Dhimma hidha guddichaarratti Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaa maal jedhu?

Gaazexaan Bariisaa Birgaader Jeneraal Kaasaayee Camadaa wajjin dhimma hidha guddichaarratti turtii taasisee ture.

Isaanis of beeksisuudhaani gara gaafdeebiitti kan seenan. Ani Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaan jedhama. Har’a waraana booda gara Waaqayyootti deebi’ee taayitaa hafuuraa, Liqa Hiruyaan jedhamus qaba. Kanin dhaladhe Nageelletti. Raayyaa ittisaa keessatti kutaalee adda addaatti ramadamee hojjadheera. Barumsa olaanaa taankii Ameerikaatti waggaa tokkoofi walakkaaf hordofeera. Waraanaa Somaaliyaarrattis hirmaadheera.

Guutummaasaatiif liinkii gadii cuqaasaa

Yaalii fonqolcha mootummaa bara 1981 taasifameen shakkamee hidhamee otoon hinjaalatiin ogummaan jaaladhurraa maqfamee har’a sooramarran jira.

Guutiinsa bishaanii

Misri hidha haaromsaa guddichaa ijaarsisaa harka 73 irra gaheen walqabatee yaadota adda addaa Itoophiyaarratti ololaa jirti. Guutiinsi bishaaniis dhiyeenyatti eegalama. Kun ammoo Misiroota maraacheera.

Waa’ee lagichaafi seenduubee Misri

Burqaan laga Abbayyaa, lagoota Abbayyaa Adiifi Gurraacha kan jedhamaniidha. Lagoonni kunniin kan walqunnaman Kaartuumitti. Bishaan laga Abbayyaa keessaa harki 85 Itoophiyaa keessaa garasitti yaa’a.

Lagni kun dolol’oowwan laggeenii 90 ta’an qaba. Lagichi biyyees haree gara Misri geessa. Kanaanis biyyattiin bishaan meetir kiyuubii miliyoona 84fi biyyoo gabbataa toonii biliyoona afur waggaatti nurraa argatti.

Biyyoonni 12 sulula Abbayyaa keessatti argaman hundi biyyoota qonnaan bulaniidha. Biyyoonni kunniin hundi otoo walqixa fayyadamuu qabanii Misri qofgaleessummaan fayyadamtuu taatee warri kaan alaala taa’anii ilaaluuf dirqaman.

Misri Abbayyaa malee akka hinjiraanne ummanni Itoophiyaas ta’e mootummaan sirriitti beeku. Adeemsi seera uumamaa ittiin daangessinu hinjiru. Garuu nuti Abbayyaa ibsaafi hojiilee misoomaa tokko tokkoof ni fayyadamna jechuun Misri kan aarsuufi miidhu miti. Isaanis kana ni beeku.

Garuu yaadnisaanii har’a kan eegalame miti. Dura bu’aasaanii kan ture Kadiib Ismaa’el yeroo tokko Astee Tewodiroos Ingilizoota akka hiiktuuf Ingiliziif falmaa ta’anii turan. Tewodiroos wayita sana haala tasgabbaa’aa keessa waan hinturreef rukuchuufillee qophaa’aa turan.

Du’aatiisaanii booda, yeroo haalonni hintasgabboofnetti leenjisaa, lammii Ingiliz Muzangar jedhamutti fayyadamuun bara 1871 waraana ammayyaa qabatee Asab weerare. Asabirraa ka’ee gara jiddugala biyyaatti qajeeluuf yaalee Affaaronni raayyaasaa guutummaatti jalaa barbadeessaniiru. Yeroo sana Karanirratti miseensota raayyaasaa kuma sadiitu jalaa barbadaa’e.

Bara 1875 Muzangar lammata raayyaa kuma 15 hiriirsee duulee loltootasaa kuma torba Atsee Yohaannis jalaa barbadeessaniiru. Kanneen hafan akka lammata gocha akkanaa keessa  hinseenne waada galchisiisanii baasan. Kun egaa haala qabatamaadha.

Humnoonni biyya keessaa tokko tokko faayidaa biyyaarratti gara ormaa goruu

Har’as Abbayyaa bu’uurumarraa haa qabannu jedhanii dhaadachaa jiru. Kun akka hinmilkoofne beekan. Kanaaf ammoo yeroo Jaanhoyirraa eegalee qaamolee diinota Itoophiyaa ta’an mara deggaruu qaban. Kanas kan taasisaniif Itoophiyaa kallattiin akka hinmo’anne waan hubataniifi.

Oggaa paartiin Jabahaa jedhamu hundaa’u biiroo kennaniiruuf. Akkasumas biyyoota Arabaa wajjin walbarsiisanii maallaqaan akka utuban taasisan. Shaabiyaas ta’e Wayyaanee haaluma kanaan utubaa turan. Diinota keessoo Itoophiyaa biroo hunda maallaqaafi meeshaadhaan deggaraa turan.

Waa’een guutiinsa bishaanichaallee waliigalteedhaan kan xumurameedha. Amma Itoophiyaan tasgabbii keessa hinjirtu sababa jedhuun Itoophiyaarratti roorrisaa jirti, Wayyaanota saamicha baranfaatti fayyadamuun. Dhaabni kun dhukkuba maallaqaa qaba. Hattuun hattuudha. Otuma qabuus ni hata. Kanaaf fucha kanatti fayyadamnee burjaajii haa uumnu jedhaniit socho’u.

Aani bara 1969 Itiyoo Somaaliyaarratti himaadheera. Meeshaan waraanaa Warshaa Misritti hojjetamee bahe kan Hakiim jedhamu qabnee turre. Yeruma waraanaa sanatti Somaaliyaaf taankii gargaarsaan kennaa turte. Kanaaf biyyattiin biyyoota ollaas fayyadamuu dandeessi jechuudha.

Biyyoonni Arabaa biroos akka Somaaliyaa deggaraniif dhiibbaa gochaa turte. Kanaanis rasaasa taankii zuu 25 jedhamuu otoo galchuuf jettuu Mootummaan Itoophiyaa ittiqaqqabee Keeniyaatti akka qabamu taasise. Kunniin hundi tooftaa biyyattiin biyyoota ollaa fayyadamuun Itoophiyaarraan dhiibbaa gahuuf yaalteedha.

Yeruma dhiyoo kanallee dhaabbilee siyaasaa mormitoota, aktivistoota ofiin jedhaniifi baandaawwan garaasaaniitiif bulaniif maallaqa guddaa kennuun nageenya biyya keessaa booressuuf yaalu.

Misri nu wajjin waraana kallattiitti seenuu dandeessii?

Misri gama waraanaatiin dadhabduu, mormitoota nageenyashii booressanillee to’achuu hindandeenyeedha. Kunis waraana guyyoota jahaafa’iin kan mirkanaa’eedha. Akka Itoophiyaa hamilee waraanaa hinqaban. Misroonni onnee qabaatanii lafa Itoophiyaarratti waraana hinbanan. Injifataa kan taasisu dhufee lafa qabachuudha. Isaan kan jiran gammoojjii keessa.

Nuti ammoo tulluu keessa. Isaan dhiisii Xaaliyaaniin summii sana hunda qabattee dhuftee Somaaliyaanis waraana guddaa hiriirsitee nu hindandeenye. Har’a ammoo waraanni Itoophiyaa akka kaleessaa lakkoofsaan xiqqaa miti. Ummanni mataansaamee waraanaa. Raayyaan waraanaa duriiyyuu ka’i jedhamnaan duulee waraanuu dandeettii guddaa kan qabuudha.

Waraana qilleensaa

Waraana qilleensaa akka qaban ni beekna. Garuu achii ka’ee dhufee Itoophiyaa rukutuuf tokkoffaa xiyyaara qilleensarratti boba’aa guuttatu hinqaban. Tarii kanaaf Sudaanfaa lafa gaafachuu danda’u. Yoo dhufanillee waan biyya balleessuu miti. Boombii xiyyaaraan darbatamuun miidhaan gahu daran muraasa.

Yoo akkam ta’e mana tokko rukuchuu bira hintaru. Kanaaf mootummaan Itoophiyaa akka yeroo Dargii akka hintaane nan amana. Farra eeyir kiraafti qabatee ni eega. Waraanni qilleensaa Misri daandii qilleensaa Itoophiyaa qaxxaamuree seenuuf ga’umsa hinqabu. Gama kanaan humni qilleensa Itoophiyaa ga’umsa guddaa qaba. Nutimee bara 1969 miig 21n waraannee xiyyaara waraanaa biyyatti kan harcaasne. Kana isaan hin yaadan.

Waraana bakka bu’ummaa (Proxy war)

Kanarratti mootummaan Itoophiyaa waantota lama hubachuu qaba. Waraanicha karaawwan lamaan qolachuuf of qopheessuu qaba. Tokkoffaa hariiroo diippiloomaasiirratti xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechuu qaba. Gama kanaan namoota ga’umsa guddaa qaban qabna. Isaan fuulduratti fidnee itti fayyadamuun daran gaariidha. Fuulduratti bahuu baatanillee duubuma taa’anii akka haala mijeessan gochuun barbaachisaadha. Biyyoota sulula Abbayyaa hunda bira deemanii dhiibbaa gochuunis barbaachisaadha.

Gamtaa Afrikaattis fayyadamuun murteessaadha. Kanaafis duula guddaa geggeessuu qabna. Hariiroo dhibantoota keenya kanneen akka Chaayinaafi Raashiyaa wajjin qabnu jabeeffachuu qabna. Biyyoota kanneenittis duulla diippiloomaasii gochuu qabna. Gamtaa Awuroppaattis duula dippilomaasii geggeessuu qabna. Misri gama kanaan daran nu caalti. Diippilomaatonni keenya waa’ee akkanaafi dinagdeerratti ciminaafii xiyyeeffannaan hojjechuu qabu.

Gama hundaan of qopheessuu

Dhimmi gama hundaan of qopheessuus dagatamuu hinqabu. Keessumaa humni waraanaa keenya of qopheessuu qaba. Biyyattiin Sudaan karaa Sa’ud Arabiyaa moksaa jirti. Maalumaafi humna cimaa daangaa keenyarra dafnee qubachiisuutu nurra jiraata. Itoophiyaanonni xuqamnaan akka duubatti hinjenne agarsiisuu qabna.

Waan jiru ummatatti himuu

Waan jiru ummata Itoophiyaatti sirriitti himuun barbaachisaadha. Waanti ummata jalaa dhokatu jiraachuu hinqabu. Waan Misri gochaa jirtu ummatatti himanii akka of qopheessuu gochuun misha. Baandota biyya keessatti asiifi achi lo’an ummanni dabarsee akka kennu gochuu.

Ummanni Itoophiyaa kana waan raawwatuuf, daldaltoota siyaasaafi aktivistoota yeroodhaan to’annoo jala oolchuun barbaachisaadha. Eegumsa daangaa sirriitti cimsuunis barbaachisaadha.

Onnee biyyummaa qabaachuu

Laga Abbayyaa qofarratti xiyyeeffachuu otoo hintaane iddoowwan tarsiimawoos ilaalcha keessa galchanii eeguun murteessaadha. Biyyi keenya har’a raayyaa ga’aa qabdi. Xiyyaara dabalatee meeshaalee waraanaa fooyya’aa qabna. Hundarra onnee biyyummaa qabna.

Miisaa’ela hunda caalu gootota hangafoota qabna, kanneen waa’ee biyyasaaniitiif fuuldura hiriiran. Itoophiyaan biyya amantii ta’uunshiis akka gaachana guddaa tokkootti kan ilaalamuudha.

Akeeka sirrii waan qabanneef Rabbi nu wajjin jira. Misroonni hamilees ta’e ga’umsa waaraanaaf gara Itoophyaa dhufaniin hinqaban. Mootummaafi ummanni ejjannoo cimaa qabachuu qabu.

Faayidaa biyyaarratti diina wajjin ta’uufi maallaqa isaan kennan fudhachuun abbaa garaa ta’uudha. Maallaqaan bitamanii diina jala galuun baroota dhufaa darbaa biyya kanaa keessatti mul’ataa tureera.

Har’as baandonni tokko tokko Misri wajjin olii gadi jechaa jiru. Garuu eessayyuu hinga’an. Qaamota akkanaa homaa hinfidan jedhanii bira darbuurra garuu mala barbaaduufiin barbaachisaadha. Waan Itoophiyaarratti karaasaanii dhufu kamiifuu araarri hinbarbaachisu.

Dippiloomaasii cimsuu

Mootummaan diippilomaasii cimsuufi ejjannoo cimaa qabachuu qaba. Teknikiifi meeshaadhaan of qopheessuu, daangaa eeguufi ummataaf odeeffannoo sirrii kennee dadammaqsuu qaba. Hattootaafi sobdoota dhabamsiisuu qaba.

Dhaamsa

Wayyaaneen haala har’a irra jirtuun kaayyooshii badii kana dhiiftee ofiif jecha Mootummaa Federaalaa wajjin walta’uu qabdi. Dhiifama taasifameefittis fayyadamuu qabdi. Balleessa raawwataniif dhiifama gaafatanii deebi’uu qabu. Ummanni Tigraayis paartii isaaf ta’u filatee of bulchuu qaba. Yoo kana gochuu baatan garuu dhiyeenyatti gatiisaanii argatu; eenyuyyuu dhaqee otoo hintaane ilmaanuma Tigraayiin. Ammas gara Misri ilaalaa jiru taanaan kana dhaabuu qabu.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

9 Comments to “Dhimma hidha guddichaarratti Birgaadeer Jeneraal Kaasaayee Camadaa maal jedhu?”

  1. Pingback: IBCBET
  2. Pingback: slot gacor
  3. Pingback: ผ้า
  4. Pingback: sa casino
  5. Pingback: link

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *