Olaantummaa seeraa kabachiisuun cimee ittifufuu qaba

Olaantummaa seeraa kabajuufi kabachiisuun mallattoo lammii qaroomeeti. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu qooda hojii qaama tokkoo ykn murtaa’ee otoo hintaane kan saba bal’aafi nagaadhaan ba’ee galuu jaalatuufi hawwuuti.

Keessumaa yeroo ammaa biyyi keenya boqonnaa jijjiiramaa keessa waan jirtuuf jijjiiramicha lafa qabsiisuuf olaantummaa seeraa kabachiisuun, seeraaf abboomamuu, wareegama jijjiiramichi barbaadu kaffaluu, gama hundaan fakkeenya ta’uu, dhugaa dubbachuu, haqa dalaguufi haqaan dalaguu, haqaaf buluun daran barbaachisaadha.

Haala siyaasaa amma biyya keessa jiruun eenyumtuu yaada ummataafi biyya ni fayyada jedhu yoo qabaate dirree bal’aan waan jiruuf ummata nan quuqamaaf jedhuuf dhiyeessee gurgurachuu qaba malee akkuma kaleessaa humna qawweetiinin waanin yaade hojiirra oolfadhaan adeemsa jaarraa kanatti tasumaa fudhatama qabu miti.

Har’a ummanni waan isaaf ta’u, waan isa baasu bareechee waan beekuuf adeemsi natu siif beekaa akka kaleessaa gonkumaa jiraachuu hinqabu. Keessumaa akka Oromoofi Oromiyaatti adeemsa kana kan hubatan abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa qaamolee maqaa Oromootiin karaa seeraan alaa meeshaalee waraanaa qabatanii socho’an qabsoo karaa nagaatti akka deebi’aniif waamicha walirraa hincinne taasisaa turaniiru, jirus.

Qaamoleen kunniin kan hubachuu qabanis kanuma; waan abbaan dhimmichaa naa hinta’u jedhe dhiisuu. Ummanni har’a kan maqaasaatiin nan qabsaa’a jedhurra isa dhugaadhaan isaaf hojjetee hiyyummaa keessaa isa baasu, nageenyasaa mirkaneessuuf qofa barbaada.

Kanarratti fedhii ummataa kana kan hubate mootummaan nageenya dheebotameefi beela’ameef deebii kennuuf tarkaanfii cimaa fudhateera, fudhachaas jira. Kanas tarkaanfii murna juuntaa ABUT irratti fudhateen mirkaneesseera.

Bakkeewwan humnoonni badii kunniin jiran adda baasuun ummata wajjin ta’uun tarkaanfii irratti fudhateen nageenyi waaraan akka mirkanaa’u  taasifamaa jira.

Humni Juuntaa ABUT baandaawwan ajandaasaa raawwataniif Oromiyaatti bobbaafateen deeggarsa meeshaafi maallaqaa taasisuun naannicha dirree jeequmsaa gochuun naannichas ta’e biyyattii tasgabbii dhabsiisuuf kaayyeeffatee hojjetaa tures, humnoota nageenyaafi hirmaannaa hawaasa bal’aatiin fashalaa’eera.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaafi tasgabbii hawwamaa jiru bira ga’uuf caasaaleen nageenyaa sadarkaan jiran, ummata wajjin ta’uun hojii nageenyaarratti cimsanii cichanii hojjechuu qabu. Ummannis haaluma eegaleen qindoominaan humna nageenyaa gaachanasaa ta’e wajjin hiriiruun irraa eegama.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013

Recommended For You

4 Comments to “Olaantummaa seeraa kabachiisuun cimee ittifufuu qaba”

  1. Pingback: klik dultogel
  2. Pingback: Japanese models

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *