Muudamni Atileetii cimtuu federeeshinicha ni cimsa jedhamee abdatameera

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee:Federeeshiniin Atileetiksii  Itoophiyaa  ALI bara 1953tti kan hundeeffame ta’uu seenaan isaa kan muldhisu yemmuu ta’u, jala bultii Itoophiyaan Olompikii Room kan Xaaliyaanitti qophaa’e irratti hirmaachuuf qophii taasisaa wayita turtettiidha.

Haaluma kanaan Itoophiyaan yeroo jalqabaaf koree federeeshinichaan durfamuudhaan Olompikii Roomirratti hirmaatte.

Koree haarawaa federeeshinichaatiin kan durfame jilli atileetiksii Itoophiyaa hirmaannaa kanaan gooticha Olompikii Irreessaa Abbabaa Biqilaa fiigicha maaraatoonii miila duwwaa fiiguudhaan kiiloo meetira 42:195 sa’aatii 2:15 xumuruudhaan seenaa hindagatamne addunyaarratti galmeessise.

Biyyattiinis miseensa federeeshinii atileetiksiifi koree olompikii Afrikaafi Addunyaa ta’uudhaan seera waldichaa guutuudhaan waggaa afur afuritti al tokko koree hojiraawwachiiftuu  haarawaa taatee akka filatamtu murtaa’e.

Bu’uuruma kanaan koreen hojiraawachiiftuu  federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa waggoottan 60n darbanii kaasee waggaa afuritti al tokko miseensonni korichaa filataa as gaheera.

Akka seera filannootti miseensonni korichaa kan kaadhimaman naannoleerraa yoo ta’u, kan dhiheessan ammoo pirezidaantota federeeshinota atileetiksii naannoleeti.

Haaluma kanaan filannoon koree federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa tibbana Hoteela Kaappitaalitti kan gaggeeffame yoo ta’u, federeeshinii atileetiksii Oromiyaatiin kan dhihaatte gootittiin olompikii atileetii komaandar Daraartuu Tulluu sagalee guutuudhaan pirezidaantii federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa ta’uudhaan filatamteerti.

Komaandar Daraartuu Tulluu ALA Bitootessa 21 bara 1972 godina Arsii naannawa magaalaa Boqojjiitti dhalattee kan guddatte yemmuu ta’u,daa’imummaasheetii kaaftee ispoortii atileetiksii akka jaalattu seenaanshee ni mul’isa.

Yeroo muraasa keessatti kilabii poolisii Arsiitti makamuudhaan qabxii olaanaa galmeessisuusheetiin ija kilabii Poolisii Manneen Sirreessaa keessa galtee kilabichatti makamuudhaan magaalaa Finfinnee dhufte.

Bara 1980n keessa garee atileetiksii biyyaaleessaa Itoophiyaatiin filamuudhaan yeroo gabaabaa keessatti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaawwan atileetiksii,taphawwan Afrikaa guutuufi Olmpikiirratti hirmaachuudhaan injifannoo dachaa gonfachuu eegalte.

Komaandar Daraartuu Tulluu Olompikii Baarseloonaa kan ALA bara 1992 yeroo 25faf gaggeefamerratti hirmaachuudhaan injifattee Itoophiyaas ta’ee Afrikaaf meedaaliyaa warqee argamsiisuudhaan dubartii duraa ta’uu dandeesse.

Haaluma kanaan Afrikaa bakka bu’uudhaan wal morkii waancaa Atileetikisii Addunyaa kan Kuubaa,Haavaanaatti gaggeeffamerratti fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma sadiitti tokkoffaa ba’uudhaan gootummaashee irra deebiidhaan mirkaneessite.

Moo’annaashee kanaanis Gamtaan Afrikaa badhaasa addaa badhaaseera.

Atileet Daraartuun olompikii Siidinitti fiigicha meetira kuma kudhaniin warqii,olompikii Ateensitti nahaasa,taphawwan Afrikaa Guutuu Kaayirootti gaggeeffametti meedaaliyaa warqii moo’achuu dubartii dandeesseedha.

Komaandar Daraartuun,gootummaa hojjatte kanaaf Mootummaa Itoophiyaatiin mudama hanga komaandaraa mudamteetti. Yuunivarsitiiwwan adda addaarraa digrii doktoreetii kabajaa argachuus dandeessee jirti.

Komaandar  Daraartuun dorgommiiwwan irratti hirmaattu marattuu qabxiin isheen galmessistu olaanaa waan ta’eef, ispoortii atileetiksii Itoophiyaa kana sadarkaa fooyya’aa ta’erraan akka geessuuf muudamni kun ittilaatameera.

Akkasumas koree raawwachiiftuu federeeshinii atileetiksii kanaaf waggoottan arfan dhufaniif kan dursan miseensonni saddeet filamaniiru.

Haaluma kanaan Oromiyaarraa Atileet GazZaahany Abarraa sagalee 23n, Aadde Foziyaa Idriis Oromiyaarraa sagalee 22n,Kabajamoo Aadde Ababaa Yooseef naannoo Amaaraarraa sagalee 21n, Aadde Tilliqsawu Gadaamuu bulchiisa magaalaa Finfinneerraa sagalee 21 argachuudhaan miseensota korichaa ta’uun filatamaniiru.

Kanaan dura miseensa korichaa kan turan Aadde Saaraa Hasan Harariirraa sagalee 18n, Doktar Bazzaabih Waldee Finfinneerraa sagalee 18n,Tafarraa Mollaa naannoo ummatoota Kibbaarraa sagalee 16n, Obbo Balaayneh Kindee Amaaraarraa sagalee 15 argachuudhaan korichatti makamaniiru.

Karaa biraatiin federeeshinichi sochiiwwan ispoortii atileetiksii bara 2012 xiinxaluudhaan naannoleefi kilaboota adda addaa filuudhaan  badhaaseera.

Haaluma kanaan sadarkaa naannootti Oromiyaan qarshii kuma 240,Amaarri kuma 180,Finfinneen kuma 140,Ummatoonni Kibbaa kuma 100,Beenishaangul Gumuuz kuma 80,Harariin kuma 60,Dirree Dhawaan kuma 40fi Gaambeellaan kuma 20 badhaafamaniiru.

Sadarkaa Kilabaatti ammoo Raayyaan Ittisaa qarshii kuma 300,Poolisiin Federaalaa kuma 240,Wiirtuun leenjii Xirunash Dibaabaa kuma 180,Poolisiin Oromiyaa kuma 140,Baankiin daldalaa Itoophiyaa kuma 100,Poolisiin Kibbaa kuma 80,Bunni Sidaamaa kuma 60fi Hojiin bishaanii Oromiyaa kuma 40 badhaafamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

115 Comments to “Muudamni Atileetii cimtuu federeeshinicha ni cimsa jedhamee abdatameera”

  1. Pingback: 신규가입머니
  2. ozempic online [url=http://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] buy ozempic pills online

  3. пин ап казино вход [url=http://pinupru.site/#]pin up казино[/url] пин ап казино

  4. пин ап официальный сайт [url=http://pinupru.site/#]пин ап[/url] пинап казино

  5. minocycline 50 mg without prescription [url=https://stromectol.agency/#]buy stromectol online[/url] stromectol covid 19

  6. minocycline acne [url=http://stromectol.agency/#]buy stromectol online[/url] minocycline acne

  7. zithromax purchase online [url=http://zithromax.company/#]order zithromax[/url] zithromax 500 mg lowest price online

  8. rybelsus price [url=http://semaglutide.win/#]buy rybelsus[/url] Semaglutide pharmacy price

  9. mail order pharmacy india [url=https://indianpharmdelivery.com/#]cheapest online pharmacy india[/url] pharmacy website india

  10. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharm24.pro/#]buying prescription drugs in mexico[/url] buying prescription drugs in mexico

  11. buying prescription drugs in mexico [url=https://mexicanpharm24.pro/#]medication from mexico pharmacy[/url] mexican rx online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *