Siinqee

Siinqeen ulee qal’oo, sorooroo muka harooressaarraa muranii tolfamtuudha. Mukti harooressaa qaqal’aafi sorooroo waan ta’eef filatama; akka laayyoottis hincabu. Siinqeen hojjaa /dheerinna dubartii qabattuu akka gitutti muramti.

Akka magaallattee bareedduuf immoo baaxii manaa jala bakka aara argattutti suuqu. Kanaafi, kan dubartiin dheertuu, magaalli lookoon kan siinqeen fakkeeffamtuuf. Siinqee dubartii heerumtetu qabata. Intalli yeroo heerumtu haati intala heerumsiistu siinqee, boraatiifi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa/ uumamaan bilisa ta’uuti. Boraatiin mukarraa soofamee, tolfamee calleedhaan faayameemmoo mallattoo haadhawarrummaaati. Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef  mallattoo hormaataati.

Cidharratti yeroo  gurbaan fuudhu misirrittii fudhatee galuuf ka’u, haati intala heerumsiistu siinqee, boraatiifi baarree  harkatti qabattee balbala dura teessi. Gurbaan fuudhus bira gahee dhaabbata.

Yeroo kana haati intala heerumtuu  “Hoodhu baarree, hoodhu barsee”,jettee gurbaatti kenniti. Kana  jechuun  intala tiyya sitti yaboo/ imaanaa kennadhe jechuudha. Ergasii gurbichi yeroo misirrittii fuudhee qe’eesaa gahe siinqee, boraatiifi baarree misirittiitti kenna. Misirittiinis seera hirma furaa booda siinqee, boraatiifi baarree qabattee gola qophaa’eef seentee olkeessi; achumaanis dhaadha siinqee taati.

Yeroo jara walfuudhan kana eebbisanillee “Siinqeefi baarree ofkalaa” jedhuun. Ergasii misirrittiin tuuta siinqeetti makamti jechuudha. Kanaafi, kan siinqeen mallattoo dubartummaati jedhamuuf. Siinqee akka uleetti hinfayyadaman.  Horii ittiin hinrukutan. Yeroo qabatanis akka dhadhaabbataatti hinfayyadaman.

Dubartoonni Oromoo siinqee  seeraan kennameef kanaan mirga haadhawarrummaa isaanii tikfachaa, haawaasa  keessatti dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seerota adda addaa ittiin raawwatu.

Dubartiin siinqee qabatte hawaasa Oromoo keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hamma ofkaltii isii hinargannetti isii dura qaxxaamuruun hindanda’amu.

Dhaabbatanii isii dabarsu; lagas dura ceesisu. Dubartoonni siinqee qabatanii walfaana yaa’an/ bayima bahan  ateetee jedhamu. Dubartoota bayima bahanii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan (maanguddoonnillee) fardarraa bu’anii, marga jiidhaa ciranii “Dhiltee dhinna!” jedhanii ofkala gaafatu.

Dubartoonni sunis akkasuma marga jiidhaa ciranii “Obbahaa, ijarraa hafaa!” jedhanii ofkalchuun. Dubartoota bayima bahan osoo isaan hineebbisin nama isaan qaxxaamure ari’anii  qabanii adabu. Aangoo siinqeen sirna Gadaa keessatti qabdu.

  1. Dhiibamuu mirga dubartummaa dhaabsisuuf

Sirni gadaa, seera siinqeetiin  mirga dubartoota Oromoof kenne. Fakkeenyaaf, dubartii abbaan warraa dhaaneef, gurmuun siinqee tokkummaadhaan birmannaa godhuuf. Sagaleen dubartii abbaa warraatiin dhaanamtee iddoo dhagahametti, dubartoonni ililchaa, birmannaa waldhageessisanii waliif qaqqabu. 

Akka seera siinqeetti dubartiin sagalee ililchuu dhageesse kan gurmuu siinqee kan keessa jirtu kamuu akkuma sagalee kana dhageesseen waan hojjattu kamuu dhiistee, (kan daa’ima  hoosistus dhaabdee) siinqeesii luqqifattee, hatattamaan birfachuuf dirqama qabdi.

Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaanee san dhaqu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii san siinqee qabachiisanii manaa baasu. Dubartoota hafan birmachiisuufis,

                  “Intala aayyaa dhageettee

                   Oduun si geettee?”  jechaa  walitti qabamanii sagalee tokkoon sarbamuu mirgasaaniifi roorroo isaanirra gahe ateeteedhaan ibsatu.

Namichi haadhawarraasaa dhaanes ta’ee dhiironni haati warraasaanii gurmuu kana keessa jiran hunduu, qe’eensaanii ona ta’a; daa’imnis ni boochi.  Kanaafuu  dhiironni marti  namicha balleessaa hojjate san murtiitti dhiheessuuf carraaqu.

Dubartoonnis dubartii abbaan warraa dhaane san marsanii, faarruusaaniitiin roorroo didaa, gara abbootii Gadaa (amma jaarsolii gosaatti)  iyyata deemu. Jaarsoliinis ulfinasaaniitiif marga jiidhaa ciranii  “Dhiltee dhinna!” jedhuun; dubartonnis “Obbahaa, ijarraa hafaa!” jechuun ofkaltii kennuufi. 

Yeroo kana ajaarsoliin ofirra gaditaa’anii  “Ulfoo teenna maal rakkatan, maaltu bade?” jechuun gaafatuuni. Dubartiin gurmuu kana gaggessitus dubartii dhaanamte san ofdura qabdee waan isii irratti raawwatame jaarsoliitti himti.

Jaarsoliinis namicha haadha warraa dhaane kana waamanii dhihessanii, dubbii qoratu; hammasiif dubartoonni roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Jaarsoliin miidhaa qaqqabe madaalanii, qoratanii murtii dabarsu. Murtiin kun  horii namichi sun jaalatu qaluu ta’uu danda’a. Seerri siinqee murtee kana raawwachiisee, dubartoonnis horii qalame yaa’iidhaa laatanii, weedduusaaniitiin siinqee faarfachaa, dubartii dhaanamte manatti deebisanii manasaaniitti deebi’u. 

Yoo namichi haadha warraa dhaane sun harka qal’eessa ta’e, adabbiisaa fudhachiisanii, horii san dhiisaniifii eebbisanii biraa deemu. Birmannaan akkanaa kun erga sirni Gadaa laafee dubartii qanafaa (kan erga deessee ji’a jaha  hinguutin) abbaan warraa dhaane qofaaf godhama.

2. Lola dhaabuuf

Gosa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee, lolli hamaan/ waraanni  yoo ka’u  dubartoonni  siinqeesaanii qabatanii ililchanii battalatti walgahu. Weedduusaaniitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti  yeroo deeman, waaqa siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu.

Yoo lafa waraanni/ lolli jiru sanitti dhihaatan immoo weedduusaaniitiin waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide jidduu seenu. Waraana hammaatellee yoo ta’e seera siinqee bira hindarbu; battalumatti dhaabbata.  Kanaaf siinqeen mallattoo araaraati jedhama.

3. Hoomaa waraanaa eebbisuuf

Birmadummaan biyyaa yoo tuqameefi diinni waraana labse, raayyaa waraanaa diina biyyarraa deebisuuf duula deemu kan eebbaan gaggeessan gurmuu dubartoota siinqeeti.

Gaafa duulaa san gurmuun dubartoota siinqee kun weedduusaaniitiin siinqee faarfachaa, waltajjii hoomaa daangaa biyyaa kabachiisuu sanirratti walgahu. Ergasii tarree lamaan hiriira galanii  fuulleetti wal ilaalaa, siinqee mataa waliin gahanii dhaabbatu. Loltoonni duula deemanis siinqee jala hulluuqaa darbu.  Gurmuun siinqee kunis akkas jechaa hulluuqsisu.

                     “Anshaa afannee jala teennaa

                   Ansho’oo kadhannaa ilmaan keennaa!”

Anshaan maqaa mukaa yoo ta’u,  ‘Ansho’oo kadhannaa ilmaan keennaa’ jechuunimmoo nagaadhaan,injifannoodhaan akka deebi’an kadhanna jechuudha. Erga hulluuqanii keessa ba’anii boodas  “Loohaa ofkalaa/ ofkalaa gala” jechuun eebbisu. Loltoonni duulanis “Aayyoo offollee, offoltiin  faaya nuun jettee”,  jechaa  hulluuqu. Siinqeen  mallattoo milkiiti.

4.  Waaqa araarfachuuf

Bara ongeen hammaate, bara dhibeen daddarbaan  dhufe, yeroo roobni sa’aafi namaa hintolle baay’ate, walumaagalatti  yoo rakkoo jabaan dhalate, gurmuun siinqee malkaatti, odaa ykn qilxuu  jalatti bahanii araaroo Waaqa kadhatu.

Gurmuun siinqee kun yoo kadhaaf bahan  siinqee, irreessa (marga jiidhaa)fi aannan ciicootti qabatanii, siinqee weeddifachaa yoo iddootti kadhatan san (malkaa, odaa ykn qilxuu jala) gahan faarruudhaan Waaqa kadhatu.

                                     “Ateetee siinqee tiyya lootii qabadhee 

                                       Rabbi kiyya mootii kadhadhee

                                     Ejersa jaboo, jabaa laga keessaa

                                     Waan jabaatellee Rabbuu nu milkeessaa

                                     Ateetee siinqee tiyya jiituu calaliituu

                                      Safuu tiyya laaltee ana hin miituu

                                       Safuu tiyya hin ilaalainii

                                           Nan wallaalinii

                                           Siinqee tiyya lootii kan durii

                                         Rabbi kiyya mootii na furii

                                         Waa hindhabanii si biraa

                                          Waan hindhabneeftu jiraa”

jechaa Waaqni guddaa ta’uu ragaa bahaa, araara gaafachaa, siinqeen mallattoo jiidhaa ta’uu ibsu.  Iddoo itti bahan kanatti  hanfalaa/ sabbata hiikkatanii, marga saniin irreeffatanii, aannan dhibaafatanii gara qulqulluun Waaqa kadhatu, Waaqnis ni dhagahaaf. Roobni ni rooba;gurmuun dubartootaa kunis gammachuudhaan ililchaa gara manasaanii galu. Dhibeenis biyyaa bada, rakkooleen biroos ni furamu.Siinqeen mallattoo araara uumaafi uumamaati.

5. Yeroo da’umsaa

 Gurmuun dubartoota siinqee kun dubartii da’umsaaf ciniinsifattu  birattis walgahuun suunqoo walii fidanii, dubartii ciniinsifattu san jajjabeessaa, akka nagaan hiikkattuuf Waaqa kadhatu. Da’umsa boodas gumaata/ kennaa walii fadanii walgaafatu. Gaafa deessuun  dhaqna/ nafa dhiqattus biratti walgahanii, dhadhaa muudanii, siinqee faarfachaa, Waaqaa galata galchaa bira oolanii galgala galu. Gurmuun dubartoota siinqeen kun dubartii dhala dhabdeefis imimmaan buusanii /boohaa Waaqa kadhatu.

6.  Yeroo aseennaa/ addibaana dhaqaniif

Mirgoota seerri siinqee dubartootaaf kenne keessaa tokko  heerumanii bultii horatanii, haadha siinqee ta’uudha. Haaluma kanaan dubartiin osoo hinheerumin mana turte ykn dhiira wahii jaalattee itti heerumuu barbaadde, siinqee murattee  qophooftee tasa siinqeefi hiddii qabattee, warra  gurbaa dhaqxi.

Akkuma qe’ee warra gurbaa geesseen siinqeefi hiddii san  dallaa warra gurbaarraan qaarisiistee darbattee, mana seentee utubaa  manaa qabatti. Dubara aseennaa dhaqxe manaa hinbaasan. Haadha warraa nama filattee dhaqxee san taati.  Seera siinqeeti; siinqeen mirga dubartiiti.

Maartaa Kabbiteetiin      

Recommended For You

5 Comments to “Siinqee”

  1. Pingback: check this
  2. Pingback: visit the website
  3. Pingback: visit this page
  4. Pingback: Jaxx Liberty

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *