Komishininii ispoortii Finfinneefi xiyyeeffannaasaa

Koviid-19 yeroo jalqabaatiif  biyya keenyatti edda muldhate guyyoota 78 lakkoofsiseera. Guyyoota kanneen keessatti namoota kuma 96 oliif qorannoon godhameera. Isaan keessaa 831 vaayirasichaan qabamaniiru. Namoonni torba ammoo lubbuunsaanii darbeera.

Weerara kana ittisuuf mootummaan tarkaanfii fudhateen manneen barnootaa cufamaniiru. Manneen hojii mootummaas hojjettoonnisaanii dabareedhaan akka hojjetan taasifameera.

Komishiniin Ispoortii Federaalaas ta’u kan bulchiinsota magaalaafi naannolee sochiiwwan ispoortii dhaabuudhaan kilaboonni taphatootasaanii manatti dachaasaniiru. Atileetonnis dorgommiiwwan biyyoolessaa hafuusaatti dhuunfaadhaan malee gareedhaan shaakala dhaabaniiru.

Hojjetoonni komishinootaa, leenjistoonni, murtee kennitoonniifi oggantoonni federeeshinootaa sochii dhaabuudhaan alaala dhaabatanii waan dhufu dhaggeeffachaa jiru.

Haata’u malee Komishiniin Ispoortii Finfinnees weerara koviid-19 ittisuuf maatii ispoortiifi dhimmamtoota waltaasisuudhaan hojii cimaa hojjechaa jiraachuun beekameera.

Komishinarri ispoortii magaalattii Obbo Daawit Tirfuu Kibxata darbe wayita gabaasa komishinichaa ji’aa saglaffaa bara 2012 dhiheessan akka ibsanitti, rakkinni kun osoo hinmuldhatin dura karoorri bahus hanga danda’ametti hojjetamuu addeessaniiru.

Sagantaa baheen hojiin ispoortii gareedhaan gaggeeffamuu baatus hawaasni bakkuma jirutti, keessumaa warreen manneen wajjin jireenyaatiif sagantaan bahee sochiin qaamaa taasifamaa jiraachuu muldhisaniiru.

Abbootii qabeenyaa waltaasisuudhaan koronaa ittisuuf jecha kutaalee hawaasa daandiirra jiraataniif gargaarsi meeshaalee qulqullinaa, alkooliifi saanitaayizarii, saamunaan, zayitiifi paastaa hiruusaa muldhisaniiru.

Akkasumas kutaalee magaalaa Aqaaqii, Boolee, Qirqoos, Yakkaa, Gullalleefi Addis Katamaatti iddoowwan oolmaa ispoortii ijaarsisaanii jalqabame hatattamaan akka xumuramaniif  qajeelfamni kennamuu ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Recommended For You

4 Comments to “Komishininii ispoortii Finfinneefi xiyyeeffannaasaa”

  1. Pingback: burnout

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *