Dur dur qaalluu guddaa itti sagadantu ture jedhama, biitti hundi gamaa gamanaa walitti dhufee ittisagadaa ture, qaalluu kana jala cabaan hedduu hundaa’eera.
Cabaa jechuun dameelee (caasaalee dabalataa) qaalluu guddaa sana jala jiran jechuudha.
Dameeleen qaalluu guddaa kunis mana sagadaa dhuunfaasaanii hanga sadarkaa gandaatti ijaarrachuun sagadaa ykn hordoftoota gara garaa horachaa turaniiru.
Kun ta’us tajaajila amantoonni kunniin barbaadaniifi cabaaleen qaalluu guddaan kun kennan walsimataa ta’uu dhabuusaatiin diddaan kan godoo ijaarrate hundatti hinsagannu jedhu dhalate.
Qalluuwwan godoo ijaarratan xixiqqaan kunneen faaydaa dhuunfaasaanii qaxxaamuraan argachuuf yoo ta’een ala tajaajila si’ataafi simataa hordoftoonni barbaadan laachuu keessatti gahumsa kan qabu hinturre.
Kanarraa kan ka’e hawaasni kan isa fayyaduufi hinfayyadne adda baafadhu malee hinsagadu jedhee geeraraa ture.
Dhimmi kun maaf ka’e jechuun hinoolu, hudhaan Oromoo har’aas kanuma fakkaata.
Oromoon jaarraa tokkoofi walakkaa oliif fayyadamummaasaa mirkaneessuuf qabsoo hadhaa’aa gara garaa taasisaa har’a gaheera, qabsoon finiinaa ittifufa malee hanga maniisaa tuqutti hindhumatu.
Qabsoo hadhaa’aa inni gaggeessaa tureefi har’as itti jiru walqixxummaan, dimokraasiin, mirgi abbaa biyyummaasaa akka kabajamuufi.
Kanaan dura hudhaaleen kunneen xiyyeeffannoo dhabuusaaniin harqoota gabrummaa boquu Oromoorratti fe’amee tureen qabeenyi, qe’een, eenyummaansaa ukkaamfamaa tureera.
Sirna gabroomfataa akkasii kana hundeedhaa buqqisuuf dadhabe osoo hinjedhiin qabsoofi wareegama hadhaa’aa gaggeessaa kan ture yoo ta’u, kaleessarra har’a wayya sadarkaa jedhurra gaheera.
Kaleessarra har’a wayya jecha jedhu kana keessas hanqina jiru furuun qorqalbii Oromoo dhiibbaa sirnootaan jaamfamaa ture bakkatti deebisuuf dhaloonni haaraan kutannoon socho’aa jiran kumaatama.
Warreen Oromoof natu beeka jedhan ajandaawwan siyaasaa gara garaa qabatanii warraaqsa adda addaa taasisaa kan jiran ta’us tajaajila siyaasaa dinagdee, hawaasummaa Oromoon barbaadu gadi fageenyaan beekuu laata? isa jedhu yoo ilaalle gaaffiidha.
Paartiileen kunneen mootummaa aangoorra jiru dabalatee ajandaalee gara garaa qabachuun Oromoo siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaan jijjiirra jechaa warraaqsa gaggeessaa turaniiru har’as ittuma jiru.
Yaanni kun akkuma akkeessaa qaalluu guddaa hundi godoo ijaarratee faguu jalqabee sagadaan garatti citu dhabee rakkate sanaa Oromootti rakkoo ta’aa jiru.
Oromoon paartii ololaan isa sobaa jiraatu osoo hintaane fedhiisaa kan eeguuf barbaada.
Kaleessas har’as ta’e boru Oromoo gara qabsoo diddaatti kan oofu maali jennee yoo ilaalle kan ummatichi barbaadu dhiisanii kan ofii barbaadan ittife’uuf yaaluudha.
Yeroo ammaa isa barate mitiitii inni barnoota hinqabnellee waa’ee siyaasa dhokataa kamuu miciriqsee kan beeku waan ta’eef fedhii ummatichaa adda baasaa deemuun barbaachisaadha.
Oromoon qabsoof jecha yeroorraa yerootti aarsaa qaalii lubbuu kaffalaa deemuun sirrii waan hintaaneef paartiileen maqaa Oromootiin socho’an kan aangoorra jiru dabalatee jaalala lammiisaaniif dhaabannaan garaagarummaasaanii dhiphisuun barbaachisaadha.
Kana mlees Oromoof natu beeka, natu caalaatti hojjeta kan jedhummoo filannoo haqaa gaggeeffamuun erga injifatee waadaa gale milkeessuu kan qabu yoo ta’u, waljifannaa paartiilee gidduutti mudatuun faayidaan ummatichaa miidhamuu hinqabu.
Yeroo ammaatti waldhabiinsa paartiilee morkatoofi mootummaa gidduutti mudachaa jiruun wareegamni lammiilee kaleessaa dagatamaa jira, nageenyi dheebotamaa jira, lubbuun ba’aa jira. Walamantaan dhibaa jira.
Mootummaan paartii morkataa, paartii morkataan mootummaa himachaa jira. Kunimmoo Oromoo dadhabsiisaa jira.
Mootummaan aangoo waan qabateef waan fedhe hojjedha jedhee faallaa fedhii ummataa deemuun fagoo isa hintarkaanfachiisu.
Paartiileen morkattootaas ga’umsa siyaasaatiin caalee argamuu osoo qabuu karaa qaxxaamuraatiin aangoo qabachuuf sochiin taasifamu eenyuunuu deeggarsa hinqabaatu.
Inni guddaan aadaa dimokraasii gabbisuu, filannoo haqa qabeessa gaggeessuun kan injifatame bokkuu buclhiinsaa dabarsuun Oromiyaa ykn biyya misoomte ijaaruuf kaachuun furmaata qofagaleessa.
Yeroo ammaatti rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessatti mudachaa jiruuf mootummaan morkattoota morkattoonnimmoo mootummaa komachaa jiru. Aministii Intarnaashinaal ibsa gama kanaan baaseen mootummaa aangoorra jiru komateera.
Mootumman aangoorra jirummoo ibsa yeroowwan gara garaa dhimma kanarratti baaseen gabaasichi na hinibsu jechaa jira.
Kana malees qindeessitoonni gabaasichaa paartiilee morkattootaati komii jedhu kaasaa kan jiru yoo ta’u, waldhabdee gidduu kanatti mudachaa jiruun ammas Oromoon dhiigaa, hiraarfamaa, abbaa dhabaa akka turu taasifamaa jira.
Rakkoo mana ofii keessatti mudachaa jiruuf alagaa gaafachuun hiika waan hinqabneef walitti deebi’anii garaagarummaa yaadaa mariin furaa deemuun barbaachisaadha.
Dhumaatii kaleessa Oromoorra qaqqabaa ture, hiraarsaa mana hidhaa, ajjeechaa suukanneessaa, qaama hir’achaa tureef sirna ADWU komachaa turameera.
Har’a biiftuun dimokraasii bahaa jirti, Oromoon faayidaasaa kabachiifachaa jira, walqixxummaan sabaa mirkanaa’aa, nageenyi amansiisaan ni dhufa jedhamee yeroo imalli eegalamuttimmoo ammas ajjeechaan, hiraarsi ittifufuun maaliifi, laata?
Ummanni Oromoo qaama isaaf hojjetu haqasaa deebisu, mirgasaa kabachiisu olaantummaa seeraafi heeraa eegsisuuf malee akka kaleessaa kan isa dhiigsu hinbarbaadu.
Kun ta’us hunduu godoo sagadaa ijaarratee ummatichaan anaaf sagadi, natu siif farada jechaa dhiittaa mirgaa irraan gahuun, ajjeesuun, hiraarsuun dogoggora sirrachuu maluudha. Ummata kana ajjeechaanis ta’e hiraarsaan fixuu ykn qabsoosaa dhaabsisuu hindandahu.
Har’a Oromoof “Abjuun isa ani ykn ollaan jedhu sii wayya” jedhu hinliqimfamu. Kanaaf paartiileen faayidaa dhuunfaa keessaniif jettanii ummata kana hiraarsaafi hiyyuma gadheef saaxilaa jirtan of ilaaluu qabdu.
Imaanaa ummata harkaa fuutan dhoksuun kan warra biraa Oromoorratti fe’uuf yaaluun, kan Oromoof yaadan fakkeessanii sirna saamtuufi hattuu ijaaruuf adeemsi taasifamu yoo jiraate kunis eessaanuu nama hingahu.
Waldhabdee paartiilee maqaa Oromootiin socho’an gidduutti mudatuun harka galchee sirna gabroomfataa kaleessaa deebisuuf kan kaatu kumaatama. Jilli maqaa tokkummaa Itoophiyaatiin sirna hirkattummaa Fiwudaalizmii durii deebisuuf kaatus hedduudha.
Maqaa tokkummaafi jaalala biyyaatiin kaleessaafi dheengadda Oromoo saamaa saamsisaa, qe’eefi qabeenyasaarraa buqqisaa, eenyummaa sabichaa awwaalaa turaniiru.
Hara’s qaawwa paartiilee Oromoo gidduutti uumamuun harka galfachuun harcaatota ilaalcha goobanummaa keessa jiraniin Oromiyaa diiguuf shira xaxuun Oromoo jilbeeffachiisuuf duulatti jiru. Isa kanas dammaqanii ofirraa qolachuun barbaachisaadha.
Yeroo obbolaan wallolu kara deemaan dhufee isa kanatu sirriidha, dhugaa qaba jedhu maal kajeeleeti jedhanii irratti dammaquu barbaachisa.
Piroofeeser Mararaa Guddinaa yeroo tokko dubbii dubbatan keessatti, “Ormi gaafa sijeju, harka sii rukutu gammaduu dura dogoggora boru saba kee biratti sikomachiisu akka dubbatte barii dhaabadhuu of ilaali” jedhan.
Yaada kana gaafa ilaallu sirriidha. Ya marqaa si afuufuun silqimsuufi akkuma jedhamu gaafa ormi hamilee namaa kennu, namaaf kolfu, harka namaa rukutu of eeggannoo godhachuun barbaachisaadha.
Hojii gaariin namni harka namaa rukuteef kan mul’atu osoo hintaane hojii qabatamaa lafarratti mul’atuufi ofii dhugaa bahuudha.
Akkuma kan abbaarra beeku budaadha jedhamu ummanni Oromoo kan isaaf ta’u, isaaf malu, fala siyaasaa isa tarkaanfachiisu bareechee waan beekuuf kan inni fedhe malee kan ormi fedhe fidanii ittife’uuf yaaluun fe’amuu fida.
Ummatni kun kaleessa sirna saamtuutiin har’a ammoo wayita sirna waljifatuufi koronaadhaan gaaga’amaa jirutti ajjeechaan, hidhaan, hiraarsi walwalitti qabatamee uumamaa jiru nama qaanessa, gaddisiisas.
Saba guddaa sirna dimokraatawaa, Gadaadhaan guddate kana maqaa hinmalle ittimoggaasuun dirree misooma magariisaaf mijataa ta’e osoo qabuu dachee jeequmsi irraa maddu taasisuun dhalootaan abaaramaa hafuuf nama saaxila.
Oromoon galaana jedhama. Eeyyee galaanarra kan caaluudha yoo jedhames ittixiqqaata.
Ta’us miira faayidaa dhuunfaa namoota muraasaatiif jecha galaanummaansaa hafee cittuu (haroo) akka ta’uuf kanneen wixxirfatan tokko lama miti.
Egaa warri dhiibbaa ormaatiin harqota gabrummaa Oromootti deebisuuf burjaaja’ummaan fiigaa jirtanis dammaqaa, sabni keessan maalittiifi eessa akka jiru ilaalaa, gaaffii Oromoon ittiwareegamaa ture meeqansaaniitu deebi’e jedhu ilaalaa.
Ummatichi maal barbaada isa jedhu gadi bu’aa adda baasaa, milkeessuuf qofa osoo hintaane waliin hiriiraa, Oromummaan hojiin malee afaan fajeessaan kan argamu miti.
Osoo maluu ilmaan haadha tokkoo ilaalchawwan gara garaa baatanii deemaniin golli Oromiyaa boora’uufi jeeqamuun maal jedhama?
Yaanni kun akkuma ilmi abbaan dhalche kan abbaa dhaaluufi caalu malee kan abbaa dhaanu ta’uu hinqabu isa jedhu nama yaadachiisa.
Ilmi abbaatti bahuu dhabee kara deemaadhaan dhaanamaafi dhaalamaa deemuunsaa kan isa aarse abbaan ykn deebisanii of hindhalchan. Takkaanimmoo horii miti gurguranii hingeeddaranii yaa Rabbi kana maal godhu atumti qalbii itti naaf hori jedhe sanaati.
Egaa mootummaanis ta’e morkattoonni Oromoof natu beeka jechaa jirtan kan ofii feetaniifi ormi kana isinii wayya jedhe dhiisaatii kan Oromoon fedhu hojjechuuf kan inni jibbu irraa fagaachuun dirqama keessani.
Ta’uu baannaan akkuma kaleessaa afaan faajjessaa sobaan harqoota gabrummaa sirni Fiwudaalizmii barootaaf boquu sabootaafi sablammiileerratti fe’aa ture Oromootti deebisuuf yaaliin jiru ammuma maseenuu qaba.
Walumaagalatti Oromoon paartii dhugaafi haqasaa eegsisuuf dhaabate kan qubasaatiin filateefi faayidaasaa eegsisuuf qofa kan barbaadu waan ta’eef godoo sagal ijaartanii natu sii farada, natu sii beeka jechaa warri ummaticha burjaajessuuf yaaltan deebi’aa.
Egaa jaarraa 21fa kana keessa ilma abbaa dhaalu, kan abbaas caalu, malee kan abbaa dhaanu ta’anii argamuun ilaalcha goobantummaa kittaanamuu qabuudha.
Gadaan dimokraasiifi misoomaa ummata Oromoof.
Waasihun Takileetiin
10 Comments to “Eenyuuf sagannu laata?”