Haguugduu afaaniifi funyaanii godhattan malee tajaajilli hinkennamu

“Baay’inni namoota koviid-19n qabamanii ol ka’aa jira. Kutaan namoota garmalee dhukkubsatan wal’aanu humna qabu hundatti fayyadamee hojjechaa jira. Yeroo kanatti gonkumaa tarkaanfii ofeeggannoo dagachuu hinqabnu. Lubbuu keenyaafi kan namoota biroos haa baraarru, haa oolchinu! Haguugduu afaaniifi funyaanii sirriitti fayyadamnee ogeeyyii fayyaa keenya haa gargaarru.”

Ergaan seensaaf ittifayyadamne kun kan Mininistirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad tibbana ummata biyyattiitiif dabarsan yoo ta’u, kunis tamsa’inni vaayirasichaa daran babal’achaa jiraachuu kan eeruudha.

Akka Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa tibbana ibsettis erga koviid-19 Bitootessa 4 bara 2012 biyya keenyatti mul’atee eegalee haala kutaalee hawaasaa sadarkaan jiru mara hirmaachiseen ittisaafi hubannoo uumuurratti hojjetamus dhukkubichi si’aayina olaanaadhaan garmalee babal’ataa jira.

Dhukkuba ammaan tana sadarkaa hawaasaatti babal’ate kanaan guyyaatti baay’inni namoota dhibechaan qabamanii harka kudhan caaluufi jiddugalaan harka sagalirratti argama.

Baay’inni lammiilee kutaa wal’aansa namoota dhukkubni ittihammaatetti argamaniis dabalaa jira. Sababuma koviid-19n guyyaatti jiddugalaan lubbuun namoota jahaa hanga torbaa ni darba. Kanaaf rakkinichi daran hamaa waan ta’eef sochii cimaafi walirraa hincinne gochuu barbaachisa.

Koviid-19 haala haaraadhaan akkuma addunyaattuu  tamsa’aa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Ameerikaa, Awurooppaafi Afrikaa keessaammoo Afrikaa Kibbaatti si’aayina kanaan duraarra harka 40-70 oliin namarraa namatti tamsa’aafi dhukkubbii cimaa qaqqabsiisaa jira.

Qajeelfama lakkoofsa 30/2013 dhukkubicha ittisuufi to’achuuf bahe guutummaatti hojiirra oolchuudhaan ofis ta’e walbaraaruuf abbootiin amantiifi kutaaleen hawaasaa marti qoodasaanii bahachuu qabu.

Kana biratti akkuma kanaan dura naannoleen Amaaraafi Ummatoota Kibbaa, “Haguugduu afaaniifi funyaanii godhattan malee tajaajila hinargattan” jedhanii labsan dadammaqiinsa hawaasaa uumuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013

Recommended For You

12 Comments to “Haguugduu afaaniifi funyaanii godhattan malee tajaajilli hinkennamu”

  1. Pingback: bad links
  2. Pingback: fk brno 7.5
  3. Pingback: sportbet4x
  4. Pingback: myplay168
  5. Pingback: nude girls webcams
  6. Pingback: free cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *