Ayyaana Qillee: Guyyaa ispoortii aadaa

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Ayyaana Qillee sababeefachuun taphni ispoortii aadaa magaalaa Finfinneetti gaggeefamuu erga jalqabee jaarraa tokkoofi walakkaa lakkoofsiseera. Taphni kun kan eegalame bara Mootiin Miniliki Itoophiyaa bulchaa turan yoo ta’u, hirmaattonni ammoo gareewwan Minilikiifi haadha warraasaanii Iteegee Xaayituu jidduutti  ture.

Sababni taphichi ittigaggeeffamuuf  ammoo maatiiwwaniifi qondaaltota  mootichaa naannawa masaraa mootichaa jiraatan guyyaa ayyaana qillee akka bashannanan gochuuf yaada jedhuun ture.

Dorgommichaaf  iddoo bal’aan waan barbaachisuuf ‘Jaan-meedaan’ filatamee taphni qillee, gulufni fardaa, wal’aansoon, korboofi taphni saddeeqa akka gaggeeffammuuf seerri isaa ba’ee hordofamaa tureera. Haata’u malee  ispoortichi naannawa masaraa mootichaa qofatti daangeeffamee hinhafne, yeroo gabaabaa keessatti hirmaattotaafi horddoftoota hedduu horachuudhaan guutuu biyyaatti gaggeefamuu jalqabe. Keessumattuu guyyaa ayyaana qillee kana sababeefachuudhaan magaalaa Finfinneetti dirreewwan ispoortii adda addaatti haala miidhagaadhaan kabajamaa tureera; ammas itti fufeera.

Dorgommii ayyaana qillee kana ilaalchisuudhaanis Komishinarri Komishinii Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Balaay Dajan dheengadda Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, mallattoo keenya kan ta’e ispoortiin aadaa kun abbootii keenyarraa kan nutti darbe waan ta’eef kunuunsinee eegguudhaan dhaloota dhufutti dabarsuutu nurraa eeggama jedhaniiru.

Guyyaa ayyaana qillee kana sababeefachuudhaan kutaalee magaalota Finfinnee gidduutti dorgommiin ispoortii aadaa qopheessummaa federeeshinichaan geggeeffamuu erga jalqabee waggaa 14 ta’eera.Waggoota kanneen kessatti damee ispoortii kanaan dargaggoota beekamoo horachuun danda’ameera jedhu komishinarichi.

Dorgommiin ispoortii aadaa ayyaana qillee sababeeffachuun qophaa’u kanaan dura kutaalee magaalota Finfinnee kudhan giddutti gageefamaa kan ture ta’uu himanii, barana kutaa magaalaa Kuraa Lammii haaraa hundaa’e dabalatee kutaalee magaalota 11 gidduutti kan adeemsifamu ta’uu himaniiru.

Dorgommiin ispoortii aadaa baranaa  taphawwan Qillee, Saddeeqa abbaa boola 12fi 18n, korboo, wal’aansoo dhiiraafi dubaraa, gulufa fardaa dhiiraan kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Dorgommiin kun waggaa waggaadhaan gaggeeffamuunsaa dargaggoota kutaalee magaalota  Finfinnee adda addaa keessa jiraatan gaaddisa tokko jalatti walitti qabuudhaan muxannoo akka walgeddaran gochuu maddiitti jaalala, tokkumaa, obbolummaafi hariiroo isaanii cimsuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.

Weerarri vaayirasii koronaa dorgommii ispoortii aadaa qofa osoo hintaane ispoortiiwwan magaalattiitti geggeeffaman mara irratti dhiibbaa guddaa uumeera kan jedhan komishinarichi,  dorgommiiwwan geggeeffaman irrattis of eeggannoon barbaachisu taasifamuu akka qabu yaadachiisaniiru.   

Bakki dorgommiin ispoortii aadaa kun ittigaggeeffamu ‘Jaan-meedaan’ yeroodhaaf iddoo bittaafi gurgurtaa fuduraafi muduraa ta’ee tajaajilaa waan tureef dorgommii ispoortii aadaa baranaatiif qophaa’uu hindandeenye. Jimnaaziyemoota, galmootaafi dirreewwan gulufni fardaa itti gageefaman qopheessuudhaaf bulchiinsa  magaalaa  Finfinnee waliin hojjechaa kan jiran ta’uus himaniiru.

Bariisaa Mudde 24 Bara 2013

Recommended For You

One Comment to “Ayyaana Qillee: Guyyaa ispoortii aadaa”

  1. Pingback: Apartheid

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *