Halkan hinbariine hinjiru

Namni maqaan isaa ‘Walt Whitman’ jedhamu “Gara baha biiftuu ilaali; gaaddiduun kee si duuba goraa”  jedhe.  Abdiin gara fuula duraa ilaali jechuu isaati. Dhalli namaa kaleessa irraa kan baratu, guyyaa har’aa kan jiraatu, egeree isaa abdiin kan eeggatu ta’uu qaba. Abdiin egeree ofii ilaalcha ta’umsaan (positive attitude) eeguu jechuudha; danqaa keessatti haaya (carraa) arguudha; yeroo hundumaa gara dukkanaa utuu hinta’in gara ifaafi gaarii irratti xiyyeeffachuudha; gaariitu ta’a jedhanii amanuufi eeguu; haalli keessa jiran gara gaariitti akka jijjiiramu kan hubatan, ofitti amanamummaan guyyaa borii kan eeguu danda’uudha.

Namootni abdii qaban waan gaariin akka ta’u kan eegan malee namoota fuula duratti dukkana, badiisa, du’aafi kan kana fakkaatu eegan miti. Abdiin egeree namaa kan bocu, humna gara fuula duraatti deemuu kan nama keessatti horu, hundee milkaa’inaa, kennaa dinqisiisaadha.  

Namni abdiin egeree kee ilaaltu yoo taate haalli hamaafi dukkana’aa fakkaatu yeroo simudatu hinsodaattu. Sababiinsaa xiyyaarriyyuu dhiibbaa qilleensaa dandamatee bakka yaade ga’a. Haalli ati keessa jirtu akka si to’atuuf hin heeyyaminiif. Namoota abdii kutannaan hindandeenye hedduun yoo jiraatan illee, ani waa’ee intala qaroo hinqabnee oloompikii irratti walitti aansuun fiigicha meetira 1500 akkasumas 5000 mo’atte Maarlaa Ruuniyaan jedhamtuu dubbiseen ture.

Intalli kun dhibee irraa kan ka’e waggaa 9fa isheetti qaroon ishee jaame. Daa’imummaa isheetti qaroon ishee haa baduuyyu malee abdii hinkutanne. Rakkoon kunis ishee hindhaabne. Bara 1987 Yuniivarsitii Saan Diyeegoo jedhamutti barumsaaf yeroo deemtu gosa ispoortii adda addaa irratti hirmaannaa eegalte. Bara 1992 oloompikii irratti injifattee warqee afur argatte. Bara 1999 dorgommii Paan Ameerikaarratti ammas dabaltee Warqee fudhatte. Itti fufuun bara 2001 fiigicha meetira 5000 mo’atte. Dhumarratti leenjisaa ishee maqaan isaa ‘Maat Lonergan’ nama jedhamutti heerumte.

Waa’ee ishee yeroo dubbattu “Ammayyuu sarara isa dhumaarra hingeenye…”  jette.  Haalli ati keessa jirtu hunduu kan abdii hinqabne yoo sitti fakkaate hinsodaatin. Wanta rakkisaa si mudatu keessaan carraa gaarii si marsee jiru nama arguu danda’u malee rakkoo qofa nama ilaalu hinta’in. Abdiin dukkana nama marsee jiru keessaan biiftuu arguu danda’uudha! Biiftuu baate kana ammoo dukkanni haguuguu yoo yaale malee dukkaneessuu hindanda’u. Isa kana ammoo nama irraa hineegin. Namarraa yoo eegde, miidiyaalee garaa garaarraa yoo eegde, beektotarraa yoo eegde tasumaa argachuu dhiisuu nidandeessa.

Abdiin keessa keetii burquu qaba. Inni kun ammoo haala ati keesssa jirtu yookaan ittiin marfamte kamiiniyyuu ni injifata. Rakkoo simudatu kam keessaas akka waan ajaa’ibsiisaa bartee baatu hindagatin. Rakkoon numudatu kan abdii nukutachiisu utuu hinta’in muuxannoo qofa keessaa ogummaa argamu kan nuuf ida’an haala gaariidha.

Egaa rakkoo jiru sodaattee gaara ba’uu hindhiisin; fiixee gaaraarra yoo geesseef bu’aa ba’ii keessa dabarte mara ni dagatta. Namni kamiyyuu yeroo hundumaa gammaduu dhiisuufi wanti nama gaddisiisu isa mudachuu ni danda’a. Har’a guyyaan ati keessa jirtu hamaafi kan sitti hintolle yoo ta’e utuu abdii hinkutatin guyyaa itti aanu abdiin eegi. Guyyootiin hamoon si mudatan amala kee qaruun kaayyoo fuula kee dura jiruuf si qopheessu. Utuu dhiphinaaf harka hinkennin hojii kee qulqullinaan hojjechuun deemsa kee ittifufi.

Gaaf tokko of duuba ilaaltee cimina irraa baratte nihubatta. Daangaan akka ati hindabarre si taasise obsa qabduun hurraa’ee riqicharra ceetu siif ta’a. Kanaaf haalli ati keessa dabartu baay’ee kan si gufachiisu yoo sitti fakkaate abdii kutannaarraa ofeegadhu. Jabaattee dhaabachuun qilleensa hamaa dandammattee egeree keetiif bu’aa inni siif qabu hubatta. Garuu jabinaafi obsa cimaa si barbaachisa; yoo akkas ta’eef isa kanaan duraa caalaa ol kaatee mul’atta.

Rakkooleen si mudatan yeroo hedduu kan rukutanii booda si deebisan fakkaachuu danda’u. Yoo harka laatteef kana gochuus nidanda’u. Deemsa jireenyaa keessatti wantootni nama gaddisiisan hindhibu. Garuu kaayyoo keerraa ija hinbuqqifatin; abjoochuus hindhaabin; haalli natti tola jettullee yoo jiraate fuula dura ilaaluu hindagatin. Yoo kuftes hanga danda’ametti gara fuula duraatti kufi.

Wantootni nama gaddisiisan danuun yoo simudatellee si’a tokkollee abdii hinkutatin. Waa’ee rakkoo qofa yookaan abdii kutannaa qofa utuu hinta’in bareedina bor keessaa ba’u yaadi. Sababiin isaa bakki itti haala kana mara dhandhamtu bakka itti barattuufi bakka itti jijjiiramtu waan ta’eef booda hindeebi’in; hinsodaatinis. Guddinni akka jirus hindagatin. Halkan hangam yoo dheerate ifaaf bakka gadidhiisuu hinoolu. Hundumtuu yeroo qaba. Biyya lafaa kana keessa wantootni gaariinis nijiru; haa ta’uyyuu malee wal’aansoo gaafatu. Abdii kutannaan isa kana dhabda. Humni gara fuula duraatti deemuu sijalaa qisaasa’a.

Isa kanaaf garuu eeggannoo ofiif goonu qabna. Haala yeroo hundumaa ilaalcha gaarii akka hinqabaanne nu taasisan irraa fagaachuun murteessaadha. Isa kana ofii keenya irraa eegaluun ofsakatta’uun gaariidha. Dhalli namaa altokko tokko diina ofii isaati. Ilaalchi inni ofiif qabu miidhaa mataasaa danda’e irraan nigeessisa. Waa’ee ofii isaas ta’e nama kan biraa akka ilaalcha gaarii hinqabaanne taasisu nidanda’a. Ofirratti dammaquun ilaalcha alta’umsa ofitti labsaa deemuurraa ofqoqqobbachuun gaariidha.

Namoota ilaalcha keenya miidhanirraa ofeeggachuun murteessaadha. Namni tokko kan hubachuu qabu yoo jiraate jireenyi rakkoo hinqabne mana barumsaa barsiisa hinqabne fakkaata. Rakkoon kamiyyuu kan nu mudatu booda nu deebisuuf utuu hinta’in caalaatti nu jabeessuuf. Wanta dagachuu hinqabne keessaa tokko adeemsa keessatti wantoonni abdii si kutachiisuu danda’an hedduutu si marsanii jiru. Sagaleen ati keessa keetii dhageessuyyuu abdii si kutachiisuu ni danda’a. Isa kana dhaggeeffachuu hinqabdu.

Tarii ilaalchi ati ofiif qabdu danuun isaa utuu teessee yeroo fudhattee qortee ilaaltee dhugaa irraa kan fagaatan ta’uu danda’u. Wantootni sidaangessanii fuula duratti deemsa sidhorkan ofirraa mulqitee calaasuun barbaachisaadha. Daangaa cabsitee abdii guyyaa borii arguuf  murteessaadha. Abdiin akka urjiiti. Tarii yeroo rakkoon hinjirre hinmul’atu. Haalli nuti keessa jirru yeroo dukkanaa’u kan mul’atuufi adeemsa namaatti urgooftuu  kan ida’uudha. Wantoonni ati agartu, kan ati dhageessu, hojii kee keessatti kan si mudataniifi kkf abdii si kutachiisuu danda’u.

Haa ta’uyyuu malee rakkooleen jiran yaabbannoo ta’anii ittiin ol ba’us ta’e ittiin gadi bu’uu nidandeessa. Ganama yeroo hundumaa yeroo hirribaa kaatu waan dagachuu hinqabne keessaa tokko guyyaan har’a ati eegaluuf jettu isa kaleessa dabarsite  akka caalu hubadhu; ofittis labsi. Abdiin guyyaa kees eegali. Kanaaf abdiin egeree kee bocuu mala. Nama haala ilaalee yookaan qilleensa dhaggeeffatee abdii kutatu utuu hinta’in nama abdiin guutume, guyyaan dhufu isa har’aarra kan fooyya’u ta’uu isaa nama hubate ta’uun murteessaadha. Namootni yeroo dubbatan “Abdiin kanniisafi abaaboo malee damma bayeessa qopheessitu” jedhu. Abdii qabaadhu; abdiin gara fuula duraatti deemi; wanta abdii sikutachiisu kamiifillee harka hinkennin!

Namootni sadarkaa addaa addaattillee bakka geggeessummaa jiran isa kana beekuun murteessaadha. Isaanis abdii kutachuu hinqaban. Geggeessaa tokko cimaa kan jechisiisu keessaa tokko keessaafi alaan rakkoo isa mudatan yoo mo’achuu danda’e qofa. Seenaa keessatti waa’ee Jenerala Aleksaander Zegreet nama biyya Maqidooniyaa (Giriikii) yeroo ka’u, karoora sirrii qabaachuun abdii kutannaa kamiinillee mo’achuun akka dandaa’amu hubanna. Jeneraalli kun loltoota kuma soddoomii shan qofa fudhatee loltoota miliyoonaan lakkaa’aman Asooritti duule. Yeroo xiqqoo keessatti loltuu xiqqoo kanaan nimo’ate. Kan nama dhibu inni guddaan garuu diinota isaa dirree irratti du’aniifillee kabaja guddaa nama qabuuf akka ta’e seenaan isaa ni dubbata. Diinota isaa warra booji’eef kunuunsa; warra du’aniif awwaalcha akkasumas mootii isaa wajjin utuu loluu du’eef uffata mootummaa itti uffisiisee kabajaan awwaalchisaa ture.

Kanaaf namni abdii qabu dukkanni yoo jiraatellee akka ifni ba’uu hinoolle nama beeku, abdii malee jiraachuun bor jiraachuuf fedha kan nama dhabsiisu akka ta’e nama hubate, abdii malee jiraachuun jireenya humna hinqabneefi egeree hinqabne ta’uu isaa nama hubate ta’uu qaba. Rakkooleen numudatan abdii nukutachiisanii bakka jirruu kan gadi nubuusaniifi nuxiqqeessan akka hintaane itti yaaduun murteessaadha. Hundumarra ija keenya egeree keenya irra keewwannee gara fuula duraatti aggaamuun barbaachisaadha.  Namni abdii hinqabne akka allaattii balleen ishee cabeeti. Rakkoo isa mudatuuf humna ittiin kutee keessa taru hinqabu. 

“Dhalli namaa kaleessarraa kan baratu, guyyaa har’aa kan jiraatu, egereesaa abdiin kan bocu ta’uutu irraa eegama.”

Zarihun Gabree

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013

Recommended For You

6 Comments to “Halkan hinbariine hinjiru”

  1. Pingback: mkt de afiliados
  2. Pingback: sunwin tài xỉu
  3. Pingback: barber Melbourne
  4. Pingback: sex boy
  5. Pingback: ufa191

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *