Oromiyaatti bu’uuraalee misooma ispoortii

Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaatti bu’uuraaleen misooma ispoortii baay’een xumuramuudhaan tajaajila kennuuf qophaa’aniiru.

Bu’uuraaleen kunneen akkaadaamii leenjii ispoortii dargaggootaa, wiirtuulee leenjii atileetiksiifi akaakuuwwan ispoortii adda addaa keessummeessan kanneen sadarkaa biyyoolessaa guutan ta’unis beekamaadha.

Keessumaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee magaalaa Sabataatti istaadiyoomiin ammayyaa ijaaramuun eebbifameera. Istaadiyomichas warshaan biiraa Meettaa qarshii miiliyoona 3.5n haaromse.

Istaadiyoomichi edda ijaaramee waggaa dheeraa lakkoofsisuun kilaboota bulchiinsa Magaalaa Sabataa, Warshaa Biiraa Meettaafi kilaboota gandoota magaalaatiif tajaajila kennaa turuunsaa kan yaadatamuudha.

Akkaasumas Godina Arsii Magaalaa Asalaatti, Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Adaamaatti dirreewwan ispoortii adda addaa keessumeessan xumuramamuudhaan dorgommiidhaaf qophaa’aniiru.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, magaalaa Sulultaatti hojjetamaa kan jiru akkaadaamiin leenjii ispoortiiwwan adda addaa ji’a kana keessa xumuramuu jala gaheera.

Akkasumas Godina  Gujjii, aanaa Booreetti wiirtuun leenjii atileetiksi ispoortii tibbana eebbifamee banamuudhaan atileetota simachuuf qophaa’eera. Sirna eebbaa kanarratti Komishinii Ispoortii Oromiyaa bakka bu’uudhaan kan argaman Obbo Naggaa Tujubaa haasaa taasisaniin giddugalicha sadarkaa ittaanutti guddisuun ispoortessitoota naannoofi biyya bakka bu’an horachuuf hojii guddaatu nu eeggata jedhan. Giddugalichi bilookiiwwan danuufi lafa kaaree meetira kuma 10 irratti kan ijaaramu ta’uus addeessaniiru.

Giddugalichi galma walga’ii, kutaa cisicha, kutaalee jireenya leenjistoota, kilinikii, kaafteriyaa, mana kitaabaafi kkf kan guuttate ta’uus himaniiru. Korniyaawwan lameeniinu atileetota 250 hanga 300 simachuu  akka danda’us himaniiru.

Wiirtun leenjii kun asitti banamunsaa atileetota naannawichaatiif carraa guddaa kan argamsiisu ta’uus eeran.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Oromiyaatti bu’uuraalee misooma ispoortii”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *