Sabni Qimaanti sanyii ilmaan Kuush keessaa tokko yoo ta’u, Naannoo Amaaraa, Godina Gondar Kaabaa naannawa Ciilgaa, Qarqar, Matammaafi Quwaaraa keessatti baay’inaan argama.
Qimaantonni naannawa lafa lalisaa keessa bal’inaan kan jiraatan yoo ta’u, irra jireessaan Ciilgaa keessa lafa hektaara kuma 251 olitti tilmaamu keessa jiraatu.
Waggoota 30 dura barreessaan hayyuu seenaa Ferederiksi Daamisti jedhamu seenaa sabichaa akka barreessetti, Qimaantonni bara kuma jaha (6000) duraa kaasee Itoophiyaa kaabaafi giddugala biyyattii keessa bal’inaan jiraachaa turan.
Qimaantonni afaan, duudhaa, safuufi amantii abbootiisaaniirraa dhaalan kan qaban yoo ta’u, sanyii ilmaan Kuush Itoophiyaa kaabaatti argaman keeysaa isaan tokko. Qimaanti aadaa, duudhaafi amantii mataasaa kan qabu ta’us dhiibbaa sirnoota darbaniin irra gahaa tureen eenyummaansaanii awwaalamaa tureera.
Akkuma, “Ijji baddus bakki ijaa hinbaddu!” jedhamu dhiibbaan sirnoota gabroomfataa saba kanarratti fe’amus aadaafi duudhaasaa tokko tokko dhaloota haaraa kana harkaan gahachuu danda’eera.
Kunimmoo sabboonummaa sabni Qimaanti eenyummaasaa kabachiifachuuf agarsiisaa ture kan mul’isuufi dhaloonni haaraa sabichaa dammaqee eenyummaasaa akka eeggatu kan godhuudha.
Akkuma Oromoon waggaa waggaan sirnoota kadhannaa garagaraa taasisu isaanis yeroowwan adda addaatti sirna kadhannaafi galataa yeroo itti qopheeffatan qabu. Barreefama kana keessatti sirna Kadhannaa Sabni Qimaanti ji’a Waxabajjii kana keessa gaggeessu ilaalla.
Sabni Qimaanti amantii, “Higge libboonaa ykn Seera Qalbii” jedhamu kan qabu yoo ta’u, akkuma Oromoon laga bu’ee irreeffachuun dukkana gannaa bahuusaa galateeffatu, isaanimmoo simannaa gannaatiif laga bu’anii bosona lalisaa keessatti uumaasaanii kadhatu.
Sirnoonni kadhannaa saba Qimaantiin gaggeeffamu kun hedduu yoo ta’u, barreeffamni keenya kunis kadhannaa ji’a Waxabajjii kanatti simannaa rooba gannaatiif taasifamurratti kan xiyyeeffatuudha.
Sirni kadhannaa ji’a Waxabajjii kun afaan saba Qimaantiin “Anzooymerkuu” jedhama. Sirna kadhannaa kana keessatti Waaqayyoo taliila akka roobu, midhaan facaafatan sirriitti akka biqiluuf, dhalli, horiin, waatiifi maatiin dukkana gannaa kana nagaan akka bahaniif kan akeekeedha.
Kadhaannaan simannaa gannaa (Anzooymerkuu) jedhamu kun bakka jaarsoliin biyyaafi hogganaan aadaa sabichaa jiranitti gara baha biiftuutti garagalamee kadhatama. Kadhannaan kun bakka lalisaa, jiidha ta’eefi qilleensi mijataan jiru keessatti gaggeeffama.
Kanamalees yaaddannoo abbootiisaanii darbaniifis bakkeewwan lalisaa yaadannoon awwaalaa naanna’uun kadhannaan kan gaggeeffamuudha. Kunis lubbuunsaanii akka eebbifamtu, dhaloonni lubbuun jirus imaanaa isaaniirraa fuudhan kana galmaan gahuuf duubatti akka hinjenne kadhannaa taasifamudha.
Dookimantariin ALA bara 2004tti Ministeerri Aadaafi Turizmii Itoophiyaa qopheesserraa hubachuuf akka dandeenyetti sirni kadhanna kun gosoota garagaraa kan qabuudha. Simannaa gannaatiif kadhannaa taasifamu booda ammoo ji’a Onkoloolessaa keessas kadhannaan walfakkaatu ni gaggeeffama.
Kaayyoon kadhannaa kanaa midhaan biqilee bareede kun ija godhatee akka nyaatamuuf, karrisaaniifi dhallisaanii fayyaa ta’anii midhaan gahe sana akka nyaataniif akeekamee kan kadhatamuudha.
Sirna kanarratti guca ibsuun ‘iyyoohaa’ jechuun sirbaa waaqasaanii kadhachaa ganna dukkanarraa booqaa birraatti bahuusaaniif galata dhiyeessu. Midhaan asheete kanas gahee nyatanii sifa akka argataniifis kadhannaan taasifama.
Nyaatniifi dhugaatiin aadaa garagaraas sirna kanarratti kan dhiyaatu yoo ta’u, isaan keessaa ‘yeshoonaa ykn faffata biddeenaa, rimiixxoo (daabboo daaraa ), akaayii, riifaa’ (waaddii boqqolloo, farsoofaadha.
Kanamalees hoolaa qaluun ibaafatanii dhugaa nyaachaa weedduu waaqaa weeddisuun uumaasaanii galateeffatu. Weedduun waaqaa gaggeeffamu kunis luboota amantaa ‘sine libboonaa’ jedhamu kanaan gahumsa qabaniin yoo ta’u, abbootiirraa dhaalamanii kan as gahan ta’uu himama.
Ayyaanonniifi sirnoonni sabichaa garagaraa kun yeroo barbaachisaa ta’etti wayita gaggeeffaman uffata aadaan dabaalamaniitidha. Uffanni aadaa saba Qimaanti kunis Jaanoo jedhamuun beekama.
Seenaan saba Qimaanti akka ibsutti, sabicha dhiibbaa sirna gabroomfataa nafxanyaan isarraan gahaa tureen uffata aadaasaa dhaalameera; amantiisaa ganamaa akka dhiisu tasifameera. Ta’us jaalalaafi kabaja abbootiin amantiifi aadaasaaniif qabaniin sirnisaanii tokko tokko faalamus dhaloota har’aan gahuuniifi isaan dadammaqsuuf bu’uura ta’anii tajaajilaa jiru.
Sirni kadhannaa saba Qimaanti kun irreecha Oromoo wajjin kan walfakkaatuudha.
Akkuma irreechi abbootii Gadaan durfamuun malkaatti gaggeeffamu sirni kadhannaa saba kanaas lagaafi bakka lalisaatti dura bu’aa sabichaa gahumsa siyaasaafi beekumsa amantiin bilchina qaba jedhamee filatameen durfamuun gaggeeffama.
Kanamalees haalli qilleensa naannawaa jijjiirama yoo agarsiise jechuunis roobni yoo bade ykn caamsaan yoo hammaate, roobni yeroo malee yoo hammaate, cabbiin yaaddessaa ta’e yoo bu’e, qilleensi yoo mijachuu baate kadhannaan dabalataan akka gaggeeffamu taasifama. Sochii kadhannaa kanaan walqabatee taasifamu kun dursaa sabichaa ta’uun nama tajaajilaniin hogganama.
Hogganaan kun, “Wenber” jedhamuun beekama. ‘Wenber’ jechuun hogganaafi dursaa sochii hawaas dinagdee, akkasumas siyaasaafi amantii saba Qimaanti jechuudha. Namni kun gahumsaaf bilchina qabuun sabicha akka hogganu sirna kadhannaas akka gaggeessaniif dursaa ta’uun kan tajaajilu yoo ta’u, umriin aangoosaa hanga lubbuun jiruttiidha jedhama.
Ta’us namni kun bulchiinsasaa keessatti faallaa aadaaf duudhaa sabichaa yoo deeme, yakkaafi dogoggora yoo hojjete aangoo isaarraa kaafama.
Akka aadaa amantiisaanii kanaatti kallattii dursaasaanii ”Wenber” jedhamu kanaan taa’u kabajuu dhabuun alseerummaa waan ta’eef, kan wallole dhaddacha jaarsummaan akka hiikamuufi araaramu taasifama.
Sirni araaraasaaniis jaarsolii biyyaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, dursaan amantiisaanii murtee jaarsoliin dabarsan kana taa’aanii madaalu. Murteen darbe sun loogii kamirraayyuu bilisa akka ta’uuf hanqina jiru adda baasuun sirreeffamni akka fudhatamu godhu.
Egaa sabni Qimaanti baroota dheeraaf qarqara laga Abbayyaarraa hanga dhumasaatti walhoree jiraachaa turuu kitaabileen seenaa ragaa akka bahan hayyoonni sabichaa dubbatu.
Barreessaan seenaa saba Qimaanti kan ta’an Obbo Naggaa Geexee waa’ee saba Qimaanti ilaalchisuun dubbii dubbataniin, sabichi dirqisiifamee akka cuubamu taasifamaa tureera. Dhibbaa sirni nafxanyaa irraan gahaa tureen ilmaan Qimaantii amantii ‘Higge libboonaan’ bulaniifi kiristaanota naannawichaa jiran gaa’ilaan walitti hidhuun eenyummaan sabichaa akka dhabamsiifamu hojjetamaa turuu kaasaniiru.
Sabichi aadaafi duudhaasaaf kabaja guddaa kan qabu waan ta’eef, amantiifi aadaasaa kana hamma tokko kunuunsaa dhiibbaa itti aggaamamu ofirraa qolachaa dhaloota har’aan gahateera.
Amantiin saba Qimaanti kun bara uumama Addaam irraa kaasee gaggeeffachaa turuun akkuma Abrahaamfaa aarsaa qalmaa uumaasaaniif dhiyeessaa namoota bara dheeraaf baay’inaan jiraachaa turanidha malee qubattoota miti. Isa kanaafis kitaabileen seenaa biyya keessaafi hayyoota biyya alaan katabaman wabiitti akka tajaajilan Obbo Naggaan ni ibsu.
Akka ibsa barreessaa kanaatti jechi, ‘Qimaanti’ jedhu isa ‘Kaam’ jedhurraa kan dhufeedha. Kaam jechuun maqaa abbaasaanii durii ilmaan Qimaanti irraa walhoraniidha jedhamee beekama. Afaan saba Qimaanti kan durdurii yoo ta’u, afaanota Kushitik jalatti kan ramadamuudha.
Sabni kun eenyummaasaa kana kan halagaan osoo hinfaaliin har’aan gahachuuf jecha wareegama qaalii kaffalaa kan ture yoo ta’u, dhiibbaa sirna gabroomfataan isarra gahaa tureen kaan dhaalameera; kaanimmoo saamameera.
Uffata aadaa Jaanoo sabni kun ittiin beekamaa ture dhaalamee saba biraan haa uffatamu malee mallattoofi ibsituu eenyummaa saba Qimaantiidha. Qimaantonni garuu harka osoo hinlaatiin har’a gahuunsaanii ciminasaanii agarsiisa. Dhaloota eenyummaasaaf quuqamu eenyummaasaa deebisuuf kutannoon socho’u hedduus horachaa jira.
Walumaagalatti sabni Qimaanti sabboontota sanyii ilmaan Kuush Itoophiyaa kaabaa keessa waggoota dheeraaf jiraachaa jiran yoo ta’u, har’as harqoota gabrummaa boquusaaniitti fe’amuuf jedhu ofirraa qolachaa eenyummaasaanii dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoon socho’aa jiru.
Waasihun Takileetiin
7 Comments to “Sirna kadhannaa saba Qimaanti yeroo”