinmurteessine, akka kaleessaa akka isaan hinsaamne, akka kaleessaa meeshaalee waraanaa naannoo Tigiraayitti akka hinguurre waan taasiseef murnichi Maqaleetti galee mormaa ture.
Jijjiiramni kun garuu naannoo Tigiraay dabalatee naannolee Itoophiyaa hundumaaf kan dhufeedha. Jijjiiramichi Itoophiyaa qofaaf osoo hintaane gaanfa Afrikaaf kan dhufeedha jedhu hayyuun kun.
ABUT Itoophiyaa keessatti jeequmsa uumuun ummata amantaafi sabummaan walitti buusuuf socho’aa tureera. Itoophiyaa biyyoota ollaasheen waliin walitti buusuuf shira hedduu xaxaa ture. Filannoo seeraan alaa kan mootummaan Federaalaa, Manni Marii Federeeshinii, Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa, Boordiin Filannoo Biyyaalessaafi Ministirri Muummee hinbeekne geggeesse. Dhiyeenya kana ammoo Onkoloolessa 24 bara 2013 halkan gaachana biyyattii kan ta’e Raayyaa Ittisaa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti miidhaa sukkanneessaa geessisuudhaan mootummaan obsa isaa akka fixatu taasiseera.
Murnichi Itoophiyaa diiguuf shira gara garaa xaxaa tureef humni ABUT jedhamu dhabamuu qaba. Humna ABUT dhabamsiisuu jechuun ummata ykn naannoo Tigiraay dhabamsiisuu jechuu miti. ABUT jechuun garee saamtuudha. Kanaafuu tarkaanfiin garecharratti fudhatamu hojii olaantummaa seeraa kabajchiisuuti. Yeroo ammaa murni ummata Itoophiyaafi Tigraay rakkisaa ture mootummaa Federaalaafi Raayyaa Ittisa Biyyaatiin to’atamee jira jedhu hayyuun kun.
Murni ABUT kan jibbameefi ari’ameef waan faallaa fedhii sabaafi sablammoota Itoophiyaatiin ala deemeefiidha kan jedhan Pirofesarichi, kanaafuu Juuntaan tokko badee juuntaa biraan dhufuu hinqabu. Juuntaa biraan akkuma ABUT saamu, ajjeesu, sabootaafi sablammoota biyyattii qoodu, ana malee biyya kan hoogganu hinjiru jedhu jiraachuu hinqabu. Juuntaa biraa jechuu amala ABUT durii mul’isuu jechuudha. Kanaafuu Juuntaa ABUT ariinee kan biraan akka nutti hindhufneef of eeggachuu qabna jedhu.
Oromoon akka sabaatti injifannoon kun ana hinilaallatu jechuun sirrii miti. Oromoo ta’ee injifannoon kun nu hinlaallatu, ammayyuu qabsoo keessa jirra warri jedhan warra daldala siyaasaa geggeessaa jiraniidha malee warra qabsoo siyaasa Oromoo geggeessaa jiran miti.
Kanaafuu Ummatni Oromoo injifannoo qabsoo dhiigaafi wareegama lubbuutiin fide kana kunuunfachuu qaba. Biyya kamuu keessa rakkinni kan jiru ta’uufi riifoormiin kamiyyuu danqaa kan qabu ta’uusaa beekuun bifa mariitiin sirreeffachaa deemuun barbaachisaadha. Ammas qabsoo ammas qabsoo jechuun nurraa hineegamu jedhu hayyuun kun.
Aartistoonni Oromoo jijjiirama kana fiduu keessatti gahee guddaa waan qabaniif injifannoo qabsoodhaan fidan kana eeggachuu qabu. Akkuma kaleessaa ani sirba qabsoofi mootummaa arrabsu baasuun qaba jechuun isaan irraa hineegamu. Afaan kaleessa Wayyaaneen diina jedhanii sirbaniin har’a ammoo wayyaanee faarsuu hinqaban.
Hayyootni Oromoos injifannoo Oromoo kaleessaa hanga har’aatti galmeessuu qabu. Injifanmnoo keenya kaleessaa hanga har’aatti jiru seenaa keessatti galmeesuu qabu. Oromoon Itoophiyaa ijaaruufi beeksisuu keessatti gahee Olaanaa waan qabuuf sabni guddaan kun Itoophiyaan kan kiyya jedhee dhaadachuufi ummattoota biroo ofitti qabachuu qaba. Akka sabaatti jiraachuuf tokkummaa qabaachuu, waldhaga’uu, walii obsuufi tole waliif jechuun barbaachisaadha jedhu hayyuun kun.
Paartiileen siyaasaa Oromoo dhimmi Oromiyaa nu galcha jedhan haala siyaasa kaleessaafi har’aa hubachuu qabu. Ilaacha siyaasaa bara 1960 keessa tureen dhaloota har’aa hogganuun hindanda’amu. Hoggantootni siyaasaa qabsoo keessatti dullooman soorama ba’uu qabu.
Paartii siyaasaa sagantaafi tarsiimoo hinqabne keessatti hogganaafi walittiqabaa koree gidduu ta’uurra paartii jabaa keessatti miseensa ta’uutu irra filatamaadha. Paartiileen kaleessa Wayyaanee mormaa turan har’a maaliif murna ABUT waliin Paartii Badhaadhinaa mormuun isaan barbaachise. Dhimma aangootiifi moo dhimma uummataatiifi? Paartiileen siyaasaa yeroo hundumaa walabaaruufi walcabsuu keessaa ba’uu akka qaban yaadachiisu.
Diaaspooraan Oromoo carraawwan adda addaatti fayyadamuudhaan biyya alaa jiraatanis dhimma siyaasa Itoophiyaa miidiyaalee hawaasummaa (Fecebook) irratti malee dhugaa qabatamaa jiru hinbeekan.
Akka waan Itoophiyaa keessa jiraniitti yaaduu qabu. Callisanii mootummaa arrabsuufi ummataan daandii cufaa jedhanii gorsuu hinqaban. Kan isaan irraa eegamu akkamitti ummataafi jijjiirama kana deggeruu dandeenya, akkamitti tekinolojii biyyoota alaa Itoophiyaa keessatti babal’ifna jedhanii yaaduudha.
Abbootiin qabeenyaas misooma naannichaafi biyyattii keessatti gahee isaanirraa eegamu bahachuu akka qaban kan yaadachiisan hayyuun siyaasaa kun, ummatni keenyas waan nageenya isaa irratti rakkoo ni uuma jedhee shakke qama nageenyaafi mootummaatti qaamaanis ta’e bilbilaan beeksisuu qaba.
Hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiranis dhimma nageenyaaf dursa kennanii hojjechuu qabu.
Walumaagalatti, mootummaanis ta’e ummanni bal’aan humna nageenya biyyaafi ummataa booressu kamiifuu obsa qabaachuu hinqaban. Nama seera cabsu kamiyyuu seeratti dhiyeessuun seeraan akka gaafatamu taasisuu qabu. Mootummaanis ammaan booda nama seera cabsu kamuu obsa tokko malee seeratti dhiyeessuu qaba.
Bariisaa Mudde 24 Bara 2013
3 Comments to ““Riifoormiin kamiyyuu danqaa qabaachuusaa beekuun bifa mariitiin sirreessaa deemuun barbaachisaadha” -Pirofesara Gargaaraa Buzaayyoo Daggafaa”