“Seeraan alummaan utuu nu hinballeessin dhabamsiisuu qabna” -Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee: Finfinnee, aanaalee 121 keessatti lafti kaare meetira miliyoona 13fi kuma 523fi 634 karaa seeraan alaa weeraramuu bulchiinsi magaalattii ibse.

Weerarichi kutaalee magaalotaa hundatti mul’atus keessumaa Boolee, Eekkaa, Nifaas Silkiifi Laaftoo, Aqaaqii Qaallittiifi Gullallee ni hammaata jedhame.

Weerara kanarratti misoomsitoonni riil isteetiifi lafa kaaree meetirri kuma 184fi 208, dhaabbilee amantiitiin ammoo lafti kaare meetirii kuma 97 ol karaa seeraan alaa qabachuun adda durummaan yoo eeraman, lafti kaaree meetirri miliyoona 6.8 mandaroota seeraan ala hundaa’aniin kan qabameefi lafti duwwaan kaaree meetirii miliyoona 1.3 seeraan ala dalleeffame.

Rakkoon kana keessaa hoggantoonniifi hojjettoonni mootummaa, daldaalonni, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen amantiiffaan harka qabu jedhameera.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013

Recommended For You

3 Comments to ““Seeraan alummaan utuu nu hinballeessin dhabamsiisuu qabna” -Aadde Adaanech Abeebee”

  1. Pingback: noonoo.org

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *