Yeroo tokko barataan suura ba’eessa godhee kaasu tokko sababa beekamtii cimaa argateef akka namootni fakkii isaatti yaada itti kennan keesumatti ammoo bakka dogongora arganitti mallattoo gurraacha akka itti godhaniif yaada namootarraa barbaadee barreeffama akkas jedhu tokko barreessee fakkii sanarra kaa’ee sokke, “Tarii bakkan dogongoretti halluu gurraachaa akka itti dibdan” jedhee barreessee irra kaa’e. Galgala dhufee suura bareedaa haalluu midhagaan kaasee kaa’e sana yeroo ilaalu bakki tokkichi hafe hinjiru; bakka hundumaatti halluu gurraacha dibanii balleessaniiru.
Barataan kunis baay’ee aare. Barsiisaan isaa akkanni daran aare argee jajjabeessuus yaale. Dhumarratti gorsa faallaa isa kanaan duraa gorse. Fakkii bareedaa akaakuu isa kanaan duraa fakkaatu kan biraa fidee barreeffamaa faallaa isa kanaan duraa barreessee akka irra kaa’u gorsa.
Dogoggora akka barbaadan utuu hinta’in akka furmaata itti kennan gaafate. “Namni dogongora fakkii kanaa arge halluu bareedaan haa fooyyessu” jedhee barreessee namootni dogongora barbaadanii akka kanaan duraa dogongora qofa utuu hinta’in amma immoo furmaata akka barbaadaniif gaafate.
Barataan kunis akka barsiisichi ittiin jedhe ganamaan dhufee suura bakka agarsiisu erga kaa’ee booda ergaa akkas jedhu irratti barreessee kaa’ee deeme. “Namni suura kana irratti dogongora arge haa sirreesu jedhe;” Akkuma kanaan duraa halluu ittiin sirreessan kaa’ee deeme. Galgala yeroo dhufee ilaalu fakkii inni kaa’ee deemetti namni tokko illee itti hinbuune. Halluu ittiin sirreessuttis hinbuune. Sirreessuuf kan yaale homtuu hinjiru. Kanaaf barsiisaan isaa akkas jedheen “Hojii namaa keessa dogongora barbaaduun homaa nama hindhibu. Baay’ees salphaadha. Dogongora jiru sirreessuuf kan yaalu garuu hinjiru. Inni kun ogummaa gaafata. Dandeetiis barbaada. Isa dogongore sana caalaa beekuu gaafata“ jedhe.
Akkasuma bara kana keessa yeroo ilaallu haasaan namootaa, miidiyaaleen jiran hedduun dogongora namootni hojii keessatti, haasaa keessatti, maree keessatti raawwatan utuu afarsanii arguufi dhaga’uun beekamaadha. Dongongora barbaaduunis tarii amala namaa keessaa kan dhibu miti. Guutummaatti balleessuun hindandaa’amu ta’a. Sababiin isaa dhalli namaa uumamasaa keessatti waan sirriin akka hojjetamu sababa barbaaduuf akka itti yaadutti wanti hunduu akka hojjetamu barbaada. Kanaaf dogongora barbaaduus ta’e dogongoruun amala namaa keessaa tokko.
Jiraachuu hinqabu jechuunis hindanda’amu. Kanaan dura tureera; gara fuula duraattis itti fufa. Haa ta’uyyuu malee yeroo hundumaa gaarii arguu dadhabnee gaarii jiru keessaa isa dogongora qofa luqqisnee isa irratti yeroo xiyyeeffannu rakkoo guddaa ta’uun isaa hinoolu. Namootni yeroo hedduu akka gartuuttis ta’e akka dhuunfaatti yaada namaa irratti xiyyeeffachuun xiinxala sirriifi kan nama tokko yookaan hawaasa tokko bakka hinbuune karaa yaadaniifi fedhaniin utuu xiinxalanii, yaada itti kennanii, isa gaarii hamaan haguuguun, yeroo isaan dogongora qofa irratti xiyyeeffatan inni kun ammoo burqaa jibbaafi diigumsaa utuu ta’uu agarra.
Sammuun gaarii yaaduu hindandeenye hamaa yaaduuf hindanqamu. Namootni akkasii gadi fageessanii kan hinyaadne; sababa barbaadanii ilaalchaafi dubbii namaa kan lafatti dabalan; dubbiifi hojii namaa keessa huuba kan barbaadan; ilaalcha namaa kan hinkabajne; hundumti akka isaanii qofatti akka yaadu kan barbaadan; yaadni namaa isaan biratti habaqii qofa kan ta’e; waan fedhaniifi waan yaadan qofa irratti kan xiyyeeffatan kan nama biraa garuu kan itti hindhaga’amne; yeroo hunda ofiif sirrii inni kaan dogongoraa; nama sirreessuu malee ofiif sirrachuu kan hinfeene; ofiif fooyyee kan qabaniifi kan nama caalaan; haala hundumaa keessatti caalanii argamuu kan barbaadan caalamuun du’a isaanii kan ta’e namoota dadhaboodha.
Sababa ilaalchisaanii rakkoo qabuuf waanti isaan ilaalan hunduu akka rakkoo qabutti fudhatu. Inni kun ammoo isa gaarii jalaa dhoksee isa hamaa qofa itti mul’isa; isa irrattis akka xiyyeeffatan taasisa. Rakkoo guddaan ilaalchi akkasii wal’aansa barbaada. Haala akkasii keessa har’a namootni jiran, kan miidiyaalee garaa garaa dhuunfatan danuudha. Namootni akkasii ofiif qofa utuu hinta’in namoota kan biroof summii hamoodha. Namoota kan jabeessan utuu hinta’in kan laaffisan, ijaarsa utuu hinta’in diigumsarratti kan xiyyeeffatan diina dhalootaati. Ilaalchichi kan isaan biratti qofa hafu utuu hinta’in dhukkuba namoota duukaasaanii bu’an mara faaluudha. Humna ilaalcha nagaa summeessu qabu. Madaan yaadaa akka biyya dhaalu taasisa. Dhaloota borii utuu hinta’in isa darbetti hidhamanii akka jiraatan godha.
Dhalootni kun itti yaadee ariitiin keessaa hinba’u taanaan wantootni hedduun akka dogongora ta’e qofatti irratti xiyyeeffatan kan taasisu danuutu jiru. Isaan keessaa muraasni waan tokkotti quufuu dadhabuu, isa argatan utuu hinta’in isa hinqabne irratti xiyyeeffachuu, yeroo hundumaa akka waan miidhamaniitti yookiis namootni isaan gateetti ofilaaluun jiitanaa’aa ooluufi isa of harkaa qaban dagachuu ta’u danda’a.
Namni aduun lixuu isheef boo’u urjii arguu dadhaba. Isa nuharka jirutti gammaduu danda’uun ogummaadha. Inni kaan itti aanee dhufa. Akkasumas dogongora namaa qofa irratti xiyyeeffachuun isa gaarii arguu dadhabuun akka dhuunfatti, akka maatiittis ta’e akka hawaasaatti miidhaan isaa cimaadha. Dhuunfaa ofii irraa eegalee hanga hawaasaafi biyyaatti balaa hamaadha. Maatii diiguu nidanda’a. Hiriyummaa laaffisuufi gaa’ela diiguu nidanda’a. Bakka hojiitti wal-hubii xiqqeessee kaka’umsa hojjetaa laamshessee guddina dhufuu malu kan xiqqeessu daana’oo hamaadha.
Namootni dogongora qofa barbaadan tokko tokko waan gaarii ta’eef iji isaanii jaamaadha. Dogongora arganiifis furmaata hinqaban. Dogongora sana dubbachuu irraa kan hafe sammuu ittiin furmaata fidan hinqaban. Bakka hojiittis taanaan maatii gidduutti dogongora barbaaduun gaarummaaf, fooyyessuuf, hojiin gaariin, namootni fooyya’oon akka baay’ataniif yoo ta’e bu’aan isaa gaariidha. Isa kana irraa faallaa karaa ta’een hojii namaafi maqaa namaa ittiin balleessuuf yoo ta’e isa kana dhaabatanii itti yaaduun murteessaadha.
Yeroo hedduu namootni dogongora nama irratti barbaadan namoota dongongora ofii isaanii arguu hindandeenye namoota miidhamoodha. Sababiin isaa dogongora jiru fooyyessuuf, rakkoo jiruuf furmaata kennuu irratti kan hinxiyyeeffanne namoota rakkoo dhuunfaa qaban sababa ta’eef hordofuu utuu hinta’in wallaanuutu furmaata gaariidha. Darbees namootni akkasii dogongora namaa barbaaduutti yeroo isaanii waan balleessaniif kan ofii isaanii yeroo itti sirreeffatan hinqaban.
Kan nama dhibu yoo jiraate yoo sirreessuu hindandeenye, yoo furmaata fiduu hindanda’an ta’e dogongora namaa qofa barbaadanii argachuun badhaasa namaaf argamsiisu hinqabu. Inni kun dogongora ilmaan namootaa isa guddaadha. Dongongora namoota irraa barbaadutti hidhamanii yeroo ofiif dhabuu. Yeroo itti ofilaalan dhabuun balaa cimaadha. Dogongora namaa qofa barbaadanii leellisuun nama sirreessuu hindanda’u. Kan namni dogongore tokko sirratu dogongora nama biraa irraas ta’e ofiif kan raawwate irraa yoo barate qofa.
Namni dogongora isaa hubatee ofiin irraa baratu ogeessa sammuu nagaa qabaatuudha. Haata’uyyuu malee dogongora namaa barbaaduu qofaan nagaa barbaachisaa ofiifis ta’e isa kaaniif argamsiisuun hindanda’amu. Caalaatti akka nuti ilaalcha alta’umsa qabaannu nutaasisa. Darbees yeroo fudhannee utuu hinhubatin waa’ee nama kan biraa akka murtoo dogongoraa itti laannu nutaasisuu danda’a. Kanaaf nama kan biraa hubachuuf hanga yaalii goonu ofii keenya sirriitti hubachuun dogongora qabnu sirreeffachuun murteessaadha.
Namootni dogongora namaa qofa irratti xiyyeeffatanii carraa argataniin gadi harkisanii lafa nama buusuu yaalan yeroo hedduu namoota ilaalchi gad-aantummaa isaan rakkisuudha. Isaan kun yoo danda’an qaawwa namaa barbaadanii gadi buusuun ofiif olka’uuf yaalii taasisu. Namoota ofitti amanamummaa hinqabne ta’uu isaanii agarsiisa. Namootni akkasii akka rirmaati. Miidhuu isaanii malee ofiif bakkeetti hinmul’atan. Bakki isaan jiran gartuu keessa taanaan gartuu dadhabaa ta’a. Namoota humni jajjabinaa keessa hinjirre namoota abdii kutatoodha.
Namoota irratti dogongora argatan gargaaruuf utuu hinta’in miidhuuf kan itti fayyadaman, ofiif beekaa inni kaan wallaalaa ta’uu agarsiisuuf kan dhama’an namoota dadhaboo of fooyyessuu hindandeenyeedha. Isaan kun of fooyyessuu qofa utuu hinta’in nama kan biraas fooyyessuu hindanda’an. Egaa dogongora qofa namarraa barbaaduun meeshaa gaarii ofittummaati. Namootni ofitti amanamummaa qaban garuu qaawwaafi dadhabina namaa kan gaadanii bakkeetti baasuuf yaalan utuu hinta’in jabaatanii hojjechuun namoota milkaa’aniidha.
Egaa dogongora namoota irraa barbaaduun miidhaa mataasaa danda’e qaba. Akka ofitti deebinee of hinilaalle nutaasisa. Haa ta’uyyuu malee wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate dogongoruun namummaadha. Kan nama dhibu yoo jiraate dhalli namaa meeshaa harka isaan hojjete caalaa dogongoruu nidanda’a. Akka dhala namaatti ammoo dogongora keenya qofaan hinmadaalamnu. Waan gaarii hedduunis nukeessa jiraachuu isaa dagachuu hinqabnu.
Roobiin galaana daakee deemu tokko yookaan naachi galaana irra bololi’u sababa muka irra akka qamaleetti hinutaalleef hinceepha’aman. Nutis akkasuma. Dadhabbii qofa utuu hinta’in jabina qabna. Jabina qabnu irratti cimsinee yoo hojjenne jijjiirama ofirrattis ta’e namoota biraarratti nifidna. Dogoggora namarra barbaaduu qofti furmaata hinqopheessinu taanuun yeroo gubuudha!
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013
4 Comments to “Dogongorarra furmaata barbaaduu”