Kilaastaraan qotuun faayidaa maalii qaba?

Godinaalee Oromiyaa omisha qamadiifi garbuutiin daran beekaman keessaa tokko Godina Arsiiti. Haalli teessuma lafa qonnaa godinichaas qonnaan bultoonni gurmaa’anii kilaastaraan akka omishaniifi makaanaayizeeshinii qonnaa akka fayyadamaniif mijataadha.

Makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuudhaan kilaastaraan qotuun ammoo omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee guddaa qaba. Gareen gaazxeessitootaas Wiixata darbe hojiilee kilaastariifi makaanaayizeeshinii qonnaa aanaalee Doddotaafi Heexosaatti hojjetamaa jiran daaw’ateera. 

Bulchaa ittaanaan godinichaa Obbo Taakkalee Tolasaaakka jedhanitti, godinichatti qonna ganna baranaatiin  lafti heektaarri kuma 583 kan qotamu yoo ta’u, kana keessaa lafti heektaara kuma 425 ol makaanaayizeeshinii qonnaatiif mijataadha.

Hanqina makaanaayizeeshinii rraa kan ka’e lafa heektaara kuma 225 qofa makaanaayizeeshiniidhaan kan qotame. Tiraakteroota 225fi kombaayinaroota 85 akka godinichatti jiran irratti tiraakterootni 76fi kombaayinarootni 70 barana qonnaan bultoota adda duree gara invesimantiitti ce’aniif akka dhiyaatu ta’eera jedhu.

Barana akka godinichaatti kilaastara kuma 11fi 143 hojjechuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti kilaasterri qamadiifi garbuu kuma saddeetiifi 200 hojjetameera. Kilaastaraan omishuufi makaanaayizeeshinii qonnaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.  

Obbo Darrasaa Xilahuun Godina Arsii, Aanaa Heexosaatti qonnaan bulaa ganda Guchii Habee Baddoosaati. Akka isaan jedhanitti, lafa isaanii si’a lammaffaa qotuun sanyii barana faca’uuf qopheessaa jiru. Bokkaanis barana yeroosaa eeggatee haala gaariin roobaa jira. waggoota shanan darbanii asi tiraaktariidhaan qotaa jiru.

Yeroo ammaa dhuufaasaaniitti tiraaktara tokko qabu.  Duraan yeroo sangaadhaan qotaa turan lafa heektaara tokko irraa qamadii kuntaala 15 hanga 20tti argachaa akka turaniifi erga tiraaktariidhaan qotuu jalqabanii ammoo lafa heektaara tokko irraa qamadii kuntaala 40 hanga 50tti argachaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaas qonnaan bultoota gurmaa’anii kilaastaraan omishaa jiraniif sanyii filatamaa, guddistuu callaafi qorichoota farra ilbeesotaafi aramaa kan dhiyeessuuf ta’uu himanii, ogeessonni misooma qonnaas deggersaafi gorsa barbaachisu isaaniif kennaa jiru. Hoomaan awaannisaa yoo mudate omisha keenya guyyaa tokkotti balleessuu waan danda’uuf mootummaan ittisaafi to’annoorratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu gaafataniiru.

Aadde Abarraash Xilaahuunis aanichatti qannaan bultuu gandichaati. Lafa dhuunfaafi kontoraata fuudhan heektaara 12 tiraakteraan qochisiisanii sanyiif qopheessaa jiru. Qonnaan bultoota naannawaa isaanii waliin ta’uudhaan gurmaa’anii lafa heektaara 206 tiraakteraan qochisiisanii sanyii facaasuuf qopheessaa kan jiran ta’uu himanii, hanga ammaatti garuu sanyii filatamaafi guddistuun callaa nuuf hindhiyaanne.  Bara darbe ammoo lafa heektaara 80 irratti miseensota dhiiraa 56fi dubartootaa 9n gurmaa’anii hojjechaa kan turan yoo ta’u, barnana miseensi isaanii  dhiirota 154fi dubartoota 12n gurmaa’anii hojjechaa kan jiran ta’uu himaniiru.

Godinichatti Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aaanaa Doddotaa Obbo Qaasim Kadir akka jedhanitti, waggoota darban hojiin kilaastaraan qotuu bifa bittinnaa’een geggeeffamaa ture. Waggoota sadan darbanii as garuu qonnaan bultoota keenya leenjisuudhaan faayidaa kilaastaraan qotuun qabu hubachiisneera. Haaluma kanaan barana akka aanichaatti lafa heektaara 900 kilaasteraan qotuuf karoorfannee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, hanga amaatti lafti heektaarri 600 kilaasteraan qotameera jedhu.

Kilaasteraan hojii qonnaa adeemsisuun bu’aa guddaa qaba. Qonnaan bultuun lafa qonnaa walitti aanu qaban gurmaa’anii kilaasteraan wayita hojjetan lafti yeroo walfakkaatu qotama. Sanyii, xaa’oo, farra ilbiisotaafi aramaa akkasumas teknolojii qonnaa walfakkaatu waan fayyadamaniif omisha walfakkaataa argatu.

Midhaanis yeroo walfakkaatu faca’ee yeroo walfakkaatu sassaabama. Akkasumas qonnaan bultoonni lafa heektaara tokko irraa omisha walfakkaataa akka argatan taasisuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti qooda guddaa kan qabu ta’uu himu.  

Galteen qonnaas duree kan kennamu qonnaan bultoota kilaasteraan omishaniif ta’uu kan himan Obbo Qaasim, qonnaan bultoonni kilaasteraan omishan yeroo ammaa galeewwan qonnaa harka galfataniiru. Lafa sanyii facaasanis tiraaktaraan qotanii qopheessaa jiru. Yeroo ammaa qonnaan bultoonni aanichaa hedduun faayidaa kilaasteraan hojjechuun qabu hubatanii gurmaa’aafi nu biratti galmaa’uuf gaaffii dhiyeeffachaa jiru. Qonnaan bulaan aanichaa kilaasteraan hojjechuuf fedhii guddaa agarsiisaa jiraachuus eeraniiru. 

Dhiyeessi sanyii filatamaafi xaa’oo baranaa kan wagoota darbanii waliin walbira qabnee yeroo ilaalu fooyya’aa ta’us  akkaataa karoora keenyaatti nuu hidhiyaane kan jedhan Obbo Qaasim, qonnaan bulaanis sanyii filatamaafi xaa’oo kana argachuuf gaaffii dhiyeessaa jira. Fedhiifi dhiyeessi galteewwan qonnaa garuu kan walsimaa hinjirre ta’uu himaniiru.

Kanaan dura hoomaan awaannisaa yeroo lama aanichatti mudatee ture. Yeroo sana buuphaa buusee waan deemeef buuphaan sun cabee awaannisa ta’uu danda’a sodaa jedhu qabna.  Qonnaan bulaan keenya  omishaafi omishtummaa qonna guddisuudhaan qamadii biyya alaatii bitamee gala jiru hanbisuuf vaayirasii koronaa irraa of eegaa jabaatanii hojjechuu akka qabaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Obbo Ahmad Gulbee aanichatti qonnaan bulaa ganda Xaddacha Guraachaati. Akka isaan jedhanitti, lafa heektaara sadii qaban barana haala gaariin qotanii qopheessaa jiru. Sanyii filatamaafi xaa’oo qopheeffatanii yeroo sanyiin qamadiifi garbuu itti faca’uu jalqabu eeggachaa jiru.  Kilaastaraan omishuuf fedhii guddaa kan qaban ta’uufi ammaaf gurmaa’anii kilaastaraan qotuun isaan bira kan hingeenye ta’uu dubbatu.

Dhiyeessi sanyii filatamaa hanqina qabaachuufi  hoomaan awaannisaa kanaan dura dhufee ture buuphaa buusee waan deemeef deebi’ee mudachuu danda’a sodaa jedhu qabna. Weerara vaayirasii koronaas irraa of eeguufis qajeelfama mootummaafi gorsa ogeessota fayyaa irraa isaaniif darbaa jiru hojiirra oolchuun hojii qonnaa isaaniis kan hojjetan ta’uu himu.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Godina Arsii Obbo Abbaabbuu  Waaqoo akka jedhanitti, godinichatti qonna gannaatiif lafti heektaara kuma 583 qophaa’aa jira. Kana keessaa lafti heektaarri kuma 312 tiraakteraan qotamee kan qophaa’u ta’a. Haalli teessuma lafa qonnaa godinichaa tiraaktaraan qotuufi kilaastaraan hojjechuuf mijataadha.

Qonnaan bultoonni godinichaas gurmaa’anii kilaasteraan hojjechaa jiru. Kilaasteraan qotuun qonnaan bultoonni sanyii filatamaa, xaa’oofi teknolojii qonnaa walfakkaataa akka fayyadamaniifi yeroo walfakkaataa sanyii akka facaasaniifi sassaaban taasisuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf hojjechaa kan iran ta’uu eeru.

Godinichi fedhii sanyii filatamaa guddaa qaba. Fedhii jiru kana  guutummaatti guutuun rakkisaadha. Kanaafuu qonnaan bulaan sanyii filatamaa lafa isaa irratti akka qopheessu taasifneera. Qonnaan bultoota kilaasteraan hojjechaa jiraniif garuu sanyii filatamaan dhiyaachaafii jira.

Kanaan dura yeroo akkasii sanyii filatamaan qonnaan bultoota godinichaaf dhiyaatee hinbeeku. Barana garuu hanga ammaatti sanyii filatamaan qamadii kuntaala kuma 22 qonnaan bultootaaf akka dhiyaatu ta’eera. Xaa’oonis qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kanaan dura hoomaan awaannisaa aanaalee godinichaa torba keessatti mul’atee turuusaa himanii, hoomaan awaannisichaa aanaalee kunneen keessatti buuphaa buusee waan deemeef ogeessotaan qorachiisaa jirra. Sodaa guddaan nuti qabnu hoomaa awaannisaa biyyoota olla irraa nutti dhufuu danda’u akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya kan jedhuudha. Ministeerri Qonnaafi Biiroon Qonnaafi Qabeenya uumaamaa naannichaas dhimma kana rratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Hogganaan Biiroo Qonnaafi qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee akka jedhanitti, naannichatti barana qamadii lafa heektaara miliyoona 200 kilaasteraan omishuuf karoorfamee hojjetamaa jira. biyyattiin waggaatti qamadii kuntaala miliyoona 20 bittee galchaa jirti. Waggaa dhufu qamadii alaa bitamee gala jiru hanbisuudhaaf omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Omisha jallisii waggaa dhufuu marsaa tokkoffaafi lammaffaadhaan qamadii kuntaala miliyoona 20 ol  omishuuf karoorfameera.

Barana mootummaan naannichaa qonnaan bultoota gurmaa’anii kilaasteraan hojjetaniifi qarshii %20 qusatan tajaajila qarshii liqii akka argartaniif haala mijeesseera kan jedhan Obbo Dhaabaan, hoomaan awaannisaa gammoojjii Baaleefi Booranaatti mul’achaa jiru mootummaa naannichaafi federaalaatiin  tarkaanfiin fudhatamaa jira. Makaanaayizeeshinii bara darbe %10 irra ture barana gara %30tti guddisuuf hojjetamaa jira jedhu.

Natshaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

23 Comments to “Kilaastaraan qotuun faayidaa maalii qaba?”

  1. Pingback: truck towing
  2. Pingback: phishing links
  3. Pingback: ketamin
  4. Pingback: โคมไฟ
  5. Pingback: catzilla meme
  6. Pingback: Bundle extractor
  7. Pingback: bundle puller
  8. Pingback: poker
  9. Pingback: Phim co trang
  10. Pingback: Bilskrot Bugatti
  11. Pingback: Jaxx Wallet
  12. Pingback: zbet911
  13. Pingback: hit789

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *