Waa’ee guddinaafi
qulqullina aartii Oromoo
Aartiin ogummaadha,
mim’eessituu taphaati, ichima jaalalaati, si’eessituu, qeeqxuu, jajjuu miidhaginaati.
Faarsituu gootaa, qeeqxuu quuqqaafi aarii, qoorsituu madaa onnee habalakaan
ergaa dabarsituudha.
Gaddaafi gammachuu
ibsuu, xiiqii qabsiisuu keessattis ergaafi haala jiru karaa miidhagaafi hawataa
ta’een dabarsuun meeshaa waraanaa du’atti lubbuu hortu, fayyaa ajjeestu, lugna
onnachiistuudha.
Saboonniifi
sablammiileen Itoophiyaa 80 ol aartii kanaan daran duroomoo ta’anis dhiibbaa
sirni gabroomfataa farra federaalizmii irraan gahaa tureen hedduun addunyaarraa
dhabamsiifamaniiru.
Itoophiyaa keessatti
ijaarsa mootummaa tokkee bara moototaa, fiwudaalizmii hanga Dargiitti tureen
guddinni aartii sabootaafi sablammiilee ukkaamamee aadaafi aartiin saba tokkoo olaantummaafi
beekamtii akka argatu godhamaa tureera.
Turistoonni yeroo biyya
alaarraa gara Itoophiyaa dhufan sirbi aadaa Itoophiyaa ‘Iskistaa’ qofa akka ta’e
godhamee agarsiifamaa ture.
Uffanni aadaallee daran
hedduu osoo jiruu calaqqee saba tokkoo qofa gadi baasanii agarsiisuun qorqalbii
sabootaafi sablammiilee biyyattii 80 ol jaamsuun kan saba tokkoo agarsiistuu
Itoophiyaa godhanii ilaaluunis ture, har’as yaaliin akkanaa jira.
Sirna ukkaamsaa aadaa akkasii
Rabbi lamuu as hindeebisiinitii ilaalchi doofummaa sun diigamee har’a biiftuun
aartii dhokate gadi baasee agarsiisu calaqqiseera. Sabaafi sablammiin
Itoophiyaa aartii muuziqaadhaan badhaadheen aariisaa cabsachaa, gaddaafi
gammachuu ittiin ibsachaa faaya aartii muuziqaasaa mul’isaa jira.
Waa’een aartii sabaatoofi
sablammiilee Itoophiyaaf seenaansaa yoo ka’e galaanarraa bishaan fal’aanaan
waraabuu waan ta’eef kan Oromoo qofa ilaalla. Aartiin Oromoo siyaasa, dinagdeefi
hawaasummaa sabichaa jijjiiruu keessatti shoora guddaa taphateera.
Keessumaa sirna farra
sabichaa ta’eef diddaa agarsiisuufi furmaata kaa’uuf alkallattiin (habalakaan)
ergaa dabarsaa dargaggoota kakaasaa jijjiirama hara’a mul’ate kanaaf karaa saaqaniiru.
Artistoonni Oromoo
warraaqsa siyaasaa gaggeeffamu si’eessuun humnaafi utubaa ta’aa kan turan yoo
ta’u, aarsaa qaalii lubbuu kan kaffalanis akka jiran seenaatu ragaa baha.
Haata’uutii guddinni
aartii Oromoo maalirra jira isa jedhuuf Giddugala Aadaa Oromootti Daarektara
Indastirii Aadaafi Aartii Oromoo Obbo Mootummaa Asaffaa kan dubbisne yoo ta’u,
isaanis Aartiin Oromoo 1983 dura ukkaamsaa keessa turuu eeran.
Bara eerame dura Afaan
Oromoon sirbuu mitiitii dubbachuunuu yakka ta’aa turuu eeranii, wayita sanatti
ergaan aartii Oromootiin darbaa ture rasaasa dukkana keessaa dhohu ykn dhuka’uudha
jedhu.
Qeeqaafi quuqqaa
sabichaa mi’eessanii, si’eessanii, fakkeessanii hawaasa biraan gahuu keessatti
dhoksaan hojjetamus salphaatti lammiilee bira qaqqabuun sabboonummaa labsuun
danda’amuus ni dubbatu.
Ogummichi akka
hinguddanneef ukkaamsaan sirna Abbaa Irreetiin irra gahaa turuu kan
yaadachiisan daarektarichi, qabsoo cimaa namoota jaalala aartii qabaniin
taasifamaa tureen hojiileen muuziqaafi barreeffamaa babal’achuu ibsan.
Keessumaa aartii
barreffamaatiin kanneen akka Onesmos Nasiib, Aster Gannoo, Sheek Bakrii
Saphaloofi Luba Dafaa Jamoofaa kanee muraasadha.
Isaan kun qeeqaafi
quuqqaa lammiileesaaniif qaban biyya hambaa taa’anii karaa ogbarruu
barreeffamaa waraqaarra qubachiisaa hawaasichi akka dammaqu taasisaa turaniiru.
Artistoonni biyyaa
sirna ukkaamsaa kana keessa taa’uun hojiilee miiziqaa ciccimoo hojjetan kanneen
akka Alii Birraa, Ilfinash Qannoo, Abbitawu Kabbadeefaa adda durummaan eeramu.
Kana malees artistoonni
guddina aartii Oromootiif carraaqqii olaanaa taasisaa turan hedduun aarsaa
hanga wareegama lubbuu gaafatu kaffalaniiru.
Akka ibsa Obbo
Mootummaatti, jaalalli aartii wareegama qaalii kan kaffalchiisuufi jaalalaan
kan hojjetamu ta’uusaa aarsaa kanfalamaa agarsiistuudha.
Yeroo ammaatti guddinni
aartii Oromoo lakkoofsaan dabaluun haala gaariirra jiraachuus ibsanii, irra jireessaan barnoota ammayyaatiin
deeggaramuu dhabuunsaa hanqina qulqullinaa agarsiiseera.
Aartiin dhalootatti
darbaa jiru kun aadaa jiru osoo hingadhiisiin, ammayyummaarraas osoo
hinfagaatiin qulqullinaan jabaatee akka dhaabatuuf tokkummaan artistoota gidduu
jiru fooyya’uu qaba.
Artistoonni waldaadhaan
ijaaramanii akka socho’aniif yaalamus kanneen ijaaramanii wajjummaan hojjechaa
jiran muraasa ta’uu kaasu.
Akka Obbo Moottummaan
jedhanitti Oromiyaan bal’oo ta’uusheetiin walqabatee aartiin sabichaa akka
galaanaa gadi fagoo waan ta’eef qofaa keessa lufuun waan dandahamu miti.
Kanaaf gumaacha waldaadhaan
ijaaramuun qabdurratti walii galanii kan hojjetaa jiran fiilmiifi tiyaatira, fakkii,
waldaa piromoshiniifi komediyaanota qofatu karaa qabatee jira.
Weellistoonniifi shubbistoonni
waldaadhaan walitti hidhamanii wajjummaan tarkaanfachuurratti ammallee hudhaa
guddaa akka jiru daariktarichi eeranii, kunimmoo guddinni aartii akka hinfooyyofneefi
rakkoon qulqullinaa akka heddummaatu taasisaa jiraachuu ibsan.
Hedduunsaanii
qindoomina kana keessaa bahanii faffaca’anii hojjetaa akka jiran Obbo
Mootummaan himanii, adeemsi akkanaa ammoo muuxannoo akka walhinjijjiirreefi
gahumsa hinhoranneef sababa ta’aa jira jedhan.
Artiin Oromoo warraaqsa
siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa lammiilee tuttuquun ergaa barbaachisu dabarsaa turuufi har’as akka itti jiru Obbo Mootummaan
ibsanii, artistoonni waldaan ijaaramanii gahumsaafi fayyadamummaasaanii akka
mirkaneeffataniif sochiin taasifamaa jiru olaanaadha jedhan.
Waldaa tokko keessatti hanga
miseensota 1000 ol horachuun akka danda’amullee ibsanii, damee aartii Oromoo
kallattii hundaan cimsuuf hojiitti seenamuu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti
artistoonni damee weelluufi shubbisaa keessa jiran hedduun ogummaadhaan
waldeeggaranii, waliif bareechuu, beekumsaan walutubuufi miira tokkummaan
socho’uurratti hanqinaan kan guutamaniidha. Kun ta’us gama mootummaatiin miira
walirraa faffaca’uu kana maqsuun artistoota gahumsa qaban horachuuf tattaaffiin
taasifamaa jiru olaanaadha.
Aartii lakkoofsaan
baay’atee hanqina qulqullinaa qabu karaa qabsiisuufis akka naannootti manni barumsaa
gahumsi aartii itti horatamu ijaaramaa jiraachuu daarektarichi himaniiru.
Akka ibsasaaniitti hojiin
aartii kanaan dura beekumsaafi barnootarratti hundaa’ee kennamaa hinturre. Hanqina kana furuufis sochiin gama Biiroo Aadaafi
Tuurizmii Oromiyaatiin taasifamaa jiru jajjabeessaadha.
Egaa guddinni aartii
Oromoo hudhaa qulqullinaa keessaa akka bahuuf kennaa aartii ganamuma uumamaan
namaa kenname barnootaan gabbisaa deemuun murteessaafi isa ijoodha.
Gama kanaan biirichi sagantaalee
leenjiiwwan gaggabaaboo qopheessuun ijaarsa dandeettii gara garaa kennaa turuu yaadachiisanii,
ammaan booda garuu mana barumsaa ijaaramaa jirutti fayyadamuun bilchinni aartii
daran akka dabaluuf hojjetama ni jedhan.
Manni barumsaa aartii Finfinneetti
ijaaramaa kun saffisaan xumuramee hojiitti akka seenuuf hordoffiin taasifmaa
jiraachuus ibsaniiru.
Aartiiwwan gara garaa
hojjetamaa jiraniin takkaan aadaa sana
ammayyaatiin dabaalanii miidhagasaa deemuu takkaanimmoo akkuma jirutti dabarsuu
keessatti yaanniwwan lamaanuu calaqqisaa jiraachuu Obbo Mootummaan eeranii,
hunduu of eeggannoon deeggaramee yoo deeme bu’aa buusa jedhu.
Artistoonni hangafoonni
barnoota ammayyaa malee dandeettii uumamaan argatanitti fayyadamuun sirnoota
dukkanaa’oo sana keessa aartii sabichaa guddisaafi dagaagsaa turuu ibsaniiru.
Artistoonni har’aas
mirga aadaa ofii guddisuu argatanitti fayyadamuun dandeettii uumamaan horatan barnootaan
deeggaraa deemuun of ijaaruu qabu kan jedhan Obbo Mootummaan, kanaafis miirri
tokkummaa jiraachuun dirqama ta’uu himan.
Hayyoonni damichaas
sochii artistoonni taasisaa jiran ilaaluun hanqina mul’atu qeeqaa, cimina
jiruuf tumsa gochaa deemuun dirqama lammummaa ta’uu eeraniiru.
Walumaagalatti aartiin
rasaasa siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa waan ta’eef dandeettii uumamaan namaa
kennameen cinatti barnoota ammayyaatiin deeggaramaa deemuun barbaachisaadha.
Waasihun Takileetiin
4 Comments to “Waa’ee guddinaafi qulqullina aartii Oromoo”