Gaachana biyyaafi ummataa kan ta’e raayyaan ittisaa keenya ergama olaantummaa seeraa kabachiisuu murna juuntaa ABUT irratti akka fudhatu kennamuuf ga’umsa olaanaafi injifannoodhaan guyyoota gabaabaa keessatti xumuruun diina waggoota lamaaf oliif qophaa’aa ture akka hurrii bittinneesseera.
Injifannoo boonsaafi milkaa’ina raayyaan ittisa biyyaa galmeessiseef kana keessatti gaheen teknolojii olaanaa ta’us, hojiirra oolmaa teknolojichaaf qooda guddaa kan taphatan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadi. Ministirri muummeen teknolojiitti dhiyoo akka ta’an namoonni isaan wajjin hojjetaniifi yeroo adda addaatti ragaa bahaa turaniiru.
Doktar Abiyyi keessumaa wayita Ministira Saayinsiifi Teknolojii turanitti biyyattiitti teknolojiin akka dagaaguuf hojiilee hedduu raawwataniiru. Isaan saatalaayitiin Itoophiyaan bara darbe gara hawaatti furguggeessite akka yaadasaarraa kaasee hanga dhugoominasaatti qooda guddaa bahataniiru.
Qoodnisaanii kun tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa tibbana murna juuntaa ABUT irratti fudhaterrattis mul’achuu shuumiin itaamaajoorii raayyichaa Jeneraal Biraanuu Juullaan ragaa bahaniiru. Doktar Abiyyi nama teknolojii ta’uusaaniifi kanas ummanni biyyattiifi addunyaa sirriitti beeku jechuun dhugaa bahaniiru.
Gara aangootti erga dhufanii hojii riifoormii hojjetame keessaa tokko raayyaa ittisaa teknolojiidhaan gabbisuu ture. Kanaanis raayyaan ittisaa teknolojiidhaan akka deggaramuufi hidhannoo ammayyaa akka hidhatuuf kallattii kaa’anii hojiirra oolchuun duulichi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu taasisaniiru.
Ammas taanaan teknolojii kana sirnaan fayyadamuun raayyichi sarbama mirgaa iddoowwan adda addaatti ummata biyyattii mudataa jiru gootummaafi ga’umsasaa barameen kabachiisuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
10 Comments to “Teknolojicha mirga namoomaarrattis”