Fakkeenyummaa babal’ina iddoowwan oolmaa ispoortii Oromiyaa

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Dhiheenya kana manni maree ispoortii biyyaalessaa yaa’ii waliigalaa 1fasaa  Finfinneetti adeemsifateera.

Walittiqabaan mana marichaafi ministirri muummee ittaanaan Obbo Dammaqaa Mokonnin, pirezidaantotni naannoleefi ministirootni hirmaattota turan.

Gabaasa hojii bara 2012 Komishiinara Komishiinii Ispoortii Federaalaa Obbo Eliyaas Shikuriin dhiyaate dhaggeeffachuun kan eegalame yaa’ichi, hanqinootaafi ciminootarratti mar’ateera.

Kanaanis istaadiyemoota tanaan dura ijaarsisaanii jalqabamee gidduutti dhaabbatanii turan dafanii akka xumuraniif kallattii kaa’ame fiixaan baasuun akka hindanda’amne komishiinarichi dubbataniiru.

Kana qofaas osoo hintaane iddoowwan oolmaa ispoortii gara garaa kanaan dura hojiinsaanii eegalamee osoo hinxumuramne hafan hordofanii xumuruurrattis qaawwi jiraachuun ibsameera.

Haa ta’uu malee istaadiyemiin guddichi kutaa bulchiinsa Booleetti ijaaramaa jiru sadarkaa fooyya’aarra jiraachuu kan kaasan komishiinarichi, yeroo ammaa ijaarsi marsaa jalqabaa xumuramee gara lammaffaatti ce’amuu himaniiru.

Guddina ispoortii biyyattiitiif ga’een naannolee olaanaa ta’uu kan himan immoo walittiqabduu ittaantuu mana marichaa Doktar Hirut Kaasaawu.

Isaanis, hojiin naannoon Oromiyaa iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuuf taasisaa jiru naannolee birootiif fakkeenya ta’uu akka qabu dubbataniiru.

Oromiyaan magaalota naannawa Finfinnee jiranitti hojiiwwan misooma ispoortii gara garaa ijaaraa jiraachuu himanii, magaalota akka Sulultaa, Burraayyuu, Sabbataafi Duukamitti tiraakii sadarkaasaa eeggate ijaaruun misooma ispoortiif ga’eesaa bahachaa jiraachuu ibsu.

Naannoon madda atileetotaa ta’uun beekamu kun yeroo ammaa gara misooma iddoo oolmaa ispoortiitti ce’uusaatti kan gammadan ta’uus ibsaniiru.

Sababa rakkoo kovidiitiin raawwiin hojii bara darbee gadaanaa ta’uus eeranii, yeroo ammaatti garuu of eeggannoo waliin gara sochiitti galamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dorgommii olompikii Tokiyoo barana Jaappaanitti gaggeeffamuufis atileetota 100 ta’an filachuudhaan Hoteela Xurunashiifi Asallafachii galuusaaniis kaasaniiru.

Hojiin babal’isa iddoowwan oolmaa ispoortii naannolee hundatti jalqabame yeroo qabameef keessatti akka xumuramuuf xiyyeeffannoo olaanaan kennamuu akka qabus kallattiin kaa’ameera.

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013

Recommended For You

2 Comments to “Fakkeenyummaa babal’ina iddoowwan oolmaa ispoortii Oromiyaa”

  1. Pingback: https://vhnbio.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *