Waasihun Takileetiin
“Qeerroon hinaadaa lafa garaa hin geenyee,Keessaan tittiifaa caamuu hindandeenyee,haami hinhaamnaa akka isheen hinmagarre goonee” jedhe weellisaan.
Kabachiisa olaantummaa seeraa murna juunta ABUT irratti fudhatameen walqabatee haasa’aa kan taasisan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad, murna ABUTn alatti juuntonni xixiqqoo akka jiran kaasanii turan.
Juuntonni kun tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru dahoo godhachuun alseerummaa namummaa keessaa bahe warreen raawwataniidha.
Isaan akkasii kun Itoophiyaanummaa faarsaa karaa dalgaa saamicha qabeenyaa,fedhii aangoo qooddachuufi dhuunfachuuf qaban ifatti calaqqisiisaa kan jiran yoo ta’u, afaaniin tokkummaa biyyaa faarsanis miirri jaalala biyyaa keessoosaanii jira jedhanii yaaduun ulfaataadha.
Juuntonni xixiqqaa kun golgaa seeraa uffachuun alseerummaa hinmalleen daangaa ykn dhaala deebisiisna maqaa jedhuun sochii adda addaa taasisaniin waldhabdeen lammiilee gidduutti akka uumamu akkasumas amantaan uummanni mootummaarraa qabu akka laafuufi nagaaf tasgabbiin akka dhibu taasiaa jiru.
Biyya heerriifi seerri jiru keessatti fedhiifi hawwii qaban humnaan deebisiisuuf yaaluun akkasumas aangoo humnaan qooddachuuf sochiin taasifamu egeree biyyattiif yaaddoo waan ta’eef mootummaan ija laayyoon ilaaluu hinqabu.
Mootummaan haaromsaa wareegama qaalii qeerroofi qarree Oromoon aangootti dhufe dimokiraasii dhugaa lafa qabsiisuu,federaalizimii sabdaneessaa dhugoomsuufi aangoon filannoon akka darbuuf kan hojjetu akka ta’e yeroorraa yerootti himaa jira.
Sochii gama kanaan jalqabes dhugoomsuuf hidhamtoota hiikuu,warreen shororkeessummaan biyyaa baafaman biyyatti deebisuun walqixxummaan mirkaneessuuf hojii ciccimoo hojjeteera.
Murnoonni hanna saamichaafi hirkattummaan jiraachaa turan kunimmoo faayidaansaanii jalaa waan uggurameef nageenya biyyaa jeeqaa mootummaa aarsaa dhiigaan dhufe kana mogolee buusuun aangootti deebihuuf yaalaa turaniiru.
Fedhii fi hawwii murnoota Juuntaa ABUT yeroo gabaabaa keessatti maseensuun kan dandahame yoo ta’u, murnoonni dahoo seeraa godhachuun siyaasa dhokataa baatanii deemanimmoo biqiluu eegalaniiru.
Murnoonni kun Juuntotarraa kan adda isaan baasu waan hin jirreef maqaa juuntota xixiqqaa jedhamuun waamamaa jiru. Juuntonni xixiqqaa kun ofii jaalala biyyaa qabna olola jedhuun uummata afanfajeessanii sirna mootummaa tokkee deebisnee dhaabna abjuu jedhuun warreen raata’aa jiraniidha.
Murnoonni akkasii kun takkaan ijaaramaa naannoolee kan morman waan ta’eef daangaa naannolee heeraan taa’e diiguun miira “keenyaa”fi numalee biyyi ni diigamti jedhu calaqqisiisuun sirna mootummaa tokkee hundeessuuf kaka’aa jiru.
Tibbuma kana murni juuntaa xixiqqaa keessatti ramadamu tokko gadi bahee mootummaan aangoorra jiru biyya hoogganuu hindandeenye aangoo nutti haadabarsu yaada jedhu miidiyaa hawaasaarratti gadhiiseera.
Mootummaa aangoorra jiru shiraan diiguuf dhoksaan boolla isaan qotaa jiran isaan hanqatee, miidiyaa hawaasaarratti bahanii aangoo nuuf haadabarsu jedhanii gaafachuunsaanii siyaasasaanii dhokataa kan calaqqisiise ta’ee mul’ata.
Fedhiin daangaa hinqabu ilaalcha barbaadaniifi of keessaa qaban diriirsuun dimokiraatawaa ta’us siyaasa gabaan yeroo ammaa barbaaduun walsimataa laata isa jedhu ilaalaa deemuun murteessaadha. Harka namaan abidda qabachuun salphaa ta’us qabanii argamuun ulfaataadha.
Qeerroon Oromoo sirna dimokiraatawaa har’a abbaanfedhe itti of jaju kana fiduuf dhiigasaadhangalaaseera,lubbuusaa wareegeera,qaamasaa hir’iseera warreen har’a aangoo kana kennaan dabarfachuuf gaafatanimmoo achi jirtaansaanii hinbeekamu ture.
Bara qeerroofi qarreen Oromoo addasaa rasaasaaf laatee wayyaaneen mormaa ture juuntonni xixiqqoo har’a biqilan kunneen afuura marqaa osoo hinbaafatin akka gogorrii huuruusaanii lafa keessa balleessanii ofdhoksanii jiraachaa turaniiru.
Erga qeeroofi qarreen Oromoo dhiigasaan injifannoo kana fidee booda miirri Itoophiyaaf natu beeka jedhu daran calaqqisaa jira.
Keessa bahaniis ijaarsi federaalizimii sabdaneessaa biyya qoqqooda kanaaf nitokkoomna olola jedhuun sirna gabroomfataafi cunqursaa abbaa irree hirkattummaa babal’isu deebisuuf sadarkaa abjotaniirra gahaniiru.
“Sareen buchul baddi durbi mushur baddi” akkuma jedhamu hawwii juuntota xixiqqoo kana maseensuuf mootummaan cimee dhaabachuu qaba.
Kanamalees biyya heerriifi seerri jiru keessatti aangoon karaa dimokiraatawaa ta’een filannoon darbuu osoo qabu miira oftuulummaan guutamanii biyya hoogganuu hindandeenye nuuf dabarsi jechuun ilaalcha balaafamaadha.
Aangoon daabboo ykn akaayii kara deemaan ittigoree hammaarratu ykn alanfatu osoo hintaane, filannoo haqaafi bilisaan ga’umsa qabaniin qixa kan itti filatamaniidha.
Kun akka ta’uufimmoo ijaarsi dimokiraasii dhedhii ta’e bilchaatee akka dhaabatuuf sochiiwwan jalqabamanii jiran agarsiistuu gaariidha.
Qeerroofi Qarreen Oromoo sirna kana dhaluuf wareegames jijjiiramni waaraa hunda hirmaachisaa ta’e akka dhugoomuufidha malee sirna cunqursaa akaakileesaa dhabamsiisaa ture deebisee ijaaruuf mul’ata hinqabu.
Juuntonni xixiqqaa amma biqilaa jiran kunneen dhaala ykn daangaa humnaan deebisiisna maqaa jedhuun ijaarama naannolee diiguuf yaaluurra darbanii, mootummaan aangoo nuuf dabarsuu qaba yaada jedhu ibsachuunsaanii wareegama jijjiiramichaaf ba’e wallaaluusaanii agarsiisa.
Qeerroofi Qarreen Oromoo akkasumas dargaggoonni sabaafi sablammiilee sirna federaalizimii sabdaneessaa cimsanii dhaabuun Itoophiyaa tokkoomte ijaaruuf sochiirra jiran biratti mufii kasuunsaa waan oolu miti.
Injifannichi bu’aa dhiigasaanii hanga ta’etti murnoota alseerummaa babal’isuun karaa seeraan ala sirnichaaf balaa ta’uu barbaadan qolachuuf duubatti waan jedhu miti.
Walumaa galatti, jijjiiramichi fedraalizimii sabdaneessaa lafa qabsiisuun dimokiraasiin dhugaa akka babal’atu,saabaafi sablammiileen ofiin akka of bulchan hirkattummaafi hanni akka baduuf kan hojjetuudha.
Qaamni siyaasa fooyya’aan qaba jedhu kamiyyuu dimokiraatawaa ta’ee dorgomee injifachuu osoo maluu fedhiisaa guuttachuuf sirnicha humnaan diiguuf yaaluun alseerummaa kichuutti buqqa’uu qabu waan ta’eef mootummaan irratti hojjechuu qaba.
Bariisaa Mudde 24 Bara 2013
5 Comments to “Aangoo aarsaa dhiigaafi lubbuun dhufe naa dabarsiin Juuntummaadha!”