- Obbo Faxxanaa Tashoomaa
Keessummaan Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa Obbo Faxxanaa Tashoomaa, Daariktara Ejensii Metiworolojii biyyaalessaafi miseensa koree raawwachiiftuu hojii metiworolojii addunyaati. Gaafdeebiin isaan waliin taasisne akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Obbo Faxxanaa: Waxabajjii 12 bara 1969n Godina Arsii, Aanaa Gadab Hasaasaattin dhaladhe. Kutaa 1fa hanga 6fatti bakkuma dhaloota koo, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Cofira Shaashee jedhamuttan baradhe.
Kutaa 9fa hanga 12fa ammoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Hasaasaattan baradhe. Isa booda bara 1989 waggaa tokkoof Dhaabbata Leenjii Barsiisota Roobeettan baradhee barsiisummaan eebbifame.
Bara 1990 hanga 2000tti Godina Gujii, Aanaa Daamaattan ogummaa barsiisummaatiin tajaajilaa ture. Bara 1994 hanga 1998tti Yunivarsitii Diillaatti barnoota Ji’ograafiifi Saayinsii Naannawaa baradheen digrii jalqabaan eebbifame. Yeroon godinichatti hojjachaa turetti hoogganaa waajjira barnoota aanaa ta’ee tajaajileera.
Isa booda gara mootummaa Federaalaa dhufeen ogeessa sabqunnamtii Ministeera Albuudaafi Inarjii ta’ee waggoota lamaaf tajaajilee ogummaadhuma walfakkaatuun ittigaafatamaa sabquunnamtii ta’ee Dhaabbata Gi’olojikaal Sarveyitti tajaajileera.
Yeruma sana keessa Yunivarsitii Finfinneerraa barnoota Jijjiirama Qilleensaafi Dandamminasaatiin digirii koo lammaffaa (maastarsiin) bara 2004 eebbifame. Utuun waraqaa qorannoo digrii koo lammaffaa hojjachaa jiruu daarektara Ejensii Meti’orolojii Biyyaalessaa ta’ee muudamee hojjachaan jira.
Bariisaa: Ejensiin Metiorolojii biyyaalessaa yoom hundaa’e?
Obbo Faxxanaa: Ejensichi of danda’ee utuu hinhundeeffamin dura Dhaabbata Siivil Aviyeeshin jalatti odeeffannoo haala qilleensaa balalii xiyyaaraatiif gargaaru qofa sassaabee kennaa ture.
Boodarra barbaachisummaan raaga metiworolojii hojiilee qonnaa, bishaanii, fayyaa, turizimii akkasumas qo’annoofi qorannoo keessatti daran akka fayyadu waan hubatameef bara 1973 labsiidhaan of danda’ee akka hundaa’u taasifame. Ejensichi of danda’ee erga hundaa’ee as tajaajilootaafi teknolojiisaa yeroodhaa gara yerootti babal’ifachaafi guddifachaa sadarkaa amma irra jirurra gahe.
Itoophiyaan miseensa metiworolojii addunyaa taatee waan galmoofteef ulaagaa metiworolojiin addunyaa ittiin hojjetu guutuun dirqama. Kanaafuu ejensichi tajaajilootaafi teknolojiisaa babal’isuufi fooyyessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Bariisaa: Ejensichi haala kamiin funaansa odeeffannoo raawwata?
Obbo Faxxanaa: Ejensichi yeroo ammaa naannolee saglan keessatti wiirtuuleen ragaan metiworolojii itti sassaabaman kuma tokkoofi 300 ol qaba. Addunyaaraa ragaan metiworolojii haala qilleensaa adda addummaa sa’aatii sadii sadiitiin fudhatama. Wiirtuuleen kunneenis akkaataa ulaagaa sana guutuu danda’uun hojjechaa jiru.
Wiirtuuleen kunniin haala funaansa ragaasaaniitiin sadarkaalee afuritti qoodamu. Sadarkaa tokkoffaan ragaa haala qilliinsaa addunyaadhaaf kan kennuudha. Lammaffaa kallattiifi ariitii qilleensaa paaraameetiroota 10 oliifi ho’ina biyyee kan safaruudha.
Sadaffaan ragaa ho’inaafi roobaa kan safaru yoo ta’u, sadarkaa biyyaatti baay’inaan argamu. Afuraffaan ragaa haala rooba xiqqaafi guddaa kan walittiqabu ykn safaruudha. Wiirtuuleen akkasii manneen barnootaafi wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa keessatti argamu.
Haalli qilleensaa daangaa biyyoota addunyaatiin hindaanga’u. Haalli qilleensaa garboota Paasifikii, Hindiifi Atilaantikiirra jiru karaa gaariis gaarii hintaaneen biyya keenyarratti dhiibbaa uumuu danda’a.
Kanaafuu haalli qilleensaa daangaa biyyoota addunyaatiin kan daangeffamu miti. Biyyootni addunyaa haala qilleensaarratti odeeffannoo waljijjiiru. Itoophiyaanis odeeffannoo haala qilleensa biyyattii gara Keenyiyaa, Jeneevaa, Ameerkaafi biyyoota birootiif ni kenniti, ni fudhatti.
Itoophiyaa keessa wiirtuuleen odeeffannoo haala qilleensaa biyyoota addunyaa wajjin akka waljijjiirru taasisan 17tu jiru. Wiiruulee kanneen jalatti dameeleen 11 ni argamu. Dameelee kunneen keessa saatalaayitiiwwan qilleensaa ni jiru.
Bariisaa: Odeeffannoo haala qilleensaa addunyaatiif kafaltii hangamiitu raawwatama? Wiirtuu to’annaa faalama qilleensaa hoo qabaa?
Obbo Faxxanaa: Odeeffannoo haala qilleensa addunyaa saatalaayitcharraa bilisaan argachaa jirra. Odeeffannoon wiirtuulee addunyaa 370 ta’anirraa daqiiqaawwan kudha shan shaniin sarvariirraa fudhanna. Itoophiyaanis odeeffannoo metiworolojii addunyaa keessatti gumaacha guddaa taasisaa jirti.
Ejensichi wiirtuulee faalama qilleensaa sirreessuuf gargaaran naannawaawwan industiriiwwan ittiheddummataniifi magaalota guguddoo tiraafikiin ittibaay’atu Finfinnee, Adaamaafi Hawaasaarraa ni qaba.
Bariisaa: Ejensichi haala kamiin odeeffannoo kenna?
Obbo Faxxanaa: Ejensichi raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi yeroo dheeraa kennaa jira. Raagni haala qilleensaa yeroo gabaabaa sa’aatiirraa kaasee hanga guyyaa sadiitti kan jiruudha.
Odeeffannoon haala qilleensaa giddugaleessaa guyyoota sadii hanga 10tti kan jiru yoo ta’u, kan yeroo dheeraa ammoo ji’a tokkoo hanga ji’oota afuriitti kan kennamuudha. Barana odeeffannoo haala rooba ganna baranaa dursinee kennineera.
Bariisaa: Odeeffannoo maal jedhu kennitan mee?
Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon rooba ganna baranaa ilaalchisuun kennine naannawa kibbaa, gammoojjii Booranaa, Baaleetti hanqinni roobaa waan eegamuuf dursanii of eeggannoo barbaachisu taasisuufi bishaan qusachuu akka qabaataniif qaamolee murtii kennaniifihoggantootaaf kennineerra. Bariisaa: Itoophiyaatti haala raaga haala qilleensaa kennuun yoom jalqabame?
Obbo Faxxanaa: Biyya keenyatti bifa kanaan raaga haala qilleensaa ji’a afur dursanii kennuun kan jalqabame bara 1977 erga ongeen mudatee booda.
Bariisaa: Ejensichi ittifayyadama teknolojiitiinis ta’e tajaajila kennaa jiruun sadarkaa akkamiirratti argama? Akkamittis raaga haala qilleensaa kennitu?
Obbo Faxxanaa: Ejensiin Metiworolojii Biyyaalessaa Itoophiyaa gama ittifayyadama teknolojiitiin Afrikaarraa Afrikaa Kibbaatti aanee sadarkaa lammaffaarratti argama. Biyyoota Awurooppaa, Ameerkaafi Eeshiyaa wajjin yoo dorgomnu garuu waan baay’eetu nu hafa. Biyyoonni Awurooppaafi Chaayinaan saatalaayitii metiworolojiis ni qabu.
Metiworolojii oggaa jennu lafaa keessa meetira sadiirraa eegalee gara samiitti meetira 30 hanga 35 gidduutti kan hojjetuudha. Baalooniin galmeessa ol ka’iinsa qilleensaa yeroo gad lakkifnu hanga meetira 30 erga ol deemee booda ni dho’a.
Baaloonichi hanguma ol fagaachaa deemuun odeeffannoo kompuutara keenyaaf dabarsa. Kun raaga haala qilleensaa kennuu keessatti bu’aa guddaa qaba. Odeeffannoo haala kanaan qindaa’erratti hundaa’uudhaan raaga haala qilleensaa kennina.
Bariisaa: Gumaachi Itoophiyaan raaga haala qilleensaa addunyaa keessatti qabdu akkamitti ibsama? Dameen waajjira meti’orolojii hoo akkamitti gara Finfinneedhufe?
Obbo Faxxanaa: Itoophiyaan Dhaabbata Meti’orolojii addunyaa waan taateef raaga haala qilleensaa addunyaatiif gumaacha guddaa taasisaa jirti. Waajjirri Metiworolojii Addunyaa Damee Afrikaa Jenevaa tures gara ardii Afrikaatti akka deebi’u ta’eera.
Dhaabbatichi duraan Burundii ture. Sababoota adda addaatiin gara Jenevaatti jijjiirame. Dhaabbatichi gara Afrikaatti akka deebi’uuf murtaa’e kana bulchuuf biyyoonni 10 durgamnii Itoophiyaan mo’atte.
Itoophiyaan biyya kolonii biyya alaatiif hinjilgeenfanne, dippilomaasii gaariifi siyaasa addunyaa keessatti gahee guddaa qabduun dorgommicha injifachuu dandeesse. Akkasumas buufatni xiyyaaraa Itoophiyaa biyyoota Afrikaa hunda bira ga’uu waan danda’uufi guddinni metiworolojii biyyattii sadarkaa gaariirra jiraachuunis sababoota biroo biyyattiin dorgommicha akka injifattu taasisaniidha. Mootummaan biyyattiis sektara kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjechaa jiraachuun qabxiilee gurguddoo biyyattiin dorgommicha akka injifattu taasisaniidha.
Waajjirri Metiworolojii Addunyaa Damee Afrikaa barana Finfinneetti hojii isaa jalqabee jira. Anis miseensa koree raawwachiiftuu hojii metiworolojii addunyaa ta’een tajaajilaa jira. Carraan kun metiworolojiin biyyattii gara fuulduraatti akka tarkaanfatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Metiworolojiin biyyaalessaa yeroo ammaa waajjira muummee sadarkaasaa eeggate gamoo abbaa darbii sagalii Finfinnee, naannawa Booleetti ijaarsisaa jira.
Ijaarsi waajjirichaas barana kan jalqabame yoo ta’u, waggaa lama keessatti xumuruuf karoorfamee hojjetamaa jira. Ijaarsi waajjirichaa yeroo xumuramus meeshaalee metiworolojii ammayyaa biyyootni guddatan ittifayyadamaniin kan guutamu ta’a.
Bariisaa: Itoophiyaan odeeffannoo haala qilleensaa addunyaa waliin akkamitti waljijjiirti?
Obbo Faxxanaa: Itoophiyaan odeeffannoo haala qilleensaa sa’aatii sadii sadiin addunyaa wajjin waljijjiirti. Daabbata Metiworolojii addunyaaraas odeeffannoo haala qilleensaa bilisa fudhatti.
Ilniinoon uumamuu akka danda’u odeeffannoo kan kennus dhaabbaticha. Dhaabbatichi odeeffannoo kana kan kennu raaga haala qilleensaa biyyoota Afrikaa, Ameerkaafi Eeshiyaarraa fudhachuudhaani ilnoon uumamuu akka danda’u odeeffannoo kenna.
Bariisaa: Odeeffannoon raaga qilleensaafi roobaa ejensiin keessan kennu akkamitti ummata bira gaha?
Obbo Faxxanaa: Ejensiin keenya akkuman irranatti eeruuf yaale odeeffannoo raaga qilleensaafi roobaa kan yeroo gabaabaa, giddugaleessaafi dheeraa kennaa jira.
Odeeffannoo yeroo gabaabaa karaa miidiyaalee elektironiksiitiin (raadiyoo, televiizhiniifi miidiyaalee hawaasummaatiin) ni kennina. Barreeffamaanis sektaroota odeeffannoo keenyatti fayyadamaniif kennamaa jira.
Odeeffannoon raaga qilleensaafi roobaa yeroo giddugaleessaa ykn kan guyyoota 10 barreeffamaan qaamoleefi sektaroota dhimmichi ilaallatuuf ni dhiyeessina. Odeeffannoon haala qilleensaafi roobaa kun karaa miidiyaalee maxxansaafi caasaalee mootummaatiin hanga dakaatti gad bu’ee hawaasa bira ga’a.
Raaga qilleensaa kanarratti hundaa’uun balaan ongee gara fuulduraatti yoo mudate of eeggannoo gochuuf gargaara. Akkasumas dhiibbaa keessumaa qonnaa/horsiisee bulaa irra gahuu danda’u hambisuuf ni gargaara. Kana malees deggersi dursee walitti qabamuu qabu maal akka ta’e beekanii ittiqophaa’uun kan danda’amu ragaa metiworolojii irratti hundaa’uudhaani karoorfachuun kan danda’amu.
Bariisaa: Odeeffannoon haala qilleensaarratti kennamu keessumaa daandii xiyyaaraatiif faayidaa akkamii qaba?
Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon humna guddaadha. Balaa xiyyaaraa uumumu keessaa %70 ol rakkoo haala qilleensaatiin mudata. Balichi yeroo xiyyaarri lafaa ka’u, balali’uufi qubatu mudachuu mala. Kanaafuu balaliisaan (paayileetiin) tokko odeeffannoo haala qilleensaa beekuu qaba. Odeeffannoo haala qilleensaa hinqabu taanaan balaaf saaxilama.
Balaliisaan tokko xiyyaara olka’iinsa (altiituudii) barbaachisurratti balaliisuu kan danda’u yoo odeeffannoo haala qilleensaa qabaateedha. Kanaafuu xiyyaara balaliisuun dura odeeffannoo haala qilleensaa qabaachuun daran murteessaadha. Kanaaf ammoo gumaachi metiworolojii olaanaadha. Yeroo gannaa garuu haalli qilleensaa tasa jijjiiramuu danda’a.
Ejensii Meti’orolojii Biyyaalessaa, Dhaabbata Buufata Xiyyaaraa, Daandii Qilleensaafi Siivil Aviyeeshiniin daandii xiyyaaraa milkaa’aa taasisuuf qindoominaan hojjechaa jiru. Siivil Aviyeeshiniin akka tiraafiikiitti xiyyaara bu’uufi ka’u to’ata. Odeeffannoo haala qilleensaas ejensicharraa fuudhee balaliistotaaf dabarsa.
Bariisaa: Odeeffannoo ejensichi haala roobaarratti kennu qonnaan bulaafis ta’e sektara fayyaafi tuurizimiif faayidaa akkamii qaba?
Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon haala roobaarratti kennamu keessumaa qonnaan bulaaf faayidaa guddaa qaba. Qonnaan bulaan haala qilleensaarratti odeeffannoo hinqabne bu’aa qabeessa hinta’u.
Qonnaan bulaan omishaafi omishtummaasaa guddisuuf sanyii filatamaa, xaa’oofi teknolojii qonnaatti fayyadamuu akkuma qabu odeeffannoo haala roobaas beekuu qaba. Haalli roobaa hanqina yoo qabaate qonnaan bulaan akaakuuwwan midhaanotaa yeroo gabaabaa keessatti gahan omishuuf akka of qopheessuuf isa gargaara. Sektaroonniifi ogeessotni qonnaas odeeffannoo haala roobaa kana qonnaan bulaa biraan gahuu qabu.
Odeeffannoo ejensichi haala qilleensaarratti kennu qonnaan bulaan midhaansaa rooba jalaa dafee akka sassaabbatuufis ni gargaara. Yoo hanqinni roobaa mudatus dafee akka of qopheessuuf ni gargaara. Walumaagalatti odeeffannoon raaga haala qilleensaa rakkoo guddaa uumamuu malu hi’isuu keessati shoora olaanaa qabaata.
Bariisaa: Raagni haala qilleensaa gama fayyaafi turizimiitiin bu’aalee akkamii qaba?
Obbo Faxxanaa: Odeeffannoon raaga haala qilleensaa dhibeewwan haala qilleensaatiin walqabatanii dhufan ittisuuf gargaara. Fakkeenyaaf dhibee busaafi garaa kaasaa haala qilleensaatiin walqabatee uumama. Kanaafuu ogeessotni fayyaa raaga haala qilleensaa ejensichi kennurratti hundaa’uun bakkeewwan dhibeen busaa itti uumamuu malu adda baasanii of eeggannoo barbaachisu akka taasisaniifi karoora akka baafataniif isaan gargaara.
Tuurizimiin walqabatee biyyoota guddatan keessatti sadarkaa tokkoffaarratti kan ilaalamu haala qilleensa naannawaati. Kunis tuuristoonni uffata yeroo qorraa ykn yeroo ho’aa uffatan adda baafatanii akka deemaniif gargaara. Dhibeewwan haala qilleensaan walqabatanii uumamanirraas dursanii akka of eeggatan taasisa. Kanaafuu haala qilleensaa beekuun sektara fayyaatiifis ta’e turizimiitiif daran barbaachisaadha.
Bariisaa: Haalli rooba baranaa akka waliigalaatti maal fakkaata?
Obbo Faxxanaa: Haalli rooba arfaasaafi ganna baranaa rakkoo kan hinqabne ta’uu dursinee raaga haala qilleensaa tibba arfaasaafi gannaa kenninee turre. Haaluma kanaan tibba gannaa kanatti walakkaan naannoo sabootaafi sablammootaa kibbaa, Oromiyaa kibbaa (Booranaa, Gujiifi Gammoojjii Baalee) akkasumas naannoo Somaalee gara kibbaafi bahaa tibba arfaasaatti rooba guddaa kan argatan ta’uufi tibba gannaa kana ammoo hanqina roobaa kan mudatu ta’uu dursee raagameera. Amajjiirraa teenyee bakkeewwan gara garaatti roobni idileefi idilee olii tibba arfaasaa mudachuu akka danda’us raagnee turre. Haaluma kanaan bakkeewwan adda addaatti bokkaan idilee olii roobuudhaan balaan lolaa qaqqabeera.
Bariisaa: Tilmaamni kun akkamiin kennama?
Obbo Faxxanaa: Tilmaamni metiworolojii yeroo kennamu haalli metiworolojii addunyaas ni ilaalama. Haalli qilleensa Garboota Hindii, Atilaantikii jiruufi haalli ilniinoo addunyaas ni ilaalama. Kanarratti hundaa’uudhaan tilmaamni haala rooba ganna baranaa bakkeewwan rooba gannaa argatanitti idileefi idilileen ol ta’uu akka danda’u raagameera.
Raabni gannaa idilee ol ruubu balaa lolaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf naannawa magaalotaattis ta’e baadiyyaatti of eeggannoon taasifamuu qaba. Keessumaa qonnaan bulaan oyiruunsaa lolaadhaan akka hidhiqamneef qophii barbaachisu gochuu qaba.
Bariisaa: Roobni baranaa gaarii ta’uun hidha guddicha ji’a dhufu bishaan qabachuu eegaluuf maal gumaacha?
Obbo Faxxanaa: Bokkaan ganna baranaa gahaa ta’uun bishaan hidha guddichaa guutamuuf jedhuuf gumaacha guddaa qaba. Haalli rooba ganna baranaa hangi bishaan lageenii akka dabalu taasisuudhaan humni ibsaa akka dabalu taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessattis gumaacha olaanaa waan qabuuf akka carraa gaariitti ittifayyadamuufi balaa lolaa rooba idileedhaan ol roobuun qaqqaburraas of eeggachuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Haalli rooba ganna baranaafi dhaabiinsi biqiltuu maal fakkaata?
Obbo Faxxanaa: Haalli rooba baranaa biqiltuuwwan barana dhaabamaa jiraniifis carraa gaariidha. Biqiltuuwwan yeroo dhaabaman bishaan waan barbaadaniif ganni baranaa biqiltuuwwaniif daran mijataadha.
Barana akkuma roobni arfaasaa xumurameen kan gannaas ittifufeera. Qonnaan bulaanis carraa kanatti fayyadamuudhaan oyiruusaa keessas biqiltuuwwan nyaataaf olaniifi biqiltuuwwan uumamaa dhaabuu qaba. Biqiltuuwwan dhaabuufi kanneen dhaabaman kunuunsuufi eeguun madaala qilleensaa eeguudhaan rooba gara fuulduraa murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hojiin biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun gahee nama hundaa ta’uu qaba.
Biqiltuuwwan dhaabaman eeguufi kunuunsuun aara gubataa warshaalee keessaa ba’an ofitti fudhachuun qilleensa haaraa ykn oksijiinii waan kennuuf fayyaa keenyaafis gaariidha. Hojiin biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu dhaloota ittaanuufis galaa kaa’anii darbuu waan ta’eef xiyyeeffannaa guddaa argachuu qaba.
Bariisaa: Saatalaayitiin Itoophiyaan barana gara hawaatti furguggeessiterraa ejensichi odeeffannoo akkamii argachuu danda’a?
Obbo Faxxanaa: Saatalaayitii Itoophiyaan barana gara hawaatti ergite ejensichaaf galtee kennu qaba. Saatalaayitichrraa odeeffannoo haala qonnaa, bakka ittargama lafa magariisaa, naannawa bishaaniifi duumessi itti argamu irraa argachuu dandeenya.
Saatalaayichi waan hedduudhaan sektaroota gargaaruu danda’a. Saatalaayitichi haalli qilleensaa jiru qonnarratti dhiibbaa akkamii qaba kan jedhu madaaluufi lafa magaalaa safaruufis ni gargaara. Gara fuulduraatti ammoo saatalaayitii metiworolojikaal jedhamu gadlakkisuuf karoora yeroo dheeraa qabannee hojjechaa jirra.
Saatalaayitiin kun ejensichaaf odeeffannoo guutuu kennuu danda’a. Mootummaanis barbaachisummaa haala qilleensaa sirriitti hubatee irratti hojjechaa jira.
Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa ykn ergaa yoo qabaattan?
Obbo Faxxanaa: Haalli qilleensaa yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa waan jiruuf ragaan metiworolojii daran barbaachisaadha. Kanaafuu sektaroonni odeeffannoo ejensiin metiworolojiitti kennurratti hundaa’uun hojiisaanii geggeessuufi karoorfachuu qabu.
Qonnaan bulaanis akkuma omishaafi omishtummaasaa guddisuuf sanyii filatamaafi xaa’oo barbaadu, odeeffannoon haala qilleensaas dhimma murteessaa ta’uu hubatee ittifayyadamuu qaba.
Natsaannat Taaddasaatiin
2 Comments to ““Itoophiyaa ittifayyadama teknolojiitii metiworolojiitiin Afrikaarraa sadarkaa lammaffaarratti argamti””